Biyyoota Galoo Galaanaa maaltu haaloo bahuuf isaan kakaasuu danda'a?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Iraan waraana US fi Israa'el waliin itti jirtu wajjin walqabasiiftee biyyoota galoo galaanaa misaayelaan haleeluu itti fufteetti.

Israa'el iddoo kuusaa gaazii Iraan addunyarratti isa guddaa ta'e haleeluu booda Kamisa darbe Iraan buufata boba'aa Kataar Ras Laffan jedhamu haleelte.

Ergasii irra deddeebiin haleellaan irra gahus Kataaris ta'e biyyootni Galoo Galaanaa Iraaniin haaloo bahuu hin filanne.

Maaliif haleellaa haaloo bahuurraa of qusachaa jiru? Yoo maal ta'e ammoo tarkaanfii fudhachuutti ce'u?

Saaxilamummaa olaanaa

US fi Isra'eel waliin ta'uun Iraanirratti guyyaa haleellaa raawwattan Guraandhala 28 irraa eegalee Tehraan deebii kannuu atattamaan eegalte, Israa'eliin qofa osoo hin taane biyyoota Galoo Galaanaa michoota US ta'an irrattis xiyyeeffatte.

Bahireen, Kataar, Saawdii Arabiyaa, Kuweet, Omaaniifi Yunaayitiid Arab Eemireets warreen Iraan irra deddeebiin haleeltudha.

Iraan buufataalee waraanaa US biyyoota Galoo Galaanaatii qabdu yoo haleeltu, bu'uraalee misoomaa kan waraanaa hin taane kan akka buufata xiyyaaraa, hoteelota, iddoowwan jireenyaa fi buufataalee boba'aas rukuteetti.

Hanga ammaatti garuu biyyootni galoo galaanaa Iraan irratti ofiin haleellaa hin raawwanne. Waraanicha keessattis kallattiin hin hirmaanne.

Gidduugala Imaammataa Idila addunyaa biyya US jirutti qorataa kan ta'an Sinaa Toosii ''gama saaniin waraanichi kansaanii miti. Haaloo bahuun ammoo qaama sadaffaa gidduutti miidhamu ta'uurraa gara qaama kallattiin irratti xiyyeeffatamu ta'uuttis isaan ceesisa. Ammayyuu kan argatanirra wanta dhabantu caala'' jedhu.

Murteen of qusachuu kun kan maddu xiixnala saaxilamummaa, herreega tarsiimoofi balaa xiqqaa qaburratti hundaa'uun ta'uus dubbatu.

Akka ogeessi kun jedhanitti diinagdeen biyyoota Galoo Galaanaa bu'uura misooma boba'aarratti xiyyeeffata. Boba'aa daddabarsuufi abbootii qabeenyaa hawwachuurratti. Iraan ammoo buufatalee kana mancaasuu akka dandeessu agarsiifteetti jedhu.

Iraan Galoo Galaanaa Parshiyaafi ulaa Hormuuz akka ulaa dinagdee addunyaa gochuun fayyadamti jedhu ogeessi kun. Dhiibbaa uumuufis itti fayyadamti.

Bulchiinsa Tiraamp marroo jalqabaatti Peentaagoon keessaa aangoo qabaachaa kan tureefi amma dhaabbata Trends Research & Advisory jedhamu kan qabu Bilaal Saab ammoo warri galoo galaanaa haaloo bahuu didanii akkanumatti yoo itti fufan Iraan ofii osoo guddoo hin miidhamiin miidhaa guddaa geessisuu akka dandeessu hayyamaa jiru jedha.

''Kaayyoon haleellaa haaloo bahuu yeroo gabaabaa keessatti Iraan haleellaa raawwachuu akka dhaabdu, yeroo dheeraa keessammoo weerara Iraanirraa aggaamamuuf deebii kennuuf gargaara'' jedhu Bilaal.

Dabaluunis biyyootni Galoo Galaanaa haleellaa haaloo bahuu raawwachuun isaanii waraanicharratti jijjiirama olaanaa hin fidu jedhu.

King's College London keessatti barsiisaa tasgabbii idila addunyaa kan ta'an Rob Geist Pinfold gama isaaniin biyyootni Galoo Galaanaa Israa'el duukaa hiriiruun kaayyoo Tel Aviiv naannichaa qabdu waliin fudhachuurratti rakkachaa jiruu jedhu.

''Israa'eltu USn gara waraana kanaatti galche ilaalchi jedhu jira.''

Yaadannoo bara 2003

Pinfold hogganootni biyyoota Galoo Galaanaa hedduun ammayyuu waayee daafoo waraana Iraaq USn durfamee yaaduu jedha.

Bara 2003 US Iraaqiin weerartee bulchiinsa Saadaam Huseeniin saffisaan aangoorraa buqqifte. Wanti itti aanee mudate garuu qaawwa aangoo uume. Kunis sochii hidhattootaa, gosummaa fi tasgabbii dhabuu Iraaqiifi naannichaa uume.

''Afuurri Ekeraa bara 2003 ammayyuu marsaa jira,'' jedhu Pinfold.

Haalli amma jiru tasgabbii dhabuuf hokkara uuma sodaa jedhu qabuu jedhu ogeessi kun.

''US duula dhumnisaa hin beekamne fi galma ifa ta'e hin qabne gaggeessaa jirti '' jedhanii amanuus jedhan. Kunis naannicha jeeqamsuatti galchee biraa deebi'aa jedhan.

Biyyoota Galoo Galaanaa kana bira waayee waraana US fi Israa'el kana gammachuun jiraachuu baatus, nageenya isaaniif jedhanii garuu biyyoota lamaanirratti akka malee hirkatu.

Buufataalee waraanaa kennuuf loltootasaaniif dahoo kennu. Biyyootni Galoo Galaanaa hedduun odeeffannoo tikaa fi sirna ittisaa qilleensaa UStti hirkatanii jiru.

Ejjennoo US gama siyaasaan jiru, gama duula raawwachuufi waraanaan jirurratti gaaffii qabaatanis hariiroon biyyattii waliin qaban garuu qoramee jabaa ta'uu mrikaneesseera jedhu Pinfold.

Ji'a darbe erga haleellaa raawwattee booda ergama Iraanirratti qabatte jijjiirteetti, humna waraana nikuleeraa biyyattii mancaasuurraa hanga bulchiinsa biyyattii diiguutti.

Biyyootni Galoo Galaanaa garuu ammallee dippiloomasiin qofa falli akka dhufu amanu jedhu Pinfold.

Jijjiiramuu naannichaa

Iraan biyyoota naannichaa hunda hin haleelle. Biyyoota hariiroo gaarii waliin qabduufi qabaachaa itti fufuu barbaaddu qabdi.

UAEn biyya waraana kana keessa Iraaniin hedduu haleelamteedha.

Biyyii kuniifi Baahireen bara 2020 keessa hariiroo Israa'el waliin qaban gaarii gochuuf walta'an.

Gama kaaniin Omaan yeroo dheeraaf biyyoota Lixaa fi Iraan gidduutti jaarsa ta'uun hojjechaa turte hedduu hin haleelamne.

Omaan biyya galoo galaanaa takkittii Hogganaa Olaanaa Mojtaabaa Kaameniin baga gammadde jettedha jedhu Pinfold.

Gidduugala Qo'annoo Imaammata Uummataa Dubaayitti Daayireekatara Olaanaa kana ta'e Mohaammad Baharoon ammoo Iraan biyyoota galoo galaanaa gara ''qindoomina isheerratti duulaa jiruutti akka makaman dhiibaa jirti'' jedha.

''Biyyoota galoo galaanaa haleeluun, diinotashee akka ta'an, waraana guddaa eenyuyyuu hin feene uumaa jirti'' jedha.

Ministiroonni Haajaa Alaa biyyoota Galoo Galaanaa walgahii Saawdiitti gaggeessaniin hiree ofirraa qolachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Akka haaloo bahan maaltu kakaasuu danda'a?

Biyyootni Galoo Galaanaa ammatti of qusachaa jiraatanis haalli siyaasaa saffisaan jijjiiramuu danda'aa jedhu xiinxalaan biyya UK Hellyer. Keessumaa bu'uuraalee boba'aa mancaasaa itti fufuun sababa akka ta'u dubbate.

Wanti guddaan obsa biyyoota kanaa qoree yaada jijjiirsisuu danda'u haleellaa bu'uuraalee boba'aarratti raawwatudha jedha.

Inni biraan ammoo hidhattootni michuu Iraan biyyoota kanarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwataniidha.

''Huutiin yoo isaan haleele...sun adda waraanaa haaraa ta'a'' jedha Pinfold.

Yeroo kun ta'u biyyootni galoo galaanaa waraanichi kan US fi Israa'el qofa jedhanii yaaduu dhiisanii kansaanii akka ta'ettis amanu jedha.

Ammatti biyyootni Galoo Galaanaa haaloo bahuu haa baataniyyuu malee tarsiimoon ''Iraan akka malee balaa guddaa baata'' jedha Pinfold.

''Warri Iraan riqicha warra Galoo Galaanaa waliin qaban mara gubaa jiru, kunis hangam takka waraanicha akka dhimma jiraachuu godhanii akka fudhatan si agarsiisa''

Hellyer gama isaan tarsiimoon Iraan warri galoo galaanaa US irratti dhiibbaa akka cimsan hordofaa jirtu ofumasheetti galagalee balaa uumuu danda'aa jedha.

Biyyootni galoo galaanaa keessumaa iddoowwan tajaajila uummataaf oolan irratti haleellaan raawwatu yeroo hin murtoofneef akka itti fufu hin hayyaman jedha.

''Hammamiyyuu karoora US fi Israa'el yoo jaallachuu baatan balaa Iraanirraa irratti aggaamame kanatti xumura gochuuf US duukaa hiriiranii dafanii xumura itti gochuu ni yaadu'' jedhu.