Huutiin imala doonii Galaanaa Diimaarraa kan danqu taanan diinagdeen addunyaa kasaaraa caalutti seena

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Iraaniin kan deeggaraman hidhattoonni Huutii torban afur waraanni Iraan deemaa ture rasaasa takkallee osoo hin dhukaasin turan.

Sochiin isaaniitiin magaalaa guddoo Yamanii fi kaaba biyyattii kan dhuunfatanii jiran hidhattoonni Huutii, waraanichi guyyaa ji'a tokko cufetti misaa'eloota gara Israa'el furgugsiisun waraana kanatti makamaniiru.

Huutiiwwan "iddoowwan ijoo waraana Israa'el irratti qiyyaafachuu" ibsan.

Balaan hidhattoonni kunneen misaayela dhukaasuun Israa'el irraan dhaqqabsiisuu danda'an kan Iraanii gadi akka ta'e beekamaadha.

Gareen kun haleellaa Onkololeessa 07, 2023 Haamaas irratti raawwate hordofee, waraana Gaazaa keessatti eegalame booda yeroo hedduu deeggarsa Haamaasiif qabu mul'isuuf Israa'elirratti haleellaa raawwachaa tureera.

Haleellaawwan sunneen - ji'ootuma muraasaaf ture. Miidhaan Israa'el irraa gahes xiqqaa dha.

Balaan guddaan hidhattoota Huutii handaara galaanaa Yamaniirratti.

Deeggarsa Haamaasiif qaban mul'isuuf Huutiiwwan Walakkeessa Yamanii fi Bahaa Afrikaatti dooniiwwan fiixee kibbaa Galaana Diimaa ulaa Baab Eel Mandab irraan dabran irratti qiyyaafachaa turaniiru.

Gochi isaanii kun ulaa daldalaa dooniiwwan hedduu deddeebi'an kan miidhee ture.

Gocha kana irra kan deebi'an taanan, diinagdee addunyaatiif balaa isa hamaa ta'a.

Cufamuu Ulaa Hormuuzitti dabalamee, ulaawwan bishaanii ijoo daldalaa fi boba'aa addunyaa lamaan cufamuu malu jechuu dha.

Huutiiwwan akkuma tana dura godhan, buufataalee boba'aa fi waraanaa biyyoota Galoo Galaanaa ollaa isaanii kanneen akka Saa'udi Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Emireetsi irratti xiyyeeffachuu danda'u.

Asiin dura Huutiiwwan gochawwan akkasii yeroo raawwatanitti US fi Israa'elirraa haleellaa qilleensaa muddaatu hoggansaa fi humna waraanaa isaaniirratti raawwatame.

Huutiiwwan garuu damdamatanii cehaniiru. Gaaffiin ijoon sochii kanaaf qophii hagamii qabu kan jedhudha.

Wayita deeggarsa Haamaasii fi Paalestaayiniif haleellaa raawwatanitti keessaa fi alaa (naannichaa) jajamaa turan.

Deeggarsa Iraaniif tarkaanfii wal fakkaataa fudhachuun garuu ija addaan ilaalamuu danda'a.

Waraana fi jeequmsa waggootaa booda yeroo murtaayef tasgabbii kan horattee jirtu dhimmi Yaman mataan isaas ni jira.

Waraana Ameerikaa fi Israa'el erga tokko itti hirmaachaa jiranitti Iraan tumsuuf seenuun walitti bu'iinsa keessoo Yaman keessatti dhoosuu mala.

Yoo Huutiiwwan itti fufuun-haleellaa isaanii jabeessan muddama dabaluu fi waraanicha babal'isuu danda'a kan jedhu shakkiin xiqqoon ni jira.