Caccabaa misaayeloota Iraan, Weest Baanki, Israa'el keessatti

Caccabaa misaayela Iraan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Caccabaa misaayela Iraan
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Kuun isaanii hamma konkolaattota fe'iisaa xixiqqaa gahu, yeroo ji'a tokko ta'uuf guyyuma guyyaan lafarratti kukkufanii caccabaa turan, mooraa manneen barnootaa, daandiiwwanii fi tulluuwwan caccabaa meeshaalee waraana Baha Jiddugaleessaa guutanii jiru.

Israa'elii fi Weest Baanki qubsuma Israa'eliin dhuunfatame keessa caccabaan misaayeloota baalistikii Iraan kan sirna ittisa haleellaa qilleensaa Israa'eliin lafa dhahe lafa guutee mul'ata.

Magaalaa Paalestaayin Naablas keessatti mucayyoo lafaa dhufti caccabaa misaayelaa mukkeen ejersaa keessatti kufe waliin suura kaateerti.

Manneen barnootaa Israa'el, qubsuma Weesti Baank keessatti immoo ijoolleen sibiila guddaa misaayelaa dirree taphaa isaanii keessatti kufe koranii taphatu.

Israa'elii fi US waloon Iraanirratti erga lola bananii ji'a tokko guutufi. Aangawoonni Israa'elii fi Paalestaayin dhohuu danda'a ykn immoo summii qabaachuu mala jechuun lammiilee isaanii caccabaa misaayelootaa irraa akka fagaatan akeekkachiisaa turan.

"Ijatti yoo laalamu miidhaa waan qabu hin fakkaatu, garuu balaa dhoowuu qabaachuu mala, qaama namaa muruu danda'a" jedhu tajaajilli ambulaansii biyyaalessaa Israa'el Jimaata.

Caccabaa misaayela Iraan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Caccabaa misaayela Iraan
Qaama misaayela caccabee

Madda suuraa, Reuters

Caccabaa misaayelootaa magaalota Paalestaayin keessatti kukkufan

Weesti Baank keessatti yoo xiqqaate caccabaan misaayelaa 270 kufee argameera. Irraa caalaan naannawa Raamallaah, kuun Naablas, Beetaliheem, Hebroonii fi Salfiit keessatti kufuu himw Abbaan Taayitaa Ittisa Siviilii Paalestaayin.

Poolisii waliin ta'uun caccabaa misaayelootaa kana walitti qabee kaayaa akka jiru dubbii himmaan abbaa taayitaa kanaa Naa'el Azaa himeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yoo xinaate Paalestaayinoonni sadi caccabaa qaama misaayelaa kanneenii akka sibiilotaatti gatii gadi aanaan osoon gurguranuu qabaniiru, jedhan.

Jalqaba waraanaatii kaasee, Waraanni Israa'el sochii Weesti Baank keessaa ugguree ture. Yeruma kana keessa qubattoonni Jewish Weest Baanki keessatti Paalestaayinootarratti sarbama raawwachaa turan jedhu Azaan.

Sababa kanaan balaa misaayeloota waliin wal qabatee akeekkachiiisa kenname isaan dhaqqabuuf barfachuu himti Lahjat Hamaj,

Keessummaa naannawa Beetin, Ramallaah dhiyoo caccabaan misaayeloota itti kukkufetti hojjettoonni balaa hatattamaa dhaqqabuuf sa'aatii lama fa'i itti fudhataa ture jette.

"Caccabaan misaayelaa yoo kufu sagaleen dhagahamu guddaa fi guutuu magaalaatti kan dhagahamu" jetti.

Caccabaan misaayeloota tokko tokkoo hanga Meetira shanii (5m) ta'a

Iraan erga waraanaa kanaatii misaayeloota dhibbaan lakkaawaman gara Israa'el furgugsite. US fi Israa'el haleellaa hedduu raawwataniin qiyyaafannoo kumaatamaan lakkaawaman Iraan keessatti haleelan. Nama 3,300 fixan.

Misaayeloonni Iraan gara Israa'el furgugsite 90% sirna ittis qilleensaa qolatamuu Israa'el ibsite. Caccabaan misaayeloota kanneenii garuu qabeenya mancaaseera, namoota madeesseera, kaanis ajjeese

Misaayeloonni Iraani fi Libaanos irraa gara Israa'e' furgugsifaman Israa'el keessatti namoota 18 ajjeesuu tajaajilli ambulaansii Israa'el hime.

Dubartoonni Paalestaayin afur Weesti Baank keessatti ajjeefamaniiru kan jedhe immoo ministeera fayyaa Paalestaayini..

Israa'eloonni hedduun bakka dawoo misaayeloota jalaa itti dhokatan qabu. Paalestaayinoonni Weest Baank jiraatan garuu hin qaban.

Caccabaan qaama misaayelootaa Iraan gariin meetira afur hanga shanii dheerata.

Isaan kunneen misaayeloota Iraan Ghadr ykn Emad jedhaman ta'uu akka danda'an qondaalli waraanaa Israa'el tokko himeera.

Caccabaa misaayela Iraan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Caccabaa misaayela Iraan
Qaama misaayeloota caccabanii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Qaama misaayeloota caccabanii
Caccabaa misaayela Iraan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Caccabaa misaayela Iraan