UN daldala garbaa 'yakka hunda caalaa hamaa dhala namaarratti raawwate' jechuun beekamtii kenne

Daldal garbaa

Madda suuraa, Universal Images Group via Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Korri Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii daldala garbaa lammiilee Afrikaa irratti raawwateef beekamtii kenne.

Daldalli garbaa tiraansaatlaantiik jedhamu ''yakka isa hamaa ilmaan namoota irratti raawwate dha,'' yoo jedhu falmitoonni mirga namaa kanaan beenyaafi haqni ni argama jedhanii amanu.

Dhimmi kuni beekamtii akka argatu kan gara fuulduraatti fide Gaanaa yoo taatu, biyyooti miseensa UN tahan yakka daldala garbaaf dhiifama akka gaafataniifi beenyaa akka kaffalan gorsiteetti. Tahus hamma qarshii addatti hin ibsine.

Yaada kana biyyooti 123 kan deeggaran yoo tahu biyyooti sadii- Ameerikaa, Israa'el fi Arjantiinaan mormaniiru.

UK fi biyyooti miseensota Gamtaa Awurooppaa tahan dabalatee biyyooti 52 ammoo sagalee hin kennine.

UK'n kanaan dura beenyaa akka kaffaltuuf gaafatamtee dhaabbanni mootummaa ammaa gochaa balleessaa darbeef gaafatamuu hin danda'u jette.

Murtoowwan seeraa Kora Waliigalaa UN akka isa kan Mana Maree Nageenyaa dhimma seeraan hojiirra oolfamu tahuu baatus humna ilaalcha addunyaa qaruu garuu qaba.

''Kuni seenaa keessatti mallattoo miiliyoonota daldala garbaan gidraa arganiifi ammallee kanneen loogii sanyii irra gahaa jiruuf galmaa'ee haa taa'u,'' jedhan Pireezidantiin Gaanaa Joohn Maahaamaa sagaleen kennamuun dura.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Murtoo seeraa kana raggaasuun dhimmichi akka hin dagatamneef godha. Kana malees godaannisa daldala garbaa itti fufee jiru akka morkannu godha,'' jedhan.

Kanaan dura ministarri hajaa alaa Gaanaa Saamu'eel Okuudzeetoo Ablaakwaa, ''beenyaa gaafataa jirra. Waan beekamuu qabu hogganooti Afrikaa qarshii kana ofii gaafataa jirra miti,'' jechuun BBCtti himan.

''Miidhamtootaaf haqa, barumsi, leeniifi tajaajilooti garagaraa akka deeggaramu barbaanna,'' jedhan.

Duulli daldala garbaaf beenyaa haa kennamu jedhu waggoota dhihoo as dabalaa dhufeera. ''Beenyaa haqaa'' waan jedhu dhaadannoo Gamtaa Afrikaa bara 2025 yoo tahu Gamtaan Biyyoota Kolonii Biritiish duraanii dhimmicharratti mariin akka taasifamu waamicha gochaa turan.

Ablaakwaa Gaanaa dhukkubbiishee kan warra kaaniin caalsisaa hin jirtu haqa seenaa galmeessaa jirti jedhe.

Bara 1500 hanga 1800'tti namoonni miiliyoona 12-15 tahan Afrikaa irraa fudhatamuun ardiilee Ameerikaa keessatti garbummaan akka hojjetan taasifamaa turaniiru. Daandii irrattis namoonni miiliyoona lamaa ol akka du'an timaamama.

Murtoon Gamtaa Afrikaa fi Hawaasa Kaarabiyaaniin deeggarame kuni bu'aan daldala garbaa wal-qixxummaan sanyii akka hin jiraanneef guddina dhabuun Afrikaa sanyii Afrikaa qabaniifi addunyaa guuturra jiraatan akka miidhaman godheera jedha.

Ablaakwaan, ''nama sanyiin qooduu kanaan dhalootni miidhamuu itti fufee jira kunis sababa daldala garabaa tiraansaatilaantik miiliyoonota ardii Afrikaarrraa buqqaasee, hiyyuummaatti hambisee,'' jechuun BBCtti himan.

Sagaleen erga kennamee booda namoonni dubbatan hundi ilaalcha wal-fakkaataa ibsan.

UK'n biyyoota daldala garbaa tiraansitilantiik ishee ijoo yoo taatu miidhaafi gidiraa hin himamne waggoota kuranaa darban keessa uummata miiliyoonaan lakkaa'amurra gaheef akka beekamtii kennitu himteetti.

Haa tahu malee UN'tti ambaasaaddarri biyyattii Jeemsi Kaariyuukii murtoon seeraa kuni jechi itti barreeffameefi gama seera idl-addunyaan rakkoo qabaa jedhe.

''Hammeenyi tokko isa kaanirraa akka caalu ykn hanqatutti kaa'amuu hin qabu,'' jedhe.

UN'tti ambaasaaddarri Ameerikaa qabxii al fakkaataa kaasuun biyyisaa ''hammeenya seenaa keessatti raawwateef beenyaan seeraa kennamuu qaba waan jedhuuf beekamtii hin kennitu, yeroos gochaan sun seera idil-addunyaan seearaan ala hin turre,'' jedhe.

Daan Nigriyaan dabaluunis ''balleessaa seenaa keessatti raawwate fayyadamuun qabeenya bara ammayyaa deebisanii namootaafi biyyoota balleessaa sanaan kallattiin hidhata hin qabneef beenyaa gaafachuu,'' akka mormu ibse.

Gaanaa balbala daldalli garbaa kuni itti adeemsifamaa ture yoo taatu beenyaan akka kennamuuf biyyoota akkaan duula geggeessaa turan keessaati.

Iddoon lammiileen Afrikaa kumaatamaan lakkaa'aman itti hidhamaafi namaa gad taasifamaa turan qarqara galaanaa biyyoota Afrikaa Lixaatti ni argama.

Dabaluunis UN'tti ambaasaaddarri Ameerikaa murtoon seeraa darbe beenyaan kuni eenyuuf akka kaffalamu ifatti hin kaa'u jedha.

Ameerikaa keessatti bulchiinsi amma jiru dhaabota seenaafi aadaa gurraachaa jajjabeessa ilaalcha ''farra Ameerikaa'' qabu jechuun mancaasaa jira.

Ambaasaaddarichi dhimma kanarratti gaafatamnaan Pireezidant Tiraamp ''pireezidantii kam caala gurraachota Ameerikaaf oolmaa ooleera,'' jedhe.

Murtoon seeraa ragga'e kuni hambaaleen aadaa yeroo kolonii hataman gara biyya isaanitti akka deebi'anis himeera.