Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kufaatii kileboota Piriimer Liigii fi taphoota Shaampiyoonsi Liigii haalan eegaman
Kileboonni Piriimer Liigii jaha wal faana yeroo jalqabaaf gara ramaddii kileboota 16 Shaampiyoonsi Liigiitti yeroo darban deeggartoonnii fi xiinxaltoonni kubba miilaa cimina Piriimer Liigiin qabu kaasuun dinqisiifataa turan.
Jaha keessaa shan sadarkaa 1-8 gidduu qabachuun darban. Gara nuusa xumuraatti darbuuf dorgommii godhameen garuu halkan lamatti kileboonni Ingilizii afur galchii hedduu irratti lakkaa'amuun mo'amuun dorgommicha keessaa kufan.
Arsenaalii fi Liiverpuul qofatu gara nuusa xumura Shaampiyoonsi Liigiitti darbe.
Humna maallaqaa fi jaallatamummaan Piriimer Liigiin Ingilizii dursa jedhamus haala hin eegamneen mo'aman.
Maanchister Siitii, Cheelsii, Niwkaasilii fi Tootenhaam fa'aa keessaa galan.
Kileboonni Ingilizii hundi morkattoota isaanii irratti galchii 18 qofa yoo lakkoofsisan isaan irratti ammoo waliigalaan galchiin 30 lakkaa'ameera.
Niwkaasil gara Baarseloonaatti yeroo imalu kileba humna maallaqaa guddaa qabu akka tahe ibsamuun ture. Baarseloonaan dhiyeenya kisaaraa keessa waan tureef baajataan wal hin madaalan.
Taphicha dursuun xiinxaltoonni gara Baarseloonaa kan deemtu yoo tahe kan haasa'u maallaqakee osoo hin taane dandeettii kubba miilaati jedhan.
Baarseloonaan hanga boqonnaa bahanitti 2-2 xumurus achii yoo deebi'an galchii 7-2'n taphicha mo'atee bahe. Waliigalaan 8-3.
Liiverpuul marsaa duraan mo'amee ture. Aanfiildi irratti Galatasaaree 4-0'n mo'achuun qabxicha garagalche. Waliigalaan 4-1.
Cheelsiin Shaampiyoonaa bara darbee PSG morkate. PSG waliigalaan galchii 8-2'n mo'ate.
Arsenaal bir-qabaan morkataa laafaatu isa mudate. Baayern Liiverkusan waliin jalqaba qixa xumurus dirree isaa irratti 2-0 mo'ate. Waliigalaan 3-1 injifatee darbe.
Morkii guddaan kan irratti mul'atee fi Gaardiyoolaaf gaabbii tahuu malu kan Maanchister Siitii fi Riyaal Maadrid walitti fidedha.
Yeroo hundaa waan haaraa qabadhee argama jechuun dhama'uun kan beekamu Gaardiyoolaan sababa filannoo taphattootaa fi akkaataa taphaa ykn taaktika filateen gatii baase jedhame.
Haa tahu malee, qabxii guddaan taphoonni Shaampiyoonsi Liigii dhufan akkamiin eegamu kan jedhudha.
Riyaal Maadrid v Baayern Muunik
Yeroo 15 shaampiyoonaa tahuun kan beekamu Riyaal Maadrid bara kana gahumsa addaa irratti kan argamu Baayern Muunikiin keessummeessa.
Taphni kun jalqaba Eebla 7 bara 2026 Saantiyaagoo Beernaabootti gaggeeffama.
Riyaal maadrid Zhaavii Aloonsoo gaggeessee taphataa isaa duraanii Erbeyoolaa jalatti bayyaannachaa jira.
Maanchister Siitii mo'atee kan darbe Maadrid garee Viseenti Koompaanii kan waliigalaan 10-1'n Alataantaa mo'ate waliin morkata.
Haarii keen taphataa Ingiliizii jalqabaa galchii Shaampiyoonsi Liigii 50 lakkoofsise taheera.
Luwis Diyaazii fi Maayik Ooliseen gahumsa ajaa'ibaa irra jiru. Jamaal Muusiyaalaan miidhama yeroo dheeraa irraa deebi'uun Muunikiif oduu gaariidha.
Kiliyaan Imbaappee Riyaal Maadridiif bara kana taphataa murteessaadha. Viinishiyesii fi Beeligihaamis akkasuma.
Garuu Maadrid irra deddeebiin miidhama taphattoota jajjaboon rakkataa ture. Karra eegaan isaa Tiiboo Koortohaan sababa miidhamaan hin taphatu.
Eebla 8 ammoo Arsenaal kileba Poorchugaal Ispoortiingi Liisban morkata. Arsenaal seenaa isaa keessatti waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'atee hin beeku. Arteettaan garuu waggoota sadiif walitti aansee nuusa xumuraaf darbeera.
Bara kana filannoo taphattootaa baay'ee an qabu Arsenaal bir-qabaan kileba liigii laafaa keessa taphatu waliin ramadame.
Taphataan isaa Viiktar Yookores kileba isaa duraanii carraa deebi'ee morkachuu argate.
Haalli itti Yookores kilebicha gadhiise gaarii tahuu baatus Arsenaal carraa walakkaa xumuraaf darbu guddaa qaba.
Taphni biraa hawwataan Liiverpuulii fi shaampiyoonaa bara darbee PSG gidduutti kan gaggeeffamudha.
Bara darbe PSGtu Liiverpuul mo'atee darbuun hanga dhumaatti milkaa'ee waancaa mo'ate.
Bara kana kileboonni lameenuu gahumsa bara darbee irra hin jiran. Garuu haalli PSG'n Cheelsii itti mo'atee darbe tilmaama Liiverpuulmo'ata jedhu akka argatu taasiseera.
Arnee Isloot barana rakkina hedduu garee isaanii keessaa qabu. Diyaaziin erga dhabanii taphataan akka isaatti kilebicha tajaajilu ammayyuu hin argamne.
Maallaqa guddaa baasuun Ekitiikee, Filooriyaan Wiirzii fi Isaak mallattesisanis Wiirz ammayyuu Piriimer Liigiitti haalaan hin madaqne. Isaak miidhamarra jira.
PSG ammoo taphattoota ciccimoo hedduu badhaasa Ballon d'Or keessattis sadarkaa gaariin xumuran hedduu qaba.
Luwis Eneriikeen bara kanas waancicha injifachuuf akka qophaa'an dubbataniiru.
Taphni biraan haalaan eegamu Baarseloonaa fi Atileetiikoo Maadrid gidduutti kan gaggeeffamudha.
Baarseloonaan Laaligaa dursaa jira. Atileetiikoon hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigiif yoo tahe malee waancaa Laaligaa irraa fagoo jira.
Baarseloonaan bara darbe carraa xumuraaf gauu xiqqumaaf dhabe. Bara kana kaayyoon keenya waancaa Shaampiyonsi Liigii mo'achuudha jedhan leenjisaan kilebichaa Haansii Filiik.
Atileetiikoon waancaa Kooppaa Del Rey irratti Baarseloonaa mo'atee darbeera.
Taphattoonni Baarseloonaa duubaa ka'anii qabxicha garagalchuuf yaalanii garuu hin milkoofne.
Kanaaf taphni kunis haalaan kan eegamu taha.
Rakkoon kileboota Piriimer Liigii maali?
Bara kana Piriimer Liigii keessa falaasamni taphaa akka haaraatti hojiirra oolaa jiru kubba dhaabbate darbachuun gara galchiitti jijjiiruuf yaaluu fi kubba dhaabbate fageenya irraa rukutuun galchiitti jijjiiruuf yaaluudha.
Kubba to'atanii taphachuu, waliif dabarsuu [passing] irraa gara suuta duubaan kubba qindeessanii taphachuutti ce'eera.
Akka ragaan OPta agarsiisutti, taphoota Piriimer Liigii 210 tahan irratti tapha tokko irratti gidduugaleessaan kubba 873.3 waliif dabarsuun taphataniiru.
Erga bara 2012-13 as kun rikardii isa gadi aanaadha. Yeroo sanayyuu kubba 868.7 tahu waliif dabarsaa turan.
Galchiiwwan 587 lakkoofsifaman keessaa galchii 166 tahu, koornaa, kubba dhaabbatee ruktamu ykn kubba sarara ala bahee harkaan darbatamuun gara galchiitti jijjiiramanidha.
Kun ammoo %28 galchiiwan lakkaa'amaniiti. Lakkoofsi kubba dheeraa harkaan darbachuuyyuu isa waggoota shanan darbanii irra dachaan dabaleera.
Bara kana qofa tapha tokko irratti gidduugaleessaan kubba dheeraan %3.97 tahu darbatamaa tureera.
Kun ammoo kilebooni Piriimer Liigii tapha teeknikaa caalaa humnaa fi jabina qaamaa akkasumas kallattumaan gara galchiitti jijjiiruuf yaaluu irratti xiyyeeffachuu agarsiisa.
Kileboonni Ingilizii taphattoota teeknika fi dandeettii addaa qaban caalaa kanneen qaamaan jaboo tahanii fi saffisa qaban irratti xiyyeeffachuun mallatteesisu.
Kun ammoo jedhe xiinxalaan kubba miilaa Irfaan jedhamu kileboonni morkattoota isaanii dandeettii tapha kubba miilaa cimaa fi teeknika qabaniif qophii gadi aanaa waan taasisaniif ofirraa ittisuu hin danda'an. Jifachuufillee ni rakkatu jedhe.
''Kileboonni akka Baayern Muunik warra humnaan taphatan miti. Humna fi jabina qaamaa qabu garuu taphattoota ciccimoo idil-addunyaas qabu. Isaan ammoo jifachuuf yeroo kamittiyyuu haala mijataa kan uumanii fi torban torbaniin dandeettii isaanii fooyyessatanidha.''
Itti dabaluun kileboonni Piriimer Liigii Ingilizii kanaaf hedduu akka rakkatan ibse.
Taphataan Kiristaal Paalaas duraanii Andiroos Toowsend '' akkan yaadutti taphoonni Shaampyoonsi Liigii deebisanii jifachuu irratti baay'ee xiyyeeffatu. Yoo dogogora xiqqoo tokko hojjette ykn kubba of harkaa baaste morkataan kee si adabuu isaati,'' jedhe.
''Kun kubba miilaa sadarkaa olaanaatti daawwatamudha. Inumaayyuu mo'amaa deemta. Piriimer Liigii keessatti of eeggannoon taphatama, taphattoonni gara ittisaa kubba qabatanii dabarsuuf yaalu. Saffisas hin qabu. Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii ammoo faallaa kanaati,'' jedhe.
Humni maallaqaa Piriimer Liigii liigota kaan baay'ee caala. Kana jechuun garee taphattootaa dorgommii adda addaaf hiriirsan baay'ee akka qabaataniif carraa isaaniif kenna.
Haa tahu malee, kileboonni Piriimer Liigii akkas tahee baay'ee miidhamaa jiru jechuun falaasama taphaa isaanii qeeqa.