Waa'ee oppireeshinii paayileetotaa fi jeettii waraana Ameerikaa Iraan keessatti kufee baraaruu waan beeknu
Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan hojjetaa xiyyaara waraanaa F-15 Jimaata darbe Kibba Iraanitti rukutamee barbaaddee argateetti.
Pirezidaant Doonaald Tiraamp Dilbata har'aa miidiyaa hawwaasaa irratti ''Oppireeshinii gootummaa addaa'' gaggeeffameen hojjetaan kun lubbuun argamuu himan.
''Ofiserichi ooleera. Haala gaarii irratti argama'' jedhe.
Yeroo xiyyaarri waraanaa Ameerikaa kun rukutamu paayileetii dabalatee nama lamatu irra ture. Lameen isaaniiyyuu xiyyaaricha keessaa of darbuun bahaniiru.
Paayileetichi humna waraanaa Ameerikaan barbaadamee argamuun ooleera. Hojjetaa lammaffaan ergasii oppireeshinii guddaa gaggeessuun argamuu US ibsite.
Xiyyaaricha humna ittisaa qilleensaashee Iraan akka haleele biyyattiin ibsiteeti.
Koloneelli waraanaa US kun akkamiin baraarame?
Erga xiyyaarichi rukutamee kufee Iraanii fi Ameerikaan hojjetaa xiyyaarichaa kana dursanii argachuuf fiigicha guddaarra turan.
Haalli itti US argatte ifa tahuu baatus namni oppireehsinicha beeku tokko ''barbaacha guddaa'' kibba Iraanitti gaggeeffamedha jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo lubbuu koloneela Ameerikaa kana oolchuuf loltoonni Ameerikaa ifaajaa turanitti humna waraanaa Iraan waliin walitti dhukaasuu isaanii BBC'n odeeffateera.
Paayileetiin xiyyaarichaa ammoo yeroo xiyyaaricha keessaa paaraashuutiin bu'u miidhameera.
Hojjetaa isa wlaiin ture baraaruun garuu ergama wal xaxaa guddaa Ameerikaamudate tahe. Yeroon qaban gagaagaa tahuu isaa irraa kan ka'e Iraanis Ameerikaanis dursanii bira gahuuf yaalii guddaa godhaniiru.
Waraanni Ameerikaa oppireeshinii lubbuu baraaruu fi ofirraa qolachuutiin shaakala guddaa waan qabaniif humna jabaan bobba'aeera.
Humna qilleensaaa keessatti warri bobba'e ergama kanaaf leenjii addaa warra qabanidha.
Ergamni kun kan gaggeeffame heelikoopteroota daangaa diinaa keessa gadi siqanii balal'ianiin yoo tahu,xiyyaarri waraanaa biraa ammoo duukaa bu'uun diina irraa ittisaa fi haleelaa ture.
Tiraamp akka jedhetti koloneelli xiyyaaricha keessaa bu'e duuba diinaa gaarreen Iraan keessa bu'ee ture. Humni waraanaa Iraan akka Tiraamp jedhutti humni diinaa koloneela kana barbaadaa turan akkuma yeroon deemeen itti dhiyaachaa turan.
Tiraamp akka jedhutti bakka inni jiru sa'a 24 guutuuf hordofamaa turuun qondaalota waraanaa gameeyyii Ameerikaan oppireeshinichi gaggeeffame.
Tiraamp xiyyaarronni waraanaa Ameerikaa hedduu gara Iraanitti ergamuufi oppireeshinii gaggeessan kana keessatti loltuun Ameerikaa tokkoyyuu akka hin madoofnee fi hin duune ibsan.
IRGC ammoo yeroo oppireeshinii kana keessa diroonii Ameerikaa tokko haleeluun kuffiisuu himan.
Dirooniin Ameerikaa kun Kibba Iraan naannoo Isfahaan jedhamutti kufuun caccabuu ibsame.
Iraan koloneela Ameerikaa xiyyaara waraanaa keessaa bu'uun dhabame nama lubbuun arge ykn to'ateef Doolaara 50,000 kaffala jettee ture.
Paayileetonni xiyyaarota kanneenii warra akka malee leenjii qabudha. Dhaabbata 'Defense Priorities' jedhamutti xiinxaltuu kan taate Jeenifer Kavanaa ''paayileetonni kunneen dursa kan kennan lubbuun ooluu fi qabamuu dhabuufidha'' jette.
Yeroo xiyyaaricha keessaa bu'an tarkaanfiin jalqabaa miidhamni qaamaa akka isaan irra hin geenye gochuudha jette.
Akkuma bu'aniin akka hin qabamneef ariitiidhaan bakka bu'an sanarraa fagaachuudha.
Akkasumas akkataatti lubbuun of tursiisan irratti leenjii gahaa waan qabaniif nyaataa fi bishaan malee turuu danda'u.
Kunis bakkuma bu'an sana keessaa waan jiru barbaaddachuu fi fayyadamuun akka tahe himti.
Xiyyaarri waraanichaa eessaa fi yoom rukutame?
Jalqaba miidiyaalee Iraantu xiyyaarri waraanaa Ameerikaa rukutamuu gabaase.
Bakka kamitti rukutame kan jedhu addatti mirkanaa'uu baatus naannooleen bulchiinsaa lama miidiyaalee Iraaniin maqaa dhahamaniiru.
Koogilyee fi Booyer-Ahimed, akkasumas Kuuzestaan.
Paayileetii dabalatee nama lamatu xiyyaaricharra ture. Oppireeshinii jalqabaan paayileetiin xiyyaarichaa argamee baraarameera.
Oppireeshinicha irratti xiyyaarri waraanaa biraa A-10 Warthog jedhamtu hirmaachuun isheenis haleelamteetti. Paayileetiin xiyyaarichaas keessaa of darbee bahuun baraarameera.
Helikoopterri biraa paayileetii F-15E baraarame qabattee bahaa turte meeshaa waraanaa salphaan haleelamteetti. Miseensota balalii xiyyaarichaa irras miidhaan qaamaa gaheera.
Garuu nagaadhaan qubachuu danda'eera.
IRGC uummanni Iraan naannoo gaarrenii jiraatan xiyyaara waraanaa US Black Hawk lama rukutuu ibse.
BBC'n viidiyoo namoonni sadii hidhatan gara xiyyaara Ameerikaa Black Hawk jedhamutti dhukaasan ilaalee dhugaa tahuu mirkaneesseera.
Iraan sirna ittisa qilleensaashee haaraan xiyyaarota Ameerikaa kanneen rukutuu isaaf hojii guddaa hojjechuu ibsite.
Naannoo xiyyaaronni Ameerikaa itti rukutaman jedhame kohgiluyeh and Boyer-Ahmad' jedhaman Kibba Lixa Iraanitti kan argaman yoo tahu uummata tiksee bulaa 700,000 oltu jiraata.
Gaarreniin kan guutedha. Tiksee bultoonni kunneen ammoo horii isaanii eeggachuuf jecha meeshaa waraanaa hidhanii socho'u.
Naannoon Kuuzestaan jedhamu ammoo gidduugala indaastirii fi boba'aan kan badhaadhedha. Uummata miliyoona 4.7 ol qaba.
Araboota, peershiyaanota fi Loorsi saba jedhamu dabalatee uummata bal'aa of keessaa naannoo qabudha.
Faayidaa xiyyaara waraanaa kana maal beekna?
Madda suuraa, US Air Force via Getty Images
Xiyyaarri waraanaa F-15E jedhamu kun samiirraa lafatti akkasumas qilleensumarratti waraana gaggeessuuf yaadamee kan hojjetamedha.
Iraan keessatti kan ergamaniif garuu misaa'elootaa fi diroonota Iraan haleelanii kuffiisuufi humna US ittisuuf yaadamee ergame.
Samiirraa lafatti haleellaa raawwachuuf meeshaalee waraanaa akka boombii fi kaan GPS'n deeggaraman bakka barbaade irra buusuuf gargaara.
Nama lamaan balali'a. Paayileetii fi ogeessa meeshaalee waraanaa qindeessuu fi duubaan taa'u.
Ofeserri meeshaalee waraanaa gadhiisuu fi qindeessu kun maqaa ''Wizzo' jedhamuunis waamama. Bakka haleelaman adda baasuu, meeshaaleen waraanaa haala gaariin qophaa'anii bakka jedhamerra buufamuuf taa'uu mirkaneessa.
Lama ta'uun isaanii bakka muddamaa keessatti hojii qooddachuuf isaan gargaara.
Paayileetichi balaa jalaa akka miliquufis hojii salphisaafii. Iraan keessatti maaltu rukutee akka buuse beekuu baannus tahuu kan danda'u misaa'ela lafaa amii irratti rukutuun tahuu mala.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne