Iraan buufata UK-US, Diyeegoo Gaarsiyaatti misaa'ela dhukaaste

Iraan buufata waraanaa US-Biritish kan tahe Diyeegoo Gaarsiyaa haleeluu BBC'n mirkaneesse.

Guduunfaa

  • Sa'ud Arabiyaa 'obsi koo kan daangaa hin qabne miti' jette, biyyoonni Galoo Galaanaa Arabaa haaloo bahuufii?
  • Lammiin Iraan buufata humna galaanaa UK yeroo seenuuf yaalu qabame
  • Mootummaan UK 'waraana kanatti kallattiin hin seennu' jedhe
  • Iraan buufata ishee Ameerikaaf akka hin heeyyamne UK akeekkachiifte
  • Haleellaan misaayelaa Iraan Yeruusaalem irratti rawwattu dabalaa jira
  • Odeessaalee keenya karaa marsariitii, YouTube, Facebook fi WhatsApp keenyaa bal'inaan ni argattu
  • Haleellaan Iraan irratti baname akkamiin guutummaa addunyaa raasuu danda'e?
  • Liinaa Wayyuu: Barattuu qaxalee badhaasawwan sadi injifattee carraa hojiis argatte

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan ‘nukilara Israa’el irratti haleellaa raawwattee’?

    Haleellaa Iraan Dimoonaa keessatti gaggeessite

    Madda suuraa, Maxar

    Iraan Dimoonaa haleeluun ishee wiirtuu nukilaraa Israa’el irratti xiyyeeffattee ta’uu mala jedhame

    Aanga’oonni Israa’el akkamitti akka misaa’eliin Iraan humna ittisa qilleensaa keessa darbee yoo xiqqaate namoota 47 madeessee, magaalaa kibba jirtu Dimoonaa irratti dhiibbaa akka geesise qorachaa jiraachuu dubbatan.

    Wanti ifa ta’e garuu, maaliif Teehraan akka bakka kanarratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessitedha.

    Magaalaa Dimoonaa keessaa bahee fageenya kiiloomeetira 13 dhaabbanni tokko meeshaa waraanaa nukilaraa kan Israa’el ifatti hin labsine qabatetu jira. Ifatti kan beekamu, giddugalli kun qorannoo qofarratti kan xiyyeeffatudha jedhama. Haata’u malee, dhimma kanarratti mootummoonni dhufanii darban ejjennoo ifa hin taane qabatanii darbanillee wagga 60 oliif Israa’el bakka kanatti boombii nukilaraa akka gabbistu kan hunduu beekudha.

    Kana jechuun ammoo Baha Giddugaleessaa keessatti Israa’el biyya meeshaa waraanaa nukilaraa hidhatte tokkittii ishee taasisa. Kanaaf, bakki kun irratti xiyyeeffatamuun Israa’el of eeggannoo addaa kennitee akka hordoftu godheera.

    Iraan mataan isheeyyu bakka addatti irratti xiyyeeffattee haleeltu ta’uu dubbatee turte.

    Iraan haleellaan Dimoonaa irratti taasiftu deebii duula qilleensarraa kanaan dura US/Israa’el wiirtuu nukilaraashee Naataanz jirurratti taasisaniiti jetteetti.

    Israa’el fi US kan Iraan waraanaa jiraniif akka isheen humna boombii nukilaraa gabbisuu hin qabaanne gochuudha.

  2. 'Tooftaan haaraafi siistamiin dhukaasaa haaraa' Iraan US fi Israa'elitti abjuu ta'a -Ajajaa IRGC

    Humna Eegduu Warraaqsaa Islaamaa Iraan (IRGC)tti Ajajaan Humna Qilleensaa halkan kana biyyattiin misaa'eloota dabalataa Israa'elitti dhukaasti jedhe.

    "Ammarraa kaasee, ol aantummaa Misaa'elaa ilmaan Iraan [humnoota] samiiwwan daangaawwan qabatamanirratti labseera," jedhe Sayid Majiid Musaavii X irratti.

    "Tooftaan haaraa fi sistamiiwwan dhukaasaa haaraa" US fi Israa'elitti "abjuu ta'a" jedhe.

  3. US Odola Kaarg haleellaan Iraan Galaana Diimaa fi Ulaa Baab al-Mandab ‘tasgabbii dhorkuu’ dandeessi

    US humna waraanaan Odola Kaarg nan fudhadha akkuma jettu itti fufnaan miidhaa “ta’ee hin beeknetu” ishee mudata jechuun maddi waraanaa tokko miidiyaa Iraanitti hime.

    Filannoon tokkichi Iraan qabdu Galaana Diimaa fi Ulaa Baab al-Mandab “tasgabbii dhorkuudha” jechuun maddi kun burqa oduu Humna Eeguduu Warraaqsaa Islamaatti dhiyoo ta’e Tasniimitti dubbate.

    Ulaan Baab al-Mandab – kan maqaa Karaa Imimmaanii [Gate fo Tears] jedhamuun beekamu – maayilii 20 (km32) kan ballatu yoo ta’u, Galoo Galaanaa Arabiyaa irraa Yamaniifi Jibutii, akkasumas karaa qarqara Afrikaarraan Ertiraa gidduutti argama. Karaan kun hanga Bo’oo Suwiizitti kan demeudha.

    Maddi waraanaa kun itti dabaluun akka jedhetti, US Ulaa Hormuuz fi dhaabbileen boba’aa Iraan ilaalchisuun “rakkoo guddaatu” ishe emudachaa jira.

    Ameerikaan Odola Kaarg haleellaan omishini boba’aa yeroodhaaf addaan cituu danda’a jedha,aa jira.

    Iraan dhaabileen naannicha keessa jiranitti abidda qabsiisuu akka dandeessuufi US ammoo miidhaan erga Waraana Addunyaa Lamaffaatii as isa guddaadha jedhame ishee mudachuu akka danda’u ibse maddi kun.

    • Hubannoodhaaf:Boba’aan Iraan alatti ergamu %90 ta’u terminaala Odola Kaarg Kanaan karaa ujummoo hidhuura biyyaarraa ka’uun darba. US Kanaan dura odola Galoo Galaanaa keessatti argamtu kanarratti bakkeewwan 90 irratti xiyyeeffachuun haleeluu himee ture.
    Kaaraa Galaana Diimaa fi Baha Giddugaleessaa agarsiisu
  4. "Raashiyaan michuu amanamatuu Iraan taatee itti fufti" - Puutin

    Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waggaa haaraa Iraan sababeefachuun hoggantoota biyyattiif ergaa dabarseen, Mooskoon michuu amanamtuu Teehraan taatee itti fufti jedhe.

    Waajirri pirezidaantichaa Kireemiliin akka jedhetti, Puutiin hoogganaa waliigalaa Mojtaabaa Kameeenii fi pirezidan Masuud Peezeeshkiyaaniif ibsa hawwii gaaraa dabarseefiin, "Iraanonni yeroo rakkisaa akka kanaa keessa kabajaan ni darbu," jedheera.

    Raashiyaan kanaan dura haleellaa Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti banan guutummaa Baha Giddugaleessaa mancaasuun rakkoo hanqina boba'aa addunyaa uumaniiru jettee ture.

    Dabalataan pirezidantiin Raashiyaa tarkaanfii Ameerikaafi Israa'el hogganaa waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii ajjeesuuf fudhatan cimsee balaaleeffateera.

    Haata'u malee, Raashiyaan waraana deemaa jiru keessa dhimma Raashiyaan Iraaniif gargaarsa ochaa jirti jedhurratti odeeffannoon amansiisaa hin jiru.

    Sabaa-himaaleen tokko tokko garuu Raashiyaan deeggarsa odeeffannoo akka kennitu gaabaasaniiru.

    Gaazexaan Ameerikaa Wool Istiriit Joornaal Raashiyaan Iraaniif suuraawwan saatelaayitiifi tekinooloojii diroonii ammayyaa ni kenniiif jechuun kan gabaase waajirri pirezidaantichaa waakkateera.

    Odeeffannoo kanaan walqabatan iroof:

  5. Iraan buufata waraanaa US-UK kan tahe Diyeegoo Gaarsiyaa haleeluu barame

    Buufata waraanaa Diyeegoo Gaarsiyaa

    Madda suuraa, US national Archives

    Ibsa waa'ee suuraa, Buufata waraanaa Deegoo Gaarshiyaa

    Iraan buufata waraanaa US-Biritish kan tahe Diyeegoo Gaarsiyaa haleeluu BBC'n mirkaneesse.

    Haleellaan kun kan milkaa'e miti kan jedhe UK'n ergasii UK'n buufata waraanaa sihee bal'istee akka itti fayyadamtuuf Ameerikaaf eeyyamte.

    Diyeegoo Gaarsiyaa odola Chaagos kanneen Garba Hindii irratti argaman keessaa isa guddaadha.

    Buufanni waraanaa kun humna waraanaa Ameerikaa fi Biritish qubachiiseera.

    Jalqaba ji'a kanaatti UK'n akka waraana Iraaniif itti fayyadamtuuf Ameerikaaf eeyyamteetti.

    Kunis Iraan misaa'ela dhukaasuun faayidaa biyyaalessaa ykn lubbuu Biriiten tokko akka hin miineef jette.

    Jimaata kaleessaa UK'n buufata ishee fayyadamuun hulaa Hoormuz bansiisuuf Iraan irratti haleellaa akka gaggeesituuf eeyyamteefii.

    Buufanni waraanaa Diyeegoo Gaarsiyaa namoota siiviliif kan hin eeyyamane yoo tahu lafa isatti dhiyoo jiru irraa gara KM 1,609 fagaata.

    Haatahu malee, lafti kun madda wal dhabdee UK fi Moorishees tahuun tureera.

    Akka waliigaltee biyyoota lamaaniitti, UK'n odola kana liiziidhaan waggaatti paawondii miliyoona 101 kaffaluun waggoota 99 dhufaniif itti fayyadamti.

  6. Daawwadhaa: Abidda guddaa wiirtuu dippilomaasii US Baagdaad qabate kana fakkaata

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Abidda guddaa wiirtuu dippilomaasii US Baagdaad qabate kana fakkaata
  7. Waajjirri Olaanaa Basaasaa Iraaq dirooniidhaan haleelame

    Waajjirri Olaanaa Basaasa Biyyaalessaa Iraaq dirooniin haleelamuu himame.

    Sambata har'aa haleelamuu kan himame waajjirri magaalaa Baagidaad keessa jiru kun waajjirichi hagam akka miidhame garuu hin ibsamne.

    Jen Saad Maan akka himanitti haleellichi ganam gara barii dhaqabe.

    Haleellaa kanaan qondaalli basaasaa tokko ajjeefameera.

    Haleellaa kana eenyu akka raawwate ammatti hin ibsamne.

  8. Iraan buufanni niwuukilaraa Naataanz ganama kana haleelamuu ibsite

    Buufata  Niwukilara Naantaaz  Bitootessaa 2026

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Buufata Niwukilara Naantaaz Bitootessaa 2026

    Dhaabbanni Aannisaa Atoomawaa Iraan buufanni niwukilaraa Iraan gidduugala biyyattiitti argamu Naataanz ganama kana haleelamuu ibse.

    ''Qorannoon teeknikaa fi adda tahe gaggeeffamuun faalamni carrallaa ammati dhaqqabe hin jiru jedhe.

    Jiraattota naannichaarra balaan ykn miidhaan geessisu hin jiru jedhe.

    Haleellaan kun waliigaltee gabbisa niwuukilaraa dhimma nageenyaaf ooluu addunyaan qabdu kan cabse jette Iraan.

    Waxabajji darbe Ameerikaan buufataalee niwuukilaraa Iraan sadii irratti boombii buuste.

    Naataanz, Foordoo fi Isfahaan yeroo sana haleelamanii ture. Tiraamp haleellichaan guutummaatti ''barbadeessineerra'' jedhee dhaadatee ture.

  9. Kooriyaan Kibbaa biyyoota ulaa Hormuz nageenyasaa eegu waloon ibsanitti dabalamte

    Kooriyaan Kibbaa tattaaffii sadarkaa idil-addunyaa ulaa Hormuz nagaa fi bilisaan ulaa kanarra qaxxamuruu mikaneessurratti xiyyeeffatuttidabalamuu qooda gama isheee akka gumaachitu ejensiin oduu Rooyitars gabaase.

    Ibsa Kamisa darbe ba'e akka agarsiitti ulaan daldalaa kun tasgabbii akka qabaatu tarkaanfiiwwan "barbaachisoo ta'an’’ fudhachuu qophii ta’uu akeeka.

    Jalqaba hoggantoonni biyyoota UK, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Nezerlaand fi Jaappaaniin kan mallattaa’essan yoo ta’u, ibsi kun erga Kanaadaa, Awustiraaliyaa, Niwuu Ziilaand, Deenmaark, Laatviyaa, Islooveeniya, Istooniyaa, Noorweey, Siwiidin, Finlaandi, Cheekiyaa, Rumaaniyaa, Baahireen fi Lituwaaniyaa wajjin waloon bahe.

    Carraaqqiin ulaa galaanaa kana eeguuf godhamu maal akka of keessaa qabu ammallee ifa miti.

  10. ''Ameerikaan weerara dhaabuuf waan qophoofte hin fakkaatu''- Ministira Dhimma Alaa Iraan

    Abbaas Araachi

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Abbaas Araachi

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araachii akkas jedhe;''tattaaffii waraana kana guutummaatti goolabuu danda’u kamiyyuu ni simanna'' jechuun, ''waraana kana Iraan dirqamtetu itti hirmaata jirti’’ jedhe.

    Araachiin miidiyaa Jaappaan Kiyodoo jedhamutti akka himanitti, Iraan ''yaada akkanaa dhaggeeffachuufi ilaaluuf qophiidha.''

    Garuu biyyoonni kaan lola Baha Giddugaleessaa keessatti dhalate kanaaf furmaata barbaadaa jiraatanis, ''Ameerikaan weerara dhaabuuf waan qophoofte hin fakkaatu'' jedha.

    Araachiin akka jedhanitti Iraan dhukaasni yeroof akka dhaabatu hin barbaaddu, garuu ''waraanni guutummaatti, haala guutuu ta’eeni fi karaa waaraan akka xumuramu'' barbaaddi’’ jedhe.

    Araachiin af-gaaffii kanas akkaawuntii Telegram isaarratti qoodeera.

  11. Loltoonni Israa’el kibba Libaanositti Hizbullaa waliin wal loluun namoota afur ajjeesan

    Humni Ittisa Israa’el (IDF) kibba Libaanos keessatti Hizbullaa waliin waliin wal loluun namoota afur ajjeesuu beeksise.

    Dubbi himaan Waraana Israa'el miidiyaalee Afaan Arabaa Avichayi Adrahii, humnoonni Israa’el basaastoota Hizbullaa hedduu arganii Jimaata halkan nama tokko ajjeesaniiru jedhe.

    Itti dabaluudhaan akka himetti, xiyyaarri waraana Israa’el miseensota Hizbullaa biroo loltoota Israa’elirratti dhukaasa banan haleelurratti xiyyeeffate jedha.

    Namoonni sadii dabalataan dhukaasa taankiitiin ajjeefamuu kan ibse Adrahii, loltoonni Israa’el homtuu hin miidhamne jedhe.

    Humni Qilleensaa Israa’el magaalaa guddoo Libaanos Beerut keessatti waajjira muummee Hizbullaa haleelus ibseera.

  12. Dubbiin Tiraamp jijjiiramuun rakkoon Ulaa Hormuuz US qofaan fala akka hin arganne agarsiisa-Xiinxala

    Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Tiraamp

    Pirezidant Tiraamp dhimma ulaa tarsimoof murteessa ta’e Hormuuz walxaxa adeeme waliin wal’aansoo qabaa jira.

    Dhimmi ulaa kanaa tarii waraana kana keessatti gufuu isa fi waraana kana injifachuu labsuu gidduutti uumu ta’uu mala.

    Traamp amma ulaa murteessaan kun cufamuun Ameerikaa caalayyuu kutaalee addunyaa biroof murteessaa akka ta’eetti ibsaa jira.

    Kanaan dura Tiraamp akka jedhee ture; 'Ameerikaan karaa tokkonis ta’ee karaa biraatiin nageenya ulaa kana ni eegdi’’ jedhanii turan.

    Nageenya ulaa kanaa eeguuf tumsa biyyoota NATO fi biyyoota michoota ijoo kan akka Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaallee akka hin barbaanne ibsee ture.

    Amma garuu biyyoonni kunneen nageenya ulaa kanaa eegutti akka itti hirmaatan gaafachaa jira, duubatti harkifachuu isaniif “dabeeyyii’’ jedhees qeeqera.

    Dhugaan jirtu garuu, daballiin gatii boba’aa Sababa ulaa Hormuziin mudatu buufata boba'aa Waashingitanitti argamu tokko akkuma buufata boba’aa Tookiyootti argamutti miidha.

    Tiraamp dubbii geeddaruun kun kophaa isaatti furuu akka hin dandeenye fi dhimma kanatti mufachusaa agarsiisa.

  13. Iraan misaa'ela baalistikii lama buufata Diyeegoo Garsiyaa irratti dhukaasu gabaasni tokko akeeke

    Diyeegoo Garsiyaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Diyeegoo Garsiyaa

    Iraan buufata waraanaa waloo Ameerikaa fi UK kan ta’e Diyeegoo Garsiyaatti misaa’ela balistikii fageenya gidduu galeessaa qaban lama dhukaasuu gabaasni miidiyaalee Ameerikaatiin ba’e mul’isa.

    Wool Istriit Joornaal maddoota hedduu wabeeffachuun akka gabaasetti, misaa’eloonni lamaanuu buufata garba guddaa Hindii keessatti argamu kana hin rukunne.

    CNN qondaala Ameerikaa wabeeffachuun akka gabaasetti, misaa’eloonni kun Jimaata ganama garasitti dhukaafamu gabaase.

    Fageenyi Iraa fi Diyeegoo Garsiyaa giddu jiru gara 3,800km ta’a.

    Hogganaan olaanaa duraanii Iraan fageenyi misaa'eloonni Iraan imaluu danda’an inni guddaan 2,000km akka hin caalle ajajee ture.

    BBC'n Peentaagenifi Ministeera Ittisa UK dhimma kan gaafateera. Peentaagen ''ammaa battala kanatti odeeffannoo hin kennu’’jedhe.

  14. Humni Diddaa Islaamaa buufata waraanaa 'diinaa' nan haleele jedhe

    Humni Diddaa Islaamaa (Islamic Resistance) Iraaq keessaa sa'a 24 darban keessatti qofa oppireeshinii 24 gaggeesse jedhe.

    Haleellaa kanas diroonii fi misaa'ela hedduun gaggeessuu ibse.

    Haleellicha buufataalee waraanaa Iraaqii fi naannoo ishee jiran irratti tahuu ibse.

    Iraaq cinaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Baagidaaditti kan argamu gidduugalli dippolomaasii Ameerikaa haleelamuu ibsameera.

    Maddeen AFPtti akka himanitti gidduugala dippilomaatii fi loojistikii US Iraaq jiru irratti haleellaan sadii gaggeeffameera. Achi keessa humna waraanaa US jiraata.

    Haleellaa sadaffaan booda buuafticha cinatti balaan abiddaa mudachuu qondaalli tokko madda oduu kanaaf mirkaneessaniiru.

    Iraan hidhattoota maqaa Diddaa farra Islaamummaa jedhaman kanneen deeggarti.

  15. Ameerikaan humna lafoon Iraan galuuf karoora addaa qabdi - CBS

    D. Tiraampii fi Maarkoo Ruubiyoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, D. Tiraampii fi Maarkoo Ruubiyoo

    Qondaalonni waraanaa US, humna lafoo Iraan keessa bobbaasuuf karoora bal'aa qopheeffataa akka jiran michuu BBC kan tahe CBS gabaase.

    Qondaalonni waraanaa Peentagon karoora kanaaf gaaffii ifa tahe dhiyeessaa jiraachuu CBS gabaase.

    Karoorri kun ammoo yoo loltoonni Ameerikaa Iraan galanii loltoota Iraan to'atan akkamiin akka isaan to'achuu qaban of keessaa qabaachuu CBS qondaalota lama irraa gaafachuun gabaase.

    Jimaata kaleessaa Tiraamp Ameerikaan oppireeshinii Iraan irratti gaggeessaa jirtu hir'isaa akka deemtu dubbatan.

    Duraan ammoo kun waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessuu hin barbaachius jedhee ture.

    Tiraamp humna lafoo eessattiyyuu erguuf hin karoorsine garuu osoo nan ergas tahe sinitti hin himu jedhe.

    Dippaartimantiin Ittisaa Ameerikaa gaaffii kanaaf deebii hin kennine.

    Ajajni waraanaa 'Central Command' kan oppireeshinii Baha Gidduugaleessaa hogganu yaadota sochii humna waraanaa irratti deebii kennuu hin barbaanne.

  16. Loltoonni galaanarraa Ameerikaa guyya meeqatti Iraan gahuu danda'u?

    Koloneelli Ameerikaa soorama bahan tokko loltoonni galaanarraa US yeroo akkamii keessatti akka Baha Gidduugaleessaa gahuu danda'an himan.

    Koloneel Maark Kaansiyaan humni nagaa kabachiisaa US gara Baha Gidduugaleessaatti ergame yeroo akkamii keessatti akka dhaqabu tilmaama kaa'e.

    Gareen humna galaanaa jalqaba bobbaafame guyyoota shanii hanga torbaa gidduutti dhaqaba.

    Humni kun torban darb buufata waraanaa Jaappaan keessaa ka'ee imala jalqabe.

    Gidduugala Istiraateejii fi Qorannoo Idil-addunyaatti gorsaa humna Ittisaa fi nageenyaa kan tahan Koloneel Maark, humni galaanarraa biraan bobbaafamuu kan ibsame gaafa Jimaata kaleessaa tahuu himan.

    Isaan ammoo qarqara Lixa Ameerikaatii ka'uun achi gahuuf guyyoota 30 ol itti fudhata.

    Lakkoofsi isaanii ammoo gara 2500 taha jedhan.

    Garee xiqqaan biraa loltoota 400 qabate ammayyuu galaanarra jiru. Isaan ammoo guyyoota 20 keessatti dhaqabu.

    "Kanaaf bobbaafamuun loltoota jira garuu hundi isaanii al takkaatti wal argachuuf guyyoota saanitti fudhata.

  17. Tiraamp yeroo US waraanicha dhaabuuf qophii taatutti Israa'elis ni qophoofti jedheen yaada jedhe

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Tiraamp Waayit Hawus duratti rippoortarootatti akka dubbatetti, US Iraaniin "akka malee hammeessitee" haleelaa jirti."

    Isaan warra badiidha, bineeyyiifi namoota hamoodha," jechuun ibse mootummaa Iraan.

    Yoo US waraanicha dhaabuuf qophoofte Israa'el waraana Iraan keessatti gaggeessitu ni dhaabdii kan jedhu gaafatamee Tiraamp akkas jedhe, "akkas jedheen yaada".

    Hariiroon jiru baayyee gaariidha, kan jedhe Tiraamp, "xiqqaatus, guddatus waan wal fakkaatu barbaadna," waan ta'eef biyyoonni lamaan "injifannoo barbaadna".

    Ulaa Hormuuz irratti dubbii dubbateen "nuti hin fayyadamnu", haata'u malee biyyoonni kaan ni fayyadamu jedhe Tiraamp.

  18. Tiraamp: Dhukaasa dhaabuu hin barbaadu

    Tiraamp akkas jechuun ripoortaroortatti dubbate: "Ani dhukaasa dhaabuu hin barbaadu."

    Itti dabaluun akkas jedhe: Yeroo [warra si lolanm] butuchutetti dhukaasa hin dhaabdu."

  19. UK'n buufatashee gargaaramuun Ulaa Hoormuuz irratti xiyyeeffattee Iraan akka haleeltu hayyamteef

    MM UK Kiir Istaarmar fi Pirezidantii US Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    UK'n buufatashee gargaaramtee US Ulaa Hormuuzirratti xiyyeeffachuun akka Iraan haleeltu mirkaneessiteef.

    UK'n kanaan dura humnoonni Ameerikaa oppereeshinii Iraan akka misaa'ela kan fedhii UK ykn lubbuuf yaaddoo ta'a jedhame hin dhukaasne gochuu rratti buufataleen Biriitish akka fayyadaman hayyamtee turte.

    Haata'u malee, ministiroonni har'a yeroo walga'anitti akka waliigalanitti US buufataaleen Biriitish fayyadamuun gara sadarkaa dooniiwwan Ulaa Hormuuz eeguu dabalatutti bal'ateera.

    UK'n ammallee taanaan haleellaa kana keessatti kallattiin hin hirmaattu kan jedhe Daawoniing Istiriit, "ilaalchi UK'n walitti bu'iinsarratti qabdu akkuma duraan jiruttidha>"

  20. Sa'ud Arabiyaan dirooniiwwan ja'a daangaasheerratti barbadeessite himte

    Sa'ud Arabiyaa dirooniiwwan ja'a daangaasheerratti barbadeessuu miniteerri ittisaa biyyattii hime.

    Ergaa saatii muraasa keessatti walitti aansuun X irratti baaseen, ministeerichi dirooniiwwan naannoo gama baha biyyattiirratti qolachuu ibseera.