Qorichi rakasaa Hindii ulfaatina hir'isu furdina gara malee addunyaaf fala tahaa?

Nama ilmee waraannataa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Hindiin yeroo dhihootti qal'achuuf jirti - qabatamaan tahuu baatus yaad-rimeedhaan.

Jimaata 20/2026 eeyyamni dhaabbata Deenmaark qoricha ulfaatina hir'isu Wegooviifi Ozeempiik oomishu hin haaromsamuufi.

Kunis dhaaboti Hindii qoricha ulfaatina hir'isu oomishanii gatii gad-aanaafi saffisaan akka biyya keessatti gurguraniifi boodarras biyyoota alaatti akka ergan isaaniif eeyyama.

Baankiin Invastimantii Jeefriis jedhamu kuni yeroo ''kiniiniin dinqii'' Hindii itti argame tahuu mala jedhe.

Dhaabbatichi kana kan jedhe qorichi seemaagiluutaayiid ulfaatina hir'isuuf fayyadu gabaa biyya keessaan doolaara biiliyoona tokko gaha jedhee waan tilmaameefi.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti gosti seemaagiluutaayiid 50 tahu ji'oota muraasa keessatti gabaatti raabsama.

Sooreesota Hindiitu qorichoota gabaa qoricha ulfaatina hir'isuu qabatee jira.

Gabaan qorichaa Hindii yeroo ammaa kana doolaara biiliyoona 60 kan baasu yoo tahu bara 2030tti dachaan dabala jedhamee eegama.

Qorichi amma Hindiin ofiin oomishuuf jettu kuni jalqaba dhukkuba sukkaaraa yaaluuf tolfame. Yeroo ammaa kana qorichi kuni ulfaatina hir'isuuf yaaliiwwan kanaan dura milkaa'an waliin qixxeetti ilaalamaa jira.

Qorichi seemaagiluutaayid jedhamu kuni gosoota qorichaa GLP-1 jedhaman keessatti kan ramadamu yoo tahu hormoonii qaama keenyaa fedhii nyaataafi sukkaara dhiiga keessaa to'atu fakkeessuun hojjeta.

Gad lakkifamuu insuuliinii qaama keenya keessaa fooyyeessuun akkasumas garaa keenya suuta suutaan qullaa godha.

Namoonni qoricha kana fudhatan dafanii quufuu dabalataan, otoo hin beela'iin turu. Jalqaba dhukkuba sukkaaraaf kan tolfame yoo tahu boodarra dawaa ulfaatina hir'isuuf akkaan barbaadamu taheera.

Gosa qorichaa tarreefamee jiru

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo ammaa kana yaaliin qoricha kanaa ji'atti doolaara 36-173 baasa. Gatiin gad bu'uun gabaa qoricha Hindii ni jijjiira jedhanii amanu daldala qorichaa kanarratti kanneen hirmaatan.

Hindii keessatti dawaan farra furdinaa limmeefi qoricha afaaniin fudhatamuun kan kennamu yoo tahu gabaan dawaa kanaa isa bara 2021 doolaara miiliyoona 16 irraa gara doolaara miiliyooan 100tti guddateera.

Fedhiin kuni kan dabale yeroo qorichi inni afaaniin fudhatamu Raaybeelsas jedhamu bara 2022 hojjetamu fedhiin akkaan dabaleera.

Haalli kuni gama fayyaan jijjiiramni guddaan akka jiru agarsiisa.

Dura namni garaan okkotee akka kabajaatti kan ilaalamu tahus amma garuu dhukkuba callisaan nama ajjeesu taheera.

Hindii keessa namoonni miiliyoona 77 tahan dhukkuba sukkaaraa type-2 jedhamu qabu. Kunis akka addunyaatti lakkoofsa ga'eessota akka malee furdatani isa guddaa dha.

Jireenya magaalaa, kaarbohaayidireetii baayyee nyaachuu akkasumas yeroo dheeraa iddoo tokko taa'anii hojjechuun fa'a sababa furdina gara malee kanaati.

Kana fayyisuuf gosti qorichaa GLP-1 kuni waan haaraa humna guddaa qabu dha jedhu hakiimonni.

Qorichi ulfaatina hir'isu kana hakiimonni namoota dhukkuba onnee qaban furdina hamma tahe akka hir'isaniif itti gargaaramu, warri jilba yaalan ammoo baqaqsanii yaaluu hojjechuun dura jajjabaachuu buusa laaffisuuf itti fayyadamu.

Mufaazaal Laakdaawaalaa hakiima baqaqsanii hodhuu Mubaayi jiraatu yoo tahu dhukkuba sukkaaraafi furdina gara malee yaaluu akkaa fooyyeessa jedhe.

Hamma yeroo dhihootti qorichoota kana argachuun akkaan mi'aawaa ture jedha.

''Uummanni Hindii ulfaatina gara maleefi dhukkuba sukkaaraa rakkatuuf gatiin gad bu'uun uummanni bal'inaan akka fayyadamu godha,'' jedhe.

Tahus ''qulqulliinii qorichoota asitti oomishamanii sirriitti to'atamuu qaba,'' jedhe.

Qorannoo dhukkuba sukkaaraa

Madda suuraa, Prashanth Vishwanathan/Bloomberg via Getty Images

Hindiin dhiyeessii qoricha gatii salphaa dhiyeessuun akka addunyaatti dursaa kan jirtu yoo tahu gosoota qorichaa 60,000 kan oomishtu yoo tahu kuni dhiyeeessii addunyaarraa dhibbeentaa 20 qabata.

Qoricha oomishuuf akkaan mi'aa tahe akka gatii salphaan gurguramuu gochuun oomishuun Hindiin ''faarmaasii addunyaa'' jedhamuun beekamti.

Kanaaf fakkeenyi guddaan waan waggaa 20 dura tahe dha. Kunis qoricha farra HIV oomishuun qorichi kuni Afrikaafi addunyaa akka waliin gahu taeera.

Yeroo ammaa Hindiin biyyoota 200 ol tahaniif qoricha dhiyeessiti. Kana keessaa Afrikaan qoricha gatii salphaa walakkaa ol fudhatti, qorichi gosa kanaa dhibbentaa 40 ammoo Ameerikaatu fudhata. Kan nuusa tahu ammoo UKtti faayidaarra oola.

Hogganan Gumii Al-ergii Qorichaa Hindii Naamiit Joshii, ''humni qoricha ulfaaatina hir'isuu Hindii alatti erguu akkaan guddaa dha,'' jedha. ''Gabaa Ameerikaa irraa qofa waggaa muraasa keessatti doolaarri biiliyoona 10 argamuu danda'a,'' jedha.

Hakiimonni garuu dubbiin kuni ammallee of eeggannoon ilaalamuu qaba jedhu.

Qorichi GLP-1 jedhamu kuni dhimma balaa cinaarraa bilisa tahe akka hin taane himu. Hoqqisaafi rakkoo nyaatni daakamuu dabalatee hordofsiisuu danda'a. Saffisaan ulfaatina hir'isuun yoo pirootiniin hin fudhatamne maashaa laaffisuu danda'a jedhu.

Yeroo gatiin gad bu'u akka malee fayyadamuunis dhufuu danda'a kan jedhu fa'a akeekkachisuu hakiimonni.

Namoonni jiimii keessatti leenjii kennan qorichi kuni saffisaan akka ulfaatina hir'isuttii lallabu. Namoonni cidha isaaniif yeroo muraasni hafu fa'i qoricha kana fudhatu kuni ammoo rakkoo akka malee fayydamuu fiduu mala.

Kanaaf qorichi duraan gatii guddaan bitamaa ture amma dhimma haara galfii fiduu danda'u tahus garuu namoonni haala jireenya isaanii fooyyeeffachuu biratti qoricha akka fudhatan gorsu.