Bulchiinsi waggoota saddeetii MM Abiy yeroo xiinxalamu
Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga mormii ummataan gara aangootti dhufanii waggaa saddeet guuteera.
Bara bulchiinsa isaanii Itoophiyaan waan baay'ee agarte, gaariis badaas.
Waggaa saddeettaffaa gara aangootti dhufuu isaanii hordofee magaalota garagaraatti hiriirri bahamuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Loltuun duraanii, MM Abiy, aangoo siyaasaa guddicha biyyattii koruun kallattii siyaasa Itoophiyaa gama hedduun jijjiireera.
Akkuma deeggarsa danuu horan, kanneen isaan qeeqanis xiqqaa miti. Yeroo aangotti dhufaniifi haalli amma jiru baay'ee garaagarummaa qaba.
Bara bulchiinsa isaanii waan ijoo raawwataniifi dhimmoota itti qeeqaman keessaa muraasa mee haa kaasnu.
Rakkoo furamuu dide
Yeroo MM Abiy aangotti dhufan gammachuu guddaatu ture. Ajjeechaafi hidhaa bara mormii ummataa ture xumura argata jedhamee eegamaas ture.
Deeggartoonni isaanii 'Ilma Abbaa Gadaa', 'Abbichuu', fi maqaawwan biroon waamaa turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haasaa jalqabaa parlaamaatti taasisaniin dimookiraasiin nuuf haaraa miti, Sirna Gadaan bulaa turre jedhan.
Si'achi ummatarra wanti dhoksinu hin jiru jechuunis dubbatan.
Ji'oota muraasa walitti aananiif tarkaanfiiwwan jajjaboo fudhatan; namoonni siyaasaa hiikaman, murtee garagaraa dabarsan, akkasumas waadaa garagaraa seenan.
Garuu, adaaduma keessa rakkoon mudatuu eegale.
Seera dhabdummaan babal'achaa, haleellaan amantaafi sabarratti xiyyeeffatan baay'atan, akkasumas sochiin hidhannoo mul'achuu eegale.
Waamicha mootummaan taasisen ABO, Gimbot 7, TPDM fi dhaabbileen siyaasaa bara Mootii H/Sillaaseefi Dargii biyyaa bahanillee biyyatti deebi'an.
Bulchiinsi isaanii waliigaltee nagaa Ertiraa waliin taasiseen biyyoonni lamaan akka haaraatti walitti deemuu eegalan.
Gumaachi isaanii kunis boodarra Noobeelii Nagaa akka injifatan gargaareera.
Ta'us, adeemsa keessa hariiroon Finfinneefi Maqalee laaffataa adeeme.
Gama Lixa Oromiyaa dhibdee mootummaafi ABO gidduu dhalateen sochiin hidhannoo babal'atuu eegale.
Mootummaan loltuu bobbaasuun yeroo adda addaatti oppireeshinii waraanaa gaggeessaa ture.
Gama kaaba biyyattiis TPLF fi mootummaa gidduu waraanni dhohe naannolee Amaaraafi Affaarittis ce'ee lammiileen kuma dhibbaan lakkaa'aman lubbuu dhaban.
Miiliyoonaan kan lakkaa'aman yoo biyyaa baqatan, qabeenyi guddaas manca'eera.
Waliigaltee Piritooriyaan dhukaasa dhaabuun dhaabatus nagaa waaraa garuu hin buufne jedhu xiinxaltoonni.
Inumaa yeroo ammaa waraanni biraa mootummaa federaalaafi TPLF yookiin Ertiraa waliin ka'uu mala jedhamee sodaatama.
Gama kaaniin bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti nama butuun, ajjeechaan lammiilee nagaa, namni bahee galuu rakkatuufi yaaddoon nageenyaa ammallee cimee itti fufee jira.
Rakkoon nageenya qormaata ijoo MM Abiy ta'ee itti fufee jedhu xinxaltoonni.
Mootummaan hidhattoota WBO waliin si'a lama marii gaggeessuus waliigalteerra gahuu hin dandeenye.
Hoggantoota hidhattoota Faannoo kan yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa mootummaa bira hiriiraan waliinis marii taasifameen hogganoonni garagaraa galuu gabaafamaa ture.
Hidhattoota WBO keessaas akkasumas kanneen meeshaa lafa kaa'aan jiru. Garuu, adeemsi akkanaa nagaa waaraa hin fidu ittiin jedhu qeeqxonni MM Abiy.
Mootummaan waraana biyyattii ijaaruuf rifoormii gaggeessuu, humna galaanaa akka haaraatti ijaaruufi meeshaaleen waraanaa biyyatti oomishuu eegaluu ibseera.
Bulchiinsa haaraa
Wantoota ijoo bulchiinsi MM Abiy yeroo aangootti dhufu raawwate keessaa tokko namoota siyaasaa hiikuudha.
Dhaabni ADWUI kan TPLF keessatti olaantummaa qabu diigamee Paartii Badhaadhinaan bakka buufameera.
TPLF Maqaleetti yoo deebi'u, dhaabbileen naannolee Gambeellaa, Hararii, B/Gumuuz, Somaaleefi Affaar bulchan qaama paartii biyya bulchu ta'aniiru.
Kunneen bara bulchiinsa ADWUI 'michuu/aggaar' jedhamuun beekamu ture.
Keessumaa gara jalqabaa aangotti dhufan dirreen siyaasaa bal'atee, namoonnis bulchaa biyyaafi kaan ifatti qeequun baratamaa ture.
Adeemsa keessa garuu dirreen miidiyaa akkanaa dhiphachaa deemuu himu qondaalonni paartilee mormituu.
Gaazexeessitoonni hidhamuu, namoonni siyaasaa hidhamuu, akkasumas dhaabbileen sivilii socho'uu dadhabne jechuunis komatu.
Mootummaan gama isaan hidhattoota waliin sosso'u, dirree siyaasaa waan hin malleef waan fayyadamaniif hidhaman malee kan ilaalcha isaan hidhame hin jiru jechuun falmaa ture.
Miidiyaaleen eeyyama dhorkamuu akkasumas bilisummaan yaada ofii ibsachuufi odeeffannoo argachuun rakkoo ta'us gabaafamaa tureera.
MM Abiy yeroo aangotti dhufan osoo hin qoratiin hin hiinu jedhanis manni murtii bilisa erga jedhee booda namoonni siyaasaa irra deddeebiin hidhamaa turuu abukaatowwan isaanii dubbataa turan.
Erga MM Abiy aangootti dhufan filannoo yeroo jalqabaaf taasifameerratti Paartiin Badhaadhinaa olaantummaan irra aaneera.
Dhaabbileen mormituu ABO fi KFO'n garuu ''dhiibamne'' jechuun filannoorraa hafaniiru.
Ta'us, mootummaan namoota siyaasaa paartii mormituurraa ta'an ofitti fudhatee miseensa kaabinee gochuu isaa akka gaaritti kaasa.
Waan kana dura siyaasa Itoophiyaa keessa hin turre akka ta'es ibsa.
Gurra dhabdemoo gurra horatte?
Itoophiyaan bara bulchiinsa ADWUI biyya keessa lammiilee hacuucuun qeeqamtus, Baha Afrikaatti dhageettiin ishii olaanaadha.
Bara bulchiinsa MM Abiy kuni laafe jedhu qeeqxonni MM Abiy.
MM Abiy akkuma aangotti dhufaniin biyyoota dursanii daawwatan keessaa tokko Jibuutiidha.
Ertiraa waliinis araara buusan. Lammiilee Itoophiyaa waggootaaf biyya alaa ta'anii mootummaa mormaa turan waliinis nagaa buusan, taa'aniis waliin mari'atan.
Godaantota biyyoota ollaa jiran xiyyaara isaaniin fudhatanii deebi'anis turan.
Biyyoota Arabaa keessumaa Yunaayitid Arab Emireet waliin hariiroo jabaa tolfataniiru.
Dhimma Hidha Abbayyaan wal qabateemmoo morkii dippilomasiin Masriirra aananiiru.
Hidhi Abbayyaa erga ijaaramuu jalqabee waggaa 14 booda ifatti eebbifameera.
Kuni dhageettiifi olaantummaa Itoophiyaa ni cimsa jedhu aangawoonni Itoophiyaa.
Gama kaaniin waliigaltee Itoophiyaan Somaalilaand waliin taasiste Itoophiyaaf qormaata guddaa ture.
Somaaliyaan murtee kanaan mufachuun biyyoota Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii hin qabne, Masriifi Ertiraa waliin, hariiroo jabaa ijaarratte.
Gaaffiin ulaa galaanaa bulchiinsi isaanii kan duraan akka safuutti dhokfamu ajandaa godheen biyya keessa deeggarsa itti cimsaniiru.
Yaadi isaanii garuu biyyoota ollaa bir'achiiseera. Kunis, qormaata bulchiinsa isaanii mudate keessaa isa biraadha.
Itoophiyaan Somaaliyaa waliin hariiroo deebistee tolfattus hariiroon Ertiraa waliin jiru garuu hammaateera.
Madda suuraa, Getty Images
Inumaa biyyoonni lamaan walitti bu'iinsatti seenuu malu jedhamee sodaatamaa jira.
Aangawoonni Itoophiyaa dhageettiin Itoophiyaa keessumaa Baha Afrikaatti cimeera jedhanii amanu.
Kanaafis, dureewwan, dippilomaatotaafi aangawoota biyyoota garagaraa gara Itoophiyaa imalan akka fakkeenyaatti kaasu.
Akkasumas Itoophiyaan miseensa biyyoota BRICS ta'unis akka milkaa'inaatti akka ka'u aangawoonni mootummaa dubbatu.
Dinagdee
Yeroo MM Abiy aangotti dhufan kuufamni sharafa maallaqa alaa Itoophiyaa baay'ee xiqqaa ture.
Yeroo ammaa garuu 'jijjiiramni guddaa' akka jiru aangawoonni irra deddeebiin dubbatu.
Waraanaafi walitti bu'iinsaan dinagdeen biyyattii miidhamus, ammallee biyyattiin guddina dinagdee akka galmeessaa jirtu ibsameera.
Haa ta'u malee, gibirri, galiifi qaala'iinsi jireenyaa dabaluun jiruufi jireenya lammiilee hubuu irra deddeebiin ibsamaa ture.
Wanti biraan Ministirri Muummee Abiy rifoormii diinagdee, dinagdee biyyattii bu'uurarraa jijjiire taasisaniiru.
Gatiin dolaaraa Baankii Biyyaalessaan osoo hin taane fedhii gabaan akka murtaa'u godhaniiru.
Kuni, waan buuse qabaatus Oomishi Waliigalaa biyyattii hammi isaa akka xiqqaatu taasiseera jedhu ogeeyyiin.
Gama kaaniin biyyattiin biyyoota Afrikaa idaa baay'ee qaban keessaas tokkodha.
Ijaarsa rizoortii, oomisha qamadii bona keessaa, Ashaaraa magariisaafi misoomni koridariin dhimmoota ijoo bulchiinsi isaanii akka milkaa'inaatti kaasudha.
Dameen baankiifi telekoominikeeshinii Itoophiyaas invastaroota alaaf banaa kan ta'e bara bulchiinsa MM Abiy Ahimadidha.
Waa'ee MM Abiy waan muraasa
Madda suuraa, Getty Images
- Hagayyaa 15, 1976 Abbaa Muslima ta'ee fi Haadha Kiritaana taaterraa dhalatan.
- Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa , Afaan Tigree fi Afaan Ingilizii dubbachuu danda'u.
- Bara 1990 qabsoo hidhannootti seenan (Mootummaa dargii irratti duuluu eegalan).
- Bara 1995 Itoophiyaa bakka bu'uun ergama nagaa eegsisuu Ruwaandaa keessatti hoogganuudhaan tajaajilaniiru.
- Siyaasatti bara 2010 seenan
- Bara 2016 Ministira Saayinsii fi Teeknooloojii ta'uun tajaajilaniiu.
- Bara 2018 irraa eegalanii Ministira Muummee Itoophiyaati.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne