Iraan ‘nukilara Israa’el irratti haleellaa raawwattee’?

Madda suuraa, Maxar
Iraan Dimoonaa haleeluun ishee wiirtuu nukilaraa Israa’el irratti xiyyeeffattee ta’uu mala jedhame
Aanga’oonni Israa’el akkamitti akka misaa’eliin Iraan humna ittisa qilleensaa keessa darbee yoo xiqqaate namoota 47 madeessee, magaalaa kibba jirtu Dimoonaa irratti dhiibbaa akka geesise qorachaa jiraachuu dubbatan.
Wanti ifa ta’e garuu, maaliif Teehraan akka bakka kanarratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessitedha.
Magaalaa Dimoonaa keessaa bahee fageenya kiiloomeetira 13 dhaabbanni tokko meeshaa waraanaa nukilaraa kan Israa’el ifatti hin labsine qabatetu jira. Ifatti kan beekamu, giddugalli kun qorannoo qofarratti kan xiyyeeffatudha jedhama. Haata’u malee, dhimma kanarratti mootummoonni dhufanii darban ejjennoo ifa hin taane qabatanii darbanillee wagga 60 oliif Israa’el bakka kanatti boombii nukilaraa akka gabbistu kan hunduu beekudha.
Kana jechuun ammoo Baha Giddugaleessaa keessatti Israa’el biyya meeshaa waraanaa nukilaraa hidhatte tokkittii ishee taasisa. Kanaaf, bakki kun irratti xiyyeeffatamuun Israa’el of eeggannoo addaa kennitee akka hordoftu godheera.
Iraan mataan isheeyyu bakka addatti irratti xiyyeeffattee haleeltu ta’uu dubbatee turte.
Iraan haleellaan Dimoonaa irratti taasiftu deebii duula qilleensarraa kanaan dura US/Israa’el wiirtuu nukilaraashee Naataanz jirurratti taasisaniiti jetteetti.
Israa’el fi US kan Iraan waraanaa jiraniif akka isheen humna boombii nukilaraa gabbisuu hin qabaanne gochuudha.










