Saayikilii oofuun dubartoota kanneen doofummaa keessaa baasee, jireenya isaanii akkamiin jijjiire?

Madda suuraa, P Sainath/PARI

Ibsa waa'ee suuraa, Saayikilii oofuun lammiilee Hindii baroota 1990moota keessa ni onnachiise, barnootaaf kakaase
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

"Hindii bara 1947 bilisoomte. Ani garuu bara 1992'n bilisoome" jetti buleettiin ganna 55 Jaayachitiraan. Mana barnootaa kibba Hindii keessatti argamu tokko keessatti daarektara mana barnootaa tokkooti.

Jireenyi ishee kan jijjiirame gaafa isheen waggaa 33 dura wayita aangawaan aanichaa Ergama Barnootaa Biyyaalessaa irratti jijjiirama bu'uuraa eegaletti ture - Dubartoonni akka sayikilii oofuu baratan jajjabeesse.

Jaayachiitiraan maatii dubartoota baadiyyaa 100,000 dhimma dubartoota wal qabsiisee mataa jabaatan, dubartoonni baay'ee alatti hin mul'annee fi saayikilii oofuudhaan sosocho'uu, of danda'uu fi bilisummaa argatan keessaa takka.

Jalqaba bara 1990moota keessa dubartoonni saayikilii oofuu baran hojii waajjiraa kaffaltii gaarii qabu argatu, jireenya isaanii fi maatii isaanii ni jijjiiru.

Madda suuraa, Arivoli Iyakkam

Ibsa waa'ee suuraa, Saayikilii oofuun dubartootni hojii guyyaa guyyaa isaaniif fayyadeera. bishaan waraabbachuu fi ijoollee isaanii mana barnootan gahuuf fayyade

Warraaqsa guddicha

Hindii bara1988, sagantaa Ergama Barnootaa Biyyaalessaa jedhamu labsite. Kaayyoon isaa barsiisuu, waa xiinxaluu fi waayee mirga bu'uuraa ofii hubachiisuu ture.

Magaalaa guddoo Chenaayi irraa 380km irratti kan argamtu kutaa bulchiinsa Pudukotaayi, kan fiixee kibba Indiyaa keessatti sagantaan kun "Sosochii Barnootaa (the Enlightening Movement)" jedhama ture.

Akk ragaa lakkoofsa uummataa bara 1991tti dubartoonni walakkaa ta'an kutaa bulchiinsa kanaa walakkaa gaditu barreessuu fi dubbisuu danda'u- 270,000 kan ta'an hin baranne.

"Waayee ergama barnootaa ilaalchisee yeroo mariin turetti, dubartoota baay'ee fayyaduu akka danda'u ifa ture," jedha qindeessaan Sossochii Barnootaa kan wayita san marii uummataarra ture Kaanaaamal.

Duulli sun tola ooltotni 30,000 ta'an dubartoota barsiisuuf akka barbaachisan lafa karoorfatee ture. Sirrii ture yaadni isaa. Yaadni bu'uuraa saayikilii oofuu asirraa ka'a.

Madda suuraa, Arivoli Iyakkam

Ibsa waa'ee suuraa, Sheelaa Raanii Chunkaat (Itti gaafatamtuun kutaa bulchiinsaa) dubartoota haaraa saayikilii oofan yoo simattu

Rakkoon ture maatiin hin baratin dubartoonni isaanii hin baratin barsiisonni isaanii dubartoota akka ta'an barbaadu ture, garuu dubartoonni geejjiba qaban muraasa turan.

"Yeroo sanatti, dubartoonni saayikilii ykn motora hin argatan. Of danda'anii socho'u. Carraa biraa uumuutu narra ture," jetti Sheelaa Raanii Chunkaat, hojjettuun mootummaa kutaa bulchiinsa kanaa BBC News Tamil waliin haasawa gooteen.

"Saayikilii oofuun dubartootaaf miira bilisummaa fi ofitti amanamummaa kenneef, " jetti Chunkaat.

"Aangawoonni tokko tokko dubartoota tola-ooltotummaan dalagan qacaruu mormaa turan. Dubartoonni gandoota fagoo deemuu hin qaban jedhu. Chunkaat garuu yaadicha ni kuffifte jedha Kaanamaal.

"Gaafa dubartoonni of danda'anii imaluu gaaf jalqaban, dubartoonni waan hunda gochuu akka danda'an amanan" jedha.

"Kun gufuu hunda karaarraa kaasun dubartoonni akka of danda'nii dhaabbatan karaa cire."

Oduu milkii

Ibsa waa'ee suuraa, Jaayachitraan milkii isheef saayikilii oofuun akka baay'ee ishee fayyade himti.
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirojektiin kun barsiisotaa fi barattoota dabalatee dubartoota sadarkaa garaagaraarra jiran ni fayyada ture.

"Yeroo sanatti, ani akka garbaattin jiraadha ture, jetti

"At that time, I was living like a slave," recalled Jaayachitraan. Isheen nama barnoota qabdu turte.

"Abbaan koo foddaa manaallee banee akkan ala laalu naaf hin heyyamu ture."

Dubartoonni hin heerumin hirkattoota dhiirootaa turte.

''Waggaa kudhan yoon xumuru, firoonni koo akkan uffata hodhu ykn barreessu (tryewrite),'' na gaafatu ture. Hojiiwwan kunneen yaaddoo hin qaban, dubartootaafis kan malan jedhamaniis yaadamu ture.

Jaayachitraan barnoota herregaa 99% argatte. Garuu haalli ishee ni cabse. Haati ishee faaya gaa'elaa ofii nama maallaqa liqeessu qabdii qabsiisuun intala isaanii barsiiftuu akka taatu barsiisan.

Akka ergama doofummaa balleessuutti, ganda ollaasaaniitti barsiiftuu dubartoota musliimaa taatee ramadamte.

Jaayachitraan mandara itti barsiiftu miilaan deddeebi'uu akka hin dandeenye baruun, saayikilii leenjite.

"Qamisii dheeraafi fooxaa gabaabaa uffadha ture. Yeroo sanatti dubartiin saayikilii ooftu hin turre. Sababa kanaaf oofuu kanan bare saayikilii dhiirotaarratti " jetti.

Kunis rakkoo mataa ofii qaba ture - saayikiliin dubartootaaa dagalee (crossbar) [teessummaa fi qabannaa walitti fidu] gabaabaadha-kun dubartoonni fooxaa uffatan akka salphaatti yaabbatanii fi oofan gargaara. Jaayachitiraan yeroo baay'ee irraa kufteerti. Garuu bu'aan isaa ishee onnachiise.

"Jireenyi koo bu'uurarraa jijjiirame. Nan onnadhe. Galgala galgala saayikiliin gara mana barnootaa yoon deemu gammachuu addaatu natti dhagahama."

"Jalqabarratti, abbaan kiyya tole hin jenne ture, garuu boodarra yaada isaa jijjiiree saayikilii naa bite. Sun anaaf guyyaa addaa ture," jetti Jaayachitraa.

Ibsa waa'ee suuraa, Saayikilii oofuun doofummaa balleessuu keessatti gahee olaanaa bahe

Vaasantaan, amma ganna shantamoota dhumarra jirti, jalqaba barnoota in qabdu ture. Maatii hiyyeessaa Daalit keessa turte. Sirna boodatti hafaa, loogii qabu ture. Nama fooya. Ijoollummaatti heerumte. Abbaan warraa ishees nama hin baranne ture.

Bakka bu'aan Sosochii Barnootaa (Enlightening Movement) osoo isheen hojii kattaa falaxuurraa jirtuu ishee dubbisan.

Yeroo kanattti, saayikilii oofuun qaama pirojektii kanaa murteessaa ta'eera, hirmaattonni dandeettii kana barachuu danda'u.

"Namoonni sosochii baruu fi barsiisuu kana keessa jiran, yoo saayikilii oofuu bartan saayikiliin isinii kennama," jette Vaasantaan yaada BBC'f kenniteen.

Jalqabarratti nama qaanoftu waan turteef, ni saalfatte. Garuu dadammaqiinsa guddaa fi hawwii ganda ishee keessaa mormuu hin dandeenye.

"Yeroo sanatti, ganda keenya keessaa maatii muraasatu saayikilii qaba, isaanumarraa ergifadheen baradhe."

"At that time, very few households in our village had bicycles, yet I was able to borrow one and learn."

Dubbisuu, barreessuu fi herreguu akka baratteen barattoota akka ishee biroo sadii waliin garee taatee kattaa falaxamu liiziin kireeffachuun daldala mataa ofii eegalte.

Vaasantaan sagantaan saayikilii oofuu kun ofitti amanamummaa ishee akka dabalee fi bilisummaa fi kabaja akka isheef kenne himti. Yeroo ammaa akaakuu ishee kan doktara ta'uu feetu gargaarti.

Leegaasii hin moofofne

Madda suuraa, Arivoli Iyakkam

Ibsa waa'ee suuraa, Jalqaba 1990mootaa keessa dubartoonni baadiyyaa Pudukootaayi of danda'anii imaluun hin baramne ture

Yeroo ammaa duartootni akka Vaasankaa gandoota hunda keessa guutani jiru.

Kuun daldala xixinnaa eegalaniiru, hedduun hojii ogummaa hin barbaadne akka qonnaa irraa gara hojii waajjira keessaa jalqabani.

Barnoonni dubartoonni hojii duraaniin kaffaltiin argatan xiqqaa ta'uu akka hubatan isaan gargaare. Falmatanii mindaa akka dabalchifatanis isaan godhe.

Saayikilii oofuu danda'uun gandoota karaa gaari fi geejjiba uummataa gahaa hin qabne keessatti hirkattummaa dhiirotaa jalaa akka bahan gargaare.

Hagayya 11, 1992, Puudukootaan kutaa bulchiinsaa doofummaarraa guututti bilisa baate jedhamuun labsamte.

Har'a, dubartoota saayikilii oofan karaarratti arguun waan barame dha, Jaayaachitraa qofa miti.

Isheen yeroo amma motora ( scooter) yoo fayyadamtu, intalli ishee konkolaataa bitatteerti.

"Saayikilii oofuun namoota akka kootiif ofitti amanamummaa dabale," jetti. "Nama kamirrattuu hirkachuun akka narraa hin eegamne na barsiise."