Kabaja Ayyaana Cuuphaa bara kanaa suuraan
Madda suuraa, Visit Oromia
Ayyaanni Cuuphaa hordoftoota amantaa Orotodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin wagga waggaan ALI Amajjii bultii 11 kabajamu, har’a eddoowwan biyyattii gargaraa keessatti kabajameera.
Ayyaanni kuni Gooftaa Iyyasuus Kiriistoos Laga Yordaanositti isa cuubame yaadachuun kabajama.
Guyyaa kaleessaas wayita taabonni bataskaanoota keessaa bahuun gara bakka Ayyaanni Cuuphaa itti kabajamutti imaluuttis hordoftoota amantichaan dabaalamuun gaggeeffame.
Har’a ammoo hordoftoonni amantichaafi namoonni kabaja ayyaanichaa irratti argamuuf bakkeewwan garaagaraa walitti qabaman eddoowwan Taabotawwan bulanitti argamuun haala ho’aan kabajameera.
Ayyaanni Cuuphaa Itoophiyaa Galmee Hambaa Kiliyaa Addunyaa (Intangible Heritage) tahuun Mootummoota Gamtoomanitti dameen Barumsaa, Saayinsiifi Aadaa UNESCO'n galmaa'eera.
Haaluma kanaanis suuraalee kabaja Ayyaana Cuuphaa Baatuu, Oromiyaa tureefi bakkeewwan biyyattii garaagaraatii argaman akkasitti dhiyeessineerra.
Madda suuraa, Getty Images
Madda suuraa, Getty Images
Madda suuraa, Visit Oromia
Madda suuraa, Visit Oromia
Madda suuraa, Visit Oromia
Madda suuraa, ADDIS ABABA CITY
Madda suuraa, ADDIS ABABA CITY
Madda suuraa, ADDIS ABABA CITY
Madda suuraa, GONDAR CITY COMMUNICATION
Madda suuraa, GONDAR CITY COMMUNICATION
Madda suuraa, GAMBELLA REGION
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne