Qabxiilee ijoo Tiraamp waa'ee waraana Iraan dubbatan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidant Tiraamp waa'ee waraanaa waan adeemaa jiruurratti waan haaraa dubbataniiru. Isaan keessaa:
- Bulchiinsi isaanii Iraan keessa ''namoota dhimmichi ilaallatu'' waliin dubbataa akka jiran dubbatan.
- Angawoonni Iraan ''waliigaltee raawwachuuf baay'ee barbaadu'' jedhan.
- Dabaluunis, Pirezidantiin I/Aanaa JD Vaans fi Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoo marii keessa qooda fudhataniiru jedhan.
- Aangawoonni Iraan meeshaa niwukilaraa qabaachuu akka hin barbaanne waliigalaniiru jedhaniis dubbatan. Yaada kana waraana durallee dubbatanii turan.
- Waraanni US fi Israa'el Iraan irratti gaggeessan ''jijjiirama sirnaa'' fideera jechuunis himan.
- Aangawoota Iraan mariirra jiran Yunaayitid Isteetif ''kennaa guddaa'' kennan jedhan. Kunis, boba'aa, gaaziifi Ulaa Hormuziin akka wal qabatu dubbatan. Dhimma kanarratti waan dabalataa hin dubbanne.
- Mariin nagaa kuni ni milkaa'aayii jedhamanii kan gaafataman Tiraamp, ''waraana kana injifanneerra'' jedhan.
- Ibsa waa'ee waraanaa kennan irratti dhimmi waraana bobbaasuu hin kaane.
















