Gara Waraana Addunyaa Sadaffaatti adeemaa jirraa?
Madda suuraa, Getty Images
Lolli Ameerikaa fi Israa'el, Iraan irratti geggeessaa jiran baatii tokkoo ol ta'eera.
Waldhabdeen Baha Giddu Galeessaa kun gara lola amma deemaa jiru caalaa gara waraana bal'aa ta'etti guddachuu akka danda'u yaaddoon mul'achaa jira.
Waraanni kun Iraan qofa osoo hin taane, Yunaayitid Arab Emireet, Iraaq, Baahireen, Kuweet, Sa'udii Arabiyaa, Omaan, Azarbaajaan, Israa'elii, Qophros, Sooriyaa, Qaxar, fi Libaanos dabalatee biyyoota biroo hedduu tuqeera.
Yaddoo guddaan ka'aa jiru waraanni amma baha giddu galeessaa qofatti ta'aan jiru kun yeroon boodaa gara waraana addunyaa guutuutti guddachuu malaa? kan jedhuudha.
Waraanni tokko yoom waraana addunyaa ta'e jedhama?
Yunivarsiitii Oksifoord UK keessatti piroofeesara seenaa idil-addunyaa kan taate Maargaareet Maak Miilaan gaaffii fi deebii BBC waliin taasisaniin, ''Namoonni yeroo baayyee waraanni of eeggannoodhaan akka karoorfamee fi namoonni dhimmicha keessa jiran waan ta'u sirriitti beeku jedhanii fudhatu,'' jedhu
Maargaareet Maak Miilaan gara waraanni itti bahu tilmaamuuf rakkisaa ta'uu fakkeenya waraana addunyaa tokkoffaarraa ka'uun ibsu.
"Dhugaa dubbachuuf, waraana akka Waraana Addunyaa Tokkoffaatti ilaalamu yoo fudhanne jalqabbiin isaa waan xiqqaa fi murtii dogoggoraa ture,"
Ajjeechaan Firanzi Ferdinand ilma mootii Austro-Hungary taateewwan walduraa duubaan bara 1914tti Waraana Addunyaa Tokkoffaa akka eegaluuf sababa xiqqaa garuu torban muraasa keessatti gamtaa idil-addunyaa biyyoota Awurooppaa hunda waraana keessa galche jetti Piroofeesara Maargaareet
Oostiriyaa-Haangaariin Sarbiyaa waliin waraana keessa turte, Jarmaniin Oostiriyaa deeggarte, Raashiyaan loltoota walitti qabdee Sarbiyaa gargaarte, Faransaay Raashiyaa deeggarte, Biriteen illee waraana kana irratti hirmaatte.... waanti itti aanee dhufe boodarra gara balaa addunyaatti jijjiirame.
Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kolleejjii King's London keessatti piroofeesara seenaa idil-addunyaa kan ta'an Joo Maayooloo akka BBC'tti himanitti waraanni addunyaa humnoota gurguddoo hunda kan hirmaachisu ta'uu ibsu.
"Waraana Addunyaa Tokkoffaatti biyyoota Awurooppaa turan. Waraana Addunyaa Lammaffaatti Ameerikaa, Jaappaanii fi Chaayinaanfaa turan," jechuun dubbatu.
Namoonni hedduun ammallee waraanni amma Baha Giddu Galeessaa keessatti deemaa jiru akka waldhabdee naannawaatti ibsuun falmu.
Garuu waldhabdeen kun daran hammaataa akka jiru mallattoon mul'atu jiraa?
Asiin dura gaaffii fi deebii BBC waliin taasisaniin, Pirezidaantiin Yukireen Viladimir Zelenskiin Prezdaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin Waraana Addunyaa 3ffaa jalqabuu ibsan.
Waraana kana dhaabuu kan danda'u dhiibbaa waraanaa fi dinagdee cimaa Moskoo dirqisiisuu qofa akka ta'ellee himan.
"Viladimir Putin waraana addunyaa sadaffaa jalqabeera jedheen amana. Gaaffiin jiru eenyufaa dabalataa naannoo hangamii qabachuu danda'a, akkamitti utuu achi hin ga'in dhaabuun danda'ama kan jedhudha," jedhan Zelenskiin
Waraanni addunyaa sadaffaan yoo kaʼe balaa akkamiitu uumamuu dandaʼu?
Madda suuraa, Getty Images
''Sababa Iraaniin ykn michoota ishee kan akka finciltoota Huutii Yaman keessa jiraniifi kanneen biroon carraan waraanni kun kana caala bal'achuu jira jedheen yaada,'' jedhan Maargaareet Maak Miilaan.
Akka Pirofeessarri kun jettutti tarkaanfiiwwan Iraan fudhachuu dandeessu kan akka daandii doonii irratti xiyyeeffachuu ykn ulaa Hormuz cufuu addunyaa irratti dhiibbaa geessisuu, dhiyeessii boba'aa jeequu- humnoonni gurguddoon biroo waraana irratti akkahirmaatan dhiibuu danda'a.
Itti dabaluudhaanis, biyyoonni kallattiin hin hirmaanne illee dhiibbaa dinagdee ykn tarsiimoo qabaachuu waan danda'aniif gidduu seenuu malu. Haalli kun ammoo daranuu waraanicha hammeessa.
Kana malees carraan waldhabdeen bakka biraatti ka'uu bal'aan uumamuu akka danda'u eeran.
Fakkeenyaaf, Chaayinaan falmii biyyoota dhihaa waliin uumamu jalaa miliquuf yeroo isaan muddama keessa jiran kana akka carraatti fayyadamtee Taayiwaan irratti tarkaanfii fudhachuuf yaaduu dandeessi.
Yookan xiyyeeffannoon biyyoota addunyaa baha giddu galeessarraa waan jiruuf Raashiyaan weerara Yukireen irratti raawwattu hammeessuu dandeessi.
"Yeroo hunda waraanni tokko bakka tokkotti yoo uumaamu carraan waraanni biraa bakka biraatti uumaamuu bal'aatu jira, sababiin isaas yeroo tokko tokko biyyootni haalota akkanaa akka carratti itti fayyadamu.''
Piroofeesar Joo Maayooloo waldhabdeen kun naannoo fi biyyoota miseensa Mana Maree Tumsa Galoo Galaanaa qofa irratti kan daangeffame ta'ee akka turu amanu.
Haa ta'u malee Chaayinaa fi Raashiyaan kallattiin gara waraanaatti harkifamu jedhee hin amanu jedhu
''Yaadni addunyaa irratti taateen tokko yoo muudate sana booda Chaayinaan hatattamaan Taayiwaan akka haleeltu taasisa jedhu yaadamaa tureera'' jedhan.
"Garuu waa'ee waraana addunyaa, keessattuu Waraana Addunyaa Sadaffaa yoo dubbanne, Chaayinaan ykn Raashiyaan kallattiin waraana kana keessatti hirmaachuu akka barbaadan mallattoon agarsiisu tokkolleen hin jiru, Biyyoota Awurooppaas yoo ta'e waraana kana akka hin barbaannee ibsaa jiru, hirmaachuu didaniiru.''jedhan.
Piroofeesar Maayooloo Chaayinaan hariiroo dippilomaasii pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin qabduuf tooftaalee biroo qabattee jirti jedhanii amanu.
Gahee hoggantootaa
Madda suuraa, Getty Images
Maargaareet Maak Miilaan akka ibsetti seenaan akka argisiisutti, yeroo baay'ee waraanni kan uumamu of tuulummaa, fedhii kabajaa barbaaduu ykn wal sodaachuu irraa kan ka'e ta'uu eeru.
Akka Piroofeessarri kun jettutti of tuulummaan hogganaa tokko waraana jalqabuuf sababa ta'uu danda'a. Kanaafis weerara Viladimir Putin Yukireen irratti raawwate akka fakkeenyaatti kaasu.
Waggaa afur dura Yukireen erga weeraree booda Puutiin kaayyoon isaanii Yukireen keessatti ''humna waraanaa laaffisuu fi sirna abbaa irree dhabamsiisuu'' ta'uu ibse.
Haa ta'uu malee Raashiyaan kaayyoon waraanaa ishee hanga ammaatti galma hin geenye jette
Dippilomaasii
Waraana dhaabuuf dippilomaasiin baay'ee murteessadha.
"Gama biraa hubachuu qabda, yeroo walfakkaatutti walitti dhufeenya dhaabbataa isaan waliin qabaachuu qabda," jetti piroofeesarri seenaa idil-addunyaa Maargaareet Maak Miilaan
Meeshaa niwukilaraa qabachuun waraana humnoota gurguddoo hirmaachisu irratti dhiibbaa guddaa kan uumus ta'eera.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne