Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan xayyaarota waraanaa paayileetota US baraaruf bobba'an heddu kuffise jette
Iraan xayyaara waraanaa F-15 daangaashee keessatti rukuttee kuffisuu hordofee guyyoota darbaniif US humna waraanaa bobbaasuun oppireeshinii paayileetifi ogeessa meeshaa waraanaa baraaruu gaggeessaa turte.
Paayileetiin xayyaara waraanichaa guyyaa lammaffaa xayyaarichi itti rukutamee kufetti baraaramus, ogeessi meeshaa waraanaa hanga kaleessaa hin argamin ture.
Tiraamp fuula miidiyaa hawaasaa Truth gubbaatti har'a akka beeksisetti, ogeessi meeshaa waraanaa oppireeshinii gaggeeffameen baraaramuufi haala gaarirratti argamuu beeksise.
Oppireeshinii gaggeeffamerrattis xayyaaronni waraanaa heddu bobba'aanii akka turanis Tiraamp beeksise.
Iraan garuu ibsa baasteen, xayyaarota waraanaa oppireeshinichaaf bobba'an heddu daangaashee keessatti kuffise jechuushee maddi oduu Rooyitars gabaase.
Miidiyaan Iraan Taasniim Humnoota Eegumsa Warraaqsa Islaamaa Iraan waabeffachuun akka gabaasetti, xayyaaronni waraanaa US oppireeshinicharratti hirmaatan rukutamuun kuffifamaniiru.
"Oppireeshinii waloo [humni qilleensaa, humni lafoo, Baasiijfi Poolisiin Iraan] gaggeessaniin xayyaaronni diinaa mancaafamaniiru," jedha ibsi Humni Eegumsi Warraaqsaa Islaamaa baase.
Ajaji Poolisii Iraan gamasaan ibsa baaseen, xayyaarri waraanaa US geejjibaaf oolu C-130 jedhamu kibba Isfahaanitti rukutamee kufuu beeksise.
Xayyaara waraanaa C-130 alattis helikoptaroonni Bilaak Haawuk jedhaman rukutamuun kuffifamuu isbite Iraan.
Dabalataanis, dirooniin US oppireeshinii loltuu Israa'el baraaruf bobbaate rukutamuu isbite Iraan.
Jimaata darbe, Ebla 3, xayyaarri waraanaa US F-15 jedhamtu sirna ittisaa Iraaniin haleelamtee kufuu hordofee paayileetiifi ogeessi meeshaa waraanaa xayyaarichaa keessaa bahan baraaruuf oppireeshiniin cimaan gaggeeffamaa ture.
Paayileetiin xayyaarichaa borumtaasaa argamus, ogeessi meeshaa waraanaa battalatti argamuu hin dandeenye.
Tiraamp oppireeshinii baraaruu seenaa Ameerikaa keessatti cimaa ta'e gaggeessuun ogeessa meeshaa waraanaa kaleessa, Ebla 4, argamuu beeksise.
Loltoota Oppireeshinicharratti hirmaatan keessaa namni du'es ta'ee miidhaan qaamaa irra gahe akka hin jirre beeksise.
Yeroo loltuun Ameerikaa kun baraaramutti, humnoota Iraanifi humna addaa Ameerikaa oppireeshiniif bobba'an gidduu dhukaasi cimaan gaggeeffamaa turuu ibsame.
Guyyaa jalqabaa oppireeshinichi gaggeeffametti, xayyaarri Ameerikaa A-10 jedhamtu rukutamuufi paayileetiin xayyaarichaa battalumatti baraamuun gabaafamee ture.
Helikoptarri opiireeshinicharratti hirmaataa ture rasaasa humnoota Iraan irraa itti dhuka'een rukutamus miidhaan cimaan osoo hin gahin nagaan qubachuu US beeksistee turte.
Iraan gamasheen xayyaarota waraanaa oppireeshinii lubbuu baraaruu irratti bobba'an heddu rukuttee kuffisuu ibsuun alatti, xayyaarota meeqa akka rukuttee kuffiste hin ibsine.