Naannoo Badhaadhinni kaadhimamaa hin dhiyeessine Tigraayitti filannoon gaggeeffamaa?
Madda suuraa, Getty Images
Paartiin Badhaadhinaa naannoo Tigraay, bakka filannoon shakkii keessa jirutti teessoo paarlaamaa fi mana maree naannoof kaadhimamaa tokkollee akka hin dhiheessine tarreen kaadhimamaa BBBn gamaaggame ni mul'isa.
Naannicha keessatti Paartileen siyaasaa mormitootaa jahaa fi gamtaan lama kaadhimamaa 101 galmeessaniiru.
Tigraay keessatti lakkoofsi kaadhimamaa waliigalaa ammatti dhiyaate lakkoofsa teessoo paarlaamaa fi mana maree naannoo naannichi qabuun gadi ta'uun ibsameera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Manni Maree Federeeshinii teessoo falmisiisaa ta'e irratti murtee kennuu isaa dura ragaan baase akka ibsutti, walumaagalatti Tigraay keessatti teessoo 182 qaba.
Kanneen keessaa 152 mana maree naannichaa, 38 ammoo Tigraay irraa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataati.
Boordiin Filannoo ibsa gara ji'a tokko dura Guraandhala 23/2018 baaseen, "naannolee filannoo shanan mootummoota Tigraay fi Amaaraa gidduutti waldhabdeen uumamanitti" naannoo Tigraayiin ala taa'anii filannoon akka keessatti gaggeeffamu murteessuu isaa beeksiseera.
Naannoleen filannoo Manni Maree Federeeshinii "kallattiin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf sagaleen isaanii akka galu kan ajaje" "Humaraa, Adi Ramet, Koram Ofla, Tsallamti fi Raayyaa" dha.
Tarreen kaadhimamtoot filannoo ifa godhamee fi BBC Amaariffaan gamaaggame keessa bakka bu'oota naannolee filannoo kanneen keessatti dorgomuuf galmaa'an hin tarreeffamne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoota siyaasaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) irraa adda bahaniin kan hundeeffame paartii Dimookraatawaa Simret Tigraayi (Simreet).
Simreet naannoo Tigraay keessatti kaadhimamaa olaanaa galmeesse.
Dhimma baha Afrikaa irratti gorsaa Muummicha Ministeeraa Abiy Ahmad kan ta'an Dura taa'aan paartichaa Geetaachoo Raddaa hin kaadhimamummana hin dhiyaanne. Ammoo paartichi teessoo paarlaamaatiif kaadhimamaa torba galmeessee jira.
Gorsaa Ministeera Barnootaa fi itti gaafatamaa hariiroo alaa paartichaa kan ta'an Piroofeesar Kindeyyaa Gabrahiwoot dabalatee kaadhimamaa 30 ta'anis mana maree naannichaaf dorgomuuf kaadhimummaa isaanii dhiyeessanii jiru.
Paartiin Tnasae Saba Enderta kaadhimamaa paarlaamaa fi mana maree naannoo 24 qabachuun sadarkaa lammaffaa irra jira. Paartiileen Bilisummaa fi Walqixxummaa fi Raayyaa Raayyuu baay'ina kaadhimamaa itti aanan.
EZEMA fi dhaabni Tinsaa'ee Siri'aat Qaancii Haqqii jedhaman akkasumas Tibibbir La Itoophiyafi Salaam la Itoophiyaakan jedhaman kaadhimamtootasaanii dhiyeessaniiru.
Filannoo naannoo Tigraay milkaahuunsaa shakkii uume
Sababa waraana gaaga'aa sanaan filannoon waliigalaa 6ffaan kan keessatti hin geggeeffamne Tigraay waggoota shanan darbaniif Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa ykn Mana Maree Federeeshinii keessatti bakka bu'ummaa hin qabdu. Manni maree naannichaa yeroo filannoon biyyaalessaa sababa weerara Covid-19 yeroo biraatti darbe filannoo mana maree naannoo gaggaffamuu booda manni maree naannoo hundeeffames waliigaltee Piritooriyaa booda diigamuun isaa ni yaadatama.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Tigraay keessatti filannoon akka hin gaggeeffamne ifatti beeksisuu baatus, adeemsi galmee filattotaa naannicha keessatti akka kutaalee biyyattii birootti hanga ammaatti hin jalqabne.
Dura teessuun boordii kanaa, Melateworqi Haayiluu, ALI Guraandhala 28, 2018, yeroo galmeen filattootaa guutuu biyyaatti eegalame, naannoo Tigraay keessatti adeemsa walfakkaatu raawwachuuf karoorri qabamus, "sababoota adda addaatiin" akka hin milkoofne dubbataniiru .
Hooggantuun boordicha kun yeroo sanatti adeemsi galmee filattotaa gara fuulduraatti akka jalqabamus dubbataniiru. Haa ta'u malee jiraattonni BBC Tigrinyaa dubbise akka jedhanitti galmeen filattotaa hanga ammaatti naannichatti hin eegalamne.
Maddeen akka jedhanitti Boordiin Filannoo buufata filannoo fi buufata filannoo naannichaa qopheessuuf Mudde irraa eegalee Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayitti gaaffii dhiheesseef hanga ammaatti deebii hin kennine.
Bulchiinsa yeroo keessaa maddi maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate BBC Tigrignaaf akka himetti, ''haalli amma Tigraay keessa jiru filannoo gaggeessuuf mijataa miti'' jechuun ejjennoo qabachuu himan.
Haa ta'u malee bulchiinsi yeroo ejjennoosaa kana boordii filannoof akka hin beeksifne dubbataniiru.
Yeroo dhiyootti boordii kanaaf deebii akka kennan kan himan maddi kun, "Filannoon mirga ummataa ta'us, yeroo ammaa kana carraan Tigraay keessatti filannoo gaggeessuu hin jiru jechuun ni danda'ama" jedhan.
Bulchiinsi Yeroo Mootummaa Naannoo Tigraay baatii Amajjii keessa xalayaan biraa boordii irraa erga isa qaqqabee booda dhimma filannoo kanarratti ''hubannoo fi ejjennoo waloo irra ga'uuf'' walga'ii paartilee siyaasaa naannicha keessatti socho'an waamee ture.
Maddeen BBC Tigrinyaaf akka himanitti, "hanga buqqaatonni gara ganda isaaniitti deebi'anii fi tokkummaan naannoo Tigraay deebi'utti Tigraay keessatti filannoon akka hin geggeeffamneef paartileen irra caalaan waliigalaniiru."
Qophii filannoo naannoo Tigraay ilaalchisee BBCn Boordiin Filannoo Biyyaalessaa irraa deebii argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne.
Haalli siyaasa Tigraay filannoof mijataadhaa?
Madda suuraa, Wolkayt Tegedie Setit Humera Zone Communication
Waggaa tokko dura A L I Bitootessa 30, 2017 pirezidantii bulchiinsa yeroo ta'uun aangoo kan fudhte leetenaant Jeneraal Taaddasee Warradaa, "sanadii waadaa ittiin gale" mallateesserratti iti gaafatammmaa saddet jiran keessaa tokko filannoo waliin kan walqabatudha.
Naannoo Tigraay "filannoo dimokiraatawaaf qophii gochuu" kan jedhu hojiin manaa kan kennameef Leetnaant Jeneraal Taaddasee Warradee, kana milkeessuu waan danda'e hin fakkaatu.
Bulchiinsni yeroo inni hoggannu turtii waggaan tokko dheereffameefis xumuramuuf torbanlamatu hafa.
Akka hojiirra oolmaa seera bara darbe mootummaan Federaalaa dhimma naannoo keessa galuu danda'urratti fooyyaa'e bahertti, turtiin bulchiinsa yeroo irra deebiin "turtii wagga tokko hin caalleef" dheerachuu danda'a. Haata'u malee, hiree bulchiinsa yeroo kanaa ilaalchisee hanga ammaatti aanga'oota mootummaa federaalaas ta'e, kan naannoo ifatti yaada hin kennine.
Erga Taaddasaa Warredeen aangootti dhufee as hariiroon mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduu jiru daran hammaataa dhufeera. Mootummaan federaalaa deeggarsaafi dhiyeessiin boba'aa naannichaaf kennu akka addaan kutu beeksise.
Ji'a Amajii keessa humnoonni federaalaa fi naannichaa walitti bu'aniiru. Imalli xiyyaaraa gara Tigraayitti taasfamu guyyoota shaniif akka addaan cite akka ture ni yaadatama.
Muddamni mootummaa Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti uumames daran hammaachaa jira.
Finfinnee fi Asmaraan waraana keessa yoo seenan naannoon Tigraay wiirtuu walitti bu'iinsaa ta'uu mala sodaan jedhu jira.
Beekamtiin paartii siyaasaa isaa kan haqamee fi naannoo Tigraay keessatti sochii siyaasaan adda duree kan ta'e, TPLF, "qaamni seera qabeessummaa isaa osoo hin deebi'in Tigraay keessatti filannoo hin gaggeessu" jechuun dubbi himaan paartichaa Mikaa'el Asgedom kanaan dura BBC'tti himeera.
Tigraay keessatti haalli mijataan dhibuun filannoof qofa miti. Komishiniin marii biyyoolessaa Itoophiyaas "walgahii hirmaattoota konfiraansii ajandaa walitti qabuu fi marii biyyoolessaa" Jimaata Bitootessa 2026 Finfinneetti akka gaggeessu beeksiseera.
Komishinichi murtee kanarra kan gahe "naannichatti hirmaattoota adda baasuu fi hojii ajandaa sochoosuu raawwachuuf haalli dandeessisu waan hin jirreef" jedheera.
Bulchiinsa yeroo naannichaa fi paartilee siyaasaa naannicha keessatti socho'an dabalatee magaalota "Maqalee fi Finfinneetti marii 22 ol" gaggeessee "haala dandeessistuu uumuuf" akka tures yaadachiiseera.
Naannoo Tigraay jeequmsa keessa jirtu kana keessatti filannoo gaggeessuu yaadni jedhu jiraattota naannichaa biratti fudhatama kan qabu hin fakkaatu.
Jiraattota kana keessaa tokko Yunivarsiitii Maqaleetti barsiisaa afaanii fi ogbarruu fi aktivistii kan ta'e Abrahaa Haylesgiidha.
Abrahaan BBC Tigrinyaatti akka dubatetti, naannichi filannoo caalaa balaa waraanaatu yaaddessa. Dargaggoonni sodaa waraanaa irraa kan ka'e gara kutaalee Itiyoophiyaa birootti imalaa jiraachuus kaasuun ibsa.
Haalli naannichaa haala amansiisaafi sirriitti beekuun danda'urra gahuun waan hin danda'amneef, "filannoon dhimma qananiin ta'edha" jechuun ilaalcha isaa qoodeera.
Dhimma filannoo bakkawwan falmisiisoo ta'anii
Boordiin filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa naannolee filannoo shan kan naannolee Amaaraa fi Tigraay gidduutti "madda wal dhibdee ta'anii turan" jedhamanirratti murtoo mana maree federeeshiniirraa na gahe jedheen erga ibsee booda qaamoleen siyaasaa naannolee lamaanii mata mataan ibsa irratti kennan.
Bulchiinsi Yeroo Tigraay, TPLF, SIMRET fi Paartileen kuun murtoo kana cimsanii mormaniiru.
Naannoo Affaarii fi kibba Tigraay keessa socho'a kan jedhamuu fi ajajoota waraanaa humnoota Tigraay keessaa bahaniin kan durfamu humna nagaa Tigraay kan jedhamu mormii qabu ibsatee jira.
Paartileen siyaasaa fi qaamoleen gama naannoo Amaaraatiin jiran ammoo gama isaaniin naannolee "falmisiisoo" jedhamanirratti murtoo darbe ija gaariin ilaalan.
Paartiin sosochii biyyoolessaa Amaaraa (ABIN) fi Humni Warraaqsa Dimookraasummaa Amaaraa (ADEHAN) ibsa isaaniin kana beekisan.
Koloneel Dammaqa Zawuduutiin kan durfamu Koreen eenyummaa fi daangaa Amaaraa Xagadee Walqaayit deebisiisuu deeggarsa ibse.
Boordiin filannoo biyyaalessaa iddoowwan naannoolee Amaaraa fi Tigraay gidduutti "madda wal dhibdee ta'anii turan" naannoleen filannoo shan naannoo "Tigraayiin ala" ta'anii sagaleen akka keessatti kennamu mana maree federeeshiniitiin murtoon darbuu kan beeksise ibsa Wixata Guraandhala 23, 2026 ture.
Ibsa isaa keessatti iddoowwan "wal dhibdee" jedhamanii kan eeraman naannolee filannoo "Humaraa, Addiiramats, Kooram ooflaa, Xallamtii fi Raayyaa Allaamaaxaa" dha.
Naannoowwan kanneenitti "gaaffiin daangaa hanga furamutti"; "Tigraayin ala ta'anii kophaatti filannoon mana maree bakka bu'oota uummataa akka keessatti filatamu" murtaa'uu ibsameera.
Murtoo mana maree kanaa mormuudhaan kan jalqaba ibsa baase bulchiinsa yeroo Tigraayi. Bulchiinis yeroo Tigraay Letanaant Jeneraal Taaddasa Warradaan hogganamu murtoo kana "heera mootummaa fi waliigaltee Piriitooriyaa ifatti kan faallessu" jechuun ibse.
"Murtoon kun daangaa heeraa Tigraay kan beekamtii idil-addunyaa qabu kallattiin kan balaarra buusedha" jedhe.
Murteen Manamaree Federeeshinii Boordiin Filannoo ifoomse mormii qofa miti kan keessummeesse. Paartii mormituu kan ta'e ABIN "ibsa kora Koree hoji-raawwaciiftuu hatattamaa " baaseen murtee kana "akka kabaju" beeksiseera.
Paartichi murtee Mana-maree Federeeshinii kana kan kabaju "akkaataa waliigaltee Piritooriyaarraa ka'uun" akka ta'eefi "mootummaan haala biyyaarraa kauun" murteewwan dabarsu "guutummaan guutuutti akka hin mijanne" ibsa baaseen dabalee himeera.
"Warri rakkoo uuman kan keessatti dhaga'aman, sagaleen ummataa garuu haalli itti hudhamu kanaan booda akka itti fufu hin hayyamnu," jechuun ejjennoo osaa ibseera.
Naannolee gaaffiin anaaf mala jedhu irratti ka'u kanneen bakka bu'oota ummataatiin alatti "filannoo mana maree naannootiif dabalatee filannoon gaggeeffamuu qaba" jechuun hubachiiseera.
Kana ochuudhaan, "aadaan, qoor-qalbiin, akkasumas eenyummaan wantota fakkaataniifi bulchiinsa daangaa jiruun, jechuun mana-maree naannoo amaaraa dabalatee hirmaannaa akka qabaatu" gochuun akka barbaachisu ibseera.
Akka ibsa ABIN kanaatt, naannoleen kunneen mana-maree naannoo Amaaraa keessatti bakka bu'ummaa akka qabaatan gochuuf jecha gaafiin naaf malaa ka'u "hanga furmaata waaraa argatutti, daangaa heera mootummaa darbuun, akkasumas murtee siyaasaa addaan," darbuu qaba.
"gaaffiin ummata keenyaa humnoonni badii 'sossobuu' ykn sosoobbiif ooluu akka hin qabne cimsinee hubachiifna" jechuun Paartichi ejjennoo isaa ibseera.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne