Tiraamp Iraan ''dachaa 20'' haleeluuf dhaadachuu booda Tehraan pirezidanticha akeekkachiiste

Boba'aan ulaa Hormuuz keessa bahu yoo dhaabate Iraan ''dachaa 20'' akka haleelamtu Tiraamp dhaadatan. Qondaalli Iraan immoo 'Akka hin ajjeefamne of eeggadhu' - jechuun Tiraampitti dhaaman.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mootummaan UAE ummataaf ergaa dabarse

    UAE keessatti bakka haleelame

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) ummanni bakka nagaa qabu keessamturuun qajeelfama idilee kennamu akka hordofu ergaa dabarseera.

    Itti dabaluun sistemiin humni ittisa qilleensaa 'misaa'ela itti ergamaniif deebii kennaa jira.

    Abbaan Taayitaa Ittisa yaaddoo Balaafi Manaajimentii Rakkoo, "sisteemiin Humna Ittisa Qilleensaa 'yaaddoo misaa'elaatiif' yeroo ammaa deebii kennaa jira," jedhe.

  2. Amma nu gahe, Ameerikaan erga waraanni ka'e loltuu duraa miidhame beeksiste

    Erga waraanni US - Israa'el fi Iraan eegaleetii waraanni Ameerikaa 140 ta'an miidhamuu Ministeerri Ittisaa US beeksise.

    Kanneen miidhaman keessaa saddeet haalaan miidhamuu dubbate.

    Ibsa Dubbii Himaan Pentaagon Siin Paarnel baasanirratti, ''kanneen miidhaman keessaa garri caalu miidhamni isaanii salphaadha'' jedhaniiru.

    Dabaluunis, miseensonni waraanaa 108 hojiitti deebi'uu himan.

  3. Xiyyaaronni waraanaa US boombii buusan UK'tii ka'aniiru

    Xiyyaara waraanaa US B-1 jedhamu

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara waraanaa US B-1 jedhamu

    Har'a [Kibxata] waaree booda keessa xiyyaaronni waraanaa US B-1 jedhamaniifi boombii gurguddaa buusuu danda'an buufata 'RAF Fairford' jedhamurraa ka'aniiru.

    Buufata kibba-lixa Ingilaanditti argamu kanatti kan qubatanii turan xiyyaarota waraanaa US B-1 fi B-52 boombar jedhamanidha.

    Namoonni kanneen ilaaluuf gara buufatichaatti adeemaniis turan.

    Kanneen achi dhaqan akka jedhanitti, xiyyaarota waraanaa 12 lakkaa'aniiru.

    Haa ta'u malee, ammatti xiyyaaronni waraanaa kuni waraana adeemaa jiruurratti hirmaachuu isaanii Ministeerri Ittisaa UK yookiin Ameerikaa irraa Pentaagon waan dubbate hin qabu.

    Guyyaa garuu Ministirri Waraanaa US Piit Heegiset haleellaan US Kibxata raawwattu ''isa cimaa'' akka ta'u dubbatanii turan.

  4. Iraan Giddugala Bahaatti wanti yaadde duraa fashalaa'e - Ergamaa Addaa US

    Giddugala Bahaatti Ergamaa Addaa US

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan Iraan biyyoota Giddugala Bahaatti raawwatte naannicha gooleera

    Giddugala Bahaattii Ergamaa Addaa US kan ta'an Istiiv Witkoof Donaald Tiraamp Iraan waliin mari'achuuf qophiidha jedhan.

    Haa ta'u malee, furmaanni dippilomaatikii amma waan jiru hin fakkaatu jedhan.

    CNBC'tti kan dubbatan qondaalli kuni ''yaaliin Iraan naannicha shororkeessuu taasiste faallaan galma gahe,'' jechuun dubbatan.

    Inumaa ''ummata walitti fide,'' jedhan.

    Dabaluunis, biyyoonni baay'ee Ameerikaa quunnamuun ''qaama Waliigaltee Abirahaam ta'uu barbaadan'' jedhan.

  5. Tiraamp Iraan ulaa Hormuuzirra fanjii yoo keesse balaansaa hamaadha jedhe

    Pirezidantiin US Donaald Tiraamp Iraan ulaa Hormuuzirra fanjii dhoksuun daandicha cufaa jirti yoo ta'e balaan irraa gahu ''kan hanga ammaa mula'tee hin beeknedha'' jedhe.

    Ammatti sana gochuusheef ragaa akka hin qabne dubbate.

    Midiiyaa hawaasaa Truth Social irratti ''Iraan ulaa Hormuuzirratti yoo fanjii keesseetti ta'e, ammatti gabaasa sana agarsiisu hin qabnu garuu keesseetti yoo ta'e akka kaasan barbaanna, ATATTAMAAN!'' jechuun katabe.

    ''Sababa kamiifu fanjiin kaahamee jira yoo ta'e, kaafamuu qaba. Kuni ta'uu baannaan gama waraanaan rakkoon itti dhufu kan mula'tee in beeknedha'' jedhe.

    Yoo isa kaahanii turan kaasan ammoo tarkaanfii gaarii daandii qajeelaarra geessudha jedhe.

  6. Raashiyaan qoonsilaa Iraan keessa jiru haleellaan rukutame jette

    Raashiyaan akka jettetti, qoonsilaa ishee Iraan Isfahaan keessatti argamu dhuma sambattanirra sababa haleellaa waajjira bulchiinsa naannoo sanatti argamu irratti raawwatameen miidhaan irra gaheera.

    Dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Maariyaa Zakaaroovaan taatee kana seera idil-addunyaa ifatti cabsuu jechuun ibsuun biyya addaa kamiyyuu hin himanne.

    "Waldhabdeen Baha Giddu Galeessaa keessatti mul'atu kallattiinis ta'e al-kallattiin dantaa mootummootaa fi namoota nagaa isaanii dabalaa dhufe irratti dhiibbaa geessisaa jira," jette.

    Miidhaan lubbuun darbee fi miidhaan cimaan irra gahe hin jiru jechuun dubbatteetti.

  7. ''Reeffa isaanii qofa qofa hirree funaannee kaafne. Qaama isaanii guutuu hin arganne''

    Mana Kiristiyaanaa

    Madda suuraa, Mehal Sayint Woreda comm.

    Naannoo Amaaraa, Godina Kibba Walloo, Aanaa Mahaal Saayint keessatti Gadaamii argamuurratti ''haleellaa meeshaa waraanaa jabaa'' raawwateen namoonni jaha ajjeefamuufi 20 ol madaa'uu bulchaan Gadaamichaafi kanneen ijaan argan BBC'tti himan.

  8. Galataasaraay 1-0 Liverpuul

    Galataasaraay vs Liverpuul

    Madda suuraa, Getty Images

    Istaanbulitti Liiverpuul Galataasaraay irratti dhiibbaa uumuu dursa fudhatus daqiiqaa 7ffaarratti goolii Maariyoo Lemiinaa galcheen durfamaa jira.

  9. Waraanni UAE har'a qofa misaayeloota baalistikii sagaliifi diroonii 35 qolachuu ibse

    Haleellaa UAE irratti raawwate

    Madda suuraa, Getty Images

    Sirni itisa haleellaa qilleensaa Yunaayitid Arab Eemireets guyyaa har'aa qofa misaayela baalistikii sagaliifi dirooniiwwan Iraan 35 qolachuu beeksise.

    Dirooniiwwan kunneen keessaa 26 qolatamanii kan hafan sagal dachee UAE keessatti lafa dhahuu beeksise.

    Ministeerri Ittisaa biyyattii X gubbaa gabaasa baaseen kan har'aa kana dabalatee lakkoofsi misaayeloota Iraan gara UAE furguggifamanii 262 gaheera. Kanneen keessaa 241 mancaafamaniiru. Lakkoofsi dirooniiwwan waraanaa itti ergamanii ammoo 1,475 gaheera. Kanneen keessaa kan qolataman 1,385.

    Haleellaawwan hanga ammaa UAE irratti raawwataman kunniin lubbuu namoota jahaa galaafataniiru.

    Ministeerri ittisaa biyyattii ibsa baase keessatti haleellaa kamuu itti aggaamamu qolachuuf qophaa'a aakka ta'e ibseera.

    Dabaluunis birmadummaa, nageenyaafi tasgabbii akkusamas fedhii biyyaalessaa akka mirkaneessu beeksise.

  10. Michoonni Iraan jajjaboon Raashiyaa fi Chaayinaan maaf callisan?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Michoonni Iraan Chaayinaa fi Raashiyaan eessa jiru? Ameerikaa fi Israa'el biyyootni humna waraanaa fi ittisaa cimaa qabaan erga Iraan waliin wal haleeluu eegalanii guyyootni lakka'amaniiru.

    Biyyootni Baha Giddu Galeessaas kallattiin waraanicha keessatti hirmaachuu baatanis haleellaa misaa'elaa fi Dirooni Iraan bufata US tti dhukaaftu qolachuun hirmaataa jiru.

    Biyyootni Awurooppaa biroo heddus Iraan haleeluuf doorsisaa jiru. Garuu Iraan hanga yoonaa qofaa ishee lolataa jirti.

    Michootni Iraan jajjaboon Raashiyaa fi Chaayinaan maaf callisan? Maaliif Iraanif tumsuurraa duubatti jedhan?

  11. Morkii waancaa FA fi Shaampiyoons Liigiin waantota eegaman

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Kilaboonni Ingilaand lama waancaawwan afuriif morkachaa ji'a Bitootessaa yeroo gahan kun kan jalqabaati.

    Waancaa Piriimiyeer Liigii, FA, Carabaawoofi Shaampiyoonsi Liigiif morkatu.

    Waancaawwan sadan kan biyya keessaa yoo ta'an, tokkommoo waancaa guddicha Awurooppaati.

    Asenaaliifi Maanchister Siitiin waancaawwan afranuu injifachuuf hiiree qabu.

    Waancaansaanii inni jalqabaa ammoo gara dhuma ji'a kanaatti harka garee lamaan keessaa isa tokkoo gaha.

  12. Waa'ee fardeen Qundhuudhoo dhihoo MM Abiy daawwatan kana beektuu?

    Fardeen Qundhuudhoo

    Madda suuraa, PMO

    Ibsa waa'ee suuraa, Fardeen kuni waggoota dheeraaf bosona keessa jiraatu

    Fardeen bosonaa Gaara Qundhudhoo kan Godina Harargee Bahaa keessatti argamu.

    Fardeen kuni jaarraa tokko ta'uf daggalatti hafanii turaniis booda kana lakkoofsi isaanii akkaan xiqqaatee ture.

    Dhihoommoo Ministirri Muummee Abiy Ahimadiifi aangawoonni biroo daawwataniiru.

  13. 'Akka hin ajjeefamne of eeggadhu' - Qondaalli nageenyaa Iraan Tiraampitti dhaaman

    Pirezidant Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Qondaalli olaanaa Iraan Ali Laarijaanii jedhaman barreeffama miidiyaa hawaasummaa X gubbaa katabaa jiraniin Ameerikaaf deebii kennaa jiru.

    Iraan ''doorsisa [Tiraamp] gatii hin qabne'' hin sodaattu jechuun ''kan isin caalaniyyuu biyya Iraan balleessuu hin dandeenyee'' jedhan.

    ''Akka si hin dhabamsiisne of eeggadhu,'' jechuun xumuran.

    Dubbiin isaanii kuni Pirezidant Tiraamp miidiyaa hawaasummaa Truth Social irratti boba'aan ulaa Hormuuz keessa bahu yoo dhaabate Iraan ''dachaa 20'' akka haleelamtu erga dhaadatan boodadha.

  14. Ulaa Hormuuz ulaa 'nagaa' yookiin 'dararaa' ta'a jechuun qondaalli Iraan akeekkachiisan

    Ulaa Hormuuz
    Ibsa waa'ee suuraa, Ulaan Hormuuz ulaa daldalaa boba'aa addunyaa keessaa 20% keessa darbudha.

    Qondaalli olaanaa nageenya Iraan Ali Laarijaani ergaa Ameerikaafi Israa'elitti akeekeen akeekkachiisa dabarsan.

    Ulaan Hormuuz Iraan to'attee jirtu ''ulaa nagaa'' yookiin ulaa ''dararaa'' ni ta'a jechuun akeekkachiisan.

    Ergaan guutuun Laarijaaniin afaan ja'aan maxxansan akkana jedha : ''Ulaan Hormuuz hundaaf Ulaa nagaa fi badhaadhinaa yookiin warra waraana leellisaniif Ulaa mo'atamuufi dararaa ta'a.''

    Dubbiin isaanii kuni waraana Giddugala Bahaatti adeemaa jiruun gatiin boba'aa yeroo dabalaa jirutti dhagahame.

    Ulaan Hormuuz ulaa daldalaa boba'aa addunyaa keessaa 20% keessa darbudha.

  15. Haleellaan misaayelaa Iraan itti fufuu hordofee Israa'elitti miliyoonotni dahootti baqachaa jiru

    Magaala haleelalame

    Madda suuraa, Getty Images

    Kaabaa fi Gidduugala Israa'el akkasumas ummatni Westi Baanki jiru miliyoonaan lakkaa'amu haleellaa misaayelaa Iraanirraa dhukaafamuu itti fufe baqachuun gara dahootti baqachaa jiru.

    Sagaleen akeekkachiiftuu balaa Israa'el keessatti yeroo sadi kan dhagahame yeroo ta'u kan jalqabaa lamaan walitti aananii dhagahaman.

    Kaaba Israa'el kan dirooniifi misaayela Hezbollaa Libaanos jiruun akka malee miidhame jirutti ammoo guyyaa har'aa qofa haleellaa dirooniifi misaayelaa dhufaa jiruuf sagaleen akeekkachiiftuu 30 ta'an dhagaahamaniiru.

    Israa'el gama isheen Tehraan irratti haleellaa dabalataa raawwachuufi buufataalee waraanaa Eegdota Warraaqsaa haleeluu beeksisteetti.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu hooggansa Iraan buqqisuuf akka hojjetan ibsan.

    Lammiileen biyyattiis ''wanjoo gabrummaa ofirraa ni cabsa'' jedheen abdadha jedhan.

  16. Haleellaa Iraaniratti raawwattu keessaa inni har'aa 'isa cimaa' akka ta'u US beeksiste

    Ministira Waraanaa US Piit Hegiseet
    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Waraanaa US Piit Hegiseet haleellaan jabaa gaafa Kibxataa akka raawwattu dubbatan

    Waraana US - Israa'el fi Iraan gidduu adeemaa jiruurratti odeeffannoo haaraa jiru Ministirri Waraanaa US Piit Hegiseet fi Walitti Qabaan Ajajoota Waraanaa US Janaraal Daan Kan dubbataniiru.

    Wantoota ijoo ta'an akka armaan gadiitti walitti qabneerra.

    • Ministirri Ittisaa Piit Heegiset haleellaa US raawwattu keessaa inni guyyaa har'aa ''isa cimaa'' ta'u dubbatan - ''loltoota hedduu, kan boombii buusan hedduu, haleellaa hedduu'' bobbaafamuu himan.
    • Erga waraanni eegalee sa'aatii 24 darbe Iraan lakkoofsa misaa'ela xiqqaa dhukaaste jedhan
    • Karaatti ulaa Hormuuziin dooniiwwan darban tiksuun danda'amu ''filmaata'' akka barbaadaa jiran Janaraal Kan dubbatan
    • Heegiset hogganaan olaanaa haaraa Iraan ergaa Tiraamp dhagahuun biyyattiin meeshaa niwukilaraa oomishuu akka hin yaadne gorsan
    • Ameerikaan haleellaa raawwattuun lammiileen nagaa akka hin miidhamne eegumsa godhan kan gaafataman Heegiset biyya kamuu caalaa Ameerikaan lubbuun akka hin dabarre eegumsa gooti jedhan
  17. Iraan qilleensa Turkii sarbuu irraa akka of qusattu Erdowaan akeekkachiisan

    Lammiileen Iraan wayita gara Turkii seenan

    Madda suuraa, REUTERS/Dilara Senkaya

    Pirezidantiin Turkii Rajiib Taayyib Erdowaan Iraan qilleensa Turkii sarbuu isheef ''sababa dhiheessitu'' tokkollee hin qabdu jedhan.

    Haleellaan Iraan biyyoota Galoo Galaanaa irratti raawwattu qaama fayyadu tokkollee akka hin qabne ibsan.

    Haasaa bilbilaan Pirezidantii Iraan Masuud Peseshkiyaan waliin taasisan booda biyyisaanii, Turkiin, waraana kana dhaabsisuuf dhiibbaa dippiloomaasii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

    Kora kaabinee biyya isaanii kaleessa galgala taa'amerratti ''gaarummaa yaaduun akeekkachiisaan bira dabarrus, dogoggora guddaa dubbii hamaa kaasisu raawwachuu itti fufaniiru. Kun ammoo michummaa Turkii waliin qaban rakkoo hamaa keessa galcha,'' jechuun Iraan komatan.

    Erdowaan erga NATOn misaa'ela baalistikii Iraan lammaffaa qilleensarratti qolatee kuffisee booda yaada kana kennan.

    Turkiin biyya NATO humna waraanaa guddaa qabaachuun lammaffaarra jirtuudha.

    Iraan waliin daangaa dheeraa qooddatti, waggoota 500f rakkoon daangaa fi hariiroosaanii mudatee hin beeku.

    Miseensi NATO mootummaa Iraan faana hariiroo qabu kan akka Turkii hin jiru.

    Erdowaan akkuma dhimma Gaazaa, Yukireen fi biyyoota biroo kaan keessatti gochaa turan dhimma Iraan kanas jaarsummaan akka hirmaatan ejjennoosaanii ibsaniiru.

  18. Biyyoonni Arabaa halkan haleellaan raawwatamaa buluu himan, eessafaatti?

    Haleellaa qontsilaa UAE kaaba Iraaq, Erbil jiru irratti raawwate booda aara samiitti olka'ee mul'atu

    Madda suuraa, Reuters

    US fi Israa'el wayita Iraan irratti haleellaa raawwachuu itti fufan, akkasumas wayita Israa'el cimsitee Libaanos haleelaa jirtutti, Iraan haaloo ba'uuf biyyoota Galoo Galaanaa keessatti haleellaa raawwachuurraa duubatti hin jenne.

    Sa'uudii Arabiyaan misaa'ela baalistikii fi dirooniiwwan shan qolachuu ibsite.

    Humni waraanaa Kuweet dirooniiwwan ja'a qilleensarratti qolachuu fi barbadeessuu ibseera.

    Magaalaa Bahreen, Manama keessatti dubartiin umrii waggaa 29 tokko ajjeefamuu booda mootummaan biyyattii sagalee akeekkachiisaa dabarsaa ture, jiraattonni akka iddoo dahannaa dhokatanis akeekkachiiseera.

    Ministeerri ittisaa Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) halkan irraa eegalee hanga yoonaa ''misaa'elootaa fi dirooniiwwan Iraan'' qolachuutti akka jiru ibseera.

    Kanaafis sirna ittisaa haleellaa qilleensaa fi jettiiwwan waraanaa bobbaasuu ibse.

    UAEn qontsilaa ishee kaaba Iraaq, Erbil jiru irratti haleellaan Iraan raawwatamuu fi mancaatiin mudachuu ibsiteetti.

  19. Tiraamp waa'ee taphattoota garee biyyaalessaa Iraan maal jedhe?

    Taphattoota shamarranii Iraan Waancaa Eeshiyaa irratti hirmaatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Taphattoota shamarranii Iraan Waancaa Eeshiyaa irratti hirmaatan

    Tiraamp duraan baqattoota Iraan kanneen Ameerikaatti koolu-galtummaa gaafatan hari'ee ture.

    Amma ammoo dhimma taphattoota garee biyyaalessaa Iraan keessa galuun akka tumsuu barbaadu ibseera.

    Gareen dubartootaa Waancaa Eeshiyaa keessaa erga kufanii booda Awustiraaliyaan taphattoota shaniif viizaa kenniteetti.

    Wiixata kaleessaa Tiraamp akka Awustiraaliyaan garee kubbaa miillaa dubartootaa Iraaniif ''koolu-galtummaa kennitu'' gaafatee ture.

    ''Yoo diddan US taphattoota kunneen ni fudhatti,'' jedhe.

    Tiraamp erga kana jedhee sa'atii tokko booda Ministira Muummee Awustiraaliyaa waliin dubbachuu fi ''taphattoonni shan viizaa argachuu'' akkasumas kaaniifis tajaajilli walfakkaataa qophaa'aa jiraachuu ibse.

    Tiraamp dhimma taphattoota kunneenii akkasiin maxxansuun kan isaan yaaddesse taphattoonni shamarranii kunneen, maatiisaanii biyya jiraniif waan sodaataniif ''biyyatti deebi'uu akka qaban'' yaada dhiheessanii turan.

    Bulchiinsi Tiraamp ji'oota dura lammiilee Iraan kanneen Ameerikaatti koolugaltummaa gaafatan hari'ee kan ture yoo ta'u, amma haala kanaan dhimma taphattoota keessa galuun shakkii uumeera.

  20. Haleellaa Israa'eliin Libaanos keessaa namoonni kuma 700 ta'an buqqa'uu qondaalonni biyyattii himan

    Aanga'aa Iraan

    Madda suuraa, reuters

    Mootummaan Libaanos akka jedhutti, waraanni kallattii kibba biyyattiirraa ka'uun babal'ataa jiru lammiilee biyyattii kumaatamaan lakkaa'aman qe'eerraa buqqiseera.

    Hanga ammaatti namoonni kuma 700 ta'an marsariitii deeggarsa namoomaa irratti akka baqattootaatti galmaa'aniiru.

    Mootummaan biyyattii dawoo baqattootaa 560 ijaaruu ministirri dhimma hawaasummaa Haneen Sayed ibseera.

    Jaarmiyaan Nyaataa Addunyaa UN Libaanos jiru erga waraanni kun eegalee namoota kuma 200 ta'aniif deeggarsa nyaataa fi maallaqaa taasisuu ibseera.

    Dhiheenya kana Israa'el handaara magaalaa Beeruut irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessaa jirti.

    Kunis erga Hezbollaan ajjeefamuu hoogganaa olaanaa duraanii Iraan, Alii Kaameenii haaloo ba'uuf Israa'el irratti haleellaa raawwatteeti.

    Hezbollaan ammas haleellaa ofirraa ittisuu malee furmaata biraa akka hin qabne himeera.

    Aanga'aan Hezbollaa Mohammad Raad haleellaa Israa'el ofirraa deebisuuf gatii barbaachisu hunda ni kaffalla jechuun AFPtti hime.

    Qondaalli kun erga Pirezidantiin Libaanos Joseef Aawon haleellaan lafoo, qilleensaa fi galaanarraan Israa'el raawwachaa jirtu guutummaatti akka dhaabbatu waamicha dhiheesseetu ibsa kana kenne.

    Odeefannoo kanaan walqabatan biroof: