Iraan maaliif Omaan haleelurraa of qusatte?

Madda suuraa, AP

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbaa Araghchi fi gita isaa Omaan Sayyid Badir Albusa'idi
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Biyyoonni miseensa Mana Maree Tumsa Galoo Galaanaa irra caalaan isaanii waraana Ameerikaa fi Israa'el, Iraan irratti taasisan hordofee, tarkaanfii haaloo ba'uu Iraan irratti fudhatteen doorsisaa turan.

Omaan garuu ejjennoo cimaa biyyootni galoo galaanaa kaan fudhatan irraa adda taatee mul'atte.

Biyyi yeroo dheeraaf Ameerikaa fi Iraan gidduutti jaarsumman ykn gidduu seenuun ga'ee taphachaa turte kun yeroo waraanaa illee giddu galeessa ta'uu ishee itti fuftee jirti.

Biyyoonni Galoo Galaanaa biroo Iraan irratti ejjennoo cimaa fi sodaachisaa kan fudhatan yoo ta'u, imaamtni alaa Omaan ''hundumaa waliin michummaa uumuu ykn diinummaa uumurraa of qusachuu" jedhutti cimtee jirti.

Ejjennoon kun Omaan duula Ameerikaa fi Israa'el gaggeessan qeequudhaan, ''waraana seeraan alaa'' jechuun ibsuu fi hatattamaan akka xumuramu gaafachuuf biyya Galoo Galaanaa keessaa sagalee guddaa qabdu akka taatu ishee taasiseera.

Akkasumas, Omaan Mana Maree Tumsa Galoo Galaanaa keessatti biyya waraana kana irratti akka hin hirmaanne ifatti ibsite qofa taate.

Sababa kanaaf, Omaan naannoo Galoo Galaanaa keessatti hariiroo dippilomaasii amanamaa isa dhumaa Iraan waliin dhukaasa dhaabuu galmaan ga'attee jirti.

Waraana kanarratti ejjennoon Omaan maali?

Marii Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifamu keessatti mariisiftuu ijoo kan turte Omaan haleellaa Ameerikaa fi Israa'el Gurraandhala 28 raawwatan booda haleellaa guddaan irra ga'ee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaan Iraan irratti banamuuguyyaa tokko dura Ministirri Dhimma Alaa Omaan Badir al-Busa'idi itti aanaa pirezidaantii Ameerikaa JD Vaansii waliin Waashingitanitti marii taasisaniin waliigalteen nagaa ''dhiyaachaa jira'' jedhanii ture.

Busa'idi haleellaa kana booda mufannaa akka qaban ibsuun, ''mariin dhugaa fi fudhatama qabu cabeera '' jechuun Ameerikaadhan "kun waraana keessan miti."jedhan.

Omaan guyyaa waraanni kun guyyaa jalqabaa irraa kaasee eegaaleee ejjennoo kana qabattee jirti. Ollaan ishee Galoo Galaanaa kan haleellaa Iraan balaaleffatan irraa haala adda ta'ee Omaan hojii waraanaa Ameerikaa fi Israa'el qeeqxeetti.

Haleellaan Iraan daangaa ishee keessatti raawwatamus ejjennoo Omaan hin jijjiiramne. Haleellaa kana haala baayyee of eeggannoo qabu fayyadamuun balaaleffatteetti, garuu kallattiin Iraan maqaa dhahuu ykn komachuu irraa of qusatte.

Haa ta'u malee, haleellaa buufata boba'aa Kibba Paarsi Iraan Bitootessa 18 irratti raawwatame hordofuun bakka Iraan irratti xiyyeeffattuu ilaalchisee ifatti balaaleffatterti.

Omaan Ameerikaa fi Israa'el akkamiin ilaalti?

Madda suuraa, Getty Images

Omaan waraana deemaa jiru akka "seeraan alaatti'' ilaalti. Ministirri Dhimma Alaa Omaan Badir al-Busa'idi, barruu 'The Economist'' jedhamu irratti Bitootessa 18 baaseen, "humni guddaan kun imaammata alaa isaa to'achuu dhabeera."

Itti dabaluunis, Iraan sababa haaloo ba'uuf kana waan gootuuf , "Michootni Ameerikaa waraana seeraan alaa kana keessaa akka baatu gargaaruu qabu" jedhe.

Ejjennoon Omaan kun biyyoota biroo Mana Maree Tumsa Galoo Galaanaa (GCC) keessa jiran irraa baayyee adda.

Keessattuu Omaan Israa'el qeeqaa kan turte yoo ta'u, Muftiin hangafaa mootota Omaan Ahmed bin Hamad al-Khalili haleellaa kana "gocha gantummaa Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti raawwatan" jechuun dubbataniiru.

Ibsa Gurraandhala 28 baasan keessatti, "Muslimoonni fi namoonni addunyaa maraa waraana kana cimsanii akka morman" gaafataniiru.

Omaan akka UAE fi Bahrain irraa adda ta'ee Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii idilee hin uumne. Olloota ishee Galoo Galaanaa hedduu irraa haala adda ta'een, Omaan mala addaa fayyadamtee , Iraan waliin marii banaa ta'e qabattee jirti. Haa ta'u malee kun mormitoota Iraan hin aarsine.

Sababa kanaaf Omaan yeroo dheeraaf akka giddu-galeessaa Iraanii fi biyyoota Galoo Galaanaa biroo keessattuu Sa'udii Arabiyaa ta'uun ilaalamaa turte.

Imaammanni alaa kun-miseensummaa Mana Maree Tumsa Galoo Galaanaa (GCC) fi hariiroo Iraan waliin jiru madaaluu-gara fuulduraattis itti fufa jedhamee eegama.