'Ani itti heerumuu didnaan lilmoo HIV qabdu na waraane'

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Harka namaa
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hindii kutaa bulchiinsa Telaangaan keessatti wanti ta'e baay'ee rifaasisaa dha. Namni dubartiin itti heerumuu didde tokko lilmoo dhiiga qabdu ishee waraane.

Lilmoon sun dhiiga Vaayirasii HIV'dhaan faalame qabdi ture.

Poolisiin naannoo akka jedhetti dubartiin tun yeroo ammaa yaala argachaa jirti.

Akka poolisiin jedhutti, ji'oota muraasa dura dubartiin waggaa 24 ganda Aannoojiguddaa qarqara Hayidiraabaaditti kan argamu jiraattu fi maatiin namicha ganna 25 ollaa walii jiraatan, lamaan kanneen wal fuudhuuf waliigalanii turan. Maatiin kunneen firooma qabu.

Shakkamaan abbaan isaa du'uu booda haadha isaa waliin jiraata ture. Hojjetaa tajaajila geejjibaa kennu ture.

"Maatiin nama kanaa HIV qabu jedhamee waan shakkameef, maatiin mucayyoo durbaa mucaan kun gaa'ela dura akka qoratamu gaafatan.

Ragaan laaboraatorii mucichaa HIV'dhaan qabamuu mul'ise. Gaa'elli isaaniis ni haqame. Gabaasni kun ragaa maatiin intalaa poolisiif kennan bu'uura kan godhate dha.

"Mucaan intala tana kaadhimates gaa'elli haqamuu isaatti ni dallane" jedha miseensi poolisii buufata poolisii Pochaaraam.

"Qorannoon keenya akka mul'isetti dargaggeessi sun intala san lilmoon kan waraane isheenis dhiiga isaa akka qabaattu jedheeti. Kan akkas godheef yoo isheenis vaayirasii HIV qabaatte natti heerumuu dandeessi jedheeti."

"Humnaan mana koo seene"

Madda suuraa, UGC

Maatiin mucayyoo akka jedhanitti taateen kun Bitootessa 11 raawwatame.

"Intalli teenya akka kophaa mana jirtu ni beeka ture. Itti ol seenee fedha isheef qabu dhiyeesseef, yoo isheen diddu humnaan ishee qabee lilmoo dhiiga qabdu waraane."

Mucayyoon dubraa tun yaaddoorraa kan ka'e waan isheerratti raawwatame kana warra isheetti hin himne.

Guyyoota muraasa booda, qaamni isaa ho'uu fi dhukkubbiin itti dhagahamuu eegale eegale. Maatiin isaa gara hospitaalaa geessan. Hakiimni yoo isa gaafatu waan ta'e itti hime.

"Gurbaan kun intala teenya ajjeesuf HIV ishee waraane. Tarkaanfiin seeraa jabaan irratti fudhatamuu qaba," jedhan maatiin mucayyoo.

Dargaggeessi kun HIV akka qabu ni beeka ture

Poolisiin dhimma kana kan dhagahe Bitootessa 13. Shakkamaan to'atamuu, qorataan poolisii Vijaay Haskaar Reedii himeera.

"Akkaataa kamiin akka inni HIV vaayirasiin qabame qorataa jirra. Al tokko tokko HIV waliin dhalachuu dubbata, yeroo kaan ittiin qabamuu hima, dhimma kana qorachaa jirra," jedhe poolisiin.

Mucayyoon dubraa qabamte yaala argachaa jirti. Akka ragaa poolisiitti, dhiigni mucayyoo tanaa HIV irraa bilisa ta'uu qorannoon ni agarsiisa, garuu qorannoon dabalataa ammallee godhamaa jira.

Akka hakiimonni jedhanitti, guutuummaan bu'aan qorannoo kan mirkanaawu ji'oota lama booda.

BBC'n abbaa mucayyoo tanaa dubbisuuf yaalus yaada kennuu didaniiru.

Madda suuraa, UGC

"Mallattooleen battaluma hin mul'atan"

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ispeeshaalistiin dhukkuboota daddarboo, Dr. Piraatik Paatil Yaashwaant, BBC'tti akka dubbatetti, mucayyoon ammatti vaayirasii HIV irraa bilisa taatus qorannoo dabalataa sadarkaa garaagaraatti ni barbaachisa.

"Dhiigni nama vaayirasii HIV'dhaaf saxilamee yoo kallattiin namni biraa ittiin waraaname carraan vaayirasichaan qabamuu nama sanaa 90%" jedha Dr. Piraatik.

Sadarkaa jalqabaatti, PCR fi qorannoon seroolojikaalaa qabamuu hin qoratu. Qorannoowwan kunneen irra deddeebiin godhamuu qabu."

"Yeroo tokko tokko vaayirasichi seelii dhiigaa keessa dhokata, sababa qorannoon guyyoota dhihoo namni sun saaxilametti godhamuuf jechuu dha," jedha.

Amalli akkasii "amala addaa (deviant behavior), " jedhama jedhu yunivarsiitii Haydiraabaaditti profeesarri muummee saayikoolojii Meena Hariharan amala namicha mucayyoo tana waraanee yoo xiinxalan.

"Amalli kun ilaalcha yoon ani isheen naaf ta'uu hin dandeenye, kan nama kamiillee ta'uu hin qabdu, kan jedhu ilaalcha ofittummaa fi akka malee of jaalachuurraa uumama maddu," jedhu.

Taateen wal fakkaataan akkasii magaala Kurnool keessatti, mul'atee ture. Achitti dubartii takkatu, haadha warraa nama jaalattuu lilmoo vaayirasii HIV'n faalame waraante.