Kiristaanonni addunyaa Ayyaana Gannaa yeroo kabajan suuraan

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Kiristaanonni addunyaarra jiran Ayyaana Dhalachuu Yesuus ykn Gannaa tajaajilawwan waldaa hirmaachuun kabajaa jiru.

Akka Lakkoofsa Itoophiyaatti Ayyaanni Dhaloota Iyyasuus Kiristoos wagga waggaan Mudde 29 kabajama.

Addunyaarratti Kiristaanonni harki caalu Ayyaana Gannaa kana Mudde 25 kan kabajan yoo ta'u, Kiristaanota miliyoona 200 ta'aniif ammoo Guyyaan Dhaloota Yesuus Kiristoos Amajji 7 kabajama.

Kun ammoo sababiin isaa kalaandarii Juuliyaan waan hordofaniifidha. Warri kalaandarii Girigooriyaan hordofan garuu Mudde 25 kabajatu.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Bataskaana Boolee Madaanaalamii, Finfinnee argamutti hordoftoota Ortodoksii Twaahidoo jala bultii kabajaa jiran

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Lammileen Raashiyaa miliyoonaan bahanii yeroo waaqeffatanitti, pirezidant Puutin Bataskaana Goorgisii Mooskoo jirutti argamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Masirii keessatti lubni amantoota Bataskaana Koptikii yeroo tajaajilaa jiranitti.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaa, Finfinneetti namoonni Bataskaana Boolee Madaaniyaalamiitti waaqeffachuuf bahan qaandilii yeroo ibsaa jiranitti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa guddoo Armeeniyaa, Yerevaan keessatti tajaajila waldaa hordofaa wayita jiranitti.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Goorjiyaatti Kiristaanonni ibsaa qabatanii yeroo Ayyaana Gannaa kabajanitti.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sooriyaa, magaalaa Damaasqootti dubartiin dubartiin Bataskaana Armeeniyaatti irbaata qulqulluu yeroo fudhattutti.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yunaayitid Arab emiretisitti shamarreen waldaa Kiristaanaa keessatti yeroo shaamaa qabsiisa ajirtu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Beeteliyeem, weest Baank bakka humnaan qabamtee jirtu keessatti hordoftoonni amantaa Kiristaanaa waaqeffannaan vba'aniiru.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Mooskoo keessatti waan Ayyaana Gannaatiif faayame.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Serbiyaa, Beelgireed keessatti ilmi mootichaa Filiip guca qabataniiru.