Daandii qaxxaamuraa Tiraamp Iraan irratti tarkaanfii cimaa fudhachuuf qarqara irra gahe

Madda suuraa, AFP
- Barreessaa, Antoonii Zarchar
- Gahee, Gaazexeessaa BBC Kaaba Ameerikaa
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4
Waraanni Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti banan torban sadii qabatee yeroo jirutti qeeqni fi yaadni waraana kana irratti kennamaa jiru Ameerikatti cimeera.
Waraanni kun ergaa wal darbuufi gara itti bahu mirkanessuun hin danda'mnerra ga'aa akka jirutu eerama.
Ibsi Doonaald Tiraamp ummata duratti kennan dhugaa jiru kan faallessu fakkaata.
Tiraamp waraanni kun ''xumuramuutti jira'' jedhanis, humna lafoo fi humna galaanaa haaraa Ameerikaa gara Iraan socho'aa jiru.
Waraana isaan "xumuramaa jira" jedhan keessatti, Ameerikaa fi Israa'el haleellaa Tehran keessatti rawwatan osoo hin hir'atin itti fufeera.
Iraan immoo misaa'elaa fi diroonii furguggisuu fi biyyoota ollaa ishee fi Israa'el waxaluu hin dhaabne.
Ulaa Hormuz, kan boba'aan addunyaa 20 % ta'u keessa darbu banuun ''sochii waraanaa salphaadha,'' jedhanis garuu yeroo ammaa kana dooniiwwan hayyama Iraan qaban muraasni qofatu galaana kana keessa deemuu danda'a.
Waraanni Iraan naannoo sanaa ''bahee jira,'' jedhamus, ammallee diroonii fi misaa'ela bakka naannicha keessa jirutti dhukaasaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasumas hanga Diyeegoo Garsiyaa, bakka buufata waraanaa waloo Ameerikaa fi UK jirutti haleellaa raawwachuu danda'eera.
Tiraamp Sambata galgala barreeffama miidiyaa hawaasaa isaanii 'Truth' jedhamu irratti barreessaniin, yoo Iraan sa'aatii 48 keessatti ulaa Hormuz "guutumaan guututti hin banne" waraanni Ameerikaa dhaabbilee anniisaa "guddaa" Iraan irratti xiyyeeffachuu akka jalqabu akeekkachiisaniiru.
Haa ta'u malee, guyyaa tokko duras wayita kaayyoo waraanaa Ameerikaan waraana Iraan waliin taasifteen galmaan gahuu barbaaddu tarressan keessatti biyyi isaanii waan yaaddee galmaan ga'uuf baay'ee itti dhiyaatterti jedhanii ture.
Erga waraanni kun jalqabee dhimmicha irratti ibsa bal'aa kan kennan Traamp, kaayyoon isaanii humna waraanaa Iraan, bu'uuraalee ittisa ishee, fi sagantaa meeshaa niwukilaraa ishee hir'isuu ykn balleessuu, akkasumas michoota Ameerikaa naannicha keessa jiran eeguu akka ta'e ibsaniiru.
Haa ta'u malee, galmi ulaa Hormuz eeguu tarree kana keessatti hin dabalamne.
Traamp ula Hormuuz fi Galoo Galaanaa eeguun itti gaafatamummaaAmeerikaa qofaa utuu hin taane kan biyyoota biroo oomisha boba'aa Galoo Galaanaa irraa argamu irratti hirkatan ta'uu qaba jedhu.
Pirezidaantichi irra deddeebiin biyyi isaanii boba'aa Baha Giddu Galeessaa irraa dhufu irratti hirkattuu akka hin taane cimsanii dubbataniiru
Ibsi Tiraamp Truth irratti kenne Iraan keessatti waamicha sirna Iraan jijjiiruuf hin dhiheessine.
Ergaawwan filatamuu hogganaa biyyattii itti aanu ykn "haalduree tokko malee harka kennachuu" isaan jalqaba waraana kanaa irratti doorsisaa turan sunneen amma waanti eeraman hin jiru.
Tiraamp dhiheenya kana akka ibsanitti Iraan osoo hoggantootni farra Ameerikaa Iraan ammallee aangoo irra jiran fi al-ergiin boba'aa ishee hin dhaabin waraana keessa jirtu kana xumuruu akka dandeessu ibsan.

Madda suuraa, Getty Images
Warra Rippabiliika Islaamaa Iraan akka bara 1979 aangoo irraa kaasuuf irra deddeebi'anii dubbataniifi karaan filannoo humnoota lafoo Ameerikaa gara Baha Giddu Galeessaatti socho'an kan of keessaa qabu jira jedhanii amananiif kun fudhatama kan qabu hin fakkaatu.
Torban tokko dura miidiyaaleen Ameerikaa gareen eegumsa galaanaa fi dooniiwwan deggersaa fi xiyyaaronni gara 2,500 ta'an Jaappaan irraa gara Baha Giddu Galeessaatti ergamuu isaanii gabaaseera.
Humni galaanaa kan biraan guddaan dhiheenya kana buufata isaa Kaalifoorniyaa keessaa bahee jiriu walakkeessa baatii Ebla keessa akka ga'an eegama.
Xiinxaltoonni waraanaa akka jedhanitti, Ameerikaan odola Kargi kan iskuweer kiiloo meetira 21 qabu, bakka raabsaa boba'aa Iraan alatti ergitu ta'e qabachuuf karoorfachuu dandeessi.
US yoo kana goote, boba'aa biyyattiin alatti ergitu irraa kutuu fi galii sharafa alaa murteessaa ta'e dhabsiisuu waan danda'uuf, waraana kana xumuruufi Ameerikaatti akka harka kennattu dirqisiisuu danda'a.
Tiraamp Jimaata darbe loltoota lafoo gara Iraanitti akka hin ergine kan dubbatan yoo ta'u, itti dabaluudhaanis, "Osoodhuman dhugumatti nan erga ta'eeyyuu isinitti hin himu" jechuun dubbataniiru.
Miidiyaaleen mootummaa Iraan Sambata darbe akka gabaasanaitti balaan haleellaan kamiyyuu Odoola Kargi irratti raawwatamu Iraan Galaana Diimaa, daandii doonii idil-addunyaa murteessaa ta'e kan biraa keessatti "jeequmsi" akka uumtuu fi dhaabbilee anniisaa guutuu naannichaa keessa jiran irratti "ibidda akka qabsiistu" kan taasisu ta'uu ibsan.
Akeekkachiisni Iraan kennite kun humnoota waraanaa Ameerikaa haaloo ba'uuf Tehran caalaatti akka saaxilaman taasisuu ishee kan mul'isudha.
Jalqaba torbee kanaa miidiyaaleen Ameerikaa bulchiinsi Traamp duula waraanaa Iraan irratti geggeessuuf maallaqa dabalataa hatattamaa doolaara biiliyoona 200 Kongireesiin gaafachuuf qophaa'aa akka jiru gabaasan. Gaaffiin akkanaa Waayit Haawus waraana dheeraa fi baasii guddaa baasuf qophaa'aa akka jiru agarsiisa.
Gaaffii kanaaf deebii jalqabaa miseensota Rippabilikaanotaa dabalatee Kongireesii irraa kenne of eeggannoo kan qabu ture.
Miseensotni Kongiresii bulchiinsi Tiraamp maallaqa hanaga kanaa akkamitti akka baasnuu fi galmi isaa maal akka ta'e odeeffannoo fi ibsa dabalataa kennuu qabu jedhu.














