Ayyaanni Cuuphaa biyyoota addunyaa kaanitti haala kamiin kabajama?
Madda suuraa, Getty Images
Ayyaanni Cuuphaa hordoftoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa akkasumas biyyoota addunyaa birootti guyyaa har'aa sirna ho'aan kabajameera.
Ayyaanni kuni Itoophiyaatti wagga waggaan ALI Amajjii bultii 11 kabajama.
Ayyaana dura jala bultii isaa, guyyaa Ayyaana Kataraa, Taabonni Manneen Kiristaanaa keessaa bahuun bakka ayyaanni kabajamutti geeffama.
Yeroo kanas hordoftoonni amantichaa faarsaafi kadhannaan waliin sosso'u.
Bulee, ALI Amajjii bultii 12 immoo Qaanaa Zagaliilaan haala ho'aa ta'en kabajama.
Yeroo ayyaana kanaa ollaafi firri uffata haaraa yoo argamu baatemmoo kanuma qaban miiccachuun bakka Taabonni jiru dhaquun waliin kabaja.
Ayyaanaan alas sirna aadaas qaba. Bakkeewwan naannoo Oromiyaatti fakkeenyaaf gombisa fardaa, wal kaadhimmachuufi kaanis jira.
Ayyaanni Cuuphaa Itoophiyaa Galmee Hambaa Kiliyaa Addunyaa (Intangible Heritage) tahuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti dameen Barumsaa, Saayinsiifi Aadaa UNESCO'n galmaa'eera.
Cuuphaan bu'uurri isaa maali?
Ayyaanni kuni Laga Yoordaanositti cuuphamuu Iyyasus Kiristoos yaadachuuf kabajama.
Hayyuu Afaanii Luba Badhaasaa Tolaa, Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti miseensa hayyootaati.
''Waaqayyoo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan inni cuuphame mallattoo nurratti barreeffame sana Yoordaanos keessaa nurraa balleessuudhaaf jedheeti.
''Kunimmoo Qolaasayis Boqonnaa 2 lakkoofsa 16 irratti Xalayaa du'a keenyaa nuuf balleesse jedha.
''Inni lammaffaan immoo nuti ijoolleen Waaqayyoodhaa mucummaa Waaqayyoo dhabnee kan turre balleessaa keenyaani.
''Ammammoo bishaaniif afuuratti cuuphamnee mucummaaa Sillaasee ijoollummaa Waaqayyoo argannee mootummaa Waaqayyoo akka nuyi dhaalluuf fakkeenya nuuf ta'udhaaf jedheeti,'' jechuun ibsu.
Madda suuraa, Visit Oromia
Ayyaanni Cuuphaa bakkeewwan Itoophiyaa adda addaatti haala ho'aan ayyaanota kabajaman keessaa tokko.
Magaalaa Finfinnee, Magaalaa Gondar addatti bakkeewwan kabajaman keessaati.
Bakkeewwan kanatti hordoftoota amantichaafi ummatoota kaaniin ala turistoonnillee daawwachuuf dhufu.
Booda kanammoo Ayyaanni Cuuphaa Hara Dambal irratti kabajamu xiyyeeffannoo guddaa argachaa jira.
Keessattuu imalli Taabonni Qulqulluu, abbootiin amantaa, hordoftoonni amantichaafii daawwattoonni bidiruun Hara Danbal irratti taasisan taatee waggaa waggaan tuuristoota hawwachaa jirudha.
Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa Baatuuf kennaa uumamaa kan ta'e Haroon Danbal gaafa jalabultiifii guyyaa Ayyaana Cuuphaa imala bidiruuwwan dhibbaan lakkaa'amanii keessummeessa.
Imalli abbootiin amantaafii hordoftoonni amantichaa akkasumas daawwattoonni bidiruun taasisanis kan qalbii hawwatudha.
Magaalaa Baatuu bakka Ayyaanni Cuuphaa 'haroorratti jalqabamee haroorratti itti xummuramu' jedhamuunis beekama.
Biyyoonni kaan akkamiin kabaju?
Itoophiyaan alatti Ayyaanni Cuuphaa sirna garagaraan biyyoota garagaraattis ni kabajama.
Ayyaana dhaloota Iyyasuus Kiristoos ALI Muddee 29 biyyoonni kabajan Ayyaana Cuuphaas Amajjii bultii 11 kabaju.
Biyyoonni Ayyaanni Cuuphaa Amajjii bultii (ALA) jaha keessatti kabajaanis jiru.
Guyyaa kana maatiifi firri kennaa walii kennu. Ayyaanichi 'Three Kings Day' jedhamuunis kabajama.
Madda suuraa, Getty Images
Ayyaanichi Sabaa Saggal urjiin durfamanii Iyyasuus Kiristoos isa daawwatan yaadachuuf kabajama.
Ayyaanni Cuuphaa Afaan Ingiliziin Epiphany jedhama. Bu'uurri jecha kanaa Afaan Giriikii yoo ta'u hiiki isaas 'mul'achuu' ta'a.
Gooftaa Iyyasuus Kiristoos isa addunyaaf mul'ate sababa gochuuni moggaafame.
Ayyaanni Cuuphaa biyyoota Baha Awuroopppaafi Giddugala Bahaattis ni kabajama.
Keessumaa biyyoota Awurooppaatti yeroon Ayyaana Cuuphaa itti kabajamu waqtii qorraa waan ta'ef hordoftoonni amantichaa bishaan akkaan qorru keessa seenuun ayyaanicha kabaju.
Fakkeenyaaf Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Putiin akkaataa duudhaa Mana Kiristaanaa Ortodoksiitti wagga waggaan bishaan qorraan cuuphamaa Ayyaana Cuuphaa kabaju.
Ispeenittis Ayyaanni Cuuphaa akkuma Ayyaana Dhaloota Iyyasuus Kiristoos sirna ho'aan kabajama.
Maqaan ayyaana kanaas 'El Dia de los Reyes' jedhamee waamama.
Guyyaa jala bultii daa'imman soorata Sabaa Saggaliif ta'u dhiheessu.
Guyyaa ayyaanaa richiitii yookiin dhodhootuun dhuka'aa addabaabayiirratti sirni garagaraa gaggeeffama.
Cheeck Riippabliik keessatti Ayyaanni Cuuphaa bishaan nama koottessu keessa daakuunis kabajama.
Daakkiin bishaanii kunis laga Vilaataa Magaalaa Piraag argamu keessattidha.
Madda suuraa, Getty Images
Meeksikoo keessatti Ayyaanni Cuuphaa yeroo kabajamu daabboon akkaan mi'aawu Roskaa Dee Reeyis jedhamu nyaatama.
Daabboo keessa boci Iyyasuus Kiristoos xiqqoon keewwamti.
Yeroo daabboon muramu namni bocni suni isa gahe akka nama carra qabeessaatti ilaalama.
Namni boci kuni isa gahe nyaata bilcheessee maatii affeeruuf dirqama qaba.
Madda suuraa, Getty Images
Akkaataa aadaa Siwiizarlaand daabboon 'Dreikönigskuchen' jedhamu tolfamee ALA Amajjii jaha nyaatama.
ALA Ayyaanni Dhaloota Iyyasuus Kiristoos kabajamee guyyoota 12 booda waan dhufuuf 'Twelfth Night' jedhamee waamama.
Namoonni Muka Ayyaana Gannaa ijaaranis gaafas buusu.
Madda suuraa, AFP
Hordoftoonni amantaa Ortodoksii Sarbiyaa Beelgireed keessatti bishaan qorraa laga Saavaatti utaaluun Ayyaana Cuuphaa kabaju.
Hordoftoonni bishaan hunduu guyyaa Ayyaana Cuuphaa Qulqulluu ta'a jedhanii amanu.
Bishaan cabbii ta'e fayyaaf gaariidha jedhani amananis jiru.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne