Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kora karaa Sirni Oromoo labata dijitaalaa keessatti ittiin mo'atu akeeku
Korri Idil-addunyaa Qorannoo Oromoo 6ffaan yunivarsiitii Jimmaatti taa'amaa jira. Korri kun Dhaabbata Qorannoo Oromootiin qophaaye.
Waggaa kudhan dura hundaaye Intititiyuutiin kun mul'ata wiirtuu qo'annoowwan Oromoo addunyaa beekamaa, kan qorannoowwan tumsa imaammataa fi barnootaaf ta'an maddisiisu dagaagsuun mul'ata godhatee hundaaye.
Aadaa, afaan, seenaa fi beekumsa Oromoon maddisiisuun, kunuunsuu fi tamsaasuun ergama isaa ta'ee bu'ureeffame.
Korri Qorannoo Oromoo Idil-addunyaa 6ffaan, kabaja hundeeffama Dhaabbata Qorannoo Oromoo (DhQO), waggaa 10ffaa dabalata.
Korri baranaa maalin adda? Jaarmiyaan qorannoo kun waggoota 10'n darbanitti maal gumaache?
BBC'n Daarektara Dhaabbata Qorannoo Oromoo Dr Ashannaafii Balaay dubbiseera.
Korri baranaa ergaa ''Sirnoota Beekumsa Oromoo Egeree Dijitaalaawaatiif Irra Deebi'anii Yaaduu'' jedhuun qophaaye.
Dhimmoonni haqa beekumsaa, afaan, aartiifi aadaa jabana dijitaalawaa keessatti kan ilaalamni.
Ergaa kora miilanaarratti BBC'f yaada kan kennan Daarektarri Dhaabbata Qorannoo Oromoo Dr Ashannaafii Balaay, addunyaa dijitaalawaa saffisa olaanaan jijjiiramaa jirtu faanan attamiin beekumsa, aadaa, afaanii Oromoo tarkaanfachiisuun akka danda'amu irratti kora xiyyeeffatu akka ta'e ibsan.
" Addunyaan kun addunyaa dijitaalawaa ta'aa jirti. Addunyaa dijitaalawaa keessatti immoo afaan, aadaa, duudhaa, diinagdee humna qabu kan keessatti of mul'isuu danda'etu fuulduratti adeemuu danda'a, kanaaf Oromoon afaan aadaa fi duudhaa mataa isaa qaba. Isa kana gara addunyaa dijitaalaatti gaafa geessinu maal fakkaata gaaf jedhu ilaalle."
Kallattii kanaan addunyaan saffisaan deemaa jirti, kan Oromoo waan jajjabeessaa hedduutu jira, garuu wanni yaaddessaan tokko xiyyeeffannoon irratti hin hojjetamu taanaan dirreen dijitaalawaan kuni saffisaan afaan tokkos, aadaa tokkos gatee deema.
"Kanaaf beekumsi Oromoo gara dijitaalaatti dhufuu qaba. Gara fuulduraa waan Oromoon qabu, waan qe'ee Oromoo sana dirree dijtaalaa sanarratti argachuu qaba" jedhan Dr Ashannaafiin.
Inni biraa immoo, kallattiin qorannoo egeree kallattii kanaan maal ta'uu qaba kan jedhus dhimma ijoo nuuf ta'e jedhan.
Beekumsa Oromoo haala jiruuf jireenya Oromoo ammaa waliin wal qabsiifnee ennaa ilaallu kan aadaa bu'uureeffate ta'ee garuu immoo addunyaa dijitaalaa keessatti immoo sirriitti kan irraa dubbatamuu qabu, bakka kan qabachuu qabu akka ta'e dubbataniiru.
Jabana kanatti diinagdee dijitaalawaa keessaa hafuun gama hedduun waa heddu keessaa akka hawaasa hambisus hayyuun kun eeranii jiru.
"Diinagdeen hunduu gara dijitaalaa dhufaa jira. Aartiin Oromoo, aadaan Oromoo gara diinagdee dijitaalaatti dhufuu qaba. Bara kana keessa diinagdeen adeemsa dijitaalaa keessa seenuu hin dandeenye rakkoo keessa gala. Akka dhaabbata qorannoo Oromootti yaaddoo kana qabna."
Mootummaa naannoo, hayyoota, dhaabbilee faayinaansii fi kanneen teknolojiirratti hojjetan, miidiyaa
Waggaa waggaan gaggeeffamaa ture. Afaan Oromoo fi Ingliziitiin maxxansaa tureera.
Korri kun yeroo murteessaa Institiyuutichi waggaa 10 cufetti taa'amuu isaatiin kora murteessaa akka ta'u pireadantiin yunivarsiitii Jimmaa Jamaal Abbaa Fiixaa himan.
Waggoota saddeet darbaniif Jornaalii Gadaa kan beekumsa qabatamaarratti hundaayan, afaan, aadaa fi beekumsa aadaa uummataa hammatan maxxansaa turuu himan.
Joornaaliin Gadaa barruu bilchinni aadaa qo'annoo fi qorannoo itti mul'ate ta'uu prezdaantichi ibsanii jiru.
Intitiyuutichi haala beekumsi xabboo bittinnaayee jiruu fi bakka dhabe keessatti jaarmiyaa beekumsa Oromoo idileessuun kuusu, kunuunsuu fi dagaagsu ta'uun kutannoo qabu mul'ise jedhan.
Korri kun hayyoota, teeknooloojistoota, artistoota, dargaggoota kalaqaafi qaamolee imaammata baasan walitti fide jedhameera.
Akkaataa sirni beekumsa Oromoo jijjiirama teeknooloojiiwwan dijitaalaa waliin adeemuu qabu irratti gadi fageenyaan qorannoowwan dhiyaatanii mariin kan irratti godhamu dha.