Mariin waraana dhaabuu 'adeemaa jira', Iraanis waan ' fudhatama qabu' dubbataa jirti - Tiraamp

Mariin waraana dhaabuu yeroo ammaa ''adeemaa jira'' jechuun Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp dubbatan. Mariin milkaa'uu akka danda'au gaafatamnaan ''waraana injifanneerra'' jedhan.

Guduunfaa

  • Dhimmoota shan waa'ee waraana Baha Gidduugalaa itti fufe jiruu
  • 'Iraan dhukaasa yeroof osoo hin taane bifa fulla'aan dhaabbatu feeti' - Abbaas Araagchii
  • Paakistaan marii Iraanii fi US keessuummeessuu akka feetu ibsite
  • Israa'el waajira olaanaa IRGC, Iraan ammoo buufatalee waraanaa US sadii rukunne jedhan
  • Tiraamp Iraan waliin marii barbaadus waan milkaahu miti- Anga'oota Israa'el
  • Israa'el lafa tokko kurnaffaa Libaanos to'achuuf
  • Kataar jaarsummaa US fi Iraan keessa hin jiru jette
  • Marii nagaa irratti qondaalonni USfi Iraan yaada wal-dhiitu kennaa jiru
  • Tiraamp Iraan waliin mari'achuu dubbatan, Iraan garuu marii quba hin qabu jette

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Qabxiilee ijoo Tiraamp waa'ee waraana Iraan dubbatan

    Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ibsa waa'ee waraanaa kennan irratti dhimmi waraana bobbaasuu hin kaane.

    Pirezidant Tiraamp waa'ee waraanaa waan adeemaa jiruurratti waan haaraa dubbataniiru. Isaan keessaa:

    • Bulchiinsi isaanii Iraan keessa ''namoota dhimmichi ilaallatu'' waliin dubbataa akka jiran dubbatan.
    • Angawoonni Iraan ''waliigaltee raawwachuuf baay'ee barbaadu'' jedhan.
    • Dabaluunis, Pirezidantiin I/Aanaa JD Vaans fi Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoo marii keessa qooda fudhataniiru jedhan.
    • Aangawoonni Iraan meeshaa niwukilaraa qabaachuu akka hin barbaanne waliigalaniiru jedhaniis dubbatan. Yaada kana waraana durallee dubbatanii turan.
    • Waraanni US fi Israa'el Iraan irratti gaggeessan ''jijjiirama sirnaa'' fideera jechuunis himan.
    • Aangawoota Iraan mariirra jiran Yunaayitid Isteetif ''kennaa guddaa'' kennan jedhan. Kunis, boba'aa, gaaziifi Ulaa Hormuziin akka wal qabatu dubbatan. Dhimma kanarratti waan dabalataa hin dubbanne.
    • Mariin nagaa kuni ni milkaa'aayii jedhamanii kan gaafataman Tiraamp, ''waraana kana injifanneerra'' jedhan.
    • Ibsa waa'ee waraanaa kennan irratti dhimmi waraana bobbaasuu hin kaane.
  2. Iraan gara Libaanositti dhukaaste jechuun Israa'el himatte

    Miidhaa dhaqqabe

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan Israa'el Libaanos keessa gaggeessitu cimee itti fufeera

    Guyyaa keessa haleellaan Israa'el Libaanos irratti gaggeessitu cimuu gabaasaa turre.

    Ministeerri Fayyaa biyyattiis lakkoofsi namoota ajjeefamanii dabaluu dubbateera.

    Ammammoo misaa'ela magaalaa guddoo Libaanos, Beerut keessatti kufeef Israa'el Iraanitti quba qabdeetti.

    Waraanni Israa'el ibsa baasen ''misaa'elli baalistikii garee shororkeessaa Iraaniin dhukaafame Beruut keessa bu'e,'' jedhe.

    Dhimma kanarratti gama Iraaniin ammatti deebiin kenname hin jiru.

  3. Libaanos ambaasaaddara Iraan ofirraa ariite

    Libaanos

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Israa'el Libaanos keessa gaggeessaa jirtuun aarri jabaa kibba Libaanositti mul'ateera

    Ministeerri Dhimma Alaa Libaanos biyyattiitti ambaasaaddara Iraan ofirraa ari'uu beeksise.

    Ibsa ministeerichi baasen Mohaammad Reza Shibaanii Bitootessa 29 daangaa Libaanos keessaa akka bahu gaafatamaniiru.

    Libaanos Iraanitti ambaasaaddara ergitees qe'eetti waamuu beeksisteetti.

    Kuni kan ta'e, Iraan ''safuu waan cabsiteefi'' jedha ibsichi.

    Hidhattooti Hezbollaa Libaanos keessa jiran ibsa ministeera dhimma alaa Libaanos kana mormuun ''atattamaan akka [murtee] sirreessan'' waamicha taasiseera.

    Hezbollaan michuu Iraan yeroo ta'u UK, US fi biyyoota muraasa biroon garee shororkeessaa jedhamee farrajameeera.

  4. Erga waraanni eegalee 1,072 ajjeefaman - Libaanos

    Libaanos

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Israa'el Hezbollaa mancaasuuf Libaanos keessa lola eegaluu ibsa

    Erga Israa'el Libaanos keessatti Hezbollaa irratti waraana eegaltee lakkoofsi namoota ajjeefamanii 1,072 gahuu ministeerri fayyaa biyyattii beeksise.

    Kanneen keessaa namoonni 24 sa'aatii 24 darban kan du'uun isaanii galmaa'edha.

    Lakkoofsi namoota miidhamanis 2,966 gahuu ministeerichi ibseera.

  5. US fi Israa'el Iraan laamsheessine jedhu, Tehiraan akkamiin dhukaaftiree?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    US fi Israa'el torbaanotaaf dandeettiin waraana Iraan laamshayuu himaa turan. '

    Akka dubbii aangawoota Ameerikaatti silaa walitti bu'iinsi dhumatuutti siquu qaba ture.

    Garuu, wanti mul'ataa jiru faallaa kanaa fakkaata. Kuni akkamiin ta’e?

    Filmaati Tiraamp fi Iraan maaliif xiqqaataa dhufe? Daawwadhaa!

  6. Baahireen haleellaan miilanaa isheerratti raawwatame hundarraa hamaa jette

    Mancaatii Baahireen keessaa suuraan

    Madda suuraa, Bahrain MOI/X

    Ibsa waa'ee suuraa, Mancaatii Baahireen keessaa suuraan

    Baahireen haleellaan miilanaa isheerratti raawwatame hundarraa hamaa dha jettu irrattti raawwatamuu ibsite.

    Haleellaan misaayelaa buufata waraanaa ishee gama lixaa irratti raawwatamuu ibsite.

    Haleellaa kun buufata waraanaa Hamaalaa jedhamurratti raawwate kontiraaktara waraanaa UAE (lammii Morookoo) ajjeesuu fi hedduu madeessuu, madoowwan keessaa namni afur haala hammaataa keessa jiraachuu ibsite Baahireen

    Kanneen madaawan hundi lammiilee Baahireen ykn loltoota UAE ti jette.

    Aangawaan Biyyattii haleellaan ammaa kun mallattoo "muddama isa hamaati" jedhan.

    "Wanti sodaannuf hin jiru, michummaan biyyoota Galoo Galaanaa, UK fi UAE waliin qabnus caalaa jabaachaa deem, " jedhan aangawaan kun.

    Baahireen qubsuma humna galaanaa US 5th fleet jedhamuu yoo taatu humni kun waraanni eegaluun dura achii bahe. Doonniiwwan US illee achii bahanii galaanarra jiru.

    Iraan kutaa bulchiinsa koo dagatamte kan jettuun Odolli Baahireen hariiroon Teehraan waliin qabdu biyyoota Galoo Galaanaa jahan keessaawuu isa hamaa dha.

    Halkanii guyyaa misaayelootaa fi diroonota Iraaniin haleelamaa jirti. Irra caalaan isaanii qolataman. Haleellaan kuun kuusaawwan boba'aa, buufata xiyyaaraa fi manneen jireenyaa jalaa haleeleera.

    Baahireen biyya uummata Shihaa hedduu qabdu dha. Shihaawwan Iraaniif naatoo ni agarsiisu uummanni kun. Baahireen biyya Galoo Galaanaa keessaa biyya miidiyaan idil-addunyaa akka biyya ishee hin seenne dhorkitee dha.

  7. Murteen Tiraamp maal akeeka?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Amma mariin isaanii maal akeeka? Misaa’eelli Iraanoo hangam deema? Biyyoonni Giddugala Bahaa Iraanitti dhukaasuu maluu?

  8. 'Hospitaala dabalatee dhaabbileen 82,000 manca'an' - Waldaa Baatii Diimtuu Iraan

    Gamoo jijjige

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Gamoo jijjige

    'Hospitaala dabalatee dhaabbileen 82,000 manca'aniiru' jedhe Waldaan Baatii Diimtuu Iraan.

    Haleellaawwan qilleensaan Iraan keessatti mancaatiin jabaan gahaa jiraachuu suuraan bahaa jiran ni mul'isu.

    Erguma waraanni kun eegalee guutummaa Iraan keessatti "dhaabbileen uummataa" 82,417 haleellaa qilleensaatiin manca'uu ibse Waldaan Baatii Diimtuu Iraan

    Pireezdantiin waldaa kanaa akka ibsanitti "dhaabbilee diigaman keessaa 281 kan ta'an hospitaalota, kiliinikoota fi manneen qorichaa ti"

  9. 'Iraan dhukaasa yeroof osoo hin taane bifa fulla'aan dhaabbatu feeti' - Abbaas Araagchii

    Abbaas Araagchii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Abbaas Araagchii

    ''Iraan dhukaasa yeroof osoo hin taane bifa fulla'aan dhaabbatu feeti'' jedhan Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii gita isaanii Chaayinaa waliin dubbii dubbataniin.

    Araagchiin gita isaaniI Chaayinaa Waangi Yi waliin mariyataniiru. Ergaa miidiyaa mootummaa Chaayinaarraa hiikameen Araagchiin Yii'dhaan ''Iraan dhukaasa yeroof osoo hin taane bifa fulla'aan dhaabbatu feeti" jedhaniin.

    "Ulaan Hormuz hundaafuu banaa dha, dooniiwwanis nagaan darbuu danda'u, garuu biyyoota ammatti waraana bananii jiran hin ilaallatu" jedhan.

    Akka gabaasa miidiyaa Chaayinaatti, marii kanaan ministirri dhimma alaa Chaayinaa Yii :"Mari'achuun yoomillee wal loluu caalaa ni wayya jedhan" gamni lachuu "hiree hunda fayyadamuu fi hiree nagaa fi adeemsa marii nagaa saffisaa danda'amu kamiinuu eegaluu qabu" jedhan.

  10. Paakistaan marii Iraanii fi US keessuummeessuu akka feetu ibsite

    Ministirri Muummee Paaksitaan Shebaaz Shariif  fi Pireezdantii US Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Paaksitaan Shebaaz Shariif fi Pireezdantii US Donaald Tiraamp

    Ministirri Muummee Paaksitaan Shebaaz Shariif biyyi isaanii marii Iraanii fi Ameerikaa keessummeessuu akka feetu dubbatan.

    "Dhibdee US fi Iraan jidduutti dhalate ilaalchisee marii jaarsummaa hiika qabeessaa fi murteessaa fala dhibdee ta'e keessummeessuuf Paakistaan qophii dha fi kanaafi kabajatu itti dhagahama" jedhan miidiyaa hawaasaa ofii irratti.

    Ministirri muummee Hindii Naareendiraa Moodii haasawa bilbilaan Pireezdaant Donaald waliin dubbataniin haala Eeshiyaa Lixaa irratti mariyachuu ibsanii booda bulchaan Paakistaan ergaa kana kan dabarsan.

    Moodii fi Tiraamp "carraaqqiii nagaa fi tasgabbii" uumuu irratti walitti fufiinsaan mariyachuu fi "Ulaa Hormuz banuu, nagaa isaa tiksuu fi balbala addunyaa hundaa ta'ee akka itti fufu gochuuf" mariyachuu ibsan.

  11. Israa'el waajira olaanaa IRGC, Iraan ammoo buufatalee waraanaa US sadii rukunne jedhan

    Lammiilee Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Humni Ittisaa Israa'el waajira olaanaa Eegduu Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) magaalaa Tehraan keessa argamu haleeluu beeksise.

    Waajirichi ibsa baaseen ''waajirichi sochii waraanaa qindeessuuf, gamaaggama yeroo gaggeessuuf oola. Milishoota Baasij bakka kallattiin kennamuudha'' jedheera.

    Haleellaan kun fudhatamuu dura miidhama namoota nagaarra gahu xiqqeessuuf tarkaanfiin fudhatameera jedhe. Kana gochuuf meeshaalee iddoo xiyyeeffatame qofa haleelan, iddoo rukutamu adda baasuufi tarkaanfileen basaasaa biroon fudhatamaniiru jedhe.

    Gama kaaniin Iraan Israa'el keessatti iddoowwan adda addaa haleeluu akkasumas biyyoota Arabaa keessaammoo buufataalee waraanaa US sadii rukutuu beeksifte.

    Ejensiin oduu Tasniim Kaaba, Giddugalaafi Kibba Israa'el keessatti IRGC haleellaa diroonii raawwachuu gabaase.

    Buufataaleen US sadii kan Kuweetitti argamu Alii Al Saleem, kan Saawdii Arabiyaa jiru Al-Kaarj fi kan UAE jiru Al Dafraa haleelamuun gabaafame.

    Haleellaa kana ilaalchisee hanga ammaa biyyootni haleelamanis ta'e Israa'el ibsa hin kennine.

  12. Tiraamp Iraan waliin marii barbaadus waan milkaahu miti- Anga'oota Israa'el

    Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Aanga'ootni Israa'el sadii maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan yaada Rooyitarsiif kennaniin Pirezidant Doonaald Tiraamp Iraan waliin waliigalteerra gahuuf murannoo qabaatus waliigaltichi waan ta'u hin fakkaatu jedhan.

    Aanga'ootni sadan haaldureen US akka raawwatamu barbaaddee marii kana akka raawwatu barbaadaa jirtu marii erga haaraa erga Guraandhala 28 kufaa ta'ee waraana hamaa hordofsiisee gama Iraaniin waan fudhatama argatu hin fakkaatu jedhaniiru.

    Wantoota US Iraanirraa barbaaddu keessaa ijoon sagantaan nikuleeraafi misaayela baalistikii biyyattii akka dhaabatuudha.

    Tiraamp Wiixata midiiyaa hawaasaa gubbaa Baha Gidduugalaatti waraana dhaabuu ilaalchisee marii ''baayyee gaariifi bu'a qabeessa ta'e'' taasifne jechuun barreessee ture.

    Maxxansa Tiraamp kana booda Iraan mariin gaggeeffame hin jiru jechuun beeksifteetti.

  13. Iraan bakka Laarjaanii hoggana nageenyaa biyyaalessaa haaraa muudde

    Mohaammed Bageer Zolgihaar hogganaa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Iraan ta'uun muudamuu Miidiyaaleen Iraan gabaasaniiru.

    Waajira Pirezidantii Iraan keessaa qondaalli tokko oduu kana miidiyaalee biyyattiif mirkaneesseera.

    Hogganaan duraanii Alii Larjaanii Bitootessa 17 ture kan ajjeefame.

    Hogganaa haaraan Zolgihaar amma dura aangoowwan olaanoo biyyattii qabatee beeka. Ajajaa itti aanaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (Islamic Revolutionary Guard Corps), Ministeera dhimma biyya keessatti Ministira ittaanaa dhimmoota nageenyaa, Hogganaa Ittinaa Haqaafi kaanis ta'uun tajaajileera.

  14. Israa'el lafa tokko kurnaffaa Libaanos to'achuuf

    Taankii

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Waraanni Israa'el Kibba Libaanos hanga laga Litaanii jedhamutti jiru to'achuuf akka ta'e Ministirri ittisaa Israa'el, Kaatiz beeksise.

    Israa'el yeroo duraaf ifatti lafa kutaa Libaanos ta'e to'achuu akka barbaaddu beeksifte.

    Amma dura Kaatiz mootummaan Libaanos, Hezbollaa hin hikkachiisu yoo ta'e lafa bulchiinsasaa jala jiru akka dhabu akeekkachiisee ture.

    Hidhattootni Hezbollaa Tehraaniin deeggara. Sababa kanaattis Libaanos lola US-Israa'eliifi Iraanitti dirqiin makamteetti. Hezbollaan misaayeloota gara Israa'el furguggisuun Tel Aviiv Libaanoos akka haleeltu sabab ta'eera.

  15. Kataar jaarsummaa US fi Iraan keessa hin jiru jette

    Dubbii himaa Miniseera Haajaa Alaa Kataar

    Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Kataar Dr Majiid Al-Ansaarii waraana adeemaa jirutti xumura gochuuf marii US-Iraan keessaa hin qabnu jedhe.

    ''Xiyyeeffannoon keenya haleellaa nurratti raawwatamu dhaabuufi daangaa keenya tiksuudha'' jedhe.

    Kataar deebitee Rippaablika Islaamaa Iraan waliin hariiroo gaarii ni qabaattii jedhamanii kan gaafataman qondaalli Kataar kun, ''eyyeen, teessumni lafaa hin jijjiiramu'' jedhan.

    Waayee ejjennoo US dhimma marii nagaa yoo gaafatamu warra marii keessaa qooda qaban gaafadhaa jedhan.

    Ajandaawwan marii nagaa USfi Iraan keessaa tokko ta'a jedhamee kan ibsame US buufata waraanaa Kataar irraa qabdu cufuudha gabaasaaleen jedhan jiru.

    US Kataar bakka Al-Udeid jedhamuu buufata humna qilleensaa qabdi.

    Dr Majiid rakkoon amma naannichatti dhalatee jiru hariiroo Kataar biyyoota miseensa Mana maree walta'iinsaa Galoo Galaanaa ta'ani akkasumas US waliin qabdiu kan daranuu jabeessu malee kan laaffisu hin ta'uu jedhan.

  16. Dhimmoota shan waa'ee waraana Baha Gidduugalaa itti fufe jiruu

    Gamoo jijjigaa

    Madda suuraa, Getty Images

    • Dhimmi marii Iraaniifi Ameerikaa burjaajessaa tahee jira. Keesumaa Tiraamp Wiixata darbe biyyooti lamaan marii ''ijaaru'' taasisan jechuun booda. Qondaaloti Iraan mariin ija qabu taasifamuu ni haalu. Boodarra Waayit Haawus haalli '' jijijjiiramaa dha,'' jedhe.
    • Miidiyaan michuu BBC, CBS qondaalli olaanaa Ministara Hajaa Alaa Iraan ''karaa mariisiftootaan US irraa qabxiileen muraasni nu qaqqabaniiru sichi ilaaluuf jirra,'' jedhe.
    • Qondaalonni Iraan Baha Gidduugalaatti ergamaa addaa Tiraamp Istiiv Wiitkoof Paakistaanitti argachuuf akka tahe gabaasoti himaa jiru. Biyyattiin maree kana keessummeessuuf qophii akka taate himteetti.
    • Mareen akka jiraachuu danda'u Tiraamp dubbachuun booda gatiin boba'aa hir'iseera, duraan baarmellii tokko doolaara 100 galee ture.
    • Eda galgala ammoo haleellaa misaayelaa Iraan Israa'el irratti raawwatteen Teel Aviiv fi gidduugala Israa'elitti miidhaa qaqqabsiifteet jirti. Libaanositi eda galgala Israa'el haleellaa raawwachuu miidiyaaleen gabaasaniiru. Har'a ganama immoo waraanni Israa'el Hezboollaa haleeluuf waan taheef namni achii akka bahu ajajeera.
  17. Ministarri hajaa alaa Keeniyaa sobaan butame jedhe to'annoo jala oole

    Raafaa'el Tuujuu

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ministarri Hajaa Alaa duraanii Keeniyaa Raafaa'el Tuujuu achi buuteensaa dhabamee akkasumas butamee tahuu mala erga jedhamee guyyaa tokko booda to'annoo jala oole.

    Hogganaan Qorannoo Yakkaa, Mohaammad Amiin Tuujuun yeroo barbaadamaa turtetti manumasaa ture, ''diraamaa itti yaadame raawwate malee buttaa dhugaa hin turre,'' jedhe.

    To'annoo jala ooluusaan dura Tuujuun miidiyaa Citizen TV jedhamu konkolaataa hin beekamneen hordofamuun booda akka dhokate hime.

    Ministarri duraanii kuni liqaa baankii waan hin deebisneef manaafi qabeenyisaa caal baasiif dhiyaachuuf waan jiruuf mana falmii mana murtii irra jira.

  18. Paakistaan marii Ameerikaa fi Iraan taasisan keessummeessuufi?

    Alaabaa Paakistaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Aanga’oonni Ameerikaa fi Iraan Paakistaanitti wal arganii akka mariyachuuf jiran ragaaleen bahaa jiran ni agarsiisu.

    Dubbii-himaan ministeera dhimma alaa Paakistaan, “warri waliin mariiyatan kan barbaadan yoo ta’e” biyyisaa “mariiwwan keessummeessuuf yeroo hunda hayyamamtuudha,” jechuun BBCtti dubbate.

    Taahiir Adiraabii BBCf akka ibsetti, “Paakistaan naannicha keessatti nageenyaafi tasgabbiin akka jiraatuuf irra deddeebiin mariifi dippiloomaasiif waywaachaa,” turteetti.

    Andiraabiin qaama kam waliin waa’ee marii akka dubbatan hin mirkaneessine ykn hin haalle.

    Waayit Haawus kanaan dura haala kana „waan sirriitti mirkanaa’e” akka hin taane aekeekkaciisuun aanga’oota olaanoo Ameerikaa fi Iraan gidduutti walga’iin idileen akka hin taasifaman beeksiseera.

    Aanga’oonni olaanoo Paakistaan qondaalota Ameerikaa waliin mariIyachuu isaanii ilaalchisee ibsi ifatti kenname hin jiru.

    Pirezidantiin Ameerikaa Wixata gaazexeessitootatti yeroo dubbatanitti Iraan waliin qabxilee 15 irratti mariyachu isaani ibsuun isaan angafaa dhimma meeshaa waraanaa nukilaraa akka ta’u ibseera.

    Tiraamp wayita aanga’oota olaanoo Iraan waliin marii gaggeessanitti gorsaan isaa Istiiv Witkoof fi soddaan isaa Jaared Kuushner waliin akka turan ibseera.

    Istiiv Witkoof fi Jared Kuushner waliigaltee dhukaasa dhaabuu Yunaayitid Isteetis Israa’el fi Hamaas gidduutti akka dhufu taasisaan, akkasumas kan bu’aa hin argamsiisiin marii nagaa Yukireen fi Rashiyaa adda durummaan gaggeessaniiru.

  19. Xiyyaarri waraanaa Kolombiyaa kufee namootni 66 du'an

    Xiyyaara waraanaa Kolombiyaa kufee caccabe

    Madda suuraa, Daniel Ortiz / AFP via Getty Image

    Xiyyarri humna waraanaa Kolombiyaa akkuma balalii eegaleen kufee caccabuusaatiin namootni 66 lubbuu dhaban. Hedduun ammoo miidhamaniiru jedhan aanga'oonni.

    Akka ajajaan humna qilleensaa biyyattii Kaarloos Fernaandoo Silvaa Reedaa jedhutti xiyyaara kufe keessa miseensota waraanichaa 114ttu ture. Hojjettootni xiyyaarichaa ammoo 11.

    Xiyyaarri kun C-130 Herkules kan jedhamu yoo ta'u, UStti hojjetame. Waraanichi miseensotasaa ittiin deddeebisuu itti fayyadama.

    Hojjettootni lubbuu baraarsaa iddoo xiyyaarichi itti kufe dhiyeenya magaalaa Puerto Leguízamo jedhamutti lubbuu oolchuuf tattaafachaa jiru. Maddi balaa kanaa qoratamaa jira.

  20. US karaa jaarsolii araaraa Iraaniif ergaa dhaamte

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaan karaa biyyoota jaarsummaan gidduu deemanii Iraaniif ergaa erguufi ergichi qaqqabuu miidiyaa US kan ta'e CBS News qondaala olaanaa ministeera dhimma alaa Iraan waabeffachuun gabaase.

    Tiraamp kaleessa Iran waliin guyyoota lamaaf marii gaggeessaa akka turaniifi torban kanas marichi akka itti fufu beeksisee ture.

    Dubbii Tiraamp hordofee Iraan marii homaatuu hin gaggeessine jechuun haaltee turte. Haa ta'u garuu, boodarra ergaan US irraa karaa biyyoota jaarsummaan gidduu deemanii ishee qaqqabuu mirkaneessuushee CBS News gabaase.

    Akka gabaasa kanaatti, Iraan ergaan US ishee qaqqabuu hordofee ilaalaa jirti.

    "Ergaan US karaa biyyoota jaarsummaan gidduu deemanii nu qaqqabeera...amma ilaalamaa jira," jechuun qondaalli Iraan ibsuu miidiyaan kun gabaase.

    Tiraamp kaleessa ibsa kenneen, Iraan waliin marii bu'a qabeessa gaggeessuu ibsuun qabxiilee 15 irratti walii galuus beeksise. "[Iraan] nagaa barbaaddi; waliigalteerra gahuuf carraa baay'ee gaarii ta'etu jira jedheen yaada," jechuun miidiyaaletti dubbate Tiraamp.

    USfi Iraan kallattiidhaan walitti dhufeenya dippilomaasii hin qaban. Karaa biyyoota kaanii wal-qunnamaafi waliin mariyataa turan.

    Marii amma jedhame kanarratti eenyu jaarsummaan akka isaan mariisise ifa ta'uu baatus, Paakistaan walitti isaan fiduuf fedhii agarsiiftee turte.

    Omaanis biyyoota lamaan yeroo garaa garaatti walitti fiduun mariisisaa turte. Osoo waraanni kun hin eegalin dura, Siwizarlaand magaalaa Jeneevitti biyyoota lamaan gidduu deemuun jaarsa araaraa taatee tajaajilaa turte.