Baankiin Addunyaa pirojektii Itoophiyaa waliin walqabatee kaampaanota sadi dhorke

Madda suuraa, Getty Images
Baankiin Addunyaa pirojektii sarara elektirikaa Itoophiyaa irraa gara Keeniyaa diriirsuu keessatti gocha fudhatama hin qabnee fi waliin dhawuu raawwataniiruu kan jedhe kaampaanota gorsitoota UK damee Afrikaa sadi uggure.
Uggurri kun kan kaayame kaampaanii 'Piraayiswaarhaawuskuupar (PDWC) kan jedhamu kan tajaajila gorsaa idil-addunyaa ta'e irratti yoo ta'u, dameewwan isaa Moorishiyees, Keeniyaa fi Ruwaandaa keessa jiranirra.
Akka ibsa baankii addunyaatti dameewwan PDWC sarara humna ibsaa Itoophiyaa maddu gara Keeniyaa diriirsuu marsaa duraarratti argama.
Pirojektii karoora biyyoota baha Afrikaa humna elektirikiin walitti hidhuutiin sararrri elektirikii meeggaa waattiii 2,000 dabarsuu danda'u biyyoota lamaan jidduutti ni diriirfama.
Boqonnaan jalqabaa Baankii Addunyaatiin deeggaramu, Itoophiyaa Keeniyaan kan wal qunnamsiisu humni ibsa 1000km uwwisu ni dir
Baankiin Addunyaa murtoo kaampaanota kanneen irratti dabarseen kaampaanonni kunneen ji'oota 21 itti aananiif pirojektoota baankichi tumsuu fi hojiiwwan garagaraa irratti hirmaachuun hin heyyamamuuf.
Baankiin Addunyaa akka ibsetti kaampaanonni kunneen akka gorsitootaatti akka filamaniif bara 2019 keessa odeeffannoo bittaa itti gaafatamtoota pirojektii irraa iccitiidhaan argatanii ture.
Kaampaanonni kunneen odeeffannoo dhiibbaa uumuu kan isaan dandeessisu argatan kan jedhame korporeeshinii humna ibsaa Itoophiyaarraa sanada waliigaltee gabaasa raawwii faayinaansii idil-addunyaa ta'uu eerame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana malees kaampaanonni kunneen lakkoofsa qabeenya dhaabbataa tajaajila elektirikii Itoophiyaa fi sanada tajaajila tilmaama gatii hammatu argachuuf yaalaniiru himanni jedhus irratti dhiyaate.
Kana malees kaampaanota kanneen keesaa tokko, gahumsa ogeessa ijoo tokkoo irratti odeessa dogoggoraa aka dhiyeessee fi waytii raawwii kontiraataattis odeeffannoo cinaan-kontiraataa guutummaan akka hin dhiyeessin ibsame.
Kaampaanonni kunneen gochaa raawwataniin, dorgommii hambisuuf iccitii fi waliin dhawuu hambisuuf qajeeltoo Baankiin Addunyaa hordofu waan cabsaniif ta'uu eerame.
Argannoo qorannoo baankichaa hordofee kaampaanonni kunneen badii isaanii amanuu ibsi baankiichaa ni mul'isa.
Inumaayyuu ji'oota 21 hojii baankichaa keessaa ugguramanitti hojii pirojektootaa keessatti qajeeltoowwan kabajuu fi amanamummaa ofii cimsachuuf waliigalan.
PDWC waajjirri muummee isaa UK Landan yoo ta'u, tajaajiloota gorsaa, odiitii, i mirkaneessuu, gibiraa f tajaajila kanaan walqabatan dhaabbilee daldalaa fi kaaniif kenna.
Kubbaaniyyichi biyyoota garaagaraa keessaa damee qaba. Dhiyeessii elektirikii Itoophiyaatiin wal qabatee kan uggurri irra kaayame damee isaa Afrikaa sadani.















