Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'elifi Libaanos torban sadiin dheerachuu Tiraamp ibse

Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'elifi Libaanos torban sadiif akka dheeratu waliigalteerra gahamuu ibsuun, Iraan waliin waliigalteerra gahuuf waanti nu sardu hin jiru jedhe.

Guduunfaa

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'elifi Libaanos torban sadiin dheerachuu Tiraamp ibs

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Humni waraanaa Iraan kan bulchiinsi Tiraamp yaade caala cimaadha- maddeen

    Bulchiinsi Tiraamp ifatti kan amane caalaa Iraan humna waraanaa jabaa akka qabdu qondaalonni US keessa beekan ibsuu isaanii CBC News gabaase.

    Akka miidiyaan US kun qondaalotafi maddeen tikaarraa odeeffadhe jedhetti, misaa'elli baalistikii Iraanifi sirni misaa'elli ittiin dhukaafamu walakkaa kan ta'u ammayyuu osoo hin tuqamin jira.

    Humni galaanaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) %60 haleellaa US-Israa'eliin osoo hin miidhamin akka jiru qondaalonni US ibsan.

    Keessumaa bidiruuwwan waraanaa xixiqqoon saffisaan imalan heddu akka jiraniifi Iraan bidiruuwwan kana fayyadamuun Ulaa Hormuuz irratti dooniwwan uggura cabsan irratti haleellaa gaggeessaa jirti.

    Akka gabaasa kanaatti, humni qilleensaa Iraan haleellaa US-Israa'eliin baay'ee miidhamullee guutummaan hin mancaane.

    Qondaalonni US eenyummaansaanii akka hin ibsamne gaafachuun CBS News waliin turtii taasisan akka jedhanitti, humni qilleensaa Iraan lama sadaffaan hojjataa jira.

    Doonaald Tiraamp dabalatee qondaalonni waraanaa US garuu humna waraanaa Iraan akka waan guutummaatti manca'eetti dhiyeessaa turan.

    "Humna galaanaasaanii mancaasnera, humna qilleensaa isaanii mancaasnera, gaggeessitoota isaanii ajjeesnera," jechuun Tiraamp Kibxata darbe irra deebiin dubbatee ture.

  2. US doonii xayyaarota waraanaa baatu kan biraa Baha Giddugalaatti ergite

    US doonii waraanaa xayyaarota waraanaa baatu gara Baha Giddugalaatti erguu Ajaji Giddugalaa Ameerikaa beeksise.

    Dooniin xayyaarota waraanaa baatu dabalataan gara Baha Giddugalaatti ergame kun USS George HW Bush kan jedhamu yoo ta'u, Baha Giddugalaatti dhiyaachuutu ibame.

    Doonichi naannoo Ajaji Giddugalaa keessa socho'u gahaa jiraachuutu ibsame. Dooniin xayyaarota waraanaa baatu kun dooniwwan kanaan dura sababa waraana Iraaniin naanicha jiranitti dabalamaafi tokkoosaanii bakka bu'a kan jedhu adda hin baane.

    USfi Israa'el Iraanirratti haleellaa osoo hin gaggeessin dura US dooniwwan waraanaa xayyaarota waraanaa baatan gara Baha giddugalaatti ergitee turte.

    Dooniwwan kunneen Abrahaam Linkoniifi SS Gerald R Ford yoo ta'an, amma dooniin sadaffaan garasa imalaa jira.

    Isaan keessaa dooniin waraanaa guddaan SS Gerald R Ford yoo ta'u, sababa miidhaan "xiqqaan irra gaheef naannichaa bahee suphamee garas deebi'uun gabaafaamee ture.

  3. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'elifi Libaanos torban sadii dheerate

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Israa'elifi Libaanos waliigalteen dhukaasa dhaabuu torban sadiif akka dheeratu waliigaluusaanii ibse.

    Waraana Israa'elifi Hezbollaa gidduutti gaggeeffamaa ture mariin fixuuf bakka bu'oonni Israa'elifi Libaanoos jaarsummaa UStiin mariirra turan.

    USfi Israa'el wal-ta'uun Iraan haleeluu hordofee Hezbollaan Israa'el irratti lola bane. Iraan wajjin waliigalteen dhukaasa dhaabuu yoo gaggeeffamu, Iraan ammoo Libaanosittis dhukaasi dhaabbachuu qaba jechuun ijjannoo cimaan falmaa turte.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu jalqabaa amma torban sadiif dheerachuu kan ibse Tiraamp, Libaanos Hezbollaa irraa akka of ittistuuf US gargaarsa barbaachisu akka gootu dubbate.

    Gara fuulduraatti ammoo Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuufi Pirezidaantii Libaanos Jooseef Awuun Waayit Haawusitti akka simatu abdii qabaachuus ibse.

  4. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii keenya har'aa eegaleera!

    Israa'elifi Libaanos gidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu torban sadiif dheerachuu Tiraamp beeksise.

    Gama biraan ammoo Iraan wajjin waliigalteerra gahuuf "waanti nu ariifachiisu hin jiru" jedhe.

    Djimma muddama waraana Baha Giddugaleessaa dabalatee odeessawwan biyya keessafi kan idiladdunyaa isin biraan geenya.

    Karaa toora Marsartii, Facebook, Whtasapp, YouTube BBC Afaan Oromoo argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!