Seenegaalonni waancaa Afrikaa nyaatanii turan qabatanii agarsiisaf karaatti bahuufi

Madda suuraa, Reuters
Senegaal tapha michoomaa Peeruu waliin Sanbat-duraa dhufu taphachuuf jirtu dursuun lammiileen ishee waancaa Afrikaa nyaatanii turan qabatanii agarsiisaf karaatti bahuuf akka jiran Federeeshiniin Kubbaa Miilaa biyyattii hime.
Senegaal agarsiisa kana mormii waancaa isaanirraa fudhatamurraa qabaniif akka ta'e himame.
Leenconni Teraangaa, gareen kubbaa miilaa Senegaal, waancaan Afrikaa yeroo lammaffaaf Ammajjii 18, 2026 mo'atan Morookoo tapha xumuraa waancaa waliin taphataniif dabarsamee akka kennamu murtaa'uun isaa ni yaadatama.
Tapha kanarratti atakaaroon dirree keessaa ka'ee ture.
Dilbata Amajji 18, 2026 biyyi waancaa kana qopheessite Morookoon daqiiqaa 98ffaa irratti peenaaliitiin yeroo kennameefitti leenjisaan Senegaal Peeppee Tiyaaw gareesaa dirree keessaa baase ture.
Saadiyoo Maanee fi karra eegaan Senegaal Eduwaard Mendiin garuu taphattoota Senegaal dirreetti deebisuun taphni itti fufe. Taphataan Morookoo Biraahim Diyaaz penaaliitii argamte yeroo rukutu karra eegaan Senegaal salphaatti kubbattii qabatee oolche.
Senegaal fi Morookoon zeeroo fi zeeroon dhumee yeroo dabalataa kenname.
Senegaal sa'aatii dabalame keessatti Morookoo 1 fi 0n mo'atte.
Garuu torban dabre Konfedereeshiniin Kubbbaa Miilaa Afrikaa (CAF), bu'aa tapha kanaa jijjiiruun Morookoon 3-0 dhaan Seenegaal mo'achuu labse.Waancaanis Morookoof akka kennamu jedhe.
Kibxata immoo Manni Murtii ijibbaataa Ispoortii (Cas) iyyata Senegaal simate.
Adeemsi murtii iyyata Seneegaal kunis akka saffisu ajaje.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Senegaal murtii kana akka hin fudhanne ibseera.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Senegaal tapaha michoomaa biyyattiin Peeruu waliin Sanbat-duraa Paarisitti qabdu dura agarsiisni daandiirraa akka qophaawuu Preezdaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Senegaal Abdoulaye Fall himan.
"Senegaal hin jilbiiffattu, gatii ishees dabarsitee hin kennitu" jedhan Pireezdaantichi. "Qabsoon keenya dirree tapha kubbaa bira ceheera" jedhan ibsa miidiyaaleef Paarisirraa kennaniin.

















