Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dorgommii waancaawwan afurii: Morkii Arsenaliifi Siitii
Kilaboonni Ingilaand lama waancaawwan afuriif morkachaa ji'a Bitootessaa yeroo gahan kun kan jalqabaati. Waancaa Piriimiyeer Liigii, FA, Carabaawoofi Shaampiyoonsi Liigiif morkatu.
Waancaawwan sadan kan biyya keessaa yoo ta'an, tokkommoo waancaa guddicha Awurooppaati.
Asenaaliifi Maanchister Siitiin waancaawwan afranuu injifachuuf hiiree qabu. waancaansaanii inni jalqabaa ammoo gara dhuma ji'a kanaatti harka garee lamaan keessaa isa tokkoo gaha.
Taphni xumuraa waancaa Karabawoo Bitootessa 22 Arsenaaliifi Maanchister Siitii gidduutti gaggeeffama.
Ramaddii mo'anii darbuu Waancaa Shaampiyoonsi Liigii torban darbe baheen ammoo gareeleen Piriimiyeer Liigii lamaan (Arsenaaliifi Maanchister Siitii) kan walitti dhufuu danda'an tapha xumuraa irratti ta'uu agarsiisa.
Amma dura gareen waancaawwan afur injifatee beeku tokko qofa. Innis bara 1966-67 kilaba Iskootaand kan ta'e Seeltiki.
Kilabootni kaan hangam takka waancaa afur injifachuutti dhiyaatanii turan?
Waancaa afur adamsanii lama injifachuu
Waayee waancaa afur injifachuutti dhiyaachuu yeroo haasofnu kilabootni dafanii sammuutti isin dhufan Maanchister Yunaayitidii Maanchister Siitii ta'uu maluu Yunaayitiid bara 1998-99, Maanchistar Siitiin ammoo bara 2022-23 waancaawwan sadii ijaa injifataniif itti dhiyaatanii turan jechuu dandeessu. Lakkoofsa waancaan yoo ilaalle dhugaadha.
Haata'u malee gareen lameenuu nuusa xumuraa irratti morkii Karabawoo kaappa keessaa bahan. Kanaaf hanga barri dorgommii xumuramuutti dhiyaatutti waancaa afuriif morkataa hin turre jechuudha.
Garuummoo kilabootni lamaan gareelee Ingilaand hanga ammaatti bara tokkotti waancaa sadii injifataniidha.
Seenaa as dhiyoo keessatti kilabni Ingilaand waancaa afur injifachuutti siiqee ture Liverpuuli. Bara 2021-22, Liiverpuul waancaa FA fi Karabaawoo erga injifatee booda morkii Piriimiyeer Liigii isa dhumaarrtti qabxii tokkon caalamee waancaa Piriimiyeer Liigii dhabe. Guyyaa jaha booda ammoo xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaarratti Riyaal Maadriidiin injifatameera.
Bara sana Chelsiinis akkasuma morkii waancaawwan afur mo'achuu keessa ture.
Chelsiin FA kaappiifi Karabawoo kaappi xumuraaf gahee lamaanuu Liiverpuuliin mo'atame. Gareen Tomaas Tuheliin leenji'aa ture kun Piriimiyeer Liigicha sadaffaa ta'ee xumure. Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa keessaas nuusa xumuraatti bahe.
Kunis waancaa afuriif morkattee tokkoyyuu osoo hin milkeessiin xumuruu akka dandeessu agarsiisa. Cheelsiin garuubara sana Suppar Kaappiifi Kilab Waarldi Kaappii injifachuun of jajjabeesseera.
Riikardii Liiverpuulitti dhiyaatu kan qabu gareen biraan ammas Chelsiidhuma bara 2006-07 waancaa Karabaawoofi FA injifatee Piriimiyeer Liigii ammoo lammaffaa ta'uun xumure. Shaampiyoonsi Liigiidhaanis hanga walakkaa xumuraa imalee ture.
Bara 2008-09 ammoo Maanchister Yunaayitiid waancaa PL fi Karabaawoo Kaappiis injifate, Shaampiyoonsi liigii xumuraaf gahee ture.
Bara 2018-19 ammoo Siitiin waancaa PL, FA fi Karabaawoo injifatee Shaampiyoonsi Liigii ammoo nuusa xumuraan injifatameera.