Baranas Arsenaal waancaa malee hafuuf deemaa? FA irratti maaltu isaan mudate?

Ibsa waa'ee viidiyoo,
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

"Abjuu waancaa afurii......."

Saawuuzhampitan erga Arsenaaliin mo'achuun waancaa FA keessaa baasanii dubbii Arsenaaliin mufachisu maxxansan. Guyyaa 14 dura Arsenaal Maan Siitiidhaan mo'amuun waancaa Karabayoo kaappii dhabaniiru.

Viiktar Yookores galchii lakkoofsisuun Arsenaaliin wal qixxeessus taphataan Saawuzhampitan Shiyaa Chaarles galchii injifannoo lakkoofsisuun Arsenaal dorgommicha keessaa kufe.

Arsenaal bara dorgommii kanatti walumaagalaan taphoota shan qofa mo'aman. Garuu walitti aansanii yeroo mo'aman kun kan jalqabaati.

Amma Arsenaal dhiibbaa fi waca irra jiru duubatti dhiisee waancaa isa hafan lamaan Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii mo'ataa kan jedhudha.

'Waancaa hundi akka harkaa hin baanetti....'

Arsenaal waancaa Piriimer Liigii waggaa 22 tahuuf hin mo'anne. Waggoota sadiif wlaitti aansuun sadarkaa lammaffaan xumuran.

Arteettaan waggaa haja Arsenaal leenjisee waancaan mo'ate Karabayoo Kaappii qofadha.

Maan Siitii fi Saawuzhampitaniin erga mo'amanii amma kana booda taphoota isaan hafan irratti jabaachuun dirqama isaaniiti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan duraanii Arsenaalii fi Saawuzhampitan Tiyoo Waalkoot; ''barri dorgommi kun akka harka isaanii keessaa hin baane of eeggachuu qabu'' jedhe.

Arteettaan yeroo hundaa namni hunduu kilebicha keessa jiru barana akka waancaa mo'annu barbaadu jechaa ture.

Taphattoota haaraa mallatteesisuuf ganna darbe qofa paawondi miliyoona 250 kan baase Arsenaal waancaa barbaada. Dhiibbaan kilebicha keessaa akka waancaa isaan harkaa hin baasne of eeggachuu qaba jedhe Waalkoot.

Waalkoot kaleessa miira Arteettaa yeroo inni qarqara dirree irra dhaabbatee agarsiisu yommuun argu waan kana duraan irraa dubbise jedhe.

Miirri isaa immoo taphattoota irratti dhiibbaa uumuu akka danda'u akeeke.

Arteettaa qofa osoo hin taane hojjettoonni Arsenaal hedduu mul'ataniiru. Hunduu ergaa isaan qaban mufii fakkaata jedhe. Kana jechuun duubaan waan deemaa jiru tokko akka jiru namatti agarsiisa jedhe.

Muddamatu mul'ata kan jedhe Waalkoot sodaan isaa Piriimer Liigii keessattis akka hin mudannedha.

Gahumsa Arsenaal waggaa kana guutuu agarsiiseen yoo ilaalle kun isa gadi aanaadha.

''Taphattootakoo nan jaalladha. Waan isaan ji'oota sagal guutuu agarsiisan ajaa'ibsa. Waan isaan ceepha'uuf hin qabu. Sababin isaas haaluma argitan kanaan mo'achuuf yaallee hin milkoofne'' jedhe Arteettaan.

''Kaan isaanii osoo of hin qusatiin taphatan. Kaan ammoo inumaayyuu gahumsa taphachuu guutuu osoo hin qabaatiin aarsaa of godhan. Isa yeroo kamiiyyuu caalaa amman isanirra goree dubbadha'' jedhe.

''Yoo itti gaafatamummaa namni fudhatu barbaachisees anatu fudhata. Waggaa guutuu tapha bareedaa taphachaa baane'' jedhe.

''Kanaaf dammaqaa, akkuma kana dura agarsiisaa turetti isa hafe irratti agarsiisaan jedha'' jedhe.

Akkamiin taphattootakeef ofitti amanamummaa guutuu kennuun Shaampiyoonsi Liigii fi Piriimer Liigii mo'atta kan jedhuuf; ''Taphattootakootti amanuu, kallattii ifa tahe isaaniif kennuu fi isaan amansiisuudhaan'' jedhe.

Keessumaa saffisa, humna guddaa agarsiisuudhaa fi ilaalcha sirrii qabaachuun milkaa'uun danda'ama jedhee amana Arteettaan

Miidhamni Arsenaalitti yaaddoo uumeera

Arteettaan tapha FA kanaaf taphattoota torba jijjiireera. Kunis garee Maan Siitiidhaan waancaa irratti mo'ame irraati.

Kun taphattoota kaaniif carraa kennuu waliin kan wal qabatu osoo hin taane yaaddoo miidhama taphattootaa irraa kan ka'edha.

Garee biyyaalessaa keessaa taphattoota 11tu sababa miidhamaan gara Arsenaalitti deebi'e.

Duraan Arteettaatu akka dhiisanii bahaniif dhiibbaa godhe jedhamus Arsenaal FA irratti mo'amuun isaa agarsiiftuu miidhamni garicha keessa jiraachuuti.

Saakaa, Deklaan Raayisii fiTiroosaad garee keessattiyyuu hin hammatamne. Saaliibaan ammoo taa'umsa jijjiirraa irra ture.

Kiristiyaan Noorgaard carraa taphaa argateera. ''Mo'amuu keenyaaf miidhama taphattootaa sababa gochuu hin dandeenyu. Garee taphattoota ciccimoo hedduu qabna'' jedhe.

Odeegaard erga ji'a Amajjii yeroo jalqabaaf jalqaba irratti hiriire. Kaayi haavert jijjiiramee bahe. gabri'eel Magalesh miidhama jilbaa himachuun jijjiiramee bahe.

Karra eegaan Arsenaal Keeppaan tapha Maan Siitii irratti dogogora hojjeteen mo'amanii ture. Amma garuu mo'amuu isaaniif waan sababa tahu miti.

Erga waancaa tokko dhabanii aariidhaan gahumsa guddaa agarsiisu jedhee eegeen ture kan jedhe Waalkoot kan ammaa immoo isaa gadi jedhe.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Saawuzhampitaniin mo'amanii Arteettaan yaada kenne.

Arsenaal walitti aansee sadarkaa lammaffaan yeroo xumuraa ture kan qoraattii isaanitti tahe Maan Siitii ture.

Torban muraasa dura Arsenaal waancaa afur mo'achuu danda'a jedhu ture deeggartoonni. Amma waancaa lama keessa qofa jiru jedhe taphataan duraanii maan Siitii Maayikaa Richaard.

Ammas Maan Siitiin fagoo hin jiru. Garuu sadarkaa Arsenaal irra jiruu fi lakkoofsi taphoota hafanii xiqqaa tahuun isaan gargaaruu mala.

Maan Siitiin FA irratti galchii afur Liiverpuul irratti lakkoofsisuun darbuun isaanii ammayyuu Arsenaaliif yaaddoo tahuu agarsiisa jedhe.