Nawal El Saadawi: Dubartii sodaa malee dhugaa dubbachuu irraa hin deebine
Madda suuraa, Getty Images
“Ati dubartii rakkiiftuu fi sodaachiiftuudha naan jedhani.''
“Dhugaa dubbachaan jira. Dhugaan ammo rakkisaa fi sodaachisaadha,” jechuun Nawaal El Saadawi Barreessiteetti.
Akka gabaasa miidiyaa Masiriitti Nawaal El Saadawi kan ganna 89 addunyaa kanarraa du’aan boqotteetti.
Oggeetti fayyaa, rogeetti mirga dubartootaa (femenistii) fi barreessituun kun waggootii dheeraaf seenaa fi ilaalchashee – kitaaboota barreessite addaa irratti fi haasaa irratti qoodaa turteetti.
Dhugaa jiru golgaa tokko malee dubbachuun ishee fi dhimmaa mirga siyaasaa fi korniiyaa dubartoota foyyeessuuf of kennuun ishee dhaloota hedduuf barumsa kan ta’edha.
Ta’us garuu sodaa malee dubbachuun ishee, dheekkamsuu, dorsisa ajjeechaa fi hidhaaf akka saaxilamtu ishee taasiseera.
“Ayyaanaa lolu waliin dhalatte,” jechuun hirriyyaan ishee fi kan afaan hiiktuuf Dr Omniyaa Amiin bara 2020tti BBCtti himte.
“Namootni akka ishee bayyee muraasadha.”
Ganda magaalaa Kaayiroo ala jiru keessatti bara 1931 kana dhalatte El Saadawii, ijoollee sagal keessaa tokko qofatu ishee duuba jira. El Saadawiin umurii ganna 13tti kitaabashee isa jalqabaa barreessite.
Abbaanshee qondaala mootummaa maallaqa hedduu hin qabne ture, harmeen ishee ammo maatii dureyyiirraa dhufte.
Maatiin ishee umrii ganna 10tti akka isheen heerumtuuf gochuuf yaalanis, yeroo isheen didduu harmeenshee ishee bira dhaabbatte.
Maatiin ishee barnootashee kan jajjabeessan akka ture kan barreessite El Saadawi, obbolaanshee dhiiraa gaditti akka ilaalamtu garuu kan hubatte ijoollumaani.
Yeroo akkayyaan ishee “dhiirri tokko yoo xiqqaate hanga durba 15'ti. Durboonni rakkoodha,” jechuun yeroo itti dubbatte akkamiin akka aarte himti.
“Yoo rakkoo tokko agarte waa’ee san dubbatti,” Jetti Dr Amiin. “Nawaal waa tokkorraa duubatti deebi’uu hin dandeessu.”
Mudannoo ijoollummaa El Saadawii galmaa’eeru keessa tokko daa’ima ganna ja’aa taatee kittaannaaf (dhaqna qabaa dubaraa) saaxilamuu isheedha.
Kitaabashee ‘The Hidden Face of Eve’ jedhu keessatti yeroo dhaqnaa qabaatti lafa mana fincaanii irratti harmeen ishee dhaabbattee utuu ilaaltu adeemsa hamaa keessa dabarte yaadachuun barreessiteetti.
Aadaan dhaqna qabaa, dubartoota gadi qabuuf kan qophaa’eedha jechuun jireenyashee guutuu dhaqna qabaa dubartootaa mormaa turteetti.
Aadaan kittaanaa bara 2008tti Masirii keessatti kan dhorkame ta’us, shaakkalli isaa itti fufuusaa El Saadawiin balaaleeffachaa turte.
Yunivarsitii Kaayiroo irraa digirii medisiniin bara 1955tti kan eebbifamte El Saadawii, haakima taate kan hojjachaa turte yoo ta’u boodarra oggummaa saaykaatirii (xiinsammuu) irratti oggummaa ishee xiyyeeffatteetti.
Madda suuraa, Getty Images
Sana booda mootummaa Masiriif hoggantuu fayyaa uummataa taatee hojjachaa kan turte ta’us, erga kiitaaba ishee ‘Women and Sex’ (Dubartootaa fi qunnamtii saalaa) jedhu kittaanaa fi haleellaa saalaa dubartoota mormuun barreessite maxxansitee booda bara 1972tti hojii ishee kana irraa ari’amteetti.
Barruuleen Fayyaa waggaa muuraasa dura eegaltes bara 1973 cufame. Ta’us garuu wanta amantu irratti dubbachuu fi barreessuu itti fufte.
Bara 1975’tti asoosama Woman at Point Zero jedhamu kan mudannoo jireenya dhugaa dubartoota murteen du’aa irratti murtaa’e kan isheen wal barte irratti hundaa’uun barreeffame maxxansiteetti.
Bara 1977tti ammo kitaaba Hidden Face of Eve, waa’ee yeroo ogeessa fayyaa ganda tokko turtetti haleellaa saalaa ,”ajjechaa kabajaa” fi daldala saalaa irratti waan agartee barreessuun maxxansiteetti.
Kun ammo dheekkamsa kaase, qeeqxoonni dubartoota Arabaaf walfakkeenya barame kennuun ishee himataniiru.
Sana booda Fulbaana 1981 irratti, El Saadawiin yeroo mormiitota Pirezidant Anwaar Sadaat irratti tarkaanfiin fudhatamaa turetti to’annoo jala ooltee ji’a sadiif hidhaa turte.
Hiidhaa keessa taatee mudannoo ishee sooftii mana fincaanii irratti kuulii ijaa dhoksaan isheef galchameen barreessaa turte.
“Wanta namootni gochuuf hin yaadne gooti turte, isheef garuu sun waanuma baramedha,” jetti Dr Amiin.
“Isheen waa’ee seeraa ykn qajeelfama cabsuu yaadaa hin ture, waa’ee dhugaa dubbachuu malee.”
Erga Pirezidant Saadaat ajjeefame, El Saadawii hidhaarra hiikamte. Hojiinshee garuu gulaalamee kitaabotni ishees dhorkamanii turani.
Waggootii itti aananitti, leellistoota amantaa irraa dorsiisi du’aa irra ga’ee, mana murtiitti geeffamtee, boodarra gara UStti baqatte.
Achittis amantaa, dhimmaa kolonii fi of jaja biyyootii Lixaa irratti haleellaa adda addaa gochuu itti fuftetti.
Uffata dubartoonni musliimaa qaama isaanii guutuu dhoksu uffatan mormaa turte. Dabalataan, wanta dubartoonni ittin of bareechaniifi uffata qaama mul'isu uffachus mormaa turte. Kunis, feministoota mufachiise ture.
Dheekkamsa kaasuun dabalata, kitaabotni ishee afaan adda adda 40 olitti yemmuu hiikaman El Saadawii beekkamtii idil addunyaa guddaa argatteetti.
Yunivarsitoota addunyaa irra jiran gara garaa irraa doktireetii kabajaa hedduu argatteetti.
Bara 2020tti barruun Time dubartoota ciccimoo 100 baricha keessaa tokko gochuun ishee moggasee fuula barruu isaa irrattis ishee maxxanseera.
“Hawwiin ishee Masirii keessatti beekkamtii ykn kabaja wa’ii argachuu ture,” jetti Dr Amiin. “Addunyaa irraa kabaja hedduu argeetti, biyya isheerraa garuu tokkollee hin arganne jetti turte.”
Bara 1996tti El Saadawii Masiriitti deebitee dheekkamsa deebistee kaafteetti.
Filannoo 2004 irratti kadhiimamtuu pirezidantummaa turte, akkasumas bara 2011tti warraaqsa Pirezidant Hosnii Mubaarak mormuun Kaayiroo Addabaabayii Xahiiritti gaggeeffame keessattis hirmaatteetti.
Barashee dhumaa ijoollee ishee durbaa fi dhiiraa waliin dabarsite.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne