Xiyyaaronni waraanaa sababa paayiletoonni suuraa kaasaaa oofaa turaniif walitti bu'an -Gabaasa

Jeettiiwwan waraanaa Kooriyaa Kibbaa F-15K lama gidduutti mul'ate yeroo kabaja 76ffaa Guyyaa Humna Waraanaa Kooriyaa Kibbaa bara 2024 gaggeeffamaa turetti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taateen jeettiiwwan waraanaa F-15K lama gidduutti mudate suuraan yeroo mul'atu
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Aanga'oonni Kooriyaa Kibbaa jeettiiwwan waraanaa lama bara 2021 osoo qilleensa keessa balali'aa jiranii kan walitti bu'an sababa yeroo sanatti paayiletoonni xiyyaarota kanaa suura kaasaafi viidiyoo waraabaa turanitti ta'uu adda baafachuu himan.

Akka Boordiin Odiitiifi Qorannoo See'ul jedhetti taateen kun kan mudate yeroo jeettiiwwan kunneen magaalaa giddugaleessaa Daa'eguu keessa ergamaaf balaliirra turanittidha.

Paayiletoonni lamaan osoo hin madaa'uun oolaniiru, garuu xiyyaaronni walitti bu''an lamaan miidhamanii suphaadhaaf humna waraanaa dolaara 596,000 baasiseera.

Paayiletoota lamaan keessaa tokko yeroo sanarraa kaasee humna waraanaa keessaa kan bahe yoo ta'u, adabbiidhaan maallaqa Kooriyaa Kaabaa (Won) miliyoona 88 kaffaleera.

Taateen kun kan raawwate sababa paayiletiin gurmuu waraanaa keessa ture waliin balaliisaa kan dhuma ayaadannoof fudhachuuf tureen uumame.

"Yeroo sanatti suurawwan balalii barbaachisaadha jedhaman kaafachuun bal'inaan baratamaa ture," jedhe boordiin odiitii ibsa isaa baase keessatti.

Akka gabaasa kanaatti, paayiletichi ibsa balalii dura kenneen suura kaafachuuf fedhii akka qabu beeksisee ture.

Yeroo ergama sanarra turanitti paayiletiin kun xiyyaara wiingimaan balaliisaa xiyyaara dursu hordofaa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo gara buufata irraa ka'aniitti deebiyaa turanitti, bilbila dhuunfaa isaa gargaaramuun suura kaafachuu jalqabe.

Paayiletiin jeettii dursaa jiruu erga kana hubatee booda, paayiletii xiyyaara oofaa jiru keessa ture xiyyaara waangimaan (kan inni suura kaasu keessa ture] akka viidiyoo waraabuuf gaafate.

Paayiletiin xiyyaara waangitan kun battala sanatti jeettii oofaa jiru ol kaasuun akka kaameraa keessa sirriitti galuu danda''utti ofirra akka galagalu godhe.

Kana gochuun ammoo xiyyaaronni lamaan akka garmalee walitti siqan taasiseera.

Walitti bu'anii caccabuurraa oolchuudhaaf, paayiletiin xiyyaara dursaa jiruu saffisaan gadi bu'uuf yaale. Haata'u malee jeettiiwwan F-15K kunneen walitti bu'anii, kaattuun xiyyaara dursaa jiruu gama bitaafi istaabilaayizariin eegee xiyyaara waangimaan miidhameera.

Humni qilleensaa Kooriyaa Kibbaa erga sanaa kaasee paayiletii Waangimaan hojiirraa kan dhorke yoo ta'u, humna waraanaa gadhiisee daandii qilleensaa daldalaa keessa hojjechuuf murteesse.

Isaan booda ture humni qilleensaa paayiletii wingimaanbaasii xiyyaara sana suphiif barbaachisu maallaqa Kooriyaa Kibbaa miliyoona 88 adabe. Yeroo sanatti paayiletiin kun ol iyyannoo galfachuun boordiin odiitii akka taatee kana qoratuuf sababa ta'eera.

Paayiletiin xiyyaara wingimaan kun osoo hin eegamiin saffisaan oofuun isaa balaa mudate kanaaf sababa ta'uu sirrii ta'uu himeera, garuu paayiletiin xiyyaara dursuu "akka waliigale mallattoon agarsiiseera" waan ta'eef fiilmiin waraabamaa akka ture quba qaba.

Akka ejjennoo boordii odiitiitti, paayiletiin wingimaan baasii humni qilleensaa baasuu qabu harka kudhan keessaa tokko kaffaluu qaba.

Boordiin odiitii kun humni qilleensaa paayiletiioonni kaameraa dhuunfaa isaanii fayyadamuurratti to'annoo sirrii gochuu taasisuu dhabuutiin itti gaafatamummaa fudhachuu qaba jedhe.

Boordiin kun, akkasumas balaliisaa xiyyaara wingimaan ta'e kun taatee kanaan dura seenaa gaarii akka qabu, akkasumas xiyyaarri isaa nagaan gara buufataatti akka deebi'u hatattamaan ajajuun miidhaa dabalataa ittisuu akka danda'e tilmaama keessa galcheera.

Gabaasni kun balaliistota biroo taatee kana keessatti hirmaatan irratti tarkaanfiin fudhatamuu fi dhiisuu isaa hin eerre.