Unit 1: How do I...
Select a unit
- 1 How do I...
- 2 Unit 2
- 3 Unit 3
- 4 Unit 4
- 5 Unit 5
- 6 Unit 6
- 7 Unit 7
- 8 Unit 8
- 9 Unit 9
- 10 Unit 10
- 11 Unit 11
- 12 Unit 12
- 13 Unit 13
- 14 Unit 14
- 15 Unit 15
- 16 Unit 16
- 17 Unit 17
- 18 Unit 18
- 19 Unit 19
- 20 Unit 20
- 21 Unit 21
- 22 Unit 22
- 23 Unit 23
- 24 Unit 24
- 25 Unit 25
- 26 Unit 26
- 27 Unit 27
- 28 Unit 28
- 29 Unit 29
- 30 Unit 30
- 31 Unit 31
- 32 Unit 32
- 33 Unit 33
- 34 Unit 34
- 35 Unit 35
- 36 Unit 36
- 37 Unit 37
- 38 Unit 38
- 39 Unit 39
- 40 Unit 40
Session 7
Listen to find out how to talk about someone’s appearance in English.
Namni tokkoo maal akka fakkatu Afaan Ingiliziin akkaataa itti ibsamu caqasi.
Activity 1
How do I talk about someone's appearance?
Namoota beeknu akkamiin maal akka fakkaatan haalaan bal’ifnee ibsu dandeenyaa?
Hubachuuf kutaa hara’a kana caqasi.
Deebiikee mirkaneeffachuuf caqasi. Ittaansuudhaan barreeffama kanaa gad jiru waliin walbira qabii ilaali.

Caalii
Yooyyaa! Gara sagantaa barnootaa How do I…tti baga nagaan dhufte! An Caaliidha. Toomille naa waliin jira.
Tom
And, hi everybody! I’m Tom, welcome to today’s episode of How do I...!
Caalii
Kutaa kana keessatti, namni tokko maal akka fakkaatu ibsuuf malawwan garagaraa fayyadamnu ilaalla. Dubbattoonni lama namoota ibsuurratti argamu; haadha ‘mother’ fi jaalallee dhiiraa ‘boyfriend’. Caqasiitii gaafichaaf deebii kenni: nama kamtu rifeensa bifa-warqee yookaan ‘blonde hair’ qaba?
What does your boyfriend look like?
He's tall and has short, blonde hair.
What does your mother look like?
She's quite short and has long, dark hair.
Caalii
Hubattee? Hiriyaan-dhiiraa dubbattuu jalqabaa, ‘short blonde hair,’ qaba.
Tom
So, let’s begin today’s lesson on appearance!
Caalii
Tole! ‘Look like’ waa’ee bifa nama tokkoo dubbachaa jiraachuukeenya kan nutti himaniifi jechoota asitti barbaachisoo ta’an lamaaniidha.
Dubbattoonni akkamiin waa’ee bifa gaafatu? Jechoota ‘do’ ykn ‘does’ ni fayyadamuu?
Tom
Let’s listen again to find out!
What does your boyfriend look like?
What does your mother look like?
Caalii
Hubattee? ‘Does’ ijaarsa nama sadaffaa jecha ‘do’ fayyadamani. Ijaarsa bifa gaafii keessatti, waa’ee raawwataa ‘he’, ‘she’ ykn ‘it’ dubbannu, yeroo mara ‘does’ fayyadamna. Tom, maaloo fakkeenyaa haala gaafiicha itti sagaleessan nuujechuu dandeessaa?
Tom
Of course!
What does your mother look like?
Caalii
Hojii gaarii! Yeroo gabaabaa keessatti daran qajeelchitee ni dubbatta! Gaaficha deebisuuf, dubbattoonni ijaarsawwan ‘be’ fi ‘have’ fayyadaman. Irradeebi’ii caqasi. Ijaarsa ‘be’ kamiin fayyadamanii?
He's tall and has short, blonde hair.
She's quite short and has long, dark hair.
Tom
They say ‘he’s’ or ‘she’s’. The speakers are using the short form of ‘is’.
Caalii
Dubbattoonni haala kana keessatti ‘is’ kan ta’e ijaarsa ‘be’ erga fayyadamani booda, hanga nama waa’eesaa dubbatanii ibsu. Waa’ee umriifi dhaabbi qaama nama tokkoo dubbachuufi waa’ee nama tokkoo yaada kennuufille ittifayyadamuu dandeenya.
Tom
The first speaker says ‘he’s tall’. The second speaker says ‘she’s quite short’.
Caalii
Sirriidha. ‘Tall’ faallaa ‘short’ ti. Jechi ‘quite’ jedhu, ‘not very’ jechuudha. Wayita ‘quite short’ jennu, jechoonni ‘short’ ibsan jabina akka dhaban goona jechuudha.
That’s not all! Jecha ‘have’ jedhu, dheerinaafi halluu rifeensaa akkasumas bifa fuulaa kan akka halluu ijaa ibsuufillee ni fayyadamna.
Dubbattoonni hiriyaa-dhiiraafi haadhisaanii maal qabu ‘have’ jedhanii dubbatuu? Mee haacaqsnu.
He's tall and has short, blonde hair.
She's quite short and has long, dark hair.
Caalii
Asitti, dubbattoonni waa’ee rifeensaa dubbachuuf ‘have’ fayyadaman. Jechi ‘has’ jedhu ijaarsa ‘have’, jechoota ‘he’, ‘she’, ykn ‘it’ wajjin fayyadamnuudha. Qalbeeffadhu, ‘hair’ wajjin ‘a’ hinfayyadamnu; sababiinsaa, kana jechuun rifeensa tokko qofa ykn qeenxee jechuu waanta’eef.
Tom
OK! Now, time to practise!
Caalii
Jalqaba nama daran gammade jiru kana caqasi. Waa’ee eenyuu dubbachaa jiruu?
Hey! I’m so happy! I have a new boyfriend!
Caalii
Wow! Hiriyaa dhiiraa! Afaan Ingiliziin, akkamiin ‘Hiriyaan-dhiiraakee maal fakkaata?’ jettee gaafatta?
Tom
What does your boyfriend look like? You could also say ‘what does he look like’?
Caalii
Atillee akkasuma jettee?
Tom
Great! So, now you know how to describe appearance, practise with some of your friends!
Caalii
Akkasumas daran dansaa kan ta’e kutaa How do I… torban dhufuun walitti deebinaa nagaatti. Bye!
Tom
Bye, everyone! See you next time.
Learn more!
1. Namni tokko maal akka fakkaatu akkaminan gaafadhaa?
Namni tokko maal akka fakkaatu wayita gaaffannu, gochi muummeen gaafii keessatti argamu jecha ‘like’ jedhudha. ‘Fakkaachuu’ jecha biraa wajjin ta’uudhaan ‘look like’ ijaaruuf fayyada.
Jechi ‘do’ jedhu, jecha gargaaraa ijaarsa gaafii uumuuf gargaarudha.
Wayita waa’ee ‘he’ ykn ‘she’ gaafannu, ijaarsa nama sadaffaa fayyadmna.
Tartiibni jechaa kan ittaanudha:
What does he/ she look like?
2. Akkamiinan namni tokko maal akka fakkaatu ibsuu danda’a?
Namni tokko maal akka fakkaatu ibsuuf jecha ‘be’ jedhu fayyadamna. Ijaarsi nama sadaffaa jeche ‘be’, jecha ‘is’ jedhuudha.
Waa’ee dheerina nama tokkoo dubbachuuf ‘be’ fayyadamna. Maq-ibsawwan ‘tall’ fi ‘short’, dheerina ibsuuf fayyadamna.
He is tall.
Waa’ee umriifi qaamaa nama tokkoo dubbachuuf akkasumas waa’ee nama tokkoo yaada keenya kennuuf, ‘be’ fayyadamuu dandeenya. ‘Pretty’ (bareedduu) fi ‘handsome’ (bareedaa)n maq-ibsitoota kana raawwachuuf fayyadamnuudha. Dubbartootaaf ‘pretty’, dhiiraaf ammoo ‘handsome’ fayyadamna.
She is 25 years old.
She is pretty.
He is tall and thin.
Altokko-tokko gochima ‘quite’ itti daballee fayyadamna. ‘Quite’, jecha humna maq-ibsaa xiqqeessuuf fayyadamnuudha. ‘A little bit’ ‘hanga xiqqoo tokko’ wajjin walfakkaata.
She is quite short.
He is quite tall.
3. Jecha ‘have’ jedhu nama tokko ibsuuf fayyadamuu danda’aa?
Jecha ‘have’ jedhu dheerinaafi halluu rifeensaa akkasuma bifawwan fuulaa kan akka halluu ijaa ibsuuf fayyadamna. ‘Has’ ijaarsa nama sadaffaa jecha ‘have’ ti.
He has short, blonde hair.
She has big blue eyes.
Qubee footuu ‘a’, jecha ‘hair’ jedhu wajjin akka hinfayyadamne qalbeeffadhu; sababiinsaa rifeensa tokko qofa waan ibsuuf. Akkasuma dheerina rifeensaa, halluu dura ibsina.
Akkamiinan waa’ee bifa nama dubbadhaa?
3 Questions
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
ሓገዝ
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
ኣመት
Jechoota lama fayyadamuu qabna.Question 1 of 3
ሓገዝ
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
ኣመት
Asitti rawwataan ‘she’ dha; kanaafuu gochi ijaarsasaa bu’uraarraa ni jijjiirama.Question 2 of 3
ሓገዝ
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
ኣመት
Yaadadhu; waa’ee dheerinaa, halluu rifeensaa dura fayyadamna.Question 3 of 3
Excellent! Great job! ሕማቕ ዕድል! ዘመዝገብኩምዎ ነጥቢ ...:
Can you describe the appearance of somebody you know in English? Tell us on our Facebook group!
Nama beektu tokko maal akka fakkaatu Afaan Ingiliziin ibsuu dandeessaa? Garee Feesbookii keenyarratti nutti himi.
Join us for our next episode of How do I…, when we will learn more useful language and practise your listening skills.
Qooqa daran faayida-qabeessa ta’an dabalataan kan keessatti barannuufi dandeettii caqasuukee kan ittiin shaakaltu sagantaa ‘How do I… ‘n yeroo ittaanu walitti deebina.
Session Vocabulary
mother
haadha/ harmee
boyfriend
jaalallee dhiiraa
pretty
bareedduu
handsome
bareedaa
long
dheeraa
short
gabaabaa
blonde
rifeensa bifa warqee ta’e
dark
gurraachawaa
blue
cuquliisa
tall
dheeraa