"Nareebanii dhiiga funyaaniifi afaaniin nabaasanii, viidiyoo nawaraaban" - jiraataa Amboo

Madda suuraa, OBN

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

"Dugda, mataa, gurraafi funyaan keessa akka nama bofa reebuu nareeban," Obbo Qana'aa Chuuchee

Viidiyoowwan reebichawwan magaalaa Amboo keessatti raawwataman agarasiisu jedhamaniifi marsaalee hawaasaarratti qodaman namoota hedduu biratti naasuufi dallansuu uumaniiru.

Namootni reebichi irratti raawwatamuu himaniifi jiraattonni magaalichaa biroon taateen kun raawwatamuu erga eegalee kan bubbule ta'uu himu.

Jiraataan magaalichaa nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan "Har'a miti kan ijaaramuu jalqaban. Maaliif rakkoo kana hundeetti kutuun dadhabame kan jedhu gaafii ummata keessa galedha," jechuun BBCtti himan.

Reebicha irratti raawwatamerraa dandamachuuf guyyootaa hanga torbanootaa akka itti fudhatemmoo miidhamtoonni dubbatu.

"Nareebanii viidiyoo nawaraaban"

Waan Ambootti uumame kana jiraattotaafi namoota miidhaan irratti raawwatameen alattis aanga'oonni mootummaa, akkasumas miseensonni paartilee mormituus dhugaa ta'uusaa ibsuun balaaleffachaas jiru.

Obbo Qana'aa Chuuchee Barreessaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo Godina Shawaa Lixaafi itti gaafatamaa waajjira godinaa paartichaati.

Namni qaama miidhamaa akka ta'an himan kun torbeewwan muraasa dura mana jireenyaa ijaarsisan eebbisiisuuf namootatti gaabii uffisaa akka turan dubbatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haaluma kanaan namni dhalootaan naannoo isaanii ta'eefi Kaasayee Qananiisaa jedhamu namni gaabii itti uwwisan akka jiruufi dhufanii akka uwwisan itti himuun ALI Bitootessa 5, 2018 hoteela magaalichatti argamu tokkotti isaan geessuu himu.

Itti aansuunis namoonni biroon afur gariin doqdoqqeen, gariin ammoo konkolaataa abbaa miila sadiin dhufanii hoteelicha keessa isaan cinaa taa'uusaanii dubbatu.

Itti aansuunis "kanuma mucaan na bukkee taa'u morma dhahee nakuffisen arge. Gaafan kufu nan iyye" jedhan.

Hoteelicha keessatti wayita isaan reebamanittis namni irraa qabuuf yaale akka hin jirres dubbatan.

"Utuun iyyuu ummanni hoteela sana keessa jiru osoo ilaaluu hamma nareeban nareebanii dhiiga funyaaniifi afaaniin nabaasanii, viidiyoo nawaraabanii 'qabsaa'aan Amboo keessa simalee hin jiru' naan jedhee [Kaasayeen]" jedhan.

"Dugda, mataa, gurraafi funyaan keessa akka nama bofa reebuu nareeban" jechuunis reebicha irratti raawwatame ibsaniiru.

Jiraataa magaalaa Amboo kan ta'an Obbo Bayyanaa Caalaa namoota wayita reebaman viidiyoonsaanii waraabamee miidiyaalee hawaasaarratti gadhiifame keessaa tokko.

Magaalaa Amboo ganda Kisoosee keessatti itti gaafatamaa hawaasummaa ta'uun muudamanii tajaajilaa turuu kan himan jiraataan kun, ALI Onkololeessa 2018 aangoorraa kaafamauusaanii eeru.

Haata'u malee, dhimma ummataarratti dubbachuusaaniin shakkamaa Kaasayee Qananiisaa dabalatee namoota jahaa ol ta'aniin reebamuusaanii dubbatu.

"Ani dhugaan ummataa maalif jal'ata? Rakkoon ummataa maaliif jal'ata jedhee dubbachuu kootini" jedhu.

Reebichi kun ALI Guraandhala 6, 2018 irratti raawwatamuu kan himan Obbo Bayyanaan, "Lafaan nadhahanii nareebanii, viidiyoo nawaraaban" jedhan.

Reebicha irratti raawwatameenis, ilkaansaanii lama miidhamuu himan. "Ilkaan fulduraa inni tokko hoomaa hin jedhu. Inni tokko garuu hanga ammaatti na adoodeera" jechuun BBC'tti himan.

'Garee 120…'

Reebichawwan magaalaa Amboo keessatti raawwataman kunneen duuba gareen maqaa '120' jedhuun waamamu akka jiru jiraattonni BBC'n haasofsiise ni himu.

Shakkamaan Kaasayee Qananiisaa jedhamuufii to'annoo jala ooluunsaa himame ammoo hogganaa garichaa akka ta'e dubbatu jiraattonni magaalaa Amboo.

Jiraataan magaalaa Amboo reebichi irratti raawwatame inni biraaniifi nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan torbee muraasa dura bilbilaan waamamanii garee kanaan reebamuu himan.

"Hiriyaakee faana jirra koottu" jedhanii waamamuu kan himan jiraataan kun, "iddoo nawaaman sana deemee gadi taa'uuf yeroon jedhu bunyaadhaan na eegalan," jedhan.

Reebichi kunis garee namoota saddeet of keessaa qabuun irratti raawwatamuufi wayita reebamanis viidiyoo waraabamuu himaniiru.

Gareen magaalaa Amboo keessatti reebichawwan akkanaa raawwachuun beekamu kun waggoota dura hundaa'uusaa kan himan jiraataan kun, caasichi jiraachuusaa malee eenyuuniifi akkamitti akka hundeeffame akka hin beekne dubbatan.

Jirataan magaalaa Amboo BBC'n haasofsiise inni biraanis sochiin garee kanaa magaalicha keessatti mul'achuu erga eegalee kan ture ta'uu dubbatan.

"Caasaa caasaadhaan ijaaramanii iddoo iddoo taa'u. Yeroo rakkoon ka'u walirratti birmatu" jechuunis ibsan.

"Maqaa tikaa, aangoofi haalaa daheeffatanii…"

Jiraattonni BBC'n haasofsiise miseensonni garee kanaa angawoota mootummaa magaalichaa tokko tokko waliin hariiroo qabaachuusaanii himu.

Kanaafis osuma yakkawwan garagaraa raawwatanuu to'atamanii kan hin gaafatamne ta'uu dubbatu.

Reebichi erga irratti raawwatamee booda gara Waajjira Poolisii deemuun iyyachuusaanii kan himan Obbo Qana'aa Chuuchee, "mucaa kana qabanii akka nama kaaniitti dafanii tarkaanfii irratti fudhatanii, dokimantoota bilbilasaa keessa jiru fuudhanii gara seeraatti dhiyeessuurratti laafinni guddaan mul'ateera" jedhan.

Jiraataan magaalichaa inni biraan immoo "biyya qaamni nageenyaa jiru keessatti yeroo namni nama 15'niin irra taa'amee tumamu, yeroo hawaasa walakkaatti reebanii deeman dhuguma qaamni nageenyaa hin aggarremoo? Abbaan siyaasaa hin agarremoo? Maaliif callisanii taa'an?" jechuun gaafatu.

Dabaluunis namoonni kunneen 'maqaa tikaa, aangoofi haalaa daheeffatanii' gochaalee kunneen akka raawatan kan himan jiraataan kun, "yeroo akkasitti asfaaltiirratti reeban otoo anatu reeba ta'ee halkan sana nan bulaa? Galgaluma san na to'atu ture" jedhan.

"Ji'a shan, ji'a sadi duras ilkaan cabsee himatamee himanni achumatti ukkaamfamaa hin turree? Hin beekamuu kun? Osoo harka walkeessaa hin qaban ta'ee yeroo sana maaliif hin to'atamne?" jechuunis gaafatan.

Qaamoleen mootummaa viidiyoon miidhamtootaa marsaalee hawaasaarratti qoodamuu erga eegalee booda tarkaanfii fudhachuu eegaluusaanis himan.

Gocha magaalaa Amboo bakka hin buunedha

Dhimma kana ilaalchisee BBC'n yaada kantiibaa Magaalaa Amboo Obbo Haacaaluu Gammachuu argachuuf bilbilus isaan argachuu hin dandeenye.

Haata'u malee, gaafiifi deebii kantiibichi miidiyaa biyya keessaa walin taasisaniin namoonni sadii guyyaa Roobii ALI Ebla 7, 2018 magaalaa Finfinneetti to'atamuu himaniiru.

Kominikeeshiniin magaalichaa ammoo odeeffannoo toora Feesbuukii isaarratti qoodeen "namichi Kaasaayee Qananiisaa jedhamu kan yakkoota garagaraa namootarratti hojjeteen miliqee ture hordoffii qaamoleen nageenyaa taasisaniin to'annoo seeraa jala ooleera" jedheera.

Taateewwan uumaman muuxxannoo akka ta'aniif kan himan kantiibaan magaalaa Amboo, "caalmaatti gola gola keenya akka sakattaanuuf carraa nuuf baneera" jedhan.

Dabaluunis "Waan nuti hin beekne gola keessatti wanti raawwatamu, nama afur-shaniin, murna muraasaan" jedhan.

Kunneen miidhaman cinaa akka dhaabbataniifi kan yaalamuu qabu yoo jiraate akka yaalchisan kan himan kantiibichi, "humna badii raawwate seerratti ni dhiyeessina" jechuun dubbataniiru.

Yakki raawwatame hoggansas ta'e ummata magaalaa Amboo bakka kan hin buune akka ta'es eeran.

Haata'u malee, gochaaleen magaalicha keessatti raawwataman lubbuu isaaniif yaaddoo ta'uu kan himan jiraataan magaalichaa, "Amboon dungoo bilisummaa Oromooti osoo jedhamuu dhugaa ummata Oromootu achitti ukkaamfamuu eegale" jechuun BBC'tti himaniiru.

OBN yaada jiraattoota magaalaa Amboo taate tibbanaa kanarratti gaafatee gabaaseera.

Jiraattonni magaalattii gocha tibbana namoota dhuunfaan raawwatame jedhamee miidiyaa hawaasaa irraa naanna'u kan magaalaa isaanii bakka hin buuneefi kan balaalleffatan ta'uu OBN'tti himaniiru.