Putiin biyyoota Lixaa aarsuuf Kooriyaa Kaabaa waliin 'hariiroo jabeessuuf'

Ji'ootaaf warri pirezidaanti Vilaadmir Putin hordofaa turan akka inni gara Kooriyaa Kaabaatti qajeelaa jiru beeku ture.

Kiim Jong Un erga baabura rasaasni seenuu hin dandeenyeen gara daangaa Raashiyaa gara Bahaa dhufanii Putin waliin wal arganii, achii deebi'uun Putiniin Kooriyaatti afeeran.

Waamicha kana Putin osoo keessa hin deeb'iin simachuun Kooriyaa Kaabaa deeman.

Imalli haalaan eegamaa ture kun amma garas imaluuf guyyoota qubaan lakkaa'mantu hafe jedhamaa jira.

Maddeen Kooriyaa Kibbaa akka jedhanitti Putin gara Kooriyaa Kaabaa kan imalan gaafa Kibxata borii tahuu mala.

Suuraaleen satalaayitii basaasaa akka agarsiisanittis Kooriyaa Kaabaa keessa qophiin simannaa gaggeeffamaa jiru.

Waanti tokk garuu shakkii hin qabu. Gaazexeessitootni Raashiyaa fi biyyoota alaa biroo maaltu taha jechuun ija irra godhachuun hordofu.

Kireemiliin ibsi bal'aan ni kennama jettus amma maaltu tahaa akka jiru tilmaamuu fi hordofuun akkaan ho'eera.

Garuu ammoo daawwannaan kun maaliif barbaachise? Amma hoo maaliif tahe?

Tokkoffaa, Putin gara Kooriyaa Kaabaa kan imalu yeroo lammaffaa isaaniif qofa waan taheef namuu maaliif akka tahe baru barbaada. Kan jalqabaa yeroo Putin pirezidaantii tahee filamee fi abbaan Kim Jong Un, aangoorra turan bara 2000 keessa ture.

Kanarra garuu akka bara Sooviyeet Raashiyaa sana gaarii tahuu batus, wal gammachiisuu irraa gara wal fayyaduutti ce'uufidha. Kun ammoo warra Lixaatti yaaddoo guddaa uumeera.

Kireemiliin Raashiyaa fi Kooriyaa Kibbaa 'hariiroo jabaa fi gadi fagoo'' uummachuuf hojjechuu ibsite.

Kun qaama kamiyyuu yaaddessuu hin qabu akkasumas warri kana dhimmanii hordofanis irra deebiin yaaduu qabu jette.

Biyyoonni lameen maal walirraa barbaadu kan jedhu ifatti beekamuu baatus, yaadotni tilmaamaman ni jiru.

Raashiyaan meeshaalee waraanaa, hojjettoota konistiraakshinii fi loltoota fedha isaaniin adda waraanaa dhaqanii Yuukireeniin lolaniif barbaaddi jedhan hayyuun siyaasaa fi michuun Putin, Sergee Maarkoov.

Bakka isaa ammoo Piyoongiyaangi, Raahsiyaa irraa deggarsa teeknoloojii galma waraanaa isheef oolan, sagantaa misaa'ela fageenya dheeraa deemuun hanga Ameerikaatti haleeluu danda'aniif gargaaran argachuu barbaaddi jedhan maarkoov.

Dhiyeneya gabaasni Bloomberg ministira Ittisaa Kooriyaa Kibbaa eeruun baase, Kooriyaan Kaabaa meeshaa waraanaa gara miliyoona shanii tahu Raashiyaaf feeteetti.

Lameenuu qoqoobbii warra Lixaa jala yeroo jiran kanatti lameen isaanii walitti daldalachuu barbaadu.

Kooriyaan Kaabaa gabbisa nuukileeraa fi misaa'eloota baalistikii gurguddoo furguggisuun qoqoobbii jala galfamte.

Jalqaba waggaa kanaatti Raashiyaan qoqqobbii Kooriyaa kaabaa irratti UN dabarsuuf ture aangoo sagalee sagaleen shaaruu [kuffisuu] qabduun akka hin milkoofne gooteetti.

Michummaa dippilomaasii

Putinii fi Kiim hiriyummaa jabaas qabu. Guraandhala keessa Putin qoqqobbii UN cabsuun kennaa konkolaataa Limuuzinii baay'ee qaalii fi ammayyaa'aa tahe Kiimiif kenneera.

Mr Kim ammoo Kooriyaan Kaabaa ''jaala waraanaa hin jilbeenfanne'' Raashiyaa cina dhaabbatudha jechuun ergaa dabarsaniif.

Amma filannoon biraas hin jiru. Raashiyaa qoqobamte ejirtuuf Kooriyaan Kaabaa michuu akkaan barbaadamtudha. Mooskoon ammoo Kooriyaan Kaabaa michuu biraa akka barbaaddu beekti.

Putin Kooriyaa kaabaa daawwachuun isaa warra isa mormaniif, waan barbaadee fi danda'u gochuu akka danda'u itti agarsiisa.

Kun ammoo biyyootni kaanis qoqoobbi darbe cabsuun meeshaalee waraanaa Raashiyaa akka bitan amansiisu taha. Putin ammatti kana ni taasisa.

Yeroo waraana Yuukireen irratti bane ''oppireehsinii addaa'' jedhee waamutti biyyoota biroo kaan wlaiin hariiroo uumuufis hojjechaa jira.

Kora Dinagdee dhiyeenya St Piitersibargitti gaggeeffame irratti keessummaa isanaii tahuun kan dhiyaate tokko pirezidaantii Zimbaabuweeti.

Raashiyaan inumaayyuu michoota hedduu adunyaa irraa akka qabdu kan itti agarsiiftedha.

Warri akkaataatti Ameerikaan adunya abulchitu morman hunduu akka Putin waliin dhaabatan hojjecha ajiru.

Afrikaa, Eeshiyaa, Laatin Ameerikaa irraa michoota qabaaachuu baran.

Michuun Putin biraan Iraan yoo taatu isaanitti ammoo diroonii dabalatee meeshaalee waraanaa wlairra bitatu. Kun warra Lixaaf dhukkuba guddaadha.

Putin yeroo xiyyaara isaaniitti bahuun gara Kooriyaa Kaabaa imalan suuraan isanaii adunya aguutuun isaa waan oolu miti. Biyyoota warra Lixaa qoqoobii irra kaa'an waliin bizinesii fi siyaasa hojjechuu akka danda'us agarsiisa.

Chaayinaan murtee mataashee qabaattus yeroo Xi fi Putin wal argan sararri diimaan taa'e tokko garuu ture.

Raashiyaan hariiroo ishee gara Lixaa dhiistee gara Bahaatti naanneffataa jirti. Chaayinaan ammoo kana ija qalbiin ejjennoo ishee qabattee deema ajirti.

Dhugumatti gaggeesitootni lameen maal irratti aka wla tahan waanti barame hin jiru.

Waggaa darbe yeroo Kiim Jon Un gara Raashiyaa dhufanis maal irratti akka wal tahan hin baramne.

Garuu Putin biyya adunyaa irraa cittee fi qoollifamte kana wlaiin michuu tahuu nan danda'a. Eeyyee ni argitu! jedheera.