Ameerikaan Odoola Iraan Kaargi akkamitti to'achuu dandeessi?

Madda suuraa, US Force

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Ameerikaa
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp loltoota erguun odola ijoo kaaba Galoo Galaanaa Odoola Kaargi irratti argamu to'achuu akka danda'an akeekkachiisaniiru. Garuu tarkaanfii kana duuba maaltu jira, akkamitti raawwatama, balaan isaa hoo maali?

Odolli Kaarg yeroo dheeraaf karaa ijoo Iraan boba'aa ishee gara alaatti (addunyaatti) ergitu ture.

Odolli kun galaana keessatti kan argamtu yoo ta'u, bishaan gadi fagoo dooniiwwan boba'aa baay'ee gurguddoo kanneen hanga barmeela miliyoona lamaa fe'uu danda'an keessummeessuu danda'u qabdi. Kana jechuun boba'aa Iraan ergitu keessaa gara dhibbeentaa 90 kan ta'u karaa Kaargi darba.

Bara 1980moota keessa yeroo waraana Iraan fi Iraaq odolli kun irra deddeebiin humna qilleensaa Iraaqiin kan haleelame yoo ta'u, bara kana Amajjii 13 Ameerikaan bu'uuraalee boba'aa rukutuu baattus iddoowwan waraanaa odola kanarra jiran 90 haleelterti.

Ameerikaan Odoola Kaarg weeraruuf yoo murteessite tarkaanfiin kun yeroodhaaf ta'uu hin oolu.

Kunis hanga Iraan ulaa doonii boba'aa addunyaa dhibbeentaa 20 keessa darbu, ulaa Hormuz irratti cufuu dhiistee gaaffii Waashingitan fudhattutti al-ergii boba'aa ishee irratti dhiibbaa uumuuf kan kaayyeffatedha.

Tasgabbii fi ejjennoo cimaa sirni Iraan qabu yoo ilaalle, tooftaa kun milkaa'uu fi dhiisuun isaa shakkiin guddaa qaba.

Af-yaa'iin paarlaamaa Iraan, Mohammad Bagher Galibaf, humnoonni Iraan loltoota Ameerikaa lafoo gara Iraan seenuu yaalaan kamiyyuu irratti ''ibidda akka roobsan'' akeekkachiisan. Iraan sirna misaa'ela lafa irraa gara qilleensaatti geessu dabalatee ittisa ishee odola kana irratti cimsiteetti jedhamee amanama.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Boba'aa Iraan alatti ergitu keessaa gara 90% kan ta'u Odoola Kaargi keessa darba
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tehran gama tokkoon marii nagaa osoo jechaa jirtuu US loltoota gara naannichatti bobbaastee jirti jechuun himatti.

Loltootni Ameerikaan gara Baha Giddu Galeessaatti ergitu kanneen galaanarraa 5,000 fi leenjii addaa qabanii fi xiyyaaran bu'an gara 2,000 ergiteetti.

Haalli kun humnoonni kun odola Kaargi qabachuuf kan galaanaa ykn lamanuu itti fayyadamuu akka danda'an tilmaama bal'aa kaaseera.

Akka yaadota kennamaa jiranitti loltootni kunneen tarii halkan haleellaa qilleensaa jalqabuun odola xiqqoo iskuweer kiiloo meetira 20 qofa qabdu kana qabachuu danda'u kan jedhuudha.

Gama biraatiin ammoo dooniiwwan Ameerikaa xiyyaara xiyyaarota waraanaa fi bidiruu lolaa xixiqqoo hidhatanii turan,waraana banuu danda'u. Haa ta'u malee dooniiwwan kunneen jalqaba ulaa Hormuz kan Iraan to'attu keessa darbuu qabu.

Achiis gara Galoo Galaanaatti imaluu qabu, garuu balaan haleellaa buufata misaa'elaa fi diroonii Iraan irraa ni mudata jedhamee eegama.

Waraanni Ameerikaa haleellaa kana dandamatullee garuu lubbuu loltoota hedduu gaaga'uu danda'a.

Ameerikaan yeroo dheeraaf odola kana to'achuuf qormaanni biraan ishee eeggatummoo haleellaa boombii Iraan irraa isheetti dhukaafamuuf saaxilamuu isheeti.

Fakkeenyi walfakkaataan Odoola Serpent Galaana Gurraacha keessatti argamu yoo ta'u, Raashiyaan bara 2022 weerara guddaa erga raawwatte booda jalqaba qabattee turte, boodarra garuu sababa haleellaa irra deddeebiin Yukireen irraa dhufeen dhiisuuf dirqamte.

Kana malees, weerarri Ameerikaan yeroo dheeraaf dachee Iraan irratti raawwatte Ameerikaa keessatti fudhatama argachuu dhiisuu mala.

Kunis dhiibbaa deeggartoota Pirezidaanti Tiraamp tokko tokko irraa dhufuu, keessumaa yeroo duula filannootti Tiraamp waraana kamirrattiyyuu akka hin bobbaane dubbataa ture kan faalleessuudha.

Haleellaan Ameerikaan Kharg irratti raawwachuu akka dandeessu tilmaamni hedduun akka ture kan hubatamuu qabu yoo ta'u, kunis qaama tarsimoo US ta'uu danda'a.

Barbaachisummaa tarsiimoo odola kanaa Iraanii fi Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa irratti shakkiin hin jiru.

Haa ta'u malee, odolawwan biroo Galoo Galaana keessa jiran kanneen Ameerikaanis irratti xiyyeeffachuu dandandeessu jiru.

Kanneen keessaa Odoola Larak naannoo buufata doonii barbaachisaa Baandaar Abbaasitti kan argamu yoo ta'u ,kallattiin ulaa Hormuz waliin wal qabata.

Iraan dooniiwwan sakatta'iinsaaf naannoo odola kanaa akka darban kan dirqisiistee yoo ta'u ulaa kana qaxxaamuruudhaaf kaffaltii doolaara miiliyoona 2 akka gaafattu gabaafamaa ture.

Kana malees, odola guddittii Galoo Galaana keessaa Qeshim, kan odola Kargi caalaa dachaa 75 kan guddatu yoo ta'u, bakka Iraan misaa'elaafi diroonii lafa jala dhoksitu ta'uun amanama.

Akkasumas odolawwan dabalataa sadii kanneen Ameerikaa hawwachuu danda'anis jiru: Abu Muusaa fi Tunbs Guddaa fi Xiqqaa fa'i

Odolawwan kunneen Iraanii fi Yunaayitid Arab Emireets gidduutti wal falmii kaasaa kan ture yoo ta'u, garuu hundi isaanii to'annoo Tehran jala jiru.

Odolawwan Galoo Galaanaa kun odola Iraan biroo waliin yoo walitti makamuun faayidaa teessuma lafaa humna waraanaa Iraaniif akka gaachana tajaajilaa jira.

Kun faayidaa teessuma lafaa doonii balaadhaaf saaxiluu fi humna waraanaa olaanaa Ameerikaa mormuu danda'a.

Kanneen armaan olii keessaa tokkollee akka hin taane carraan jira.

Tiraamp Wixata kaleessaas irra deebi'anii Ameerikaan Iraan waliin "marii cimaa" irra akka jirtu ibsaniiru.

Garuu loltoota dabalataa gara naannichaa erguu fi duula waraana lafoo jalqabuu akka danda'an akeerkaniiru.

Waraanni Baha Giddu Galeessaa torban shanaffaa isaa yeroo seenu, ibsi Tiraamp ummataaf kennan tarkaanfii itti aanu kan agarsiisu xiqqoodha.

Haa ta'u malee, waliigaltee Tiraamp Iraan caalaa barbaachisa jedhanii namoonni hedduun itti amanan irra ga'uuf qaawwa ejjennoo gama lamaan gidduu jiru bal'achaa dhufe dhiphisuu barbaachisa