US mariif Paakistaanitti deebiyuuf, Tiraamp ammoo bu’uuraalee Iraan akka barbadeessuu irra deebiin dhaadate

Pirezidantiin US Donald Tiraamp bakka buutonni isaa marii nagaa Iraan waliin taasifamuuf gara Paakistaanitti deebiyuuf akka jiran hime. Iraan garuu gamasheetiin akka irratti hirmaatti ammatti hin mikaneessiin jirti.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraampiin dhiibee waraana Iraanitti kan galche Neetanyahuudha- Kamalaa Haaris

    Kamalaa Haaris

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kamalaa Haaris

    Itti aantuun pirezidaantii duraanii US Kaamaalaa Haaris, Doonaald Tiraampiin ''kan dhiibee waraanatti galche MM Israa'el Neetanyahuudha'' jette.

    Sanabta kaleessaa sagantaa fandii walitti qabuu irratti yoo dubbattu '' waraanatti galeera, garuu Bibi Netanyahuu itti galche. Mee ifa haa goonu. Waraana uummanni Ameerikaa hin barbaannetti gale. Kun loltoota Ameerikaa balaarra buuse,'' jette.

    Tiraamp kallattiin dubbii Kamalaa kanaaf deebii hin kennine. Garuu Israa'el michuu keenya addaati jedhe.

    ''Namoonni Israa'eliin jaallatanis jibbanis michuu Guddoo Ameerikaa tahuu isaanii mirkaneessaniiru. Kutannoo, amanamummaa, cimina isaanii agarsiisaniiru. Isaan kaan eenyummaa isaanii isa dhokataa yeroo waraanaa fi muddamaatti yeroo mul'isan Israa'el ammoo cimanii waraanan. Akkatti mo'atanis beeku,'' jedhe.

  2. Jilli marii US Paakistaanitti deebiyuuf, Tiraamp ammoo bu’uuraalee Iraan akka barbadeessuu irra deebiin dhaadate

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidantiin US Donald Tiraamp bakka buutonni isaa marii nagaa Iraan waliin taasifamuuf gara Paakistaanitti deebiyuuf akka jiran hime. Iraan garuu gamasheetiin akka irratti hirmaatti ammatti hin mikaneessiin jirti.

    Kun osoo Kanaan jiruu, Doonaald Tiraamp Iraan waliin waliigalteerra kan hin ga’amne ta’e wiirtuuwwan annisaafi riqichawwan Iraan akka haleelu irra deebiin dhaadataa jira.

  3. Qabxiilee ijoo lama Iraanii fi Ameerikaa wal dhabsiisan

    Iraan qoqqobbiin isheera jiru akka ka'u barbaaddi. Dinagdeen Iraan kufaa jira. Al-ergiin isaanii keessumaa boba'aa tahe dhaabbatee jira.

    Dinagdeen biyyattii ammoo isa irratti hirkateera. Iraan yeroo dheeraa akkasiin turuu hin dandeessu.

    Ameerikaa fi Iraan qabxiilee lameen kana irratti waliigaluu hin dandeenye.

    • Gabbisa Nuukileeraa
    • Yuuraaniyeemii akka malee gabbatee gaarreen Isfahaan jala dhokfaman akka dabarfamee kennamuuf US barbaaddi.

    Ameerikaan yuuraaniyeemii gabbifame jette kana bara darbe gaarreen Isfahaan jalatti haleeltee ture.

    Ameerikaan inumaayyuu Iraan nuukilera hidhachuuf dhiyaatteetti jechuun yuuraniyeemii gabbifame baasuuf loltoota ishee gaarreen Isfahaanitti erguu barbaaddi.

    Kun garuu balaa kan qabuu fi haalaan ulfaataadha. Sababni isaa Iraan loltoota ishee garreenicha marsitee waan keessuuf.

    Deemuuf eeyyama Iraan argachuu qabu. Ejensiin To'annoo Atoomii Idil-addunyaa ammoo UN jalatti deemee sakatta'uu barbaada.

    Garuu qindoomina Ameerikaa waliin tahuu akka qabu US himti. Iraan ammoo haala amma jiruun hin eeyyamtu.

  4. Amma nu gahe, Gareen US marii nagaaf gara Paakistaan imalaa jiraachuu Tiraamp hime

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gareen US bakka bu'uun Iraan waliin mari'atu gara Islaamaabad imalaa jiraachuu himan.

    ''Bakka buutonnikoo gara Islaamaabaad imalaa jiru. Boru mariif achi jiru'' jedhe.

    ''Waliigalteef akka toluuf waan madaalawaa fi sababa guutuu qabu dhiyeesineerraaf'' jedhe.

    ''Ni fudhatu jedheen abdadha. Yoo kana hin taane US buufataalee aannisaa isaanii hundaa haleelti. Riqichoota Iraan keessaa hunda haleelti'' jedhan.

    ''Yoo mariin ammaa kun kufe kana booda ''NAMA GAARII WAAN JEDHAMU HIN JIRU'' kan jedhe Tiraamp ''buufataaleen aannisa afi riqichoonni isaanii haala salphaa fi ariifataa taheen barbadaa'u'' jedhe.

  5. Mirgi nukilaraa Iraan kan mulqamu akka hin taane pirezidantiin biyyattii himan

    Pirezidantii Iraan Masuud Peezeeshkiyaan

    Madda suuraa, IRANIAN PRESIDENCY / HANDOUT via Getty Images

    Pirezidantiin Iraan Masuud Peezeeshikiyaan, Pirezidant Doonaald Tiraamp mirga nukilaraa Iraan qabdu irraa muquuf kan isa dandeessisu sababii tokkollee akka hin qabne dubbachuusaa miidiyaan biyya keessaa Isinnaa jedhamu gabaase.

    “Tiraamp Iraan mirga nukilaraa ishee fayyadamuu hin qabdu jedha, garuu Sababa yakka maaliirraa ka;ee akka ta’e deebii hin kennu,” jedha Peezeeshikiyaan.

    “Mirga biyyi tokko qabdu namni irraa mulqu kun eenyu?” jechuun gaafata.

    “Nuti akka warra waraana barbaadaniitti akka hin fudhatamneef haala jiru hubachiisuu qabna; nuti waraana [nurratti baname] ofirraa ittisaa jirra,” jedhe Pirezidantiin Iraan kun.

    “Waraana kana kabajaan xumuruuf yaalaa jirra,” jechuu isaa maddi oduu barattoota Iraan gabaaseera.

    Pirezidantichi yaada kana kan kenne wayita marii Twwhraan fi Waashingiten gidduutti taasifamaa jiru keessatti waa’een nukilaraa dhimma ijoo ta’ee jiruttidha.

    Marii turban darbe Paakistaan keessatti taasifameen dhimmi qaamolee lamaan akka waliif hin galle taasise tokko kana ta’uun isaa ibsamee ture.

    Iraan Yuraaniyeemii gabbisaa kan jirtu kaayyoo kisooma nagaatiif jettee dubbattus, Pirezidant Tiraamp Teehraan meeshaa waraanaa nukilaraa akka hidhattu akka hin barbaadne irra deddeebiin dubbateera.

    Iraan gamasheetiin Ameerikaan marii nagaarratti waan hundan gaafadhe argachuun qaba ejjennoo jedhu akka qabatte ibsuun komatteetti.

    Odeeffannoo kanaan walqabatan:

  6. US hulaa Hormuuz cufuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuudha- Iraan

    Humni galaanarraa Iraan, Ameerikaan dooniiwwan akka buufata doonii Iraan hin gallee fi hin baane dhorkuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuudha jedhe.

    UIraanii fi Ameerikaan torban lamaaf waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessanii ture.

    Yeroo kanati garuu hulaan Hoormuuz akka banamuuf ture. Humni galaanarraa Iraan garuu deebisee cufe. Hanga Ameerikaan uggura buufataalee doonii keenyaarra keesse kaastutti cufamee tura jedhe.

    Tiraamp ibsa kenneen qondaalonni Iraan cufuu barbaadu garuu Ameerikaan hin eeyamtu jedhan.

  7. 'Waayee Ulaa Hormuuz Iraan maqaa akka nu balleessitu hin goonu'-Tiraamp

    Doonaald Tiraamp Waayit Haawusitti

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waajirasaa Waayit Haawusirraa ibsa Sambata kenneen Iraan waliin mariin faara gaarii qabu gaggeeffamaa jiraa jedhe.

    Garuummoo Iraan Ulaa Hormuuz ilaalchisee akka maqaa nu balleessitu gochuu hin qabnu jedhe.

    Iraaniin ''akkuma waggoota 47 darban gochaa turan san tapha bareedduu tokko taphachaa jiru'' jedhe Tiraamp.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  8. 'Ulaa Hormuuz nutu to'ata'-hogganaa marii Iraan

    Mohaammad Baagheer Galiibaaf

    Madda suuraa, Reuters

    Marii Iraan US waliin gaggeessitu kan hoogganu qondaalli Mohaammad Baagheer Galiibaaf Ulaa Hormuuz nutu to'ataa jedhe.

    Marii US waliin gaggeeffamu ammallee faara qabaachuu himee, waraanicha goolabuuf garuu biyyootni lameen murtee dhumaarra gahuurraa fagoo jiruu jedhe.

    Gaalibaaf torbee darbe marii US waliin godhamuuf Paakistaan ture.

    Mariin marsaa itti aanu yoom akka gaggeeffamu hin beekamu.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  9. Ashamaa! Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii har'aa jalqabneerra. Dhimmoota gurguddaa biyya keessaa fi alaa hordofnee isin biraan geenya.

    Nu hordofaa. Oolmaa gaarii