Furdinni garmalee maali, attamiin safarama?

Madda suuraa, Getty images
Namoonni umuriinsaanii gidduugaleessarratti argamuufi miliiyonaan lakkaa’aman akka furdina garmalee qaban dogongoraan akka amanan taasifmaniiru jedhe qorannoon biyya Xaaliyaaniitti gaggeeffame tokko.
Qorannichi kan irratti xiyyeeffate, ulfaatina namaa kallattii dheeriinaatiin osoo hin taane, amma cooma qaama namaa keessatti kuufameetiin ta’uu qaba jedhe.
Haalli safartuu ulfaatina garmalee amma baayina cooma qaama namaa keessarratti xiyyeeffate kunis, ulfaatiinaan eenyu akka miidhame kan ibsituu sirrii kennudha jedhu qorattoonni.
Wayita umuriin dabalutti maashaan hir’achaa, naannoo dugdaatti coomni kuufamulleen, yeroo baayyee ulfaatina irratti jijjiramni hin jiraatu.
Qoramaata kan ta’u meeshaa haala salphaatti furdina safaru argachuudha.
Malli idilee furdina namootaa safaruudhaaf ilaalamu, BMIn shallaguudhaan. Kunis ulfaatina nama tokkoo kiilogiraamaan safaramee, dheerinasaa kan kilograamaan safarametti hiruun, dheerina isaa meetiran waliin baayyiisuun kan safaramudha.
Kun yoo ilaalamuttis, fakkeenyaaf, dheerrinni nama tokkoo meetira 1.52 yoo ta’e, 1.52 waliin baayyisuudhaan meetira 2.31 ta’a. Itti aansuunis ulfaatinni nama kanaa kilograama 60 yoo ta’e, isaaf hirra. Kanaanis agarsiiftuun haala qaama nama kanaa (BMI)n isaa 25.96 ta’a jechuudha.
Haala kanaan ilaalamee:
- BMI 18.5- 25 ta’uun ulfaatin fayya qabeesa akka ta’e agarsiisa.
- BMI 25- 29 kan qabanis furdina barbaachisuun ol kan qaban jechuudha.
- BMI 30 fi isaa ol kann ta’an ammoo, furdina garlamee keessa jiru jechuudha.
Filannoo barbaacha
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kunis haala furdina qaamaa baruudhaaf mala saffisaafi salphaa ta’uu bira taree, kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin deeggaramedha.
Haata’u malee, shalgni kun bu’aa sirrii namoota baayyee beeksisulleen, garaagarummaa cooma, maashaafi lafee jidduutti argamu agarsiisuu hin dana’u.
Qorannoon konfaransiin Yunivarsitii Veergaataa Toor Roomitti argamuun durfamuun furdina Awurooppaa irratti gaggeeffameerratti kan dhiyaateefi namoota umuriinsaanii waggaa 40-80 jidduutti argaman 4,800 irratti gaggeeffame, filmaata gara biraa ittiin coomni qaama namaa parsantiidhaan ittiin ilaalamu dhiyeesseera.
Mala safartuu kanaatiinis, dhiiroota keessaa %38 fi dubartoota keessaa ammoo %41 kan ta’ana, kan BMI 30 ol qaban yoo ta’an, coomni qaamasaanii parsantaadhaan yoo shallaggamu %71 fi %64 ta’uu agarsiise.
‘‘Safartuu Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fayyadmuu yoo itti fufne, gaheessoonniifi jaarroolee baayyeen dhibeewwan akka sukkaaraa, dhibee onneefi gosawwan kaansarii tokko tokkoof saaxiamusaanii arguu dhiisuu dandeenya’’ jechuun ture qindeessaan qorannichaa, Pirofeessar Antooniinoo De Loreenzaan kan dubbatan.
Gara fuulduraatti BMIn 27 furdina galmalee adda baasuudhaaf faayidaarra oolfamuu qaba jedhan qorattoonni.
Piroofeessarri kunis itti dabaluudhaan, ‘‘safartuun BMI haaraa kanatti fayyadamuun furdina garmalee ittisuufi fayyaa namoota miiliyoonotaan lakkaa’amaniif faayidaa qaba’’ jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
‘Meeshaa furtuu’
Qorannoon kunis kanneen baroota darbe keessa BMI’f qabxii ku’umsaa (cut-off) kaa’an keessaati.
Haata’u malee, BMIn yeroo gabaabaa keessatti faayyidaan ala ta’a jedhamee yaadama.
Cooma qaama keessaa sirriitti safaruudhaan adeemsa taasifamu keessatti, baayyee mala rakasaati.
Bu’aasaa mirkanneessuuf biyyoota biraa keessatti qorannoo bal’aan akka barbaachisu amanu qorattoonni.
Qorannoon kunis, beektoota Xaaliyaanii naannoo tokko irratti argaman qofaarratti kan xiyyeeffatedha.
Tamsa’ina cooma qaama namaa keessatti argamu osoo hin taane kutaa qaamaa coomaan hojjatame qofaa parsanataadhaan kaa’e.
Namoonni tokko tokkos maaliif kaan caalaa furdinaaf akka saaxilamuu danda’an adda baasuudhaafis waa’ee soorata isaanii ykn muuxannoo sochii qaamaasaanii hin gaafanne.
Coomni qaamaa mataasaatiin safartuu sirrii ta’uufii dhiisuun ifa miti jedhameera.
Piroofeessarri Yunivarsitii Moodeenaa fi Reejiiyoo ta’aniifi qorannicha keessatti kan waloon hirmaatan, Maarwaan L Gooch, ‘‘furdiina nama kamuu irratti argamu adda baasuudhaaf meeshaa salphaa ta’e barbaadna’’ jedhan.
Pirofeessarri Yunivarsitii Gilaasgoo, Naaviid Saataar gamasaaniitiin, ‘‘furdina adda baasuudhaaf BMI ykn 27 hir’isuurra, namoota furdina garmalee qabaniif agarsiiftuu fi mallatton addaa caalaa odeeffannoo kan kennan ta’uu danda’u,’’ jedhan.












