Abdiin marii Ameerikaafi Iraan Netaaniyaahuu yaaddessaa?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dhimmi marii US fi Iraan ammayyuu ifaa miti. Diinoti ijoo lamaan Israa'eliifi Iraan wal haleeluu itti fufanii jiru.

Iraan eda galgala misaayelota baayyee gara kibbaafi kaaba Israa'elitti dhukaasaa turte. Israa'elis gaafa Wiixataa wiirtuulee ajajaa Eegduu Biyyaalessaa Iraanii fi Ministeera Basaasaa haleeluu himteetti.

Teel Aviiv keeessa haleellaa Iraaniin manneen mamanca'an ni mul'atu. Namoonni ja'a madaa'uunis himameera.

Kaayyoon Tiraamp Iraan waliin marii haaraa barbaaduun ammallee dubbii mirkana hin arganneefi kanaan dura Waayit Haawus tarkaanfii waraanaa fudhachuuf mala itti fayyadame fakkaata.

Yeroo ammaa kana loltoonni humna galaanaa Ameerikaa kumaatamaan lakkaa'aman gara Baha Gidduugalaatti ergamaa jiru.

Tahus warra Israa'eliif Ameerikaan marii akka barbaaddu akeekuuniyyuu pireezidantichi waraana keessaa bahuuf karaa barbaaddataa akka jiru agarsiisa, haala kanaan kaayyoon Israa'eliifi michuu ishee guddoo gargara deemaa jira jechuu dha.

Qondaalli tikaa Israa'el duraanii Mikaa'el Miilistan Ministarri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu ''waliigaltee hin barbaadu,'' jedhe.

''Ejjennoo Tiraampiifi Netaaniyaahuu gidduu wal faallessuun jira,'' jechuun BBCtti hime.

''Netaaniyaahuun waraana kana itti fufuu barbaada. Wraanni kuni jiraachuu Israa'eliif warreen yaaddoo tahan ni dhaaba jedhee yaada.

Iraan keessatti mootummaa geeddaruus barbaada. Yeroo ammaa kana waan abdatameefi lafarratti raawwataa jiru gidduu garaagarummaatu jira,''

Tiraamp karaatti waraana kana keessaa bahan yoo argate, Netaaniyaahuun haala hin taane keessatti of arga jedhe.

''Sababiinsaas yoo mariin jiraate waraana jabeessuu hin danda'u Donaaldiin ammoo ''waraan kana si malee ittaan fufaa,'' jechuus hin danda'u. Waan dhufu fudhachuu akka qabu beeka jedhe.

Haa tahu malee Netaaniyaahuun erga lammiilee Israa'el yaaddoo hatattaamaa Iraaniifi hidhattoota biyyattiin deeggartu irraa dhufu nan dhaaba erga jedhee booda sagalee kennitoota akka isa filatan amansiisuun akkaan isa rakkisa jedha Mikaa'el.

''Lammiileen Israa'el waraanni kuni akka dhaabbatu barbaadu. Waan nuti hubannu waraanichi kan dhaabbatu mootummaa Iraan mo'achuudhaani, dhimmi kuni deebi'ee dhufee akka nu gaadu hin barbaannu,'' jedha Daan Ilooz miseensi paartii Netaaniyaahuu Likuud jedhamuu.

''Imaammata achumatti to'achuu fayyadamnee Hamaas irratti hin hojjenne Onkololeessa 7 irratti deebi'ee dhufe, kuni akka irra deebi'amu hin barbaannu,'' jedhe.

Netaaniyaahuun gaafa Wiixataa Tiraamp waliin dubbachuun booda Israa'el Iraaniifi Libaanoon haleeluu akka itti fuftu himuun ''fedhii murteessaa Israa'el haala kam keessattiyyuu ni eegna,'' jedhe.

Minisitarri Hajaa Alaa Israa'el, Israa'el Kaatz humnooti Israa'el kibba Libaanos naannoo laga Litaanitti zoonii nageenyaa ijaaruun hamma lammiileen Israa'el nageenyi isaanii eegamutti jiraattoonni Libaanos achi seenuu hin danda'an jedhe.

Iraan waliin waliigalteen raawwatullee Israa'el duula haleellaa Hezboollaa irratti taasiftu bal'inaan itti fufti jedhamee yaadama.

Institiyuutiin Qorannoo Nageenya Biyyaalessa Teel Aviiv jirutti xiinxalaa kan tahe Daanii Sitiirinoowzkii fedhiin Israa'eliifi Iraan gidduu jiru guddaa waan taheef walitti isaan fiduun ulfaataa dha jedha.

''Gama warra Iraaniin yoo ilaalte mo'amaa waan hin jirreef wabiifi beenyaa gaafachuu danda'u,'' jedha. ''Gama biraan ammoo Tiraamp jalqabumaa Iraan ulaagaalee gaafatamte ni guutti,'' kan jedhu dha.

Waliigalteen akka jiraatu Tiraamppfi Netaaniyaahuun mootummaa geeddaruu ykn fedhii isaanii jalqabaa dhiisuutu irra jiraata.

''Mootummaan Iraan harka hin kennu- waan waraana dura Ameerikaaf hin kennine, amma hin kennan,'' jedhe. Diinagdee addunyaa kokkeetti qabatu- Ulaan Hormuuz daandii boba'aa akkaam ko'omu Iraan cuftee jirti- kanaanis marii keessatti dhiibbaa caalmaa ni qabaatu,'' jedhe.

Tiraamp Iraan Ulaa Hormuuz akka bantu daangaa yeroo ka'ee ture dheeressuun isaa ammoo ittuu ofitti amanumummaa kennaafi.

Iraan bu'uuraalee aannisaa US waliin hidhata qaban kan Baha Gidduugalaa keessa jiran na haleela jennaan Tiraamp daangaa yeroo kaa'ee ture kaase.

Tiraamp Ameerikaan marii marsaa biraa barbaaddi jedhee akeekuun waan inni kasaaru muraasa dha. Gabaa boba'aa tasgabbeessuu, hogganoota Iraan gidduu wal qoodinsi akka jiraatu gochuu, tarkaanfii waraanaa biraaf yeroo bitachuu fa'i dha kan gochuu dandeessu.

Waraanni kuni harka kennuufi lola hammeessuu gidduu jira, qaamoti wal lolan lamaan dadhabbii waan diinni isaanii barbaadu kennuuf isaan godhurra hin geenye.