Biyyoota gammadoo addunyaa keenyaa bara 2026 sadarkaa duraarra jiran

Madda suuraa, Getty Images
Gabaasni biyyoota Gammadoo bara 2026 miirri hawaasaa, jiraattotaa oolmaa bultiin biyyoota Noordikii hanga Koostaarikaatti guyyuu maal akka fakkaatu mul'isa.
Biyyoonni Noordik gabaasa 2026tiin sadarkaa biyyoota gammadoo addunyaa waggoota hedduuf dhuunfachuu itti fufanis, gabaasichi waan addaa haaraa tokkos qaba.
Waggoota 14 booda yeroo jalqabaatiif biyyi Laatin Ameerikaa tokko biyyoota gammadoo baranaa shanan jalqabaa keessa seente.
Sadarkaa biyyoota Gammadoo kana waggaa waggaan kan baasu dhaabbata Gallup, Oxford Wellbeing Research Centre, and the UN Sustainable Development Solutions Network jedhamu dha. Qorannoo biyyoota 140 keessatti gaggeesseen sadarkaa kana baase dhaabbatichi.
Sadarkaan kun haala jireenya lammiilee biyyootaa waggoota sadan walitti aananii qorachuun kan dhiyaate yoo ta'u, GDP (oomisha waliigalaa biyyootaa, deeggarsa hawaasummaa, umrii jiraatan, bilisummaa lammiileen qaban jedhamu, arjummaa fi haala malaammaltummaa bu'uureeffachuun qoratame.
Waggoota walitti aanan lamaaf biyyoonni Afaan Ingliizii dubbatan sadarkaa tokkoffaa hanga 10ffaa keessa hin seenne.
Awustiraaliyaa 15ffaa, US 23ffaa, Kaanaadaan 25ffaa fi UK'n 29ffaa irra jiru.
Sadarkaan biyyootaa maal akka fakkaatu tokko tokkoon haa ilaallu.
1. Fiinlaand
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggoota 10 dabran keessatti biyyi Fiinlaand yeroo sagaliif sadarkaa 1ffaarra turte.
Biyyattiin deeggarsa hawaasummaa fi fedhii gad aanaa malaammaltummaaf qabanii fi seeftineetii hawaasummaa – kanneen akka barnootaa fi fayyaa irratti jiruun wabiin hawaasni qabu olaanaa dha.
"Fiinlaand naga-qabeettii fi biyya nama hunda itti amanu waan taateef nan jaaladha," jedha Olii Saaloo, hundeessaan Kaampaanii Heelsinki keessa jiruu, Iskiiml.
"Daa'imman umrii isaanii ganna torbatti ofii mana barnootaa dhaqanii galu, homaa hin sodaattu, namni kamuu waan waadaa gale waan raawwatuuf ni amanta."
Biyyattiitti gibirri olaanaa ta'ulleen lammiilee biyyattiitti idaa hin ta'u, ofirraa baasu.
Kantiibaan magaalaa Heelsinkii, Daani'eel Saazonoov, "gammachuun walitti dhiyeenya uumama waliin qabnurraa dhufa" jedhu. Manaa gadi bahanii miilaan deddeemuu, galaana qarqara, paarkii ykn gara galgalaa bosona deemuu fa'itu gammachuu ibsa" jedha.
Lammiileen biyyattii yeroo hunda miira gammachuu olaanaa barbaaduu caalaa jireenya madaalawaa, waloomafii miira gaarii qabu jiraachuu filatu.
Kun egaa imaltoota gara biyyattii dhufaniif halaalaa itti mul'achuu dhiisuu danda'a. Jiruuf jireenya lammiilee biyyattii keessa seenanii jiraachuun akkasumas uumama, aadaa saawunaa, sooratafii diizaayinii biyyattii dinqisiifachuufii keessatti hirmaachuun kan mul'atudha.
Namoonni gara Fiinlaand imalan hunda dura aadaa Saawunaa isaanii jaalatu.
Biyyattiitti baay'inni uummataa mil.5.5 yoo ta'u, saawunaa mil.3 caalutu jira.
Fiinlaand biyyoota uummata gammadoo bara 2026 ishee duraa taatee jirti.

Madda suuraa, Getty Images
2. Aayislaand
Bara 2014 kaasee sadarkaa 2ffaa irra kan turtee Deenmaark irraa bakka fudhachuun sadarkaa 2ffaa kan qabatte biyyi uummata 400,000 Aayislaandi, galii giddugaleessaan namni tokko argatuun (Per capita income) olaanaa (kurnan jalqabaa) ta'uun, umrii fayyaalesssaa dheeraa jiraachuuni, fi arjoomaan biyyoota kurnan jalqabaa keessa jirti.
Biyya namni hunduu nama yeroo rakkoo itti abdatu tokko qabudha biyyi tun. Aadaa waliin dhaabbachuu qaba hawaasni biyya kanaa.
"Seenaa keessatti qoolliffatmaa turuun keenya wal malee akka homaa hin qabnee fi jiraachuufis wal ta'uu akka qabnu nu barsiise" jedha jiraataan Ingibjörg Friðriksdóttirour jedhamu.
Haalli uumamaa keessa jiraniin kan isaan biraa hin hafne haala qilleensaa hamaa, ganna dukkana waliin dabarsuu malee fala waan hin qabneef aadaa gamtaan jiraachuu gabbifatan.
Biyya Aayislaanditti buna waliin dhuguu, bishaan ho'aa waliin daakuu fi hiriyoota faana yeroo dabarsuun madda gammachuu lammiileesaanii ta'uu himu.

Madda suuraa, Getty Images
3. Denmaark
Biyyi waggoota dheeraaf gammachuudhaan sadarkaa 4ffaa irraa buutee hin beekne Denmaark, ammallee biyya gammachuuti. Baranas gulantaa 3ffaarratti argamti. Gulantaa kana kan gonfatte deeggarsa hawaasummaa, malaammaltummaa gadi aanaa fi galii olaanaa lammiileen mataa mataatti argataniini.
Miirri gammachuu asii kan bakka biraatti beekamuun gargari.
"Seeqaa fi kolfa miti" jetti Laawuraa Hool, gaazexeessituun Koppanhagnen keessa jirtu.
"Wal amantaa hawaasa keessa jiru, miira walirratti abdachuu fi miira walitti amantummaa galma gaarii walootiif waliin hojjechuu tokkoon tokkoon namootaati."

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota Gammadoo jalqabaa bara 2026
1. Fiinlaand
2. Aayislaand
3. Denmaark
4. Kostaa Rikaa
5. Siwiidin
6. Noorweey
7. Neezarlaand
8. Israa'el
9. Luksanbarg
10. Siwiizerlaandi
Imaltoonni tibba Festivaalli baay'atu akka garana dhufan gorsiti, Lise Frederiksen. Festivaalota muuziqaa bebbeekamoo akka Ooystersii fi Tuulips fa'irratti.
Wayita birraa (Black sun ) simbirroonni Istarliingi jedhaman godaananitti imaltootaaf gara Denmaarki imaluun gammachuu guddaa uuma.
4. Kostaa Rikaa
Kostaa Rikaan biyya jalqabaa Laatin Ameerikaa gammadoo jedhamuun sadarkaa 4ffaa qabatte dha.
Bilisummaan lammiileen waan jireenya fedhan jiraachuu fi deeggarsi hawaasaa kan bara 2012 irraa dachaan dabale Kostaa Rikaa sadarkaa kanatti fideera.
Lammiileen biyyattii gulantaa jireenya isaanii ofumaa shallaguu fi gara fuulduraas tilmaammachuu danda'u.
"Kostaa Rikaan biyya Ameerikaa giddugaleessaa kamii ol biyya jireenya gaarii akka taatee nan amana" jedha – Adriyaan Haant.
Uumamni madda gammachuuti Kostaa Rikaatti. Haant ganama miilan deemuun, bishaan qarqara deddeemuu fi jaldeessa mukarraa mukatti ceetu laalun,Beeyi keessatti qurxummii wal ariitu daawwachuun gammachuu namaa kenna jedha.

Madda suuraa, Getty Images
5. Siwiidin
Waggoota kudhan darbeef Siwiidin afraffaafi kurnaffaa jidduu deddeebi'aa turte.
"Sababni ijoon Siwiidin walitti aansuun gammachuudhaan sadarkaa qabachaa turteef biyya xiqqoo waan taanefi jedha Stockholm School of Economics'tti ogeessi Profesarri gammachuu, nagayummaa fi fayyummaa Mikaa'el Daahileen.
"Fageenyi namoota, magaalotaa fi uumama jidduu jiru xiqqaa dha. Wal amantaa, walirratti abdachuu, walii qooduu fi waan qabnutti gammaduu, uumamaa waliin jiraachuu fi yaada haaraa fi nama haaraa simachuu baranneerra."

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan eessa jirti?
Sadarkaa miilanaa biyyoota gammadoo addunyaa bahe kanaan Itoophiyaan biyyoota 147 madaalaman keessaa 135ffaa irratti argamti.
Moorishiyees 78ffaa qabachuun biyyoota Afrikaa keessaa kan dursitu yoo taatu Liibiyaan, Aljeeriyaan, Afrikaan Kibbaa fi Moozaambik waliin Afrikaarraa biyyoota shan dursan ta'u.
Sadarkaan kun haala jireenya lammiilee biyyootaa waggoota sadan walitti aananii qorachuun kan dhiyaate yoo ta'u, GDP (oomisha waliigalaa biyyootaa, deeggarsa hawaasummaa, umrii jiraatan, bilisummaa lammiileen qaban jedhamu, arjummaa fi haala malaammaltummaa biyyootaa bu'uureeffachuun bahe.

Madda suuraa, Land of Origins














