'Waan miliyoona tokkotu bada' - Akkuma dhaadatte US yuraaniyeemii Iraan yoo fudhatte maaliif balaafamaa ta'a?

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suura saatalaayitii gamoo teknolojii gabbisa niwukilaraa Isfahaan the Isfahan Waxabajjii 2025
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Loltoonni US iddoo iccitii kan ta'e, buufata kuusaa niwukilarii lafa jalaa Yuraaniyemii gabbatee haleeluun hiika hedduu qaba, garuu Donaald Tiraamp sirna niwukilarii hidhachuurraa hanqisuu akka galma duula waraana eegalameetti fudhachaa jira.

Duulli waraanaa akkasii baay'ee qormaata kan qabuu fi balaafamaa ta'uu ogeeyyii fi aangawoonni waraanaa duraanii US kanneen BBC'tti dubbatan ni dubbatu.

Oppireeshiniin waraanaa akkasii goolabuuf loltoota lafoo bobbaasuu akka gaafatuu fi guyyoota hedduu ykn torbanoota akka fudhatu himu.

Kuusaa Yuraaniyeemii bakkaa kaasuun "seenaa keessatti oppireeshinii wal xaxaa ta'a," jedhu itti aanaan gargaaraa dhimmoota Baha Jiddu-galeessaa duraanii ministeera ittisaa Miik Mulrooy.

Kun tarkaanfii waraanaa Tiraamp Iraanirratti fudhatuu malu keessaayi.

Tarkaanfiiwwan kuun Ulaa Hormuuz guutummaan bansiisuuf Odola Kaarg to'achuu fa'i ta'uu danda'a.

Bulchiinsi Tiraamp Iraan mariidhaaf harka micciiruuf oppireeshinii haaraas banuu danda'a.

Gaaffii fi deebii miidiyaa michuu BBC ta'e, CBS News waliin Kibxata dubbii dubbateen Tiraamp, osoo Yuraaniyeemii gabbate hin barbadeessin injifannoo labsuu danda'a moo hin danda'u waan jedhurratti deebii kennuu dide.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Garuu, kuusaa Yuraaniyemii Iraan busheessee dubbate, haleellaan Waxabajjii darbe US fi Israa'el kuusaa kana barbadeessuu hime. "Awwaalameera, ulfaatadha eenyufuu bakka deebisuun. Kanaafuu... Hin damdamanne. Garuu, kutannoo ni murteessina."

Dubbiin isaa kun Wall Street Journal US oppireeshinii suudoo (siicoo) yuraaniyemii Iraan fudhachuuf yaadaa jirti jedhee barreessee booda dhagahame.

Waayit Haawus Tiraamp ammallee murtoorra akka hin geenye ibse.

Oppireeshiniin iddoo gabbisa yuraaniyemii Iraanirratti raawwatamu qoramaata loojistikii hedduu qabaata jedhu ogeeyyiin.

Jalqaba waraana kanaatti, Iraan yuraaniyemii 440kg qabdi jedhama. Yuraaniyemii 60% gabbate qabdi akka aangawoonni gameeyyiin US.

Yoo hidhannoo waraanaaf barbaadame wanti kun saffisaan gara 90%tti gabbisuun ni danda'ama. Yuraaniyeemii gulantaa meeshaa waraanaa jedhama kun.

Iraan tilmaamaan yuraaniyeemii 20% gabbate 1,000kg qabdi. Kan 3.5% gabbate (gulantaa qorannoo fayyaaf oolu) 8,500kg qabdi.

Yuraaniyemiin sadarkaa olaanaatti gabbate kan siicoon isaa salphaatti boombii fi misaayelootatti jijjiiramuu danda'u buufata Isfahaan keessatti kuufamee akka jiru amanama.

Buufanni kun iddoowwan lafa jalaa sadi Iraan qabdu keessaa tokkoo fi US fi Israa'el bara darbe haleellaa irratti raawwatani.

Garuu, yuraaniyemiin sadarkaa olaanaatti gabbate iddoo biraatii Iraan qabdu hagam akka ta'e hin beekamu.

US bakka kuusaa isaa yoo beektedha fudhachuuf kan ishee salphatu jedha qondaalli waraanaa gameessi bara Obaamaa fi Tiraamp Jason Kaampel

"Yoo bakkicha beekte dha yaadichi," Kaampel. "Buufataalee afuritti yoo qoqqoodame, waan garaagaraa garuu haasawaa jirta jechuu dha" sun wal xaxaa dha.

Ibsa waa'ee suuraa, Buufata niwukilaraa Isfahaan

Isfahaan malees, yuraaniyeemiin kuun sadarkaa olaanaan gabbatan Foortoo fi Naataanz iddoowwan jedhamanitti kuufaman oppireeshinii halknii bara 2025tiin haleelamanii turan.

Daarektarri Intarnaashinaal Atomik Inarjii, Raafaa'el Giroosii, ji'a darbe irra caalaan yuraanii gabbataa Iraan Issfahaan kuun immoo Naataanz keessatti argama jedhanii turan.

Garuu odeeffannoo bal'aan hin jiru jedhan. Sababni isaas qorattoonni erga haleellaa US fi Israa'el bara 2025 booda waan Iraan keessaa baafamaniif hin daawwanne.

"Gaaffilee hedduutu jira kan yoo itti deebine qofa ifa ta'uu dandeenyu" jedhu Giroosiin.

Bakka yuraaniyeemii sadarkaa olaanaan gabbatee argachuun qormaata hedduu qabaata. US bakka isaa beekuu dandeessi jedha.

Haleellaa US fi Israa'el dura mallattooleen Iraan ijaarsa lafa jalaa buufata niwukilaraa dahannoo cimaan ijaaruu agarsiisan jiru.

Isfahaan, fakkeenyaaf, ragaan saatalaayitii akka agarsiisutti, seensi gara ulaa isaa hundi dachiidhaan saamsameera. Kun oppireeshiniif baay'ee rakkisaa godha.

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa saatalaayitii Guraandhala seensa ulaa lafa jalaa

Yeroo waraanni eegalee kaasee, US fi Israa'el humna galaanaa Iraan barbadeessuu, sadarkaa misaayeloota ishee gad buusuu, fi buufata indaastirii Iraan diiguuf haleellaa qilleensaa qofa fayyadamaa turan.

Garuu, akka galmoota waraanaa kaanii, yuraaniyemii gabbataa Iraan fudhachuun humna lafoo malee hin danda'amu jedhu ogeeyyiin.

US humna kumaandoo kutaa 82ffaa jedhamu Baha Jiddu-galeessaatti bobbaafame fayyadamuun naannawa buufataalee Isfahaanii fi Naataanz to'achuun baafachuu dandeessi ture. Humnoonni oppireeshinii addaa oomishaalee niwukilarii akka itti to'atan irratti leenji'an yuraaniyemii gabbate fuudhuuf ergamuu danda'u.

Yuraaniyemiin mataan isaa gaasii dha. Kan kuufamus qabee guddaa sibiilaatti kuufama.

Suuraan saatalaayitii akka agarsiisutti seensi buufataalee Isfahaanii fi Naataanz haleellaa qilleensaa US tolchiteen akka malee barbadaayaniiru.

Humnoonni US bakka yuraaniyeemii gabbatee adda baafachuuf maashinarii guddaan lafa jala qotuu qabu, kun haleellaa gama diinaan irratti raawwatamuu danda'a.

"Jalqaba iddoo sanneen qotuu fi yuraaniyeemiin gabbate jiraachuu sakatta'uu qabda. Kunis balaa akka qabu ni beekama, " jedha Kaampel.

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa saatalaayitii buufata niwukilarii Naataanz

Iraan deebii akkamii hordofsiifti kan jedhu gaaffii ifaa dha, ykn loltoota lafoo US buufata niwukilaraa irratti qiyyaafatanirra balaan gahu hagami?

US fi Israa'el "yoo barbaachise oppireeshinii akkasii gaggeessuf dandeettii ittisaa Iraan gad buusaniiru," jedha qondaalli waraanaa duraanii US fi ogeessi olaanaan Scowcroft Middle East Security Initiative Aleeks Litsaas,

Sanas ta'ee oppireeshinii "balaa guddaa qabu dha" jedhe.

Loltoonni lafoo US Isfahaanitti kophaa hafu. buufatichi magaalaa guddoo sadaffaa biyyattii irraa 483km fagaata.

"Fageenyi kun waldhaansa fayyaafillee nama baasiif rakkisaa dha. Loltoonni US haleellaa lafarraa humna qilleensaa isaaniiratti gamaa gamanaan dhukaafamuuf saaxilamu, buufata niwukilaraa keessattis haleellaan irratti raawwatamuu danda'a" jedha Litsaas.

Oppireeshiniin kun bifa addaa addaa qabaatullee, dirreewwan humna qilleensaa ykn zoonii qubsumaa to'achuun loltoota US irraa eegama jedhu ogeeyyiin. Achii yuraaniyemii gabbate baafatta jedhu.

Humni kumaandoo kutaa 82ffaa, dirreewwan humna qilleensaa fi bu'uuraalee to'achuuf leenji'e, humnoota US kan biroo waliin ergama kanaaf hiriiruu danda'a jedhu ogeeyyiin.

Takkaa yuraaniyeemiin to'atamnaan, US irraa kan Iraan keessaa baasuu ykn achumatti faayidaan ala gochuutu irraa eegama.

Aangawoonni gameeyyiin yeroo waraanni eegalu US yuraaniyeemii sadarkaa olaanaan gabbate achumatti faayidaan ala gochuu malti ykn ni fudhatti jechaa turan.

Garuu oppireeshinii guddaa, walxaxaa fi dhimma yeroo dheeraa gubu ta'a jedhu Jewish Institute for National Security of America jedhamutti ogeessi sagantaa niwukilaraa Iraan Joonaataan Ruhee.

Yuraaniyemi Iraan to'achuu fi Iraan keessaa baasuun baay'ee ariifataa dha. US biyya ofiitti fuutee faayidaan ala gochuu akka dandeessu ishee gargaara. Oppireeshiniin kun bifa kamiinuu haa raawwatus, garuu akka malee balaafamaa dha jedha.

"Yuraaniyeemii sadarkaa waraanaf oolutti gabbate gabbate baasaa jirta" jedha Ruuh.

"Waan miliyoonni tokko balleessuu danda'a."