Hogganaa olaanaa haaraan Iraan Mojtaabaa Kaamenii ibsa yeroo duraaf kennaniin dhaadatan

Ergaan hogganaa Olaanaa kun BBC Pershiyaadhaan hiikame Kameeniin Iraan "carraa Ulaa Hormuz cufuu" hojiirra oolchuu itti fufuu qabdi jedha.

Guduunfaa

  • Waa'ee diroonii Iraan Giddugala Bahaafi US yaaddorra buuse maal beekna?
  • Iraan dirooniidhaan Kaalifoorniyaa haleeluu akka dandeessu FBI akeekkachiise -Gabaasa CBS
  • Iraan gatiin boba'aa baarmeeliin tokko doolaara 200 galuu akka danda'u akeekkachiiste
  • Ulaa Hormuz fi naannoo sanatti haleellaan hammaate, Israa'el haleellaa haaraa Libaanositti eegalte
  • Biyyoonni miseensa Ejensii Inarjii Idiladdunyaa (IAE) boba'aa yeroo rakkoof kuusan keessaa baarmeelii miiliyoona 400 fayyadamuuf waliigalan
  • Hogganaan Olaanaa Iraan eessa jiru? Maaliif ummatatti hin mul'anne?
  • Hogganaan Olaanaa Iraan madaa'anillee 'nagaa qabu' - Ilma Pirezidantii Iraan
  • Israa'el haleellaa bifa haaraan Libaanos fi Iraan irratti eegaluu ibsite, Iraan ammoo haleellaawwan hedduu Israa'el fi wiirtuuwwan humna waraanaa US Baha Giddu Galeessaa jiran irratti raawwachuu ibsite
  • US dooniiwwan waraanaa Iraan kanneen dhootuuwwan galaana keessa awwaalan 16 barbadeessuu himte
  • Tiraamp akka Iraan ''dhootuuwwan Ulaa Hormuz keessa hin keenye'' akeekkachiisuu booda US tarkaanfii fudhatte
  • Qondaalli poolisii Iraan namni mootummaarratti mormii dhiheessuu yaadu kamuu ''waan diinni arge arguuf deema'' jechuun akeekkachiiseera
  • MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ''lammiileen Iraan sirna Ayaatollaa ofirraa kuffisuu qabu,'' jedhe
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa
  • Odeessaalee keenya karaa marsariitii, YouTube, Facebook fi WhatsApp keenyaa bal'inaan ni argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan ulaa Hormuz keessa fanjii kaayaa hin jirtu - Ministeera dhimma alaa Iraan

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Itti aanaan ministira dhimma alaa Iraan Majiid Taakht-Ravanchi Iraan ulaa Hormuz keessa fanjii keessi yaada jedhu haalan. US dooniiwwan Ulaa Hormuz cufan haleeluu ishee beeksistee guyyaa tokko booda kan ministirichi ibsa kana kennan.

    "Biyyoonni dooniiwwan isaanii ulaa Hormuz keessa dabarfachuuf nu waliin dubbatanii jiru, tumsas gooneefii jirra" jedhan Taakht-Ravanchi dubbii AFP irratti dubbataniin.

    Garuu biyyootni "weerara Iraan irratti banametti makaman tajaajila kanarraa fayyadamoo ta'anii dooniiwwan isaanii nagaan dabruu hin danda'an" jedhan.

    Sirnichi waraanni lammata irratti labsamuu akka hin dandeenyu mirkaneeffachuu barbaada jedhan.

    "Waraanni Adoolessa bara darbe guyyoota 12f erga nurratti banamee booda dhukaasni dhaabbatee ture. Garuu ji'oota saddeetii fi sagal booda deebi'anii wal gurmeessun waraana nurratti banan" jedhan.

  2. 'Haati warraa Ayaatolaa Kaameenii lubbuudhaan jirti' - Miidiyaa Iraan

    Sirna gaggeessaa Ayaatolaah

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Sirna gaggeessaa Ayaatolaah

    Miidiyaan Iraan, Fars News Agency, akka gabaasetti Haati warraa Hogganaa Olaanaa duraanii Ayaatolaa Alii Kaamenii, Mansoureh Khojasteh Bagherzadeh, lubbuun jirti jedhe

    Maddi Oduu, kan hidhata Eegdota Warraaqsaa Iraan, Oduun asiin dura duute jedhame soba dha jedha.

    Televizhiniin mootummaa Iraan lama asiin dura Bitootessa 02/2026 haati warraa Ayaatolaa Alii Kaameeniin "mana keessatti" ajjeefamuu yoo gabaasan miiidiyaaleen kuun immoo of wallaaltee akka jirtu gabaasanii turan.

    Haaluma wal fakkaatuun,miidiyaan Iraan intalli hoggana duraanii, ilmi intala siaa fi soddaan isaa ajjeefamuu gabaafameera.

    Ayaatolaa Alii Kaamenii fi haati warraa isaa ijoollee jaha kan waliin horan yoo ta'u, afur dhiira, lama immoo dubara.

  3. Loltoonni Biriitish buufata waraanaa Iraaq keessa jiran diroonota Iraaniin haleelaman

    Erbiil

    Madda suuraa, Getty Images

    Loltoonni Biriitish buufata waraanaa Iraaq keessa jiran diroonota Iraaniin haleelamuu BBC'n odeeffate.

    Haleellaa kanaan loltoonni Biriitish du'an hin jiran, garuu loltoonni gariin madaawaniiru.

    Buufatni waraanaa kun kaaba Iraaq, Irbil, keessa kan jiru yoo ta'u, to'annoo US jala jira, kan Biriitish dabalatee gamtaa humnoota garaagaraa qaba.

    Humnoonni Biriitish torbaanota dhihoo diroonota Iraan qolachuuf garas bobbaafaman.

    Diroononni Iraan lama Roobii garas furgugfaman misaayeloota lafarraa dhukaafamanii barbadaawuu gabaasni kun ni agarsiisa.

    Haleellaawwan qilleensaa baay'inni isaanii ammaaf adda hin baane buufata waraanaa kana rukutanii jiru.

    Loltoonni Biriitish madaawan. Madoo hamaa akka hin taane gabaasni kun ni mul'isa.

  4. Israa'el Beeruut keessatti haleellaa haaraa jalqabde

    Beeruut

    Madda suuraa, Reuters

    Humni Waraanaa Israa'el (IDF) Beeruut keessatti haleellaa haaraa banuu ergaa Telegiraamii irratti daqiiqaa muraasaan dura maxxanseen beeksise.

    Magaalattii irraa akka haaraatti aarri yeroo bahus mul'ateera.

    Humni Waraanaa Israa'el jirattonni Beeruut hatattamaan achi akka bahan akeekkachiiseera. Keesumaa warrai ollaa Baachuuraa keessa jiran akka bahan hime.

    Dubbii himaan IDF Aviichaay Adraayee kaartaa X irratti maxxanseen Yunivarsiitii Seent Jooseef eereera.

    Kanneen gamoo kana keessa jirtan ''bu'uuraalee Heezboollaa isa shororkeessaa dhihoo jirtu, Humni Waraanaa immoo ni haleela,'' jedhe.

    ''Nageenya keessaniifi maatii keessanii eeguuf gamoo jedhame kana keessaa baatanii yoo xiqaate meetira 300 fagaachuu qabdu,'' jedhe.

  5. Ajajaa olaanaan Eegdota Warraaqsaa Iraan ajjeefamuu Iraan mirkaneessite

    Suuraa Eegdota Warraaqsaa Iraan misaayelaa waliin

    Madda suuraa, NurPhoto

    Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Eegdota Warraaqsaa Iraan misaayelaa waliin

    Maddi Oduu mootummaa Iraan Faarsi ajajaa olaanaa humna qilleensaa fi hawaa (eeroospeesii) Eegdota Warraaqsaa ajjeefamuu sirni awwaalchaa isaa raawwatamuu gabaase.

    Haleellaa US fi Israa'el raawwachaa jiraniin hoggantootni Eegdota Warraaqsaa Iraan hedduun ajjeefamamanis Iraan ifatti hin ibsitee hin beektu.

    Gabaasaaleen bahan akka mul'isanitti Ismaa'el Deehgaan kan ajjeefaman mana isaanii keessatti "haadha warraa fi ijoolleesaanii lama fi akkawoo isaanii waliin jedhame."

    Kun kanaan osoo jiruu Israa'el Kibba Libaanos keessatti haleellaa raawwatteen hogganaa waraanaa Hezboolaa tokkoo fi miseensota garee kanaa 100 caala ajjeesuu beeksifte.

    Dubbii himaan waraana Israa'el miidiyaa hawaasaa ofii X irratti ergaa barreessaniin ajajaan Hizboolaa Abuu Alii Raayaan kan ajjeefame Sanbat-duraa haleellaa raawwatameen ta'uu ibsan.

    Dubbii himaan kun ajajaa garichaa malees miseensonni garichaa 100 caalanii fi wiirtuuwwan ajajaa garichaa barbadaawuu himan.

  6. Yeroo gatiin boba'aa dabalu 'Ameerikaan maallaqa baayyee buufatti' jedhe Tiraamp

    Donaaldi Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Yeroo haasaan jalqabaa hogganaa olaanaa Iraan tamsa'aa turteetti, Donaaldi Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaa irratti gatii boba'aa addunyaa dabalaa jiruun Ameerikaan akka buufattu dubbate.

    Miidiyaa Hawaasaa isaa Tiruuz Soshaal jedhamu irratti: ''Ameerikaan biyya boba'aa hamma isa guddaa addunyaa oomishtu waan taateef yeroo gatiin boba'aa dabalu, qarshii baayyee arganna,'' jedhe.

    ''GARUU anaaf akka pireezidantiitti dhimmi guddaan impaayara hamminaa Iraan Meeshaa Waraanaa Niiwkilaaraa qabaachuurraa dhaabu, Baha Gidduugalaafi addunyaa barbadeessuurraa hambisuu dha. Kuni akka tahu hin eeyyamu!'' jedhe.

  7. MM Itoophiyaa Abiy Ahimad daawwannaa hojiif UAE dhaqan

    Daawwannaa MM Abiy UAE

    Madda suuraa, The Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad daawwannaa hojiif Yunaayitid Arab Eemireets dhaquu Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa beeksise.

    Ministeerichi Abiy ganama kana UAE gahuufi daawwannaa hojiif garas imaluu malee odeeffannoo dabalataa hin kennine.

    Imalli MM Abiy kun wayita waraana US-Israa'eliifi Iraan badaa hin caamnetti gaggeeffame.

    UAE biyyoota michuu US fi Israa'el sababa waraana kanaan Iraan irraa haleellaan dirooniifi misaayeloota baalistikii hedduun itti dhukaafamaa jiraniidha.

    Erga waraanni eegalee dirooniiwwan 1500 ta'aniifi misaayelotni baalistikii dhibbaan lakkaa'aman itti dhukaafamaniiru.

    Sababa kanaattis lubbuun namootaa darbeera.

    Itoophiyaan erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangoo qabatanii as UAE waliin michummaa cimaa ijaarteetti.

    Daandiin qilleensaa Itoophiyaafi kanneen biroo hedduu sababa waraana kanaa imala gara Baha Gidduugaleessaa godhamu haqanitti MM Abiy garas imalan.

  8. Hogganaa olaanaa haaraan Iraan Mojtaabaa Kaamenii ibsa jalqabaa kenne

    Mojtaabaa Kameenii

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Iraa Ullaa Hormuuz irratti xiyyeeffachuu itti fufuu qabdi jedhe Mojtaabaa Kameenii ibsa kanaan.

    Ergaan Hoggana Olaanaa Iraan haaraa kanaa Televizhinii mootummaa Iraan irratti dubbifame.

    Ergaa BBC Pershiyaadhaan, hiikame kanaan Kameeniin Iraan "carraa Ulaa Hormuz cufuu" hojiirra oolchuu itti fufuu qabdi jedhe.

    Iraan imaammata michummaa gaarii biyyoota olloota ishee waliin qabdi, garuu buufata waraanaa Ameerikaa biyya isaanii keessaa akka cufan gorsitee turte, Iraan ammallee buufataalee kanneen irratti qiyyaafattee haleeluu itti fufti jedhe.

    Mojtaabaa Kaameenii Iraan ''dhiiga lammiilee Iraan waraana kanarratti ajjeefamaniif gumaa baasuuf'' duubatti hin deebitu jedhe.

    Keessumaa haleellaa US naannoo Minaab jedhamu mana barumsaa irratti haleellaa raawwatteen ijoollee 110 dabalatee namoonni 168 ajjeefaman akka addaatti kaasuun himameera.

    Iraan mannni barumsaa kuni misaayela US'n haleelame yoo jettu Ameerikaan ni waakkatti. Qorataa akka jirtus himte.

    Mojtaabaan ilma lammataa Alii Kaameenii yoo tahu, nama abbaasaa dhaalu akka tahu himamaa turus aangootti dhufuu isaan dura nama baay'ee fuulduratti hin mul'anne ture.

    Haleellaa Ameerikaa fi Israa'eliin abbaa Mojtaabaa Kaameenii dabalatee haati warraasaafi haatisaa ajjeefamaniiru.

    TV'n biyyaalessaa Iraan ''goota waraana Ramadaanaa'' jedhee isa ibsuun ala haleellaa US-Israa'eliin miidhamuusaaf mirkana tokkoyyuu hin kennine.

    Hogganaan kuni ''akkaan miidhamuu'' qondaala Iraan maqaan hin eeramne kaasuun Rooyitarsi gabaasee ture.

  9. Waa'ee diroonii Iraan Giddugala Bahaafi US yaaddorra buuse maal beekna?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Waraanni US – Israa’el fi Iraan gidduutti hammaatee itti fufeerratti meeshaaleen waraanaa garagaraa mul'achaa jiru.

    Kanneen keessaa tokko dirooniin Iraan akka rasaasaa dhuka’u Giddugala Baharraa darbee Ameerikaa yaaddessaa jira.

    Gatiifi ulfaatinni isaa xiqqaa ta'us, miidhaa jabaa geessisa. Ameerikaafi Raashiyaanis cimina isaa baranii fakkeessanii dalaganiiru.

    Waa’ee diroonii kanaa maal beenna?

  10. Humnooti Iraan doonii Ameerikaa Galoo-galaa irra jirtu haleelan

    Dhohinsa doonii Galoo galaanarratti

    Madda suuraa, Fars

    Eegdoti Warraaqsaa Iraan doonii Ameerikaa Galoo-galaanarra turte Kamisa har'aa haleeluu, maddi oduu Iraan Faarsii jedhamu gabaaseera.

    Maddi Oduu Faarsi mootummaa biyyattiitti hidhata qabu Eegdoti Warraaqsaa Iraan kuni doonii Ameerikaa kaaba Galoogalaanaa irratti haleeluu hime.

    Taankarootni boba'aa lama qaama bishaanii Iraaq Baasraa irratti haleelaman keessaas tokko kan Ameerikaati.

    Maddi oduu Faarsii dooniin Saafesiyaa Vishnuu jedhamtu yeroo haleelamtu agarsiisu qoodeera. Viidiyoo kanarratti dhohinsi guddaan halkan keessa gaafa uumamu agarsiisa.

    Qondaalotni Hindii doonii Saafesiyaa Vishnuu jedhamtu kana bidiruun saffisaa adii tokko waan dhuka'u baattee yeroo haleeltu mul'ateera jedhan. Kanaanis namni tokko ajjeefamee, kaan baraaramaniiru.

  11. 'US torban jalqabaa waraanaa irratti doolaara biiliyoona 11.3 baaste'- Maddeen waraanaa

    -

    Madda suuraa, PA Media

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    US waraana Iraan irratti torban jalqabaa qofatti baasii dolaara biliyoona 11.3 akka baafte maddeen waraanaa seera baaftota Ameerikaatti himan.

    Qondaalonni waraanaa Ameerikaa Kongresitti akka himanitti waraanni Iraan torban jalqabaa qofatti US dolaara biliyoona 11.3 kasaarsuu miidiyaan michuu BBC Ameerikaarraa gabaasu CBS News gabaase.

    Lakkoofsi kun tilmaama isa gad-aanaa fi qophii fi baasii sosochii waraanaan duraa [Guraandhala 28 dura] ture hin hammatu jedhe.

    Seenaatarri paartii Dimookraatotaa Kiriis Kuun Roobii miidiyaatti akka dubbatanitti "Baasiin waraana kanaa kanaa ol akka ta'un tilmaama jedhan.

    Bajanni waraanaa waggaa kan US bara 2026 dolaara biliyoona 900 dha.

  12. Lammiin Chaayinaa goondaa 2,000 ol Keeniyaatii fuudhee bahuuf ture to'atame

    Goondaa miya keessa kaa'amte

    Madda suuraa, KWS

    Lammiin Chaayinaa goondaa mootii 2,000 ol Keeniyaa irraa fuudhee yeroo bahuuf yaalu buufata xayyaaraa biyyattiitti to'annoo jala oole.

    Buufata xayyaaraa Jomoo Keeniyaataatti ture yeroo sakatta'insi taasifamuu qondaaloti goondaa lubbuu qaban miya Shaang Keequun keessatti kan argan.

    Lammiin Chaayinaa kuni himannaa irratti banameef deebii kennuu baatulleen poolisiin dhimma kana daddabarsa goondaa bara darbe raawwatee ture waliin wal qabsiisee jira.

    Gosti goondaa kunneen waliigaltee addunyaa eegumsa sirnakkoon kan eegaman yoo tahu, daddabarsii isaanii akkaan kan to'atamu dha.

    Tajaajilli Eegumsa Bosonaa Keeniyaa goondaan kunneen biyyoota Awurooppaafi Eeshiyaa keessatti akka bineelda manaatti waan madaqfamaniif akkaan barbaadamaa jiraachuu akeekkachiiseera.

  13. 'Raashiyaan gargaarsa namoomaa Iraanif ergite'

    Raashiyaan gargaarsa namoomaaf qoricha Iraanif ergite

    Madda suuraa, Anadolu

    Ibsa waa'ee suuraa, Raashiyaan gargaarsa namoomaaf qoricha Iraanif ergite

    Ministeerri dhimmoota yeroo Muddamaa Raashiyaa gargaarsa namoomaa toonii 13 ta'u karaa Azarbaajaan gara Iraanitti erguu ibsuu isaa miidiyaan Turkii Anadooluun gabaasera.

    Deeggarsi gargaarsa namoomaa kun ajaja preezdaant Vilaadmiir Puutiin kan raawwatame ta’uu ministeerichi beeksiseera.

    Raashiyaan meeshaalee deeggarsa namoomaa fi qoricha Azarbaajaanitti erga geessitee booda bakka bu’oota mootummaa Rippabiliika Islaamaa Iraanif kan dabarfamu ta'a jedhame.

    Iraan biyya ollaa ishee Azaarbaajanillee dirooniin haleeltee turte.

  14. Israa'el 'mooraa Iraan meeshaalee waraanaa nukilaraa keessatti oomishtu' haleeluu himte

    Waxabajjii darbe Israa'el buufata gabbisa nukilaraa Iraan haleeltee turte

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Waxabajjii darbe Israa'el buufata gabbisa nukilaraa Iraan haleeltee turte

    Humni waraanaa Israa'el haleellaawwan guyyoota darban raawwataa jiruun ''mooraa Iraan keessatti meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishtu'' rukutuu ibse.

    Akka waraana Israa'elitti mootummaan Iraan mooraa magaalaa Tehraan keessatti argamu, Teleghan jedhamu keessatti ''meeshaalee waraanaa oomishuuf sadarkaa murteessaara ga'ee jira.''

    Iddoon kun bakka Iraan meeshaalee dhukaafamanii fi dhohuun balaa qaqqabsiisan bal'inaan keessatti oomishtu ta'uu kan ibse humni waraanaa Israa'el ''dhoksaan ammoo sagantaa oomisha meeshaalee waraanaa nukilaraa'' kan bara 2000 keessa eegalte kan keessatti itti fufaa jirtu ta'uu eere.

    Waxabajji darbe waraana guyyoota 12f Israa'el fi Iraan gidduu ture, kan boodarra US gara Israa'el goruun itti makamteen buufataalee nukilaraa Iraan irra miidhaan ga'ee ture.

    Inumaa Pirezidant Tiraamp haleellaa maqaa ''Operation Midnight Hammer'' jedhamuun humni waraanaa US gaggeesseen buufataaleen nukilaraa Iraan hundi barbaada'uu ibsee ture.

    Kanaan booda yaaddoon meeshaalee waraanaa nukilaraa Iraan irraa dhufu akka hin jiraannes ibsee ture.

    Ji'oota booda garuu Israa'el waliin ta'uun deebi'anii dhimmuma nukilaraa akka sababaatti kaasuun waraana eegalan.

  15. Waraanni Iraan torbeen jalqabaa qofti Ameerikaa doolaara biiliyoona 11 caalaa baasise- New York Times

    New York Times walga'ii Ministeerri Ittisaa Ameerikaa Kongiresii keessatti dhoksaan gaggeesse ilaalchisuun odeeffannoo argate gabaaseera.

    Akka gabaasa kanaatti, Pentaagan, Ameerikaan torbee jalqabaa waraana Iraan irratti doolaara biiliyoona 11.3 baasuu ibseera.

    Tilmaamni kun baasiiwwan oppireeshinii waraanaa kan hin hammannellee qaba jedha gabaasi New York Times.

  16. Buufati waraanaa Xaaliyaanii kan Iraaq keessa jiru misaa'elaan haleelame

    Ministeerri Ittisaa Xaaliyaanii akka jedhetti haleellaan kun buufata humna waraanaa biyyattii kan kutaa kaaba Iraaq, bulchiinsa Erbil jedhamu keessatti argamurratti raawwatame.

    Bulchiinsi haleellaan misaa'elaa irratti raawwatame kun gariin warra Kurdi jalatti bula.

    Ministeerichi haleellaa kana eenyu akka raawwate hin ibsine. Xaaliyaaniin loltoota 3,000 Erbil keessaa qabdi. Loltoota Kurd leenjisu.

    Buufati humna waraanaa Ameerikaas Erbil keessatti argama. Iraan haleellaa US fi Israa'el irratti raawwatan haaloo ba'uuf iddoowwan irratti xiyyeeffattu keessaa tokko isa kana.

    Hidhattoonni Iraaniin deeggaramanis erga waraanni US-Israa'el fi Iraan eegalee bakka kanarratti xiyyeeffatanii haleellaa gaggeessaa jiru.

    Iraan ammas biyyoota Arabaa buufataaleen waraanaa US keessatti argaman haleeluu itti fufteetti.

    Miidiyaan Kuweet akka gabaasetti Buufati Xiyyaaraa Idiladdunyaa biyyattii har'a dirooniiwwan torbaan haleelameera.

    Qabeenyi manca'us namarra garuu miidhaan akka hin geenye Abbaan Taayitaa Siivil Aviyeeshinii biyyattii ibseera.

    Israa'el ammoo haleellaa cimaa bakka mootummoonni Iraan qubatan akkasumas buufataalee waraanaa biyyattii ta'an irratti gaggeessuu akka eegalte ibsiyeetti.

  17. Daawwadhaa: Taankarii boba'aa Galoo Galaanaa keessatti haleelamee boba'aa jiru

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Taankarii boba'aa Galoo Galaanaa keessatti haleelamee boba'aa jiru
  18. Israa’el Beerutitti namoota heddu galaafatte, Hizbullaan rookkeettii 100 ol itti dhukaasun haaloo ba'e

    Haleellaa Israa’el Beerut magaalaa Ramlet al-Bahida keessatti raawwatte booda

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Israa’el Beerut magaalaa Ramlet al-Bahida keessatti raawwatte booda

    Haleellaa qilleensaa Israa’el Libaanos irratti raawwataa jirtuun namootni hedduun ajjeefamaniiru.

    Haleellaa naannoo qarqara galaanaa magaalaa guddoo Libaanos Beerutitti raawwatameen yoo xiqqaate namootn saddeet du’uu isaanii gabaafameera.

    Ministeerri Fayyaa Libaanos haleellaan kun kallattiin konkolaatta irratti kan raawwatame yoo ta’u, kanneen ajjeefaman malees namoonni 21 madaa’uu ibseera.

    Haleellaan marsaa lammataa ammoo namoota miidhaman gargaaruuf kanneen walitti qabaman irratti raawwachuun miidhaa dabalataa qaqqabsiiseera.

    Magaalaa guddoo Beerutitti Roobii halkan haleellaa qilleensaa cimaan kan raawwate yoo ta’u, dhohinsi guddaan kutaalee magaalattii hedduu keessatti dhaga’ameera. Jiraattonni kutaa kibba magaalattii kumaatamaan lakkaawaman haleellaa kana jalaa miliquuf qe'ee isaaniirraa baqataniiru.

    Haleellaan qilleensaa biroon kutaalee magaalattii adda addaa irratti itti fufeera

    Waraanni Israa'el gama isaan halkan tokkotti Libaanos keessatti haleellaa qilleensaa ''guddaa'' walitti fufiinsaan raawwachuu isaa mirkaneessee, daqiiqaa 30 keessatti waajjiraalee Hizbullaah kudhan irratti xiyyeeffachuu hime.

    Hizbullaanis haaloo ba'uuf rookkeettiiwwaan 100 ol ta'an Israa'elitti dhukaasera.

    Akka ibsa garee hidhattootaa Hizbullaatti, qindoomina michuu isaa Iraan waliin ta'uun Israa'eel Haayifaa fi naannoolee kaaba Israa’el biroo irratti misaa'ela dhukaasuu eerera

  19. Daawwadhaa: Haleellaa Iraan keessati raawwatame hordofee aara guddaa uumameefi namoota naasuun fiigan

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Haleellaa Iraan keessati raawwatame hordofee aara guddaa uumameefi namoota naasuun fiigan
  20. Dooniiwwan meeqatu haleelame?

    Doonii gubachaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Galoo Galaanaa Arabiyaa, Ulaa Hormuuz, akksumas Galoo Galaanaa Omaan keessatti Guraandhala 28 hanga Bitootessa 11'tti dooniiwwan 13 haleelamuu Oppereeshiniin Daldalaa Galaanaa UK (UKMTO) gabaase.

    Halkan darbe dooniiwwan lama qarqara Iraaq bakka ulaa Uum Qasir magaalaa Baasraatti dhiyootti haleelamaniiru. Haleellaan kun nama tokko ajjeesee 38 ammoo madeessuu gabaasni kun beeksiseera.

    Saatii muraasa dura akka UKMTO beeksisetti ammoo, kaaba Jebelii Alii, UAE'n "Ze Maaster doonii konteenaraa dhukaasa hin beekamneen haleelamee abiddi xiqqaan doonicharratti uumamee ture."

    Miidhaa qaqqabe guutummaatti adda baasuuf ammoo "sababa waraanaaf danqameera," jedheera.

    Odeeffannoo kana waliin walitti dhiyaataniif: