Xiyyaarri waraanaa US Iraanitti kufe maali? Rukutamee kufnaan maal akeeka?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Waraana Iraan hanga ammaa jiruun xiyyaarri waraanaa F-15Es jedhamu daangaa Iraan keessatti rukutamee kufuun ifatti yeroo ibsamu kun kan jalqabaati.

Amma dura torban waraanichi jalqabetti xiyyaaronni akkasii sadii dogoggora humna qilleensaa Kuweetiin rukutamanii kufuun ni yaadatama.

Ofii kuni maal akeeka?

Xiinxaltuun dhimmoota siyaasaa Ayoonii Weels haleelamuun xiyyaara US kun kan dhagaahame wayita Pirezidant Tiraampiifi Ministirri Ittisaa Petee Hegseet waraana kana irra aanuu irra deddeebiin himaa jiranittidha.

Hegseet US Iraan irratti olaantummaa qilleensaa guddaa argachuu dubbate. Humni ittisa qilleensaa Iraan burkutaa'uus hogganootni waraanaa US himaa turan.

Tiraamp Iraan waayee xiyyaarota samiishee gubbaa marsanii ''wanta gootu tokko hin qabdu'' jedhee ture.

Haasaan sun amma xiqqoo waan harbeeffame fakkaata. Xiyyaarri US rukutamee kufuun Iraan humnishee laafus ammallee qilleensashee to'achuuf humna hafe akka qabdu akeekaa jetti

Taateen kun kan mudate US harka tokkoon waraana hammeessuuf harka biraan ammoo abdii marii nagaa wayita ibsaa jirtuttidha.

Akka Ayooniin jettutti taateen kun akkuma dhaadataa turan Iraanirratti haleellaawwan jajjabaa akka raawwatan sababa ta'uu danda'a.

Lammiileen Ameerikaa waraana kana keessatti loltootni biyyattii aarsaa kafalaa akka jiran amanuun dheekkamuu akka eegalan sababa ta'uu akka danda'us dubbatti.

Tiraamp humna lafoo gara Iraan duulchisuu mala yaada jedhu wajjin walqabatee ammoo yaada balaan dhufu guddaa ta'uu mala jedhus akeeka.

Ofii xiyyaarri F-15E Strike Eagle maali?

Caccabaan xiyyaara waraanaa US kufee fi viidiyoonsaa jalqaba miidiyaa hawaasaa gubbaa gadhiifame kan gosa xiyyaara waraanaa F-15E Strike Eagle jedhamuuti.

Jeettiin waraanaa kun ergama lama akka raawwatu godhamee tolfame. Samirraa lafatti haleellaa raawwachuufi samiirra gara samiitti (xiyyaarotaafi misaayeloota biroo samiirratti haleeluu).

Sababni gara Iraan imalaniif samiirratti dirooniifi misaayeloota Iraan haleeluuf akka ta'e amanama.

Haleellaa samiirraa lafa gubbaatti raawwatu keessatti wanti hammatamu carallaa ifaa fi meeshaalee GPS deeggaramanii haleellaa xiyyeeffannoosaa eeggate raawwatan akkasumas boombiiwwan biroo darbachuu danda'uusaati.

Xiyyaarri waraanaa kun nama lama baata. Tokko paayiletiidha. Inni fuuldura taa'a. Namni sirna meeshaa waraanaa beeku biraan ammoo duuba taa'a.

Ogeeyyiin lamaan iskiriiniiwwan afure fuula isaanii jiruun iddoo haleelamu filatu, haleellaa raawwatan milkeessuufis ittiin hoogganamu.

Ammatti xiyyaarri waraanaa US kun akka kufu maaltu sababa akka ta'e ifatti hin ibsamne. Yoo Rukitamee kufee jiraate garuu misaayela lafaa samiitti dhuka'an SAM jedhamuu ta'a.

Jeettiin kun waraan Iraaniin rukutamee kufe taanaan Iraan ammayyuu yaaddessituu ta'uushee agarsiisa.