Zimbaabiween lammiileenshee 15 waraana Raashiyaan ajjeefamuu ibsite

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Zimbaabiween lammiileenshee 15 Raashiyaaf akka lolan dhoksaan qacaramanii fudhatamuu booda waraana Yukireeniin ajjeefamuu ibsite. Ammallee lammiileenshee 60 ta'an waraanicha keessa akka jiran ibsite.

Ministirri odeeffannoo biyyattii Zeemuu Soodaa lammiileen ejensiwwan dhoksaan hojjetaniin hojii miindaa guddaa argattu gowwomsaa jedhuun akka gara Raashiyaa geeffama dubbatan. Dhaabbileen kunniin ''karaa miidiyaa hawaasaa namoota adamsu'' jedhan.

''Tooftaa gowwomsaa walxaxaadhaan, qaawwasaaniitti fayyadamuun fi daddabarsa namaa seeraan alaan lubbuun lammiilee Zimbaabwee darbeera'' jedhe.

Ministirichi mootummaan Zimbaabiwee aanga'oota Raashiyaa waliin dubbachuun haala reeffi lammiilee waraanichaan ajjeefamanii biyyatti itti deebi'urratti dubbachaa jiraachuu himan. Warra ammallee lubbuun jiran deebisuufis akka hojjetamaa jiru hime.

Biyyattiin yeroo duraaf lammiileenshee Raashiyaa waliin hiriiranii waraana Yukireen keessatti hirmachaa jiraachuu amante.

Soodaan carraa hojii biyyoota alaa keessaa dhiyaatuuf ilaalchisee eeggannoo jabaa akka godhan, carraa hojii dhufanis qaama amanamaarraa akka mirkaneessuu qaban akeekkachiisan.

Dabalataan warri qacarrii hamaa kana raawwatan erga namni qacaran miidhame, qabame ykn ajjeefamee booda maatiif deeggarsas odeeffannoos osoo hin kenniin badu jedhan.

Wanti amma Zimbaabiwee mudate mudannoo biyyoota Afrikaa biroo akka Keeniyaa, Gaanaa fi Afrikaa Kibbaati. Lammiileen biyyoota kanaas waraana Yukireeniif Raashiyaa keessatti hirmaachaa jiru.

Qorannoon tika Yukireen biyyoota Afrikaa 36 irraa lammiileen 1,700 ta'an waraana Raashiyaarratti akka hirmaatan tilmaama.

Keeniyaan lammiileenshee 252 waraana Raashiyaa waliin akka lolan dhoksaan qacaramaniiru. Torban darbe Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Musaaliyaa Mudavadii dhimma kana mariyachuuf gara Moskoo imalanii turan.

Marii godhameenis lammiilee Keeniyaa waraanaaf qacaraman duulchisuu dhiisuuf waliigalamuu dubbatan.

Ji'a darbe Gaanaanis lammiileenshee 55 waraana keessa ajjeefamuu ifa goote. Erga waraanichi bara 2022 eegalee asis lammiileenshee 272 waraanichaaf qacaramuu beeksifte.

Ji'uma darbe Afrikaan Kibbaas lammiileeshee 17 waraanicha keessatti hirmaachuuf gowwomfaman biyyatti deebisuu ibsite.