Tiraamp Iraan waliin mari'achuu dubbatan, Iraan garuu marii quba hin qabu jette

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Iraan waliin mari'anne jedhanii dubbatanii turan. Ministirri Dhimma Alaa Iraan ibsa baaseen immoo marii Tiraamp Iraan waliin taasifne jedhan ''hin beeknu'' jechuun ibsa baase.

Guduunfaa

  • Miidiyaan Iraan Tiraamp "sodaatee duuba deebiye" jedhe
  • Iraan Tiraamp waliin waan mari'anne hin qabnu jette
  • Iraan waliin haalli jiru akka gaariitti deemaa jira, ta'uu baannaan haleeluu itti fufna – Tiraamp
  • Tiraamp marii 'bu'a-qabeessa' US fi Iraan taasisan hordofee wiirtuu annisaa haleeluuf ture dabarsuu hime
  • Iraan waraanni karaa lafoon irratti banamnaan "guutummaa Galoo Galaanaa Faars keessa boombii dhohun awwaala" jette
  • Af-yaa'iin paarlaamaa Iraan US waliin hin mari'anne jedhan eenyudha?
  • USfi UKn Ulaa Hormuuz bansiisuu irratti waliin mariyanne jedhan
  • Haleellaan qilleensaa itti fufe, Israa'el waraanni 'torbee baayyeef' akka itti fufu akeekachiifte

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Af-yaa'iin paarlaamaa Iraan US waliin hin mari'anne jedhan eenyudha?

    Mohaammad-Baager Galiibaf

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Gama Iraanii ammallee mariin taasifamuu wanti ifatti mirkanaa'e hin jiru

    Sa'aatii muraasa darban miidiyaaleen garagaraa maddeen eeruun ergamaan addaa Pirezidant Tiraamp Istiiv Wiitkoof fi soddaan isaanii Jaared Kuushinar af-yaa'ii paarlaamaa Iraan, Mohaammad-Baager Gaalibaf waliin mari'achuu gabaasaa turan.

    Ammatti akkaawuntiin aangawaa kanaan miidiyaa hawaasummaa X gubbaa jiru US waliin mariin taasifame hin jiru jedheera.

    Dabaluunis, ''oduun sobaa'' faca'aa akka jiruufi ummanni Iraan ''weerartoonni hamma gaabbanitti akka adabaman'' akka barbaadu ibse.

    Namni kuni eenyu?

    Kana dura miseensa waraanaa turan. Erga bara 2020 Af-yaa'ii paarlaamaa Iraanidha.

    Bara 1961 kan dhalatan yoo ta'u, bara 1980 Humna Eegduu Warraaqsa Islaamummaa Iraan seenan.

    Kana dura si'a afur pirezidantii Iraan ta'uf dorgomanii hin milkoofne.

    Bara 2005 4ffaa, bara 2013 2ffaa, bara 2017 filannoo keessaa of baasan, akkasumas filannoo bara 2024 irrattimmoo 3ffaan xumuran.

    Guyyaa Dilbataa akkaawuntii isaanii X irratti bakkeewwan qiyyaafannoo Iraan tarreessaniiru.

    Buufata waraanaa US alatti dhaabbileen faayinaansii bajata waraanaa US deeggaru jedhan akka haleelaman dubbatan.

    Itti gaafatama isaanii duraanii ajajaa Eegduu Warraaqsa Islaamummaa Iraan turan fayyadamuun kantiibaa Tehiraan yeroo turan malaammaltummaa raawwatan jedhaman dhoksuuf yaalaniiru jedhanii himatamu.

  2. Mariin Tiraamp Iraan waliin mari'adhe jedhaniifi Iraan quba hin qabu jettu maali?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Erga waraanni Giddugala Bahaatti eegalee Ameerikaafi Iraan mari’achuu Pirezidant Tiraamp dubbatan.

    Haa ta'u malee, ammatti gama Iraanii mariin taasifamuu wanti ifatti mirkanaa'e hin jiru.

    Dubbiin Tiraamp kuni osoo akeekkachiisa sa’aatii 48 Iraaniif kennan booda waan ta’uf deemu osoo eegamu dhagahame.

    Amma mariin isaanii maal akeeka? Misaa’eelli Iraanoo hangam deema? Biyyoonni Giddugala Bahaa Iraanitti dhukaasuu maluu?

  3. Mariif dursee kan bilbile Iraanimoo Ameerikaadha?

    Hogganaan Olaanaa Iraan Mojtabaa Kaamenii eessa akka jiran hin beekamu

    Madda suuraa, Tasnim News Agency

    Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaan Olaanaa Iraan Mojtabaa Kaamenii eessa akka jiran hin beekamu

    Osoo akeekkachiifni sa'aatii 48 kennan eegamuu Tiraamp Iraan waliin mari'adhe jedhaniiru.

    Mariin ''obsa fixachiisaa'' ta'uullee dubbatan.

    Hanga yoonaa Iraan mariin kuni taasifamuu hin mirkaneessine.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan ibsa baaseen immoo marii Tiraamp Iraan waliin taasifne jedhan ''hin beeknu'' jedheera.

    Tiraamp immoo inumaa qaamolee marii kanarra hirmaatan, akkasumas dhimmoota ka'an miidiyaaleetti dubbataniiru.

    Amma gaaffiin ijoo, Tiraampiis Iraaniis osoo wal akeekkachiisanii eenyutu mariif dursee bilbile kan jedhudha.

    Tiraamp yeroo sa'aatiin 48 xumurame maddeen anniisaa Iraan gurguddoo akka ''mancaasan'' dubbatani.

    Iraanis maddeen annisaa Giddugala Bahaa jiraniifi US'tti hidhata qaban akka haleeltu dhaadattee turte.

    Tiraamp waa'ee Iraan yeroo dubbatan ''Waan gaarii godhan, haleellaa tokkoon barbadaa'a [ture]. Isa isaan maaliif barbaadu?

    ''Kanaaf bilbilan, ani hin bilbille. Isaanitu bilbile. Waliigaltee raawwachuu fedhu,'' jedhan.

    Iraan ammatti dhimma marii kanaas ta'e qaama mari'ate jedhame hin mirkaneessine.

  4. Iraan sagantaa niwukilaraashee dhiisuu maltii?

    Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Mariif dursee kan bilbile Iraanidha jedhan Pirezidant Tiraamp

    Pirezidant Tiraamp akka jedhanitti Iraan nagaaf jecha sagantaa niwukilaraashee dhiisuuf waliigaluu malti.

    ''Boru ganama, sa'aatii isaaniitti, buufata annisaa elektirikii isaanii guddicha silaa ijaaruuf dolaara biiliyoona 10 isaan gaafatu haleeluuf turre,'' jedhan.

    Tiraamp Sambata waaree booda akekkachiisa sa'aatii 48'f turu Iraaniif dhiheessanii turan.

    Iraan Ulaa Hormuuz yoo banuu baatte maddeen annisaashee akka haleelan akeekkachiisan.

    Iraaniis yoo Tiraamp haleelan ulaan Hormuuz ciraadhumasaa akka cufamu dhaadatte.

    Osoo kanaan jiruu Iraan waliin mari'achuu dubbatan. Iraan ammatti marii kana hin mirkaneessine.

    ''Nutis waliigaltee raawwachuu feena. Waliigaltee garii ta'uu qaba, waraanni biraa niwukilarri biraa hin barbaachisu.

    ''Meeshaa niwukilaraa si'achi qabaachuu hin danda'an. Isatti waliigalaa jiru,'' jechuun yoo dhimma niwukilaraa kaasan waliigalteen akka hin jiraanne dubbatan.

  5. Iraan marii quba hin qabu jetti, US eenyu waliin mari'atte?

    Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Tiraamp xiyyaara isaaniii 'Air Force One' bira dhaabatanii rippoortarootatti dubbatan

    Pirezidant Tiraamp Iraan ''walii galuu feeti, nutis waliigaltee raawwachuu barbaanna,'' jechuun dubbatan.

    Mariin isaanii guyyaa har'aallee akka itti fufu himan. ''Har'as wal agarra, tarii bilbilaan.''

    Marii isaanii keessatti dhimmi biyyoota Giddugala Bahaa haleellaa Iraan jala jiran akka ka'ellee akeekan.

    Garuu, marii isaaniin Iraaniifi US gidduu ''garaagarteen guddaa'' akka jiru dubbatan.

    Mariin ''obsa fixachiisaa'' akka tureefi marii kanarratti Giddugala Bahaatti Ergamaan addaa isaanii Istiiv Witkoof akkasumas soddaan isaanii Jaared Kushner hirmaaachuu himan.

    ''Gara kamitti akka nu geessu ni ilaalla,'' jedhan waa'ee marii kanaa yeroo dubbatan.

    ''Qabxii gurguddaa wal nu hin galsiisne jiru, inumaa hundi isaanii jechuu nan danda'a.''

    Pirezidant Tiraamp Yunaayitid Isteet ''nama jabaatti'' akka dubbataa jirtu himan.

    Ta'us, namni kuni Hogganaa Olaanaa Iraan Mojtabaa Kaameniii akka hin taane dubbatan.

    Mojtabaan ''Lubbuun jiraachuu isaa hin beeknu'' jechuun himani.

  6. Iraan waliin haalli jiru akka gaariitti deemaa jira, ta’uu baannaan haleeluu itti fufna – Tiraamp

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan waliin haalli jiru akka gaariitti deemaa jira, kun ta’uu baannaan haleeluu keenya itti fufna – Tiraamp

    Haleellaa wiirtuu annisaa Iraan irratti gaggeesuuf dhaadate guyoota shaniif achi butuurratti kan gaafatame Tiraamp, “yeroo guyyoota shanii kennineerra, mee akka inni itti deemu ni ilaalla. Yoo akka gaariitti kan deemu ta’e rakkoo jiru furuun xumurra,” jedhe.

    “Kun ta’uu baannaan, halleellaa keenya cimsinee itti fufna,” jedhe Tiraamp itti dabaluun.

    Haasaa bilbilaa AFP waliin taasiseen Tiraamp, Iraan waliin “wanti jiru hundi haala baayyee gaarii ta’een deemaa jira” jedhe.

  7. Iraan Tiraamp waliin waan mari'anne hin qabnu jette

    Ministira dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Iraan waliin mari'anne jedhanii dubbatanii turan.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan ibsa baaseen immoo marii Tiraamp Iraan waliin taasifne jedhan ''hin beeknu'' jedheera.

    Ameerikaattii michuun BBC, CBS News akka gabaasetti, minstirri dhimma Alaa Iraan ''Rippabliki Islaamaa Iraan waraana kana keessatti kaayyoo ishee osoo galmaan hin gahin marii kamiyyuu hin raawwattu,'' jedheera.

    Maddi Iraan biraallee marii kana quba akka hin qabne dubbatuu miidiyaan Humna Eegduu Warraaqsa Islaamaa Iraanitti hidhata qabu gabaaseera

    Miidiyaan hidhattoota kana waliin hariiroo qabu Tajaajilli Oduu Faars, ''Tiraamp waliin qunnamtiin kallattiinis ta'ee kallattiin ala taasifame hin jiru'' jedheera.

    Tiraamp ''of duuba deebi'aniiru'' jedhees gabaase.

    Miidiyaan Iraan biraa sirna biyyattii waliin hidhata qabu, Tasniimis, ''mariin homtuu'' hin taasifamne jechuun gabaase.

    Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Tiraamp guyyoota lamaan darban Iraan waliin mari'anne jedhan
  8. Miidiyaan iraan Tiraamp "sodaatee duuba deebiye" jedhe

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Addi oduu Iraan Faars madda maqaa hin dha’iin eeruun Tiraamp waliin “walitti dhufeenyi kallattiis ta’e al-kallattii taasifame hin jiru” jechuun gabaaseera.

    Maddi oduu kun miidiyaa kanatti akka himetti, “qiyyaafannoowwan keenya wiirtuuwwan annisaa Eeshiyaa Lixaatti argaman dabalachuu akka danda’u yeroo dhaga’etti sodaatee duuba deebiye,” jedhe.

    Doonaald Tiraamp teehraan Ulaa Hormuuz sa’aatii 48 keessatti akka bantu, ta’uu baannaan garuu wiirtuuwwan annisaashee “akkqa barbadeessu” dhaadatee ture.

    Har’a guyyaan dhumaa kaa’e osoo hin xumuramiin dura guyyoota lamaan darban Iraan waliin “marii baayyee gaariifi bu’a-qabeessa ta’e” taasisuu isaa eeruun barreesseera.

    Itti dabaluu waraanni isaa wiirtuuwwan annisaa Iraan irratti, “guyyoota shanan itti aananiif” haleellaan kamiyyu akka hin raawwatamne ajajuu isaa himeera.

    Mariiwwan guyyoota itti aanan taasisan bu’uura godhachuun murtee itti aanu akka beeksisu pirezidant Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaarratti barreesseera.

  9. Tiraamp marii 'bu'a-qabeessa' US fi Iraan taasisan hordofee wiirtuu annisaa haleeluuf ture dabarsuu hime

    Pirezidant doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidantiin Ameerikaa marii 'bu'a-qabeessa' US fi Iraan akkaataa waraana dhaabuun danda'amurratti taasisanii booda, karoora wiirtii annisaa Iraan haleeluuf qabatee ture guyyoota shaniif butuu dubbate.

    Doonaald Tiraamp waldhabdee Baha Giddugaleessaa keessatti uumame kanaaf ''furmaata guutuu fi fala waliigalaa fiduu marii bu'a-qabeessa'' taasifamaa ture jedhr.

    "Haleellaan wiirtuu humna elektiriikaa fi bu'uuraalee anniisaa Iraan irratti raawwatamuuf karoorfame kamiyyuu" guyyoota shaniif tursiifama," jedhe.

    Tiraamp US fi Iraan guyyoota lamaan darban mariirra akka turan fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irrratti beeksiseera.

  10. Poolisiin Keeniyaa ministarri haajaa alaa duraanii 'bade' jedhamnaan barbaadaa jira

    Raafaa'el Tuujii

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Poolisiin Keeniyaa ministara hajaa alaa duraanii biyyattii Raafaa'el Tuujuu butamee achi buuteensaa dhabameera jedhamnaan qorachaa jira.

    Akka maatiin Tuujuu jedhanitti, ministara duraanii kanaafi konkolaachisaan isaa gaafa Sambata af-gaaffii raadiyoo sagantaa galgalaa tokko irratti hirmaachuuf deemaa turan.

    Akka poolisiin jedhutti, konkolaataan magaalaa Naayiroobii ollaa Kaaran jedhamurratti otoo ibsaan isaa ifuuti argame.

    Bilbillisaas waan hojjetaa hin jirreef maatiin isa argachuu akka hin dandeenye hime poolisiiin.

    Namni ministara hajaa alaa dabalatee sadarkaa garagaraan tajaajilaa ture kuni liqaa baankii irraa fudhate hin deebisne jedhamuun manaafi qabeenyisaa dhaalamuufi falmii mana murtii irra jira.

  11. Iraan waraanni karaa lafoon irratti banamnaan "guutummaa Galoo Galaanaa Faars keessa boombii dhohun awwaala" jette

    Doonii

    Madda suuraa, AP

    Manni maree ittisaa Iraan, qarqara galaanaa biyyattii karaa kibbaa fi odolawwan isheerratti weerarri kan gaggeeffamu yoo ta'e, karaan darbaa ulaa Galoo Galaanaa Faars citee boombii galaana keessatti dhohu akka awwaaltu akeekkachiise.

    Gabaasni madda oduu Ameerikaa Aksiyoos akka agarsiisutti, bulchiinsi pirezidant Doonaald Tiraamp Iraan Ulaa Hormuuz akka bantu taasisuuf karoora odola Kaarg weeraruu ykn cufuu xiinxala ajira.

    Odolli Kaarg pirezidant Tiraap loltoota lafoo isaa itti bobbaasuuf karoorfate, jikiti boba'aa Iraan gabaa addunyaatiif dhiyeessitu dhibbeentaa 90 kan ta'u achiin darba.

    Duulli akkasii kun kan raawwatamu waraanni Ameerikaa humna waraanaa Iraan naannoo Ulaa Hormuuz jiru caalaa erga dadhabsiisee booda akka ta’u maddeen dubbachuu gabaasni Aksiyoos ni mul’isa.

    Ibsa har’a baaseen karoora kana kan eere manni maree ittisaa Iraan, waraanni karaa lafoo kan irratti banamu taanaan, “guutummaa Galoo Galaanaa keessa” boombii galaana keessatti dhohu akka awwaalu dhaadateera.

    “Qarqara galaanaa Iraan ykn odolawwan yaaliin irratti xiyyeeffachuu kamiyyu, uumamaan, akkasumas akkaataa muuxannoo waraanaan karaan darbaa hundi … Galoon Galaanaa Faars fi qarqarawwan galaanaa hundi dhootuu (fanjiitu) akka keessa awwaalamu taasifama,” jedheera.

    “Dhootuuwwan bololi’an qarqara galaanaarraa gadhiifaman dabalatee dhootuuwwan galaanaa gosa gara garaa” akka awwaalan ibsa kanaan akeekkachiiseera.

    “Adeemsa kanaan guutummaan Galoo Galaanaa Faars Ulaa Hormuuz waliin hala wal fakkaatu keessa ta’a,” jechuun itti dabalee himeera.

    Kun akka ta’uuf ammoo “itti gaafatamummaa isaa kan fudhatan warra haleellaa bananidha” jedheera.

    “Baroota 1980n keessaa warri dhootuu galaana keessaa maseensan 100 ol ta’an dhootuuwwan galaanarraa maqsuudhaaf akka hin danda’iin dagachuun hin barbaacisu,” jechuun tarknaafiin fudhatu dhiibbaa inni qabaatu eereera.

    Manni-maree ittisaa Iraan kun itti dabaluun, “biyyoonni dubbii hin barbaadne” karaa Ulaa Hormuuz darbuu kan danda’an “daandiin tokkici Iaan waliin ta’uu” akka ta’es ibseera.

    Oduu biroo kana waliin walqabatan:

    Odola Kaarg

    Madda suuraa, Gallo Images/Orbital Horizon/Copernicus Sentinel Data 202

  12. Qala'insa gatii waraanni Iraan fide qolachuuf mootummaan 'waan danda'u hunda godha,' - MM UK

    Kar Istaamar

    Ministarri Mummee UK Kiir Istaamar kora hatattamaa har'a adeemsifameen qaala'insa gatii sababa waraana Iraaniin mudate qolachuuf ''waan dandeenyu hunda ni goona,'' jedhe.

    Kora hatattamaa 'Cobra meeting' jedhameen hogganooti gameeyyii fi ministaroonni Landanitti wal gahuun rakkoo mudateef deebii hatattamaa kennu.

    ''Waraana Iraanitti adeemaa jiruun ''namoonni baayyee'' waraanichuma ilaalu garuu jirenyaafi maatii isaanii miidhaa jira jedhe Istaamar.

    ''Har'a dhiibbaa diinagdee qabu ilaalaa jirra, qaala'insa jireenyaa fooyyeessuuf mootummaa qarshii liqeeffamu gaafataa jira,'' jedhe.

    Baankii Ingilaand dabalatee kaanis dhimma kana hordofu jechuun booda ''dhiibbaa waraanni kuni qabu hambisuuf waan dandeenyu mara ni raawwanna,'' jedhe.

  13. Ulaan Hormuuz biyyoota "diina hin taane qofaaf" banaa ta'ee itti fufa- Iraan

    Pirezidaantii Iraan Masuud Pezeeshkiyaan

    Madda suuraa, Reuters

    Manni Maree Ittisaa Iraan ibsa baaseen Ulaan Hormuuz biyyoota "diinonta hin taane qofaaf" banaa ta'ee itti fufa jedhe. Isayyuu biyyoonni kunneen "Iraan waliin ta'uun" karaa ulaa kanaa akka darban beeksise.

    Biyyoonni diina ta'an naannoo qarqara galaanaa Iraan haleelu taanan, ulaa Ulaa Hormuuz cufuu qofaa osoo hin taane Galoo Galaana Arabaa guutusaa fanjii akka awwaalu akeekkachiise.

    "Diinni keenya qarqara galaanaa Iraan haleeluuf yaalii taasisa taanan, daandiwwan Galoo Galaana Arabaa [Parshiyaa] fanjiidhaan kiyyeessina," jechuun ibsa baase manni maree Iraan, yeroo ammaa qaama bulchiinsaa olaanaa Iraan kan ta'e.

    Tiraamp kaleessa Iraan sa'aatii 24 keessatti Ulaa Hormuuz hin bantu taanan, bu'uuraalee anniisaafi ibsaa Iraan guutummaatti akka manca'u akeekkachiisee jira.

    Iraan garuu deebii har'a kenniteen, Ulaan Hormuuz kan banamu biyyoota diina hin taane qofaaf akka ta'e beeksiste.

  14. Daawwadhaa: Yeroo dhohinsi Guulders Giriin, Landan keessatti mudate ambulaansiin Yihudoota agubatetti viidiyoo waraabame.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Yeroo dhohinsi Goolders Giriin, Landan keessatti mudate ambulaansiin Yihudoota agubatetti viidiyoo waraabame.
  15. Ambulaansii Yihudootaa afur Landan Kaabaatti gubatan

    Ambulaansii Yihudootaa gubate

    Madda suuraa, Reuters

    Ambolaansonni qabeenyummaan isaanii kan ummata Yihudootaa ta’an afur Landan Kaabaa keessatti gubatan.

    Gochaan ambulaansota Yihudootaa irratti raawwatme kun yakka jibbinsaa farrummaa warra Semetikiirratti raawwatame jedheera Poolisiin Metiroopolitaanii.

    Ministirri Muummee Yunaayitid Kingidam (UK) Kiir Istaarmer haleellaa raawwatame kana “baayyee rifasisaa” fi “fokkisaa” jechuun yoo balaleffatan, ministirr fayyaa Wees Istiriiting ammoo “Waaqayyoof galanni haata’u malee namni madaa’ee hin jiru… jibba farra Semetikiirratti waliin dhaabbachuun nurra jira,” jedhan.

  16. Xiyyaarriifi konkolaataan walitti bu'anii paayiletiifi itti aanaan isaa du'an

    Xayyaara konkolaataatti bu'e

    Madda suuraa, Getty Images

    Niiw Yoork buufata xiyyaaraa LaaGaard jedhamutti xayyaarri Kaanaadaa konkolaataa lafa jirutti bu'ee paayiletiifi itti aanaan isaa du'an. Balaliin kunis balaa kana hordofee dhorkame.

    Abbaan Taayitaa Aveeshiii Federaalaa ibsa Dilbata galgala baaseen balaliin akka dhaabbatu himee kuni dhorkaan kuni ''dheerachuu'' danda'a jedhe.

    Miidiyaan CBS akka himetti, xayyaarrii kuni Kaanaadaa Moteeriyaal irraa gaafa ka'ee yeroo Niiw Yoork gahee konkolaataa lafa jiru waliin walitti bu'e sa'atiitti kiloomeetira 35 deemaa ture jedhe.

    Xayyaarri moodeela CRJ 900 kan jedhamu yoo tahu nama 70-90 qabatu kan akkaan miidhame yoo tahu, namoonni baayyee akka madaa'an miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru,

  17. Iraan Ulaa Hormuuz akka bantuuf sa'atiin 48 kenne har'a raawwataa jira

    Donaaldi Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Donaald Tiraamp Iraan Ulaa Hormuuz akka bantuuf sa'atiin 48 kennan har'a sa'atii muraasa booda goolabama.

    Sambata Galgala Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp daandiin doonii kuni sa'atii 48 keessatti ''yaaddoo malee'' hin banamu yoo tahe Ameerikaan bu'uuraalee annisaa Iraan ni barbadeessiti jedhe.

    Iraan deebii ergaa Tiraampiif kenniteen yoo haleellaan bu'uuraalee misoomaa ishee irratti raawwate haaloo akka baatu itti himteetti.

  18. Waraana Iraan kanarratti kaayyoon Ameerikaa maali?

    Donaaldi Tiraamp

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Donaaldi Tiraampiifi ministarri ittisaa Ameerikaa waraana Iraan irratti karoora isaan fiixaan baasu barbaadan isin yaadachiisuuf:

    Tiraamp ergaa Jimaata darbe miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti barreesseen sochii waraanaa Ameerikaa ''haara galfachaa jira,'' jedhe.

    Ameerikaan humna misaayelaafi buufata ittisaa Iraan ''guutummaatti barbadeessuutti,'' siqxee jirti jedhe.

    Dabaluunis Ameerikaan humna galaanaa Iraan, humna qilleensaa akkasumas meeshaalee waraanaa humna qilleensaa lolan barbadeessuu barbaaddi jedhan.

    Tiraamp dabaluunis Iraan humna niwkilaaraa akka qabaattu cirumaa eeyyamamuufi hin qabu, kanaanis Ameerikaan michootashee Baha Gidduugalaa ''eegumsa sadarkaa olaanaa kennitiif,'' jedhe.

    Gama biraan ministarri ittisaa Ameerikaa Piit Heegseez kaayyoon waraanaa iraan isa gaafa Guraandhala 28 gaafa haleellaan jalqaberraa hin geeddaramne jedhe.

    Kaayyoon waraana kanaa humna misaayelaa, buufata ittisaa Iraan barbadeessuufi lammata niwkilaara akka hin qabaanne gochuu dha jedhe.

  19. Daawwadhaa! Misaa'eliin Iraan buufata nukilaraa Israa'el bira yeroo haleelutti viidiyoo waraabame

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Misaa'eliin Iraan buufata nukilaraa Israa'el bira yeroo haleelutti viidiyoo waraabame
  20. Iraan gara Israa'elitti misaa'elii dhukaasaa buluu IDF hime

    Yeroo misaa'eliin Iraan dhukaaste samii Tel Aviiv irratti qolatamu

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa dhiyoo baaseen Humni Waraanaa Israa'el (IDF), Iraan misaa'eloota gara Siraa'elitti dhukaasuu ibse.

    Sistemoonni ittisa qilleensaa haleellaawwan Iraan kana qolachaa jiraacuus IDF dubbateera.

    Magaalaa guddoo Iraan, Teehiraan keessatti ammoo bakkawwan baayyeetti dhukaasni gurguddaan dhaga'amaa turee hubanneerra.

    Rasaasa walirriihin cinne dbalatee haleellaawwan iraan wal walirratti taasiftu halkan Tel Aviiv irratti rukkutamanii kufaniiru.