Hiree fi yaaddoo: Waliigalteen dhukaasa dhaabuu lamaan akkamiin marii US fi Iraan fayyadu?
Madda suuraa, Reuters
Baha Jiddu-galeessaatti dhukaasni bakka lamaa wal faana dhaabbachuun boqonnaa haaraa fi seena qabeessa banuu danda'aa?
Iraanii fi Libaanonsitti dhukaasni dhaabbate lamaanuu "gantantaraa" dha, garuu dhawaata duumessi waraanaa salphachaa deemeen, hireen isaa mul'achaa deema. Yaaddoon isaas akkasuma.
Kamisa Israa'elii fi Hezboolaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyaa 10 tole jedhanii fudhachuun Iraaniif injifannoodha.
Teehraan Libaanos keessatti dhukaasni akka dhaabbatu gaafattee turte, yoo kana hin taane mariin US waliin eegalte jijjiirama fiduu akka hin dandeenye ibsite.
Libaanos keessaa dhukaasni dhaabbannaan Iraan Ulaa Hormuuz "guutummatti banuu labsite".
Torbee darbe marii Islaamaabaad irratti osoo Libaanos keessaa lolli itti fufee jiruu jijjiirama fiduun akka danda'amu mul'ateera. Garuu, Iraanii fi Paakistaan lachuu Libaanos marii kana keessatti hammatamuu akka qabdu cichanii falmaa turan.
Sun amma raawwatameera, jeequmsi Israa'el kibba Libaanositti raawwattu dhaabbate. Jiraattonni kaaba Israa'el Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaniyaahuu dhiibbaa Ameerikaatiin hudhamee akka waliigaltee kana raawwate amanu. Injifannoon qabsoo Hezboolaarratti godhamuu akka hin xumaramin amanu. Isaan Hezboolaan lammata biyya isaaniirratti rokkeettii akka hin dhukaafnetti cabuu akka qabu fedhu.
Tokko tokko, dhukaasni dhaabbachuun tarsiimoo yeroo dheeraa Iraan akka fayyadu dubbatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hariiroo Hezboolaa fi Iraaniif beekkamtii kennuu dha jetti dhimma kanarratti kan mootummaa qeeqxe Shirit Avitan Cohen
"Kaleessa, gooftaan Hezboolaa fi Libaanos naannichatti waan ta'u to'achuu haala isaan dandeessisu mirkaneeffatanii jiru."
Dhuguma, qooda fudhattoonni hunduu waraana walirra bu'ee jiru kanaan waliigaltee kana keessaa waan fayyadaman qabu.
Pirezdantii US Donaald Tiraampi fi hoggansa Iraaniif, carraa dhukaasa dhaabuun beekkamtii itti argatani.
Neetaniyaahuun loltoonni Israa'elii kibba Libaanos keessaa dachii qabatanii waan jiraniif, mootummaa Libaanos irratti dhiibbaa gochuu akka kallattiin Israa'el waliin mari'atu dhiibbaa godheera.
Hezboolaan dhukaasaa dhaabuu akka kabaju hime. Akka hin injifataminiifi haleeluu akka danda'u, akkanumas hidhannoo akka hin hiikkanne hime.
Waayee hidhannoo hiikkachuu kan gaafatame hogganaan Hezboollaa, Waafiq Saafaan: " Hanga dhukaasa dhaabuun inni sirriin,inni dhugaan ta'utti. Hanga Israa'el gadhiiftutti. Hanga hidhamtoonni gadhiifamanitti, Hanga buqqaatonni qe'ee ofiitti deebi'anittii fi deebifnee ijaarrutti. Hanga sanatti, waayee hidhannoo Hezboollaa haasawuun hin danda'amu" jechuun Kamisa BBC'tti dubbate.
Liinaa Kaatib, Chatham House Landan irraa Israa'elii fi Libaanos fuulleetti marii isaanii akka itti fufaniif waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun karaa banaaf jetti. Garuu gufuuwwan waliigalte nagaa kanaa bal'aa ta'uu himti.
"Dhimmichi baay'ee wal xaxaa dha,"jetti. "Daangaan sararamuu, Hezboolaan hiikkachuu fi Israa'el dachii Libaanos keessaa bahuu fa'i ilaallata."
Israa'elii fi Libaanos bara 1948 kaasee loluma keessa turan. Biyyoonni lamaan hariiroo dippilomasii hin qaban.
Ejjennoo Iraan naannichatti laaffisuun cinatti, mariin Waashingtan, ambaasaaddarooyta Israa'elii fi Libaanos walitti fide kun Libaanos harka Iraan keessaa baasuu eegaleeran jetti Kaatib.
"Madaallii humnaa naannichatti Iraan qabdu ni jijjiirra," jetti. "Ammaan booda Iraan Libaanos huddeellachuun mariif taa'uu hin dandeessu."
Madda suuraa, Reuters
Garuu ammas wanti hedduun adeemsa dippilomaasii US fi Iraan irratti hundaaya.
Yoo mariin marsaa lammaffaa Islaamaabaad itti fufe, amalli Baha Jiddugaleessaa gooluu Iraan, kan US fi Israa'el ibsan ajandaa Waashingtan ta'a.
Addatti Israa'eliif, Iraan Hezboolaa, Haamaasii fi Huutii deeggaruun balaa biyyaati.
Iraan immoo gurmuuwwan kunneen kan ittiin naannichatti dhiibbaa uumtun waan ta'eef salphaatti waan dhiiftu miti.
Kun qormaata fuulduratti isaan eeggatu.
Kan biraa hiree sagantaa niwukilaraa Iraani fi Ulaa Hormuuzi. Kunneenis qaama marii kanaa ta'u .
Tiraamp, akkuma yeroo hundaa, waa hundi to'annoo isaa jala akka jiru hima, Iraan faana waliigaluuf ''qarqara geenye'' jedha.
Iraan yuraaniyemii gabbifte 440kg ta'u (kan inni ''dhukkee yuraaniyemii'') jedhuun dabarsitee kennuufi jedha.
Dubbii himaan ministeera dhimma alaan Iraan Esmaa'el Baagee, TV mootummaarratti: "Yuraaniyemii dabarsanii kennuun akka filmaataatti walii hin galamne. Yuraaniyeemii gabbataan Iraan nuuf biyyoo biyya Iraan waan ta'eef eebbifamaadha, kanaaf haala kamiinuu dabarsinee hin kenninu."
Waliigalteen dhimma niwukilarii kamuu Iraan lammata akka niwukilarii hin hidhanne kan waadaa itti seentu ta'uu qaba, hanga yoomiitti immoo gabbisa yuraaniyeemii akka dhaabdus waliigalamuu qaba.
Meeshaan waraanaa haaraan biraa Iraanis jira, dhiyoo kan hojiirra oole, kuusaa meeshaa waraanaa biyyattii keessa jira, dhiyeenya Ulaa Hormuuz jira.
Iraan Ulaa Hormuuz irrattis sochii dooniwwanii to'achuuf waliigaltee dawoo seeraa haaraa feeti. Omaan faana mirga abbummaa Ulaa kanarratti qabaachuu feeti. Waan achirraan seenuu fi bahu to'achuufi.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii, dhukaasa dhaabuu Israa'elii fi Libaanosiif beekkamtii kennuun Ulaan Hormuuz hundaaf banaa ta'uu beeksisan.
Tarkaanfii amma Iraan Ulaa kana banuuf fudhatte hordofee Tiraamp galateeffateera.
"IRAN ULAA HORMUUZ GUUTUMMATTI BANUU FI IMALAAF QOPHII TA'UU BEEKSIFTEE JIRTI. GALATOOMAA!" jedhe.
Tiramp Ulaan Hormuuz guutummaatti banamuu beeksisuu booda ibsa biraa Truth Social gubbaa baaseen Ulaan Hormuz daldalaaf banaa ta'us ''uggirri buufataalee doonii Iraanirra jiru garuu itti fufaa'' jedhe.
''Danqaan dooniidhaan Iraanirratti godhame guutummaa guutuun itti fufa. Hanga dantaan Iraan waliin qabdu 100% xumuramutti.
''Dhimmoota biroo hedduurratti dubbannee waan waliigalleef dhimmi kunis saffisaan xumurama. Dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuu keessaniif galatoomaa!'' jedhe.
Jijjiiramoota gaggaarii kanaan cinatti, dhimmootni marii barbaadan biroos ni jiru.
Marii guddichi dhumaa dhimma niwukilaraa irratti Iraan waliin godhame, 2015's Joint Comprehensive Plan of Action (JCPOA) kan ji'oota 20 fudhate waan niwukilarii qofa ajandaa godhatee ture. Tiraamp bara 2018 Ameerikaa marii san keessaa baase.
Tiraamp nama saffisaan waliigaltee raawwatu jedhamuu fedha. Bu'aa fidee fi dhiiseen haajaa isaa miti.
Kooriyaa Kaabaa waliin marii eegale jedhamee leellifamus Piyoongyaang niwukilarii gabbisuu hin dhaabne.
Libaanos keessatti dhukaasni dhaabbachuun hojii baha jiddugaleessaatti deeggarsa argateera.
Garuu waraanatti akka hin deebi'amneef tarkaanfii gahaadhaa? Kun Tiraampis waan beeku miti.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne