Daa'ima waraabessi ciniinee ijji jaame wal'aansa baqaqsanii yaaluun lubbuun hafe

Madda suuraa, Alert Hospital
Daa'imni ganna torbaa torbee lama dura waraabessaan ciniinamee hospitaala Alartitti yaaliin baqaqsanii wal'aanuu erga taasifameefi booda amma fayyaansaa fooyya'ee hospitaalaa bahuuf akka tahe hakimni yaalii kana hoggane BBCtti hime.
Balaan kuni kan qaqqabe Giddugala Itoophiyaa, Godina Guraagee aanaa Imdibir jedhamu keessatti akka tahe abbaan daa'imaa kanaa BBCtti dubbataniiru.
''Mucaan koo ijisaa hin jiru, qaama miidhamaa na jalaa taheera,'' jedhan Obbo Nuuraddiin Hamzaa.
Daa'imni isaanii waraabeessaan miidhaan irra gahe kuni ijoollee shan keessaa sadaffaa akka tahe himan.
''Naannoo sa'atii 11 irratti kubbaa taphatee gaafa galu isa qabee dirree irratti isa nyaatee gara bosonaatti isa fudhatee yeroo deemuuf jedhu iyyasaa dhagaheen isa qaqqabe, hospitaala dhihoo jiru isa geessee,'' jedhan.
Daa'imman waliin taphataa turan yeroo miliqan inni gufatee kufnaan waraabessi isa qabachuu himan Obbo Nuuraddiin.
''Dura anayyuu na ciniinuu yaalee ture gaafan itti aggaamu deebisee mucaa natti dhiisee, achi narraa fagaatee taa'e, achi mucaa fuudheen lafa hospitaalli jiru deeme. Kunoo jira egaa hin duune,'' jechuun haala ture ibsu.
Amma fayyaan ilma isaanii deebi'aa akka jiru kan himan Obbo Nuraddiin ''waa'een ija isaa na yaaddeessa,'' jedhu.
''Amma xiqqoo xiqqoo dubbachuu jalqabeera, nyaatas hamma tahe fudhachuu jalqabeera,'' jedhu.
Wal'aansa kanaan baasii guddaa akka baasaniifi qofaa daa'imasaanii yaalchisaa akka jiran himu.
Doktar Abduuraazaaq Alii Hospitaala Alartitti sabispeeshaalistii wal'aansa baqaqsanii yaaluu plastic reconstructive fi micro surgery yoo tahu, hospitaalichatti itti gaafatamaa damee wal'aansa kanaati. Wal'aansa baqaqsanii yaaluu marsaa baayyeen booda daa'imni bayyanachaa jiraachuu hima.
Miidhaan kuni kan gahe fuula mucaa irratti yoo tahu, ''ijisaa lamaan jaameeraa, maddisaa, funyaansaafi mangaagaa gara gubbaas jalaa fudhateera,'' jechuun miidhaarra gahe ibsa Doktar Abduuraazaaq.
Daa'ima kanaaf wal'aansi marsaa saddeetiin akka taasifameef kan hime haakimni kuni yaaliin jalqabaa kutaa hatattamaatti lubbuun akka oolu gargaaruu dha ture jedheera.
Kutaa wala'aansa olaanaa (ICU) galuun harganuu akka danda'uuf ujummoo qoonqoosaa keessa galeefi jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wal'aansa marsaa lammataan infeekshinii akka hin godhanneef irra deddeebiin gogaan qaamasaarratti du'e qulqulleefamaa akka tures hima.
Sadarkaa marsaa sadaffaa fi arfaffaan ammoo boca fuulasaa deebisuu, lafeesaa walitti suphuufi dhukkubbii akka hin qabaanne gochuu akka tahe hime.
Doktar Abduuraazaaq fuulasaa ''bakka duriitti deebisuu baanullee jireenya guyyuu salphaatti akka itti fufuuf wal'aansa baqaqsanii yaaluu haaromsaatu taasifameef,'' jedhe.
Dhiigni baayyeen isa dhangala'u akkasumas kan ciniiname funyaansaa irras waan tureef ''harganuuf ni rakkata ture,'' jedhe.
Otoo yaaliin kuni hin taasifamneef tahee ''carraan lubbuun turuusaa shakkisisaa dha ture,'' jedhe hakiimichi.
Wal'aansa pilaastikii kanaan fuula daa'ima kanaa haaromsuuf adeemsi ture ''rakkisaa'' akka ture hakiimichi himeera.
''Yaalii kana rawwachuuf fuulli daa'imaa irra deddeebiin dhiqamuun dabalataan miilasaarraa gogaa fuulasa simu argachuun adeemsa rakkisaa ture,'' jedhe.
Yeroo ammaa kana adeemsa bayyanachuurra akka jiruufi dhiyeenyatti hospitaalaa akka bahu hime.
''Ujummoon qonqoosaarra kaa'ame baheeraa, dhaabbatee deemuu danda'eera kanaaf hospitaalaa bahuuf qophii dha,'' jedhe.
Haa tahu malee daa'imni kuni ijisaas waan dhabeef ogeeyyiin fayyaa sammmu hawaasa waliin akkatti walitti makamee jiraachuu danda'urratti gorsa isaaf kennu jechuun haal daa'imni kuni irra jiru hime.












