Jala-bultii Ayyaana Waggaa Haaraa Itoophiyaa 2017 suuraan

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Jala-bultii jala wanti arganiifi dhaga’an miira ayyaanaa nama yaadachiisa.

Caffee, gabaa handaaqqoofi busaa’ee, qricaa, uffata haaraa… hedduudha.

Yeroo ayyaanaa mana keenya mana ayyaanaa kan fakkeessu keessaa caffee lafatti afnu.

Arrittii, ulumaayii fi biqiltuuwwan kaan qe'ee fi mana urgaa namatti toluun guutu.

Suura kana yoo daawwattan maaltu isinitti dhaga’ama? Maal yaadattu?

Daawwadhaa

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoota Adaamaatti jala-bultii baraa haaraa 2017 caffee gurguraa jiran
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii jala-bultii Ayyaana Waggaa Haaraa Itoophiyaa bara 2017'f fandiishaafi Ixaana, akkasumas caffee gurguraa jirtu
Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo ayyaanaa xombora (gucaa) fi caffeenis ni qophaa'u
Ibsa waa'ee suuraa, Keessumaa ittoon hindaaqqoo yookiin lukkuu yoona kana bal'inaan qophaa'a
Ibsa waa'ee suuraa, 'Lukkuun meeqa?