Labsiin 'ijoo dubbii ta'e' paarlamaaan ragga'eefi naannoo Oromiyaa ilaallatu maal of keessaa qaba?

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaan Finfinnee teessoo mootummaa federaalaa Itoophiyaafi kan Naannoo Oromiyaatis
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaa yaa'ii idilee kaleessa A L I Bitootessa 24, 2018 taa'een wixinee Labsii Seera Adeemsa Yakkaa fi Seera Ragaa raggaasiseera.

Labsiin miseensota mana marichaan gaafiiwwan irratti ka'e kun, labsii seera adeemsa yakkaa waggoota 60 oliif hojiirra oole kan bakka bu'edha.

Haa ta'u malee labsii haaraa kana keessatti tumaan manneen murtii Oromiyaaf aangoo laate keewwatni 25 miseensota mana marichaarraa mormii keessummeesseera, gaafiiwwanis irratti ka'aniiru.

Dhaaba siyaasaa Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) bakka bu'uun miseensa mana marichaa kan ta'an Dr. Dassaalany Caannee, keeyyatichi sirna federaalizimiin kan wal hinsimne ta'uu kaasan.

Dabaluunis keeyyatichi manneen murtii magaalaa Finfinnee, kan federaalaafi naannoo Oromiyaa gidduutti walirra bu'iinsa aangoo kan uumu akka ta'e himan.

"Fakkeenyaaf dhimma tokko manneen murtii Oromiyaatimoo kan murteessan abbootii seeraa federaalaatimoo kan murteessan kan jedhu adda baasuun, qorannoo eenyu yaa taasisu kan jedhu falmii kan kaasu natti fakkaata" jedhan.

Kanaafis labsichi ragga'uu isaatiin dura Keewwatni 25/3 wixinee labsicha keessaa bahu akka qabu yookiin immoo keeyyaticharratti addatti sagaleen akka kennamu gaafatan.

Miseensi mana marichaa inni biraan Dr. Ababaawu Dassaalawu haala walfakkaatuun Keewwatni 25 gaaafii seeraafi siyaasaa kan kaasisu ta'uu kaasan.

Abukaatoofi Gorsaa Seeraa kan ta'an Goonfaa Atoomaa gama isaaniitiin tumaan labsichaa falmii kaase Keewwatni 25/3 "manneen hojii mootummaafi dhaabbileen mootummaa naannichaa qabeenyotafi sanadoota daddabarsa maallaqaa mootummaa naannichaan walqabatee yakkoota magaalaa Finfinnee keessatti raawwatamanirratti manneen murtii Oromiyaa aangoo abbaa seerummaa ni qabaatu" kan jedhu akka ta'e BBC'tti himan.

Dabaluunis "Mana maree bakka bu'oota ummataarratti akka calaqqisaa turanitti aangoo bal'aa manneen murtii Oromiyaatiif kan kenne haa fakkaatu malee qabatamatti seerichi manneen murtii Oromiyaa dhimma yakkaa akkamiirratti aangoo qabaatu kan jedhu murteessee (limit godhee), dhiphiseeti kan kenne" jedhan.

"Mirga heeraa (naannoo Oromiyaa) dhorkuu hindandeenyu"

Itti aanaa walitti qabaa koree dhaabbii dhimmoota seeraafi haqaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa kan ta'an Isaa Boruu, yaadafi gaafilee miseensota mana marichaarraa ka'aniif deebii yemmuu laatan, labsichi duudhaa federaalizimii waliin kan wal faallessu osoo hintaanee mirga ofiin of bulchuu waliin kan walqabatu ta'uu himan.

"Yakki kamiyyuu kan magaalaa Finfinnee keessatti raawwatame manneen murtii Oromiyaa ni ilaalu jechaa hinjiru. Kuni beekamuu qaba" jedhan.

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti dhaabbilee mootummaa naannoo Oromiyaa (yakka dhaabbilee keessatti raawwatame jechuudha), sanadootafi bajata naannichaarratti akka ta'e kaasan.

Yakkoota dhaabbilee keessatti raawwataman, yakkoota hoggantoonnifi hojjettoonni naannichaa gahee hojiisaaniin walqabatee magaalaa Finfinnee keessatti raawwatan qofa kan ilaalan ta'uu himan.

Walitti qabduun koree dhaabbii dhimmoota seeraafi haqaa mana marichaa Itsagannat Mangistuus, Keeyyatichi mirga heerri naannoo Oromiyaaf kenneen kan walqabatu akka ta'e kaasan.

Haaluma kanaanis "mirga heeraasaa (naannoo Oromiyaa) dhorkuu hindandeenyu. Kan jala muramuu qabu isa kana" jedhan.

Dabaluunis "dhaabbilensaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti waan argamaniif (kan naannoo Oromiyaa) sababni mirga kana dhorkuu dandeenyu gonkumaa hinjiru" jedhan.

Manneen murtii Oromiyaa dhimmoota naannicha ilaallatan irratti murtee abbaa seerummaa akka kennan kan dandeessisu ta'uu himaniiru.

Dhimma birmadummaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan naannoo Oromiyaa manneen hoii isaarratti birmadummaafi aangoo isa dhumaa akka qabu kan himan Ogeessi Seeraa Goonfaa Atoomaa, "Kanaan walqabateemmoo magaala Finfinnee keessatti mana murtii kana ilaalu qabaachuu gaafata" jedhan.

"Kana dura Mana Murtii Federaalaa yookiin immoo Poolisii Finfinnee, qaamota akkanaatiin akka nuuf ilaalaman jennee itti iyyachaa turre. Ofii keenyaa mootummaa taanee osoo jirruu mootummaa biraatiin dhimma keenya nuuf ilaali, dhimma keenyarratti aangoo abbaa seerummaa qabaadhuu nuuf qoradhu jennee kadhachaa turre.

Isumaanuu iddoo heyyamamaa itti hintaanefi kanaan walqabatee rakkooleen adda addaa uuamamaa jiran jiru" jedhan.

Labasiin haaraan ragga'es dantaa Mootummaa Naannoo Oromiyaan walqabatee yakka raawwatamu manneen murtii Oromiyaa yaa ilaalan kan jedhu malee dhimmoota yakkaa magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman hundarratti manneen murtii Oromiyaa aangoo abbaa seerummaa yaa qabaatan kan jedhu akka hintaanes himan.

Dabaluunis tumaan keewwata 25/3 jalatti tumame manneen murtii magaalaa Finfinnee, manneen murtii federaalaa fi manneen murtii Oromiyaa gidduutti walirra bu'iinsa aangoo kan hin uumne akka ta'es himaniiru.

Gama biraatiin Ministeerri Haqaa, adeemsi labsii haaraa kana qopheessuu waggoota 15 ol akka fudhate kan hime yemmuu ta'u, "mariin bal'aan erga irratti taasifamee booda akka ragga'e odeeffannoo marsariitii isaarratti baaseen ibseera.

Seerrii haaraan kun qorannoo yakkaa akkasumas sirna himataafi ragaa gara boqonnaa haaraatti kan ceesisu akka ta'es ibseera.