Kaardii diimaa 23: Tapha kubbaa miilaamoo lola jechisiise

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Kubbaa miilaa keessa kaardiin diimaa tokkoon isaayyuu xiqqoo miti - haala taphaa, miiraafi morkiitti ibiddas, bishaanis naquu mala.

Taphataan tokko dirree keessaa yoo bahe garee isaa miidha, morkataa isaaf akka carraatti ilaalamuus malu.

Garuu taphattoonni 23 dirree keessaa kaardii diimaan yeroo ari'aman dhageessanii beektuu?

Taateen kuni biyya kubbaan beekamtu Biraazil keessatti mudate. Taphnimmoo kan kilaboota lama gidduutti taasifamedha.

Kan kaardii diimaa hammana kennisiise ka'umsi isaa kubbaadha. Ta'us, gara boodaa lola makatee poolisiinis gidduu seene.

Lolli kuni kilaboonni Biraazil lama Kiruzeeriwoo fi Atileetikoo waancaa liigii Campeonato Mineiro jedhamuuf yeroo wal morkatan mudate.

Liigiin kuni liigii biyyaalessaa Biraazil osoo hin taane shaampiyoonaa bulchiinsa Minas Gerais jedhamuuf taasifamedha.

Akka gabaasa Rooyitarsitti hokkarri kan ka'e Kiruzeeriwoon morkataa isaanii Atileetikoo Mineeriyoo 1fi 0n yeroo mo'atedha.

Ammoo walitti garagaluu kan eegalan gara daqiiqaa xumuraarrattidha.

Osoo kubbaa walirraa fudhachuuf yaalanii erga morkattoonni kilaboota lamaa walitti bu'an booda karri eegaa Atileetikoo, Everson jedhamu, morkataa isaa Kiristiyaan lafatti dhiibe.

Yeroos gareen Kiristiyaan walitti dhufanii Everson dura dhaabatan. Achii dubbiin hammaatee gareetti wal qoodan wal dura dhaabatan.

Tapha Belo Horizonteetti taphatame kana Kaayi Horheti galchii itti mo'an kan galche.

Leenjisaan Kiruzeeriwoo, Titeen, immoo kana dura leenjisaa garee biyyaalessaa Biraazilidha.

Kanaanis shaampiyoonaa bulchiinsa Minas Gerias ta'un milkaa'e. Kunis, erga bara 2019 yeroo duraatiifi.

Wanti ijoo addunyaa ta'e garuu mo'icha isaanii osoo hin taane waan dirree keessa mudatedha.

Taphattoota garee lamaa gidduu lolli yeroo ka'u miseensi humna nageenyaafi poolisii gidduu seenee gargar qabuuf yaalees ture.

Kan nama dhibu yeroo taphaa murteessaan taphichaa Maatewus Delgaado Kandaakaan kaardii diimaa hin agarsiisne.

Miidiyaan Biraazil Globo jedhamu akka gabaasetti, taphattoonni 23 boodarradha kaardii diimaan kan baafaman.

Sababnimmoo lolli ka'ee taphni waan dhaabbateef daanyaan yookiin murteessaan kaardii diimaa taphattootatti dirree keessa agarsiisu hin dandeenye.

Ta'us, taphattoonni adabbii jalaa hin baane. Taphattoonni 23 kaardii diimaan adabaman.

'Takkaa waan akkanaa argee hin beeku'

Kiruzeeriwoon karra eegaa isaa dabalatee taphattoota isaa 12 kaardii diimaan dhabe.

Taphattoota Atileetikoo keessaa kan kaardii diimaa argan immoo taphattoota 11 dha.

Kanneen keessaa taphataan duraanii Atileetikoo Maadiriid fi Nootingihaam Foorast, Renaan Lodi akkasumas Haalk keessa jiru.

Haalk tapha booda kuni ''baay'ee gaddisiisa'' jedhee dubbate.

''[Nama] gaddisiisa, hookkara hammana gahu takkaa kubbaa miilaa kamuu keessattu argee hin beeku,'' jedhe jifataan Atileetikoo, Haalk jedhamu.

Waan mudateefis dhiifama gaafachuu isaa miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Fakkeenya waan ta'u hin dalagne. Sababni isaas addunyaa guututti dubbii ijoo taane jedhe.

''Maqaa keenyaafi maqaa dhaabbata keenyaa tiksuu qabna,'' jechuun hime.

Leenjisaan Kiruzeeriwoo Titeen waan waancaa injifataniif deeggartoota galateeffate.

Atileetikoo fi Kiruzeeriwoon Seeriyaa Biraazil irratti walitti dhufanii wal hin moone.

Yeroo ammaas liigii Biraazil keessatti sadarkaa 17ffaa fi 19ffaa irratti argamus.