Unit 1: Essential English Conversation
Select a unit
- 1 Essential English Conversation
- 2 Unit 2
- 3 Unit 3
- 4 Unit 4
- 5 Unit 5
- 6 Unit 6
- 7 Unit 7
- 8 Unit 8
- 9 Unit 9
- 10 Unit 10
- 11 Unit 11
- 12 Unit 12
- 13 Unit 13
- 14 Unit 14
- 15 Unit 15
- 16 Unit 16
- 17 Unit 17
- 18 Unit 18
- 19 Unit 19
- 20 Unit 20
- 21 Unit 21
- 22 Unit 22
- 23 Unit 23
- 24 Unit 24
- 25 Unit 25
- 26 Unit 26
- 27 Unit 27
- 28 Unit 28
- 29 Unit 29
- 30 Unit 30
- 31 Unit 31
- 32 Unit 32
- 33 Unit 33
- 34 Unit 34
- 35 Unit 35
- 36 Unit 36
- 37 Unit 37
- 38 Unit 38
- 39 Unit 39
- 40 Unit 40
Session 39
Listen to find out how to ask about what people do in their spare time.
Namoonni yeroo hojiirraa bilisa ta’anitti maal akka hojjetan akkaataa ittiin gaafattu hubachuuf caqasi.
ክፍለጊዜያት 39 ነጥብ።
0 / 3
- 0 / 3Activity 1
Activity 1
What do you do in your spare time?
Listen to find out how to ask about what people do in their spare time.
Namoonni yeroo hojiirraa bilisa ta’anitti maal akka hojjetan akkaataa ittiin gaafattu hubachuuf caqasi.
Listen to the audio and take the quiz. Sagalee kana caqasitii battalicha hojjedhu.

Caalii
Yooyyaa! Barataan Afaan Ingilizii kamiyyuu isa malee baruu kan hindandeenye qooqa barbaachisoo kan isiniif dhiheessu gara Essential English Conversation’tti baga nagaan dhufte. Ani Caaliidha. Qaphii kana keessatti, namoonni, guyyaa hojii hinqabne maal akka raawwatan akkatti gaafattu baratta.
Namoonni lama hojii hinqabne maal akka hojjetan yoo walgaafatan caqasi.
Sam
What do you do in your spare time?
Rob
I play the guitar in a band. What about you?
Sam
I like exercising.
Caalii
Hubachuuf yoo si rakkise, hinyaadda’iin; shaakaluuf akka sigargaaruuf haasawicha addaan qoodna.
Jalqaba, Saam, ‘yeroo hojii hinqabnetti’ ‘in your spare time’ jette itti dabaluun ‘Maal hojjettaa…?’ ‘What do you do…?’ jettee Roobiin gaafattee. Kana jechuun yeroo hojiirra bilisa taatu jechuudha. Caqasiitii irradeebi’i.
What do you do in your spare time?
Caalii
Roob ittaansuun, ‘Baandii kessattan gitaara taphadha’ ‘I play the guitar in a band’ jedhe. Waa’ee taphannaa meeshaalee muuziqaa ittiin ‘taphannuu’ dubbachuuf jecha ‘play’ jedhu fayyadamna. Jechi ‘band’ jedhu ‘baandii muuziqaa’ jechuudha.
I play the guitar in a band.
Caalii
Roob ittaansuun gaafii walfakkaataa gaafatame sana deebisee ‘Atihoo?’ jechuudhaan Saamiin gaafate. Caqasiitii irradeebi’i.
What about you?
Caalii
Dhumarratti, Saam akka ispoortii hojjechuu jaallattu himte. Waan hojjachuu jaalattu tokko ‘I like’ eega jettee booda jecha ‘-ing’ xumuraarratti ittaansuun ibsuu dandeessa. Fakkeenyaaf yoo muuvii kan ilaaluu kan jaallatu ta’e, ‘I like watching movies’ jechuu dandeessa. Caqasiitii irradeebi’i.
I like exercising.
Caalii
Dansa! Ammammoo namoonni gara garaa wayita yeroo hojjiirra bilisa ta’e wayita qabaatan gochawwan raawwatan yoo dudubbatan caqasuudhaan maal akka jette mirkaneeffadhu.
What do you do in your spare time?
I go fishing by the river. What about you?
I like playing sports.
What do you do in your spare time?
I play basketball with my friends. What about you?
I like meeting friends.
Caalii
Tole, irradeebinee haayaallu. Himoota Afaan Ingiliziitiin caqasiitii irradeebi’i. Yeroo kanatti tokkoo-tokkoosaanii al lama dhageessa.
What do you do in your spare time?
What do you do in your spare time?
I play the guitar in a band.
I play the guitar in a band.
What about you?
What about you?
I like exercising.
I like exercising.
Caalii
Baay’ee gaarii! Afaan Ingilizii hagam dansaa akka yaadattu haa ilaallu. Himoota qooqakeetiin caqasiitii Afaan Ingilizii keessatti maal akka ta’an himi.
Yeroo hojirra bilisa taatu maal hojjattaa?
What do you do in your spare time?
Baandii keessaan gitaara taphadha.
I play the guitar in a band.
Atihoo?
What about you?
An ispoortii hojjachuun jaaladha.
I like exercising.
Caalii
Misha! Tole, amma namoonni yeroo hojiirra bilisa ta’an maal akka hojjatan akkaataa ittiin gaafattu ni beekta. Saamiif deebii laachuudhaan shaakali. Gaafii walfakkaatu ‘Atihoo?’ ‘What about you?’ jettee gaafachuu hindagatiin.
What do you do in your spare time?
I like exercising.
Caalii
Baay’ee gaarii, ammammoo deebiikee sirreeffachuuf haasawicha guutummaasaa irradeebi’iitii caqasi.
Sam
What do you do in your spare time?
Rob
I play the guitar in a band. What about you?
Sam
I like exercising.
Caalii
Hojii gaarii! Amma namoonni yeroo hojiirra bilisa ta’an maal akka hojjetan Afaan Ingiliziitiin gaafachuu ni dandeessa. Waan baratte shaakaluu hindagatiin. Hiriyaa tokko barbaaddadhuutii wayita hojiirra bilisa ta’utti maal akka raawwatu Afaan Ingiliziin gaafachuun shaakali. Barnoota dabalataa Essential English Conversation‘iin yeroo ittaanutti walitti deebina. Nagatti! Bye!
Check what you’ve learned by putting the words in the correct order.
Jechoota tartiiba sirrii ta’een tarreessuun waan hanga ammaatti baratte mirkaneeffadhu.
Wayita hojiirra bilisa taatuutti maal hojjettaa?
3 Questions
Put the words in the correct order.
Jechoota tariiba sirrii ta’een tarreessi.
ድጋፍ
Activity
Put the words in the correct order.
Jechoota tariiba sirrii ta’een tarreessi.
ፍንጭ
Jechi 'do' jedhu al-lama dhufa.Question 1 of 3
ድጋፍ
Activity
Put the words in the correct order.
Jechoota tariiba sirrii ta’een tarreessi.
ፍንጭ
Jecha ‘like’ booda jecha ‘-ing’ fayyadamna.Question 2 of 3
ድጋፍ
Activity
Put the words in the correct order.
Jechoota tariiba sirrii ta’een tarreessi.
ፍንጭ
Gaalee 'I play…' jedhuun eegali.Question 3 of 3
Excellent! Great job! መጥፎ እድል ነጥብ አስመዝግበዋል :
Join us for our next episode of Essential English, when we will learn more useful language and practise your listening skills.
Kutaa barnootaa Afaan Ingilizii Barbaachisoo kan qooqa daran faayida-qabeessa ta’an keessatti barannuufi daandeettii dhageettiikee ittiin shaakaltutti yeroo itaanu walitti deebina.
Shaakala dabalataaf miseensa garee Feesbookii keenyaa ta’i!
Session Vocabulary
What do you do in your spare time?
Wayita hojirraa bilisa taatutti maal hojjettaa?I play the guitar in a band.
Baandii keessattan gitaara taphadha.I like exercising.
An ispoortii hojjachuun jaaladha.I go fishing by the river.
Qurxummii qabuufan gara lagaa deema.I like playing sports.
Ispoortii adda addaa taphachuu jaaladha.I play basketball with my friends.
Hiriyootakoo waliin kubbaa kachoo taphadha.What about you?
Atihoo?