Gara zoonii dinagdee damee hedduutti kan guddate Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa erga hundaa'ee maal buuse?

Aanga'oota ijaarsa GSEZ daawwachaa jiran
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa kaka'umsa mootummaa naannoo Oromiyaatiin A.L.I bara 2012 labsiidhaan hundaa'e.

Magaalota Adaamaa fi Moojoo gidduu hanga qarqara Haroo Qooqaatti lafa hektaara kuma 24 ta'u irratti kan ijaaramu Zooniin Dinagdee kuni bara 2014 beekamtii argachuun hojiiwwan ijaarsaa adda addaa jalqabe.

Zooniin Dinagdee kuni yeroo hundaa'u zoonii dinagdee damee indastirii irratti qofa hojjetu ta'ee hundaa'us, Boordiin Invastimantii Itoophiyaa yaa'ii Ebla 02, bara 2026 gaggeesseen Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa gara zoonii dinagdee damee hedduurratti hojjetuuti akka guddatu murteesseera.

Hoji gaggeessaa olaanaan Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa Obbo Mootummaa Tamasgeen BBCtti akka himanitti, murtiin kuni zoonichi gama hedduun akka guddatuuf carraa guddinaa jabaa uumaf jedhan.

"Murtiin kuni kan inni nu gargaaru zooniin keenya zoonii gabaa bilisaas, zoonii inadastirii paarkii, bakka meeshaaleen ala ergaman itti omishaman, ICT paarkii, Agiroo Piroosesiingii fi ijaarsawwan riilisteetii bakka tokkotti akka qabaannu nu gargaara"

"Kun ammoo dinagdeewwan kana gidduutti walitti hidhamiinsa uumuun omisha gabaa biyya keessaa fi alaattis gurguruu dandeessisa. Damee tokko qofa osoo hin taane damee hedduurratti hojjenna" jedhan.

Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa kuni zoonii gabaa bilisaa Dirredawaatti aanuun biyyattii keessatti zoonii gabaa bilisaa 2ffaa akka ta'uufis carraa kan uumudha.

"Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad ammaan dura yeroo zoonii kana daawwatan 'bakka gabaa bilisaa goona' jedhanii akkuma waadaa seenan amma nuuf murtaa'eera. Kanaaf, nuti Itoophiyaa keessatti bakka gabaa bilisaa isa guddaa taana" jedhan.

Kana malees, inveestaroota damee adda addaa irratti hojjetan hedduu simachuuf carraa kan uumuu fi zoonii qindaa'aa fi milkaa'aa ta'uuf carraa gaarii kan uumu akka ta'es himan.

Asxaa GSEZ

Waggoota shanan darbe maaltu hojjetame?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Zooniin Dinagdeee Addaa Gadaa waggoota shanan darban kanatti hojiiwwan qorannoo, lafa qabiyyee isaatiif daangeffame beenyaa kanfaluun fudhachuu, inveestaroota biyya keessaa fi alaa simachuu irratti hojjetaa ture jedhu Obbo Mootummaan.

"Hanga ammaatti lafa hektaara kuma sadii ta'u beenyaa kanfallee fudhannee jirra. Kana keessaa lafa hektaara 700 ta'u liiziin dabarsuuf qopheessinee kaan dabarsinee jirra.

Hojiin inni biraa hojii bu'uuraalee misoomaa lafa kanarratti diriirsuu hojjechaa turre" jedhan.

Humna ibsaa meegaa waatii guddaa qabuu fi dhiheessii bishaan dhugaatii, akkasumas daandii zoonii kana keessaas baayinaan hojechuu himan.

Gama inveestarootaaf of beeksisuu, simachuu fi hojii keessa galchuutiiniis waggootni shanan darbe waggoota karoora keenya itti milkeesine jedhu angaa'aan kun.

"Hanga ammaa inveestaroota 48 galchineerra.Inveestarootni shan damee daldala gabaa bilisaa, kaan ammoo indatiriiwwan agiroo piroosesiingii fi tajaajilaa irratti hojjetu. Kaan omisha eegalanii gabaaf dhiheessaa jiru. Kaan adeemsarra jiru" jedhan.

Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa kana keessatti hanga ammaa lammiileen 3,000 ta'an carraa hojii argachuus dubbatan.

Waggoota shanan darban kanatti abbootiin qabeenyaa biyya alaa kaappitaala doolaara miliyoona 600 caaluu fi biyya keessaa ammoo birrii biliyoona tokkoo fi miliyoona 600 ta'u zoonii kana keessa qabatanii akka seenan ta'uus eeran.

"Hanga ammaatti waliigalaan yoo ilaalle inveestarootni biyya keessaa fi alaa maallaqa Itoophiyaatti yoo sharafamu birrii Biliyoona 102 inveestimantiidhaan zoonii kana seeneera" jedhan.

Zooniin dinagdee kuni filannoo inveestarootaa ta'aa jiraachuu kan himan Obbo Mootummaan, yeroo ammaas abbootiin qabeenyaa seektara adda addaan hirmaachuu barbaadan gara isaanii baayinaan dhufaa jiraachuu himu.

Waggoota shanan dhufanitti Zooniin Dinagdee kuni gama omishaalee ala ergii fi kanneen alaa galan bakka buusuutiin Doolaara Ameerikaa Biliyoona shan ta'u argamsiisuuf hojjechaa jira.

"Waggaa shanan dhufutti alergiidhaan Doolaara biliyoona lama , omishaalee alaa galan bakka buusuutiin ammoo Doolaara Biliyoona sadii galmeesisuuf hojjechaa jirra. Kana akka milkeessinu ammoo mirkana" jedhan.

Lammiileen kuma 30 ta'anis waggoota shanan of dura jiran kanatti Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa keessatti carraa hojii argatu jedhamee eegama.